
- Main
- Catalog
- News and Media
- Biiroo Barnootaa Oromiyaa
Biiroo Barnootaa Oromiyaa
Daily news from Oromia education bureau.
Channel statistics
-----------------
BBO- Ebla 16/2018 Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaa. 8ffaafi Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ji'a Waxabajjii/2018 jalqabaafi walakkaa irraa eegalee kan kennamu ta'uu Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Daayirektarri Daayirektoreetii Qormaataafi Iyyaafannoo Barnootaa obbo Huseen Qaasim ibsaniiru.
Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa ji'a Waxabajjii guyyoota hojii jalqabarraa kennamuu kan jalqabu yoo ta'u, qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo ji'a Waxabajjii walakkaa irraa eegalee kan kennamu ta'uu himaniiru.
Barattootni qormaata biyyoolessaafi naannoo fudhachuuf qophiirra jiranis daran qophii isaanii akka cimsan jajjabeessaniiru.
Haaluma walfakkaatun, hoggansiifi barsiisotni manneen barnootaa fooyya'insi qabxii barattootaa harka keessan waan jiruuf abdiin keenyaafi maatii barattootaa akka dhugoomsitan jechuun kan dhaaman yoo ta'u, maatiin barattootaa. GTBfi caasaan mootummaa godinaa hanga gandaa jiranis deeggarsa kanaan dura barattoota keenyaa taasisaa turtan caalaa milkaa'ina olaanaa galmeessisuuf akka hojjattan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Dhimarratti, Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa guuyyootni 45 qofa kan hafan yoo ta'u, Qormaatni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, guyyoota 55 kan hafan waan ta'eef barattootnifi barsiisotni keenya yeroo muraasa hafte tanatti fayyadamuun qabxii olaanaa galmeessuuf akka hojjattan dhaamsa keenya ta'a.
- #Yeroo qo'annoo Gaarii Barattoota keenyaaf,
-#Ifaajjii Barsiisota keenyaaf firii Gaarii hawwina.
#Barri kan milkii haata'u!
#Carraa_Gaarii!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━-
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
------------------
BBO - Ebla 07/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa hundeeffama waggaa 33ffaa ji'a Eblaa/2018 keessaa sadarkaa manneen barnootaa aanaa, godinaafi naannootti walduraa duubaan kabajuuf qophii xumureera.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Guraandhala 1985 keessa labsii Lakk. 2/1985 Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatin erga hundeeffamee eegalee imala waggoota 33ffaa isaa tibbana kabajuuf qophaa'era.
Ummatni Oromoo Afaan dhalootaan barachuuf qabsoo yeroo dheeraa taasisaa tureen bara 1983 miga afaan ofiitin barachuufi hojjachuu mirkaneeffateera.
Mirga Afaan ofiin barachuu, hojjachuufi ofiin of bulchuu gonfachuun walqabatee dhaabbata/biiroo barnoota Naannoo keenyaa hogganu Caffeen MNO labsii Lakk. 2/1985n Biiroo Barnootaa Oromiyaa hundeesseera.
Haaluma kana bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa bara hundaa'e irraa Jalqabee imala waggoota 33 keessa darbe keessatti hudhaalee qunnamaniifi milkaa'ina hedduu galmeessisee ilaalchisee qaamota hundeesse, hoggantoota biiricha hogganaa turan, barsiisota afaan oromoon barsiisuu jalqaban, barattoota jalqaba Afaan Oromoon barachuu jalqabanfi har'a sadarkaa adda addaa irra jiraniifi barsiisotaafi barattoota har'aa waliin kabajuuf beellama qabateera.
Kanaafuu, hundeessitootni , hoggantootni barnootaa, barsiisotniifi barattootni jalqabaa seenaa barnootaa Oromiyaa keessatti carra qabeeyyii ta'uu keessan kan mirkaneessu yoo ta'u, seenaa barnootaa Afaan Oromoo jalbame fooyyessuufi itti fufsiisuun; hoggansi naannoo keenyaa, hoggansi barnootaa, barsiisotnifi hawwasni har'as dhaloota egere biyya keenyaa ceesisaa jirtan galatni keessan dachaa ta'uu ibsaa kabaja Ayyaana Hundeeffama Biiroo Barnootaa Oromiyaa Waggaa 33ffaa waliin kabajuu akka dandeenyu odeeffannoo wayitawaa argachuuf FB keenya hordofaa jenna!
Baga Hundeeffama Waggaa 33ffaa BBO Nagaan Geenye!!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━-
@Biiroo_BarnootaaOromiyaa
Reviews channel
2 total reviews
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Biiroo Barnootaa Oromiyaa is a Telegram channel in the category «Новости и СМИ», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 1.1K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 27.2, with 2 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 2.4 ₽, and with 2 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий