

- Main
- Catalog
- News and Media
- Advertising on the Telegram channel «Biiroo Barnootaa Oromiyaa»
Advertising on the Telegram channel «Biiroo Barnootaa Oromiyaa»
Daily news from Oromia education bureau.
Channel statistics
Full statisticschevron_right( - Garee TaRL Afrikaafi Imagine 1 Day )
.........................
BBO- Sadaasa 12/2018 Dhaabbatni TaRL Afrikaafi Imagine 1 Day daawwannaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti gaggeessaa turaniin Sagantaan Dhaqqabsiisaa (Catch-up Program) mala baruu barsiisuu TaRL'n raawwachaa jiru bu'aan isaa lafarratti mul'achuu kan eegale ta'uu ibsaniiru.
Daawwannaa bulchiinsa magaalaa Bishooftuu MB Sad. 1ffaa Karaa Horaafi MB. Sad. 1ffaa Qananiisaa keessatti gaggeeffamee tureen dhaabbileen lachuu bu'aafi jijjiirama barattoota irratti mul'ateen gammachuu isaanii kan ibsan ta'uu dursaan garee supparviizyinii barnootaa marsaa 1ffaa gara Bul/ Magaalaa Adaamaafi Bishootuutti bobba'ee obbo Darajjee Makonnin himaniiru.
Manni Barnootaa Karaa Horaafi Qananiisaa manneen barnootaa hanga kaleessaatti daawwataman keessaa saganticha qabatamaa taasisuun fakkeenya guddaa kan ta'an ibsuun, manneen barnootaa hunduu haala walfakkaatun cimanii kan itti deeman ta'e rakkoon dubbisuu, barreessuufi shallaguu barattootaa yeroo gabaabaa keessatti furuun kan danda'amu ta'uu gareen dhaabbata TaRL Afrikaafi Imagine 1Day abdii qaban dubbataniiru.
Dhumarratri, Gareen Supparviizyinii Barnootaa Marsaa 1ffaa bara 2018 keessummoota daawwachiisaa tures barsiisota Manneen Barnootaa jajjabeessuun tattaaffii isaan taasisaniifi bu'aa galmeessisaniif galanni keessan milkaa'ina dhalootaati jechuun fakkeenyummaa qaban daran cimsanii akka itti fufan dhaamsa dabarsaniiru.
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
➞ Chapter 4 Note
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
-------------------
BBO- 09/03/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhaloota aadaafi duudhaa isaa kabajuufi safuun hogganamu horachuuf sirna barnootaa haaraa keessatti barnoota Gadaafi Safuu barnoota Sad. 1ffaa keessatti hammachiisun daa'imman jalanaa guddataa jiraniif waggoota 3n durarraa jalqabee kennuu eegaleera.
BBO Sababa kufaatii qulqullina barnootaa naannoo keenyaa waggoota 7 dura qorannoo gaggeessen argannoowwan gufuuwwan qulqullina barnootaa keessaa tokko rakkoo naamusa barataatin walqabate ta'uu agarsiiseera.
Argannoo qorannichaa kanuma bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa kufaatii naamusa barattootaan walqabate keessaa bahuufi dhaloota aadaafi duudhaa ganamaa kabaju, safuu qabu, mirga dhala namaa kabajuufi gara laafina qabu bu'uura irraa horachaa guddisuuf Gosa Barnootaa Gadaafi Safuu sirna barnootaa haaraa bocuun #Barnoota_Gadaa kutaa 1_8 fi #Barnoota_Safuu kutaa 1- 6 tti adeemsi baruu barsiisuu akka gaggeeffamu taasiseera.
Haata'u malee, dhaloota Safuufi Gara Laafina qabu, kabajaa dhala namaa, aadaa walgargaaruufi waliin jiraacbuu qabu horachuun kan dada'amu barnoota mannee barnootaatti daree keessatti kennamuun qofa dhugoomuu hin danda'u.
Barattootni mana barnootaa keessa barsiisota isaanii waliin yeroo muraasa qofaaf kan turan yoo ta'u, yeroo dheeraaf immoo maatii isaaniifi hawaasa keessatti yeroo isaanii kan dabarsan waan ta'eef naamusa barattootaa irratti maatiifi hawaasni gahee leencaa akka qabu qorannoon adda addaa agarsiisaniiru.
Dhalootni guddina bade, ofiifis, maatifis, biyyaafis hin ta'u. Gara jabeessaafi balleesaa ta'ee waan guddatuuf galgala keessa sirreessuun rakkisaadha.
Kanaafuu, maatiin barattootaafi hawaasni naannawa manneen barnootaa jiraatan, daa'imman barnoota daree keessatti barachaa jiran haala gabbifachuu danda'aniin kunuunsifi hordoffiin keessan daran cimee akka itti fufu xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.
"#Sammuun_Naamusaan_Guddate_Hawaasa_Ceesisa;
Sammuun Naamusaan Hin Guddanne Hawaasa Deegaafi Gadadoo Keessa Galcha!"
Kanaafuu, Dhaloota abdii egeree biyya keenyaa ta'aniifi biyya keenya siyaas-dinagdeefi hawaasummaan ceesisuu danda'an, sammuun isaanii naamusaan guddate, jaalala hawaasaafi biyya isaanii qaban, gahumsa jaarraa 21ffaa gonfatan, gara laafoofi kabajaa dhala namaaf qaban horachuuf hojii bocanii baasuu irratti Manni Barnootaa, Maatiin Barattootaafi Hawaasni qindoominaan hojjachuu qabna kan jedhu dhaamsa biiroo keenyati.!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
📑 EUEE 110 questions
🦠 Topic: Microorganisms
📅 Year: 1995-2011
✅ With Answer
Barattoonni kutaa 12ffaa barachaa jirtan irraa fayyadamaa!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
.....................
BBO- Sadaasa 04/2018 Manni Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa Dodolaa barattoota Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 qorsiise akka biyyaatti qabxii olaanaa 592.08/600 galmeessise irraa kaasee hanga qabxii 580/600 keessaa galmeessisan sadrkaa 1 - 10 walduraa duuban galmeessisan ta'uun milkaa'ina Mana barnootichaafi gammacbuu isaanii akka biyyaatti seenaafi rikoordii salphatti hin fooyyofne galmeessisaniiru.
Barsiisotniifi hoggansi MBIBBA Sad. 2ffaa Dodolaa akkuma qabxii barattootaa irratti bu'aa qorannoofi qo'annoo bu'uureeffacbuun qindoominaan hojjataa turan, qindoomina qaban daran cimsuun kallattii mootummaan kaa'e (MB. Galii keessoon of danda'uu qabu ) jedhu adda dureen hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisaa jiruun milkaa'ina biraa itti fufsiiseer.
Manni barnootichaa galii keessoo maddisiisuun akka of danda'u taasisuuf hojii jalqabameen bara oomishaa 2017/2018 keessa lafa qonnaa heektaara 3 karaa saayinsaawaafi qorannoo irratti hundaa'en midhaan Qamadii oomishameen heektaara 1 irraa kuntaala 50 oomishuun, walumaa galatti, Qamadii kuntaala 150 oomishuun akkuma qabxii barattootaatiin adda duree ta'an galii keessoon karaa milkiirra jiraachuu isaanii Daayirektarri Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Dodolaa obbo Detuun dubbataniiru.
Dhumarratti, obbo Detuun milkaa'ina qabxii barattootaafi oomisha galii keessoon of danda'uuf taasifamu keessatti bu'uurri milkaa'inaa hawaasa mana barnootichaa (barsiisota, hoggansa MB, barattootaafi GMB) ta'uu ibsuun maqaa isaaniifi maqaa hawaasa mana barnootichaan galateeffataniiru.
Dabalataanis barattootni isaanii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 qabxii bara dabree rikordii fooyyessuun naannoofi biyya isaanii boonsuuf hawaasni mana barnootichaa hojjachaa akka jiru obbo Detuun ibsaniiru.
Nutis, Sanyiin kun; Haa Barakattu Barattoota keenyaaf
Sifaafi Suga Haa taatu jenneerra!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
( Prof. Birhaanuu Naggaa - Ministira Ministeera Barnootaa)
....................................
BBO- 02/03/2018 Yaa'iin Barnootaa Biyyoolessaa 34ffaa mata duree "Barnootni Walgitiinsaafi Qulqullina Qabu Hundaaf!" jedhuun keessummeessummaa Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaatiin Magaalaa Adaamaatti qophaa'e irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa "Barnoota walgitiinsifi qulqullinni mirkanaa'e kennuun lammii gahumsa qabuufi hamileen isaa bu'uura cimaa irratti ijaarame horachuuf hojjatamaa jira!" jechuun milkaa'ina isaatiif immoo hawaasa biratti hubannoon kan uumamaa jiru ta'uu ibsaniiru.
Lammiilee baratan, gahumsaafi dandeettii olaanaa qaban horachuuf manneen barnootaa Bu'uura Boruu irraa jalqabee hanga sadarkaa barnoota olaanootti barnootni teeknooloojiin deeggarame gadi fageenyaan kennamuu qaba jedhaniiru. dabalataanis Prof. Birhaanuun, hawaasa tasgabba'aafi naamusa gaarii qabu uumuu kan dandeenyu barnoota walgitiinsa, qulqullinaafi hamilee bu'uura cimaarratti ijaaruu danda'u barsiisuun waan ta'eef qaamni hunduu gaheesaa akka bahu dhaamaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo haasawa taasisaniin barnootni riqicha hawwii ummata keenyaafi galmoota guddinaa biyya keenyaa kan walqunnamsisudha jedhaniiru. Lammiin barnootaan gahoome qabeenya uumamaa beekumsaafi dandeettiin kan itti fayyadamu, biyya keenya quucarama keessaa gara badhaadhinaatti, salphina keessaa gara kabajaatti, taa'anii kajeelurraa gara hirmaattummaatti ceesisuuf barnootni riqicha guddaa waan ta'eef barnootni keenya walqitiinsaafi qulqullina isaa mirkaneessuu irratti cimnaan hojjachuu qabna jedhaniiru.
Dhumarratti, yaa'ichi gabaasa raawwii hojii bara 2017 irratti marii bal'aa gaggeessun hojii barnootaa bara 2018 irratti kallattii kaa'uun xumurameera.
Barnootni Walgitiinsaafi Qulqullina Qabu Lammii Hudaaf Haa Dhihaatu!
Lammii Barnootaan Gahoome Haa Horannu!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Reviews channel
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «Biiroo Barnootaa Oromiyaa» is a Telegram channel in the category «Новости и СМИ», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 1.1K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 12.3, with 1 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 2.4 ₽, and with 1 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий