
Advertising on the Telegram channel «Tamiru Maka»
Financial Accounting | Practical | Easy to Understand For students, entrepreneurs, and professionals | Afaan Oromoo #Finance #Accounting #Education
Channel statistics
Odiitarri tokko hojii isaa sirnaan raawwachuu dadhabee, maamila (client) isaa irratti kasaaraa maallaqaa yoo fide, itti gaafatamummaa seeraatu isa eeggata.
Kanatu "Auditor Liability" jedhama.
Fakkeenya 1:
Odiitarri tokko ragaa baankii (bank statement) sirriitti osoo hin mirkaneessin, herrega galmee irra jiru qofa amanee "sirriidha" jedhee yoo mirkaneesse, booda herregni sun dogoggora ta'uu isaa yoo barame, odiitarichi "Negligence"dhaan gaafatama.
Negligence jechuun:
Of-eeggannoo isarraa eegamu (due professional care) gochuu dhabuudhaan dogongoraa fi kasaaraa uumuu jechuudha.
Fakkeenya 2:
Odiitarri tokko maallaqni kaampaanichaa hatamee akka jiru utuu beekuu, hoggantoota dhaabbatichaa waliin waliif galee ragaa sana yoo dhokse,
kuni gocha itti yaadamee raawwatame waan ta'eef "Fraud" dha.
Fraud jechuun:
Itti yaadanii, harka lafa jalaatiin maamila miidhuudhaan ofii fayyadamuudha.
Fakkeenya 3:
Odiitarri tokko "Hanga Muddee 30tti gabaasa koo nan xumura" jedhee waliigaltee mallatteessee, sababa gahaa malee gabaasicha utuu hin dhiyeessin yoo hafe fi sababa kanaan kan ka'e kaampanichi yoo miidhame, "Breach of Contract" uumameera jedhama.
Taateewwan akkanaa, "Auditor Liability" jedhamu.
Oditarichi itti gaafatama.
Jechi "Volatility" jedhu hiika murteessaa qaba.
Akka ati sirnaan hubattuuf fakkeenya lama siif kenna:
Fakkeenya 1:
Dhaabbatichi aksiyoonii (share) tokko dheengadda qarshii 100-tti gurguraa ture.
Kaleessa gara 80tti gadi bu’e, har’a immoo qarshii 110-tti gurguramaa jira.
Iftaan waan ta’u hin beekamu: yookaan akka malee ol baha—yookaan akka malee gadi bu’a.
Waan boru ta’u tilmaamuun ni ulfaata.
Fakkeenya 2:
Guyyaa biraa, gatiin aksiyoonii sanaa qarshii 99 fi 101 gidduutti sosocho’aa ture.
Jechuun: 99, yookaan 99.50, yookaan 100.5 ... yoo guddate immoo 101-tti gurguramaa ture.
Gatiin isaa gidduma kana naanna’a.
Sanis ta’ee kana,
gatiin haala akkasiitin dafee dafee jijjiiramu kuni "Volatility" jedhama.
Fakkeenyi lachuu volatility jiraachuu agarsiisa. Garuu,
Volatility ija lamaan ilaalama:
- High Volatility
- Low Volatility
1. High Volatility | maal jechuudha?
Fakkeenya 1ffaa sana yaadadhukaa:
Qarshii 100 kan ture, guyyaa tokko keessatti 80tti gadi bu’ee, amma immoo 110tti ol guddate.
Iftaan waan ta’u hin beeknu.
👉 Waan akkasii "High Volatility" jedhama.
2. Low Volatility | jechuun hoo?
Fakkeenya 2ffaa sana immoo ilaali:
Qarshii 100 kan ture, xiqqoo turee 99tti gadi bu’a, amma immoo 100tti deebi’e.
Qarshii 99 fi 101 gidduutti qofa sosocho’aa jira.
👉 Waan akkasii immoo "Low Volatility" jedhama.
Lachuun faayidaa fi miidhaa mataa isaanii qabu:
High Volatility yoo ta’e:
• Yookaan bu’aa guddaa buufatta, yookaan guddaa kasaarta.
• Waan boru ta’u tilmaamuun baayyee cima.
Fakkeenya isaa:
Adunyaarratti amala High Volatility kan qabu #Cryptocurrency (Bitcoin, Ethereum fi kkf.)
Low Volatility yoo ta’e:
• Bu’aa guddaas hin buufattu, kasaara guddaas hin qabdu.
• Waan boru ta’u tilmaamuun salphaadha.
Fakkeenya:
Forex trading keessatti: doolara ($) bittee, yuurootti (€) gurgurta yoo ta’e:
Yookaan xiqqoo buufatta yookaan xiqqoo kaasarta. Jechuun:
Doolara tokko irratti saantima 0.0001 (naannawa kana fakkaatu).
Sanis ta’ee kana,
Volatility jechuun gatiin wantootaa yeroo gabaabaa keessatti hagam akka ol dabalu fi gadi bu’u kan ittiin safaramuudha.
(Daldaltootaaf)
Seenaa Tolaa.
Tolaan, ji’a darbe, Amajjii 2025 irraa eegalee mana elektirooniksii mobaayila gurguruu irratti xiyyeeffatu banuuf murteesse.
"Mana Mobaayila Tolaa" jedhee maqaasaa moggaase.
Hojjetaa mootummaati. Qacaramaadha. Badaa maallaqa hin qabu. Garuu waggoota sadeen darban mindaa isaarraa qarshii 100,000 qusateera. (Kuni dhiira boo 😃)
Ishuma kanaan hojii mataasaa eegaluuf murteesse.
Karoora hojii qopheeffatee,
Hojiisaa gadhiisee,
Lafa namni itti baayyatu, daandiirra mana xiqqoo takka kireeffatee, mobaayila haaraa fi moofaa (new and used phones) dhiheesse.
Duruma immoo… miidiyaa hawaasaa irratti qabiyyee gorsa mobaayilaa (mobile tips) irratti hojjechaa waan tureef amanamummaa horateera.
Amanamummaa horate cinaatti, akka gaaritti beeksisa waan hojjeteef, galata Rabbii gabaa argateera.
Mobaayila dhiheesse ji’uma jalqabaarraa ofirraa gurguree fixe. #Yetaabbaatu!
Amma bu’aa/kisaaraa (profit/loss) isaa baruu barbaade. Kana baruuf, haala armaan gadiitin galii fi baasii (revenue & expenses) isaa tarreessee barreesse.
Galii fi Baasii:
• Qarshii 60,000n mobaayiloota gurguramu ittiin bite. 👈 (Kuni baasii oomishaati. Ati COGS jechuunii dandeessa.)
• Mobaayiloota kana deebisee qarshii 90,000 gurgure. Garuu hundi harkatti hin kaffalamneef. Qarshii 70,000 harkatti fudhate. Qarshii 20,000 immoo duubeedha, gara fuulduraatti kaffalamaaf (waan akkasii account receivable jedhama).
• Kiraa mana hojichaatiif qarshii 5,000 kaffale.
• Gargaaraa isaatif mindaa qarshii 7,000 kaffale.
• Waan duraan duubee gurgure keessaa qarshiin 10,000 deebi’ee isaaf kaffalameera.
• Akkasumas, qarshii 3,000 immoo baasii dhuunfaa isaatiif oolcheera (personal expenses).
Kuni hundi taatee ji’a jalqabaa keessa ta’eedha.
Mee seenaa kana gara "Financial Statement" haa jijjiirru.
1. Income Statement
"Income statement" jechuun homaa jechuu miti, Gabatee bu’aa/kisaaraa jechuudha.
Daldala keessatti, "Gurgurtaa kiyyarraa, bu’aan buufadhe moo nan kasaare?" gaaffii jedhuuf deebii kan kennu income statement jedhama. Kanuma.
Yoo Afaan Oromootiin siif galuu dide,
"After all my sales and expenses, did I gain or lose money?"
gaaffii kanaaf deebii kan nutti himu "Income Statement" ta’a.
Amma haa shallagnu:
• Gatii gurgurtaarraa argame (sales revenue) = 90,000 ETB
• Mobaayiloonni gurgurame kun ittiin bitame qarshii 60,000 ture.
• 5,000 kiraa kaffalame.
• 7,000 immoo mindaa kaffalame.
As keessatti,
90,000 kuni "Sales Revenue" jedhama.
60,000 immoo "Cost of Goods Sold" jedhama. Gabaabinaan yeroo waamnu "COGS" jennaan.
Mee amma herreega isaa haa hojjennu:
Sales Revenue irraa yoo COGS hir’isne "Gross Profit" arganna.
Gross Profit = Gatii gurgurtaarraa argame – Baasii Oomishaa
Yookan
Sales Revenue – COGS
90,000 - 60,000= 30,000
Kumni soddomni (30,000) kuni bu’aa qulqulluu miti. Gross Profit jedhama.
Bu’aa sirrii argachuuf, 30,000 kanarraa baasii hojii (operating expenses) hir’isuu qabna.
Baasii hojii, akka yaada daldala kanaatti:
• Kiraa manaa (5,000) fi mindaa (7,000) qofa.
Kanaaf bu’aan Tolaan ji’a kanarratti argate,
Profit = Gross Profit - Operating Expenses
= 30,000 - (5,000 + 7,000)
= 18,000
Kana jechuun, income statement kuni akka agarsiisutti, Tolaan ji’a jalqabaa irratti bu’aa qarshii 18,000 argate jechuudha. Gaaridha. Mitii? Qacaramuurra jechuudha 😃.
Galatoomaa,
Taammiruu Makaa
Jechi tuni wal-fakkaachuu barbaaddi, garuu garaagarummaa qabdi.
1. Customer = maamila oomishakee sirraa bitu.
Fakkeenya:
- Nama supermarket keetirraa nyaata bitatu
- Nama kaaffee keetirraa shaayii ykn buna dhugu
.
.
fi kkf. Customer jedhamu.
2. Client = maamila tajaajila ogummaa sirraa barbaadu
Client jechuun nama tajaajila ogummaa (professional service) yeroo dheeraa si biraa fudhatu jechuudha.
Fakkeenya:
- Ati abukaatoo seeraa yoo taate, namni ati himata seeraa irratti isa tajaajiltu siif client keeti.
- Ati accountant yoo taate, daldalaan gorsa qabiinsa maallaqaa sirraa fudhatu siif client keeti.
- Ati ogeessa fayyaa yoo taate, namni gorsa fayyaa si'irraa argaatu siif client keeti.
.
.
fi kkf. Client jedhamu.
Namoonni baay’een ChatGPT barreessuu qofaaf fayyadamu. Garuu akka private tutor siif ta'u gochuu dandeessa.
Fakkeenyaaf:
Yoo waa’ee COST ACCOUNTING barachuu barbaadde, akkana jechuun itti himi 👇
“You are my private tutor for COST ACCOUNTING. Teach me interactively by asking questions, checking my understanding, correcting my mistakes, and adjusting your teaching style until I fully understand each concept. Do not move forward until I demonstrate understanding.”
Kana booda ChatGPT:
Gaaffii si gaafata.
hubannoo kee sakatta’a.
dogoggora kee sirreessa.
hanga sirriitti hubattuutti si barsiisa.
👉 Ittiin barreessuu qofa osoo hin taane, ittiin barachuu jalqabi!
Garuu, baasii hundi Expense miti.
Maal jechuudha?
Akka fakkeenyaatti, dhaabbanni tokko maallaqa baasee:
• Kompiitara bituu danda’a.
• Maashina hojii bituu danda’a.
• Kiraa kaffaluu danda’a.
• Ibsaa fi bishaan kaffaluu danda’a.
• Mindaa hojjetaa kaffaluu danda’a.
fi kkf.
Baasiin kuni hundii "Expenditure" ta'uu danda'a. Garuu,
Kompiitaraa fi maashina bituun Expense miti. Maaliif?
Sababni isaa, meeshaaleen kunniin yeroo dheeraaf tajaajila waan kennaniif, akka qabeenyaatti (Asset) lakkaa'ama.
Kanaaf,
balance sheet irratti galmeessina.
Kuni #Expenditure jedhama.
Expense kan jennuun:
Kiraa manaa, ibsaa fi bishaan, fi mindaan hojjettootaa... Expenses jedhamu. Isaan kun Income Statement keessatti galmeeffamu.
Gabaabumatti:
- Expense jechuun baasii yeroo gabaabaa irratti xiyyeeffata.
- Expenditure immoo qabeenya yeroo dheeraa tajaajilu irratti xiyyeeffata.
Isa irratti namni baay'een, "COST jechuun hoo?" naan jechaa jiru.
Gaaffii sirriidha.
Gaafa waa'ee EXPENDITURE haasofnu, walumatti qabnee waa'ee EXPENSES fi COST haasa'aa jirra jechuudha.
Kiraa manaa kaffaluunis, kompiitara bituunis EXPENDITURE-dha.
Garuu,
Kiraa manaa kaffaluun EXPENSE yoo ta'u,
Kompiitara bituun immoo COST ta'a.
Amma ifa.
Jecha kan yeroo baay'ee dhageecha ta'a.
Maal jechuudha?
Bad Debt Expense jechuun waan duraan duubee gurgurame (Accounts Receivable), garuu odoo hin kaffalamin hafe jechuudha.
Waan ati maamila keetitti duubee gurgurte "account receivable" jedhama.
Account Receivable = gara fuulduraatti naaf kaffalama jettee eegda.
Garuu yeroo tokko tokko, wanni duubee gurgurame kun odoo hin kaffalamin hafuu mala.
Tarii maamilichi:
- Maallaqa kaffalu dhabe,
- Biyyarraa baqate,
ykn sababoota birootiin odoo hin kaffalamin hafe yoo ta'e, taateen akkasii Bad Debt Expense jedhamee galmeeffama.
Dhumarratti,
bu’aa dhaabbatichi argaterraa hir'ata.
Reviews channel
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «Tamiru Maka» is a Telegram channel in the category «Образование», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 0 subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 21.0, with 0 reviews and an average score of 0.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 1.2 ₽, and with 0 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий