

- Main
- Catalog
- News and Media
- Advertising on the Telegram channel «AONews»
Channel statistics
Full statisticschevron_right++++++++++++++++++
Sadaasa 8/2018(Gaazexaa Pilaas): Bara bajataa kana kurmaana jalqabaatti industiriiwwan omisha olaanaa omishaniif sharafa alaa doolaara miliyoona 408 dhiyeessuu Ministeerri Industirii beeksise.
Ministeerichi gabaasa raawwii hojii kurmaana tokkoffaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Industiriifi Albuudaaf dhiyeesseera.
Ministirri Industirii Obbo Malaakuu Allabal gabaasa dhiyeessaniin, yeroo eeramettu industiriiwwan omisha olaanaa omishaniif sharafa alaa doolaara miliyoona 82 kennuuf karoorfamee, doolaara miliyoona 408 dhiyeessuun danda’ameera.
Meeshaalee jijjiirraa galchuuf sharafni alaa barbaachisaa ta’uu kan ibsan ministirichi, sharafni alaa kun industirii huccuufi uffataa, gogaa, nyaataafi dhugaatii, keemikaalaafi konistiraakshinii, maanufaakchariingii, teknoloojiifi injinariingiif kennamuu ibsaniiru.
Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Magaalaa Finfinnee dukkaana shaqaxaa keessatti biddeenaa fi daabboo gurguruun dhorkaadha jechuun murtee haarawa dabarse.
Obbo Ingaa Irqaat Itti Aanaan Hooggaanaa Abbaa Taayitichaa, dukkaanota shaqaxoonni farra fayyaa dhala namaa ta’an kanneen akka keemikaalota fi saamunaa dabalatee gurguramanitti nyaata akka buddeenii fi daabboo gurguruun sirrii miti jechuun dhowwamuu isaa FM 96.3tti himaniiru.
Kan biddeen gurgurtaaf dhuyeessanis manneetii daabboo, dukkaana mi’eessituu gurguranii fi bakka eyyama gurgurtaa biddeenaa qaban ta’uus dabalataan ibsan.
Hawaasni naannoos murteen kun kanaaf ta’uu hubatee eeruu akka kennu kan gaafate abbaan taayitichaa, daldaltoota kana darban irrattis tarkaanfiin akka fudhatamu ibseera.
Finfinnee, Sadaasa 03, 2025: Liqaan Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa liqeeffatte dhuma ji’a Fulbaana 2025 Birrii tiriiliyoona 2.56 ga’uufi abbootiin qabeenyaa biyya keessaa liqii yeroo gabaabaa malee kan yeroo dheeraa kennuuf eeyyamamoo ta’uu dhiisuu Ministeerri Maallaqaa beeksisuun gabaafame.
Fulbaana bara 2025 keessa qofa mootummaan gama caalbaasii liqaa yeroo gabaabaa ( T-bills) lamaan Birrii biliyoona 53.35 walitti qabuu ministeerichi ibseera. Liqaan walitti qabame kunis kan guyyoota 28 fi 91 irratti xiyyeeffate ta’uu kaasun, abbootiin qabeenyaa guyyoota 364 yookan waggaa tokkoof mootummaaf liqeessuuf fedhii akka hin qabne himan.
Abbootiin qabeenyaa sababni liqaa yeroo dheeraa mootummaaf kennuu didaniif sodaa qaala’iinsa jireenyaafi tasgabbii dhabuu maayikiroo ekoonomii ta’uu hayyoonni dubbachuu Gaazexaan Kappitaal gabaase.
Finfinnee, Sadaasa 04, 2025: Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluuhuu mormii isaan mudate gad qabuun masaraa mootummaa keessatti kaleessa sirna kakuu galuu raawwatanii jiran. Paartileen mormituu biyyattii ammas namootni hedduun ajjeefamuu akeekkachiisaa jiran.
Koomishiniin Filannoo Taanzaaniyaa taayitaarra kan jiran Saamiyaan sagalee dhibbeentaa 98 argataniiru jechuun ibse.
Haasawaa isaaniitiin Pireezidaanti Suluuhuun “tokkummaa fi waloomaan lammileen biyyattii waliin akka dhaabatan” gaafatan. Namoota hiriira mormii irratti hirmaatan ilaalchisees ‘warreen kun Taanzaaniyaan alaa warra dhufe” jechuun balaaleffataniiru.
Abbaan alangaa Nezerlaandis nama lammii Eertiraa godaantota Afrikaa Bahaa haala suukaneessaa ta’een gara Awurooppaatti geessuu keessatti hirmaachuun Liibiyaa keessatti maatii isaanii maallaqa guddaa gaafachuun himatame irratti himata banuun gabaafame.
Himatamaan Tawaldee Gooyitom, Amaanu’eel Waliid jedhamuun beekamu, bara 2022 Itoophiyaa irraa dabarfamee kan kenname yoo ta’u, yakka walfakkaataan murtiin itti murtaa’ee ture. Abbaan alangaa, dhimmi kun dhaddacha seeraan alaa namoota daddabarsuu Nezerlaanditti geggeeffame keessaa isa guddaa ta’uu ibse.
Gareen gargaarsa baqattootaa lakkoofsi dargaggoota Eertiraa biyyattii baqatanii ba’anii dabalaa dhufuu eerun, kunis sababoota tajaajila biyyoolessaa dirqisiisaa, hojii humnaa, miidhaa saalaafi darara Eertiraa keessatti isaan muudachaa jiruufi jedhe.
Finfinnee,Sadaasa 05, 2025: Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii Jeneraal Saamoraa Yuunis, naannoo Tigraay keessatti garaagarummaan yeroo uumamu “garaagarummaa kana waraanaan furuuf qabsaa’uun” akka dhaabbatu dhaaman. Dabalaniis, garaagarummaan jiraatus karaa nagaa fi tasgabbii qofaan furmaata argachuu qabas jedhani.
Jeneraal Saamoraan, waraanni yeroo darbe gaggeefame mariidhaan hiikamuu dhabuu irraa kan ka’e ummati Tigraay miidhaa cimaaf saaxilameera jedhan. Ammas ummanni ba’aa lolaa baatee jira kan jedhan Saamoraa Yunuus, kanaaf dogongorri cimaan akkasii irra deebi’amee akka hin raawwatamne cimsanii dhaamaniiru. Dogoggora hamaa kanaan dura raawwatameen ummataTigraay gatii hin barbaachifne kaffalchiseera kan jedhan jeneraalli kuni, amma ummata Tigraayif lolli gaheera jechuun gaazexaa Addis Zemen'tti himaniiru. Akkasumas Waraanni yoo uumamellee ummanni akka hin deeggarre gaafateera.
#ODUU: Gareen ABUT, Affaar Seenuun balaa geessisuu naannoon Affaar beeksise
Gareen ABUT daangaa Affaar cabsee seenuudhaan lammilee nagaa irratti dhukaasa banuun walii galtee Piriitooriyaa ifaafi ifatti cabseera jechuun Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Affaar ibse.
Ibsi Waajjira Koomunikeeshinii Affaar, ABUT ollaa Affaar jaha to’achuun booda jiraattota nagaa meeshaa waraanaa akka Moortaari fi Zuu-23 ‘n miidhaa irra geessisuun hojii shororkeessummaa isaa ifatti jalqabeera jedhe.
Biiroon Koomunikeeshinii Naannoo Affaar daqiiqaan dura Ibsa maxxanseen, gareen ABUT Affaar, Aanaa Magaallee Ganda Toonsaa bakka Warra’aa fi Milkii jedhamanutti daangaa qaxxaamuruun ce’uun harra Sadaasa 05, 2025, haleellaa namoota nagaa irratti banuun waliigaltee Piritooriyaa ifatti diigeera jedhe.
Finfinnee,Sadaasa 06, 2025: Magalaa Finfineetti baatii adooleessa 1, 2017 hanga fulbaana 30, 2018tti kutaa magaalichaa 11 keessatti kaameraawwan nageenyaa magaalichaaf oolan 1,500 dhaabamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Koomishiinii Poolisii Magaalaa Finfinneetti, Itti gaafatamaan hariiroo qunnamtii hawaasaa Komaandar Maariqoos Taaddasaa Kaameeraawwan nageenyaaf oolan 1500 keessaa 160 waajjira muummee poolisiitti kan argaman ta’uu ibsaniru.
Kaayyoon guddoon kaameeraa nageenya kana dhaabuu, teeknooloojii haaromsuudhaan nagaa fi tasgabbii magaalattii mirkaneessuu, balaa tiraafikaa to’achuu, malaammaltummaafi hojmaata badaa hir’isuu akka ta’e ajajaan kun himaniru.
+++++++++++++++++++++++++
Onkoloolessa 27/2018(Gaazexaa Pilaas): Dhimmi ulaa galaanaa dantaa biyyaalessaa biyyaa ta'uu hubachuun garaagarummaa siyaasaa cinaatti dhiisnee waliin dhaabachuun waliin hojjechuun barbaachisaa ta'uu Miseensa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataafi Hogganaa Hariiroo Alaafi Idiladdunyaa Paartii Dimokraatawaa Booroo Doktar Mabraatuu Alamuu ibsan.
Doktar Mabraatuu Alamuu Gaazexaa Addis Zamaniif akka ibsanitti, dhimmi ulaa galaanaa qaama dantaa biyyaalessaa biyyaa ta’uu ibsuun, dhimmichi deebii akka argatutti garaagarummaa siyaasaa cinaatti dhiisuun waliin dhaabachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Qabeenyi waggoota dheeraaf kiraa buufata dooniif ba’aa ture pirojektoota hedduu ijaarsisuu danda’a ture jedhaniiru.
Finfinnee, Sadaasa 06, 2025: Jilli olaanaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) ajandaa haaromsa diinagdee Itoophiyaa itti fufee jiru gamaggamuu fi raawwii dhaabbilee gabaa ijoo guddina biyyaalessaaf gumaachan madaaluun Abbaa Taayitaa Omishaalee Itoophiyaa daawwachuu isaa ibsi Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhaaminsa Naannoo Sadaasa 5 bara 2025 bahe ni mul’isa.
Jilli Dhaabbata Maalaqaa Addunyaa, Ogeessa Diinagdee kutaa Tarsiimoo Imaamaata fi Gamaaggama Dhaabbaticha kan turan Obbo Kiriistoofariin durfamu, hojii gabaa jijjiirraa bu’uuraalee misoomaafi ga’ee bal’aa tasgabbii dinagdee maakroo Itoophiyaa deeggaruun qabu irratti hubannoo argachuuf hoggansa Abbaan Taayitaa Omishaalee Itoophiyaa waliin marii taasiseera jedhan.
Reviews channel
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «AONews» is a Telegram channel in the category «Новости и СМИ», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 27.9K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 7.4, with 0 reviews and an average score of 0.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 6.0 ₽, and with 0 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий