
Advertising on the Telegram channel «Business»
Accounting & Finance Ethiopia
Transforming complex finance, tax, and investment concepts into simple, practical knowledge for professionals and students.
Channel statistics
Template kana manneen nyaataa fi dhugaatii xixiqqaa fi giddu-galeessaaf qopheesseera.
Baayyee salphaadha, garuu hojii bal’aa hojjeta. Wantoota hedduu ofumaan siif shallaga.
Namni fedhe kan ofii isaatiif taasisee itti fayyadamuu danda’a.
1. Gurgurtaa guyyaa guyyaa ni galmeessa.
Guyyaa guyyaatti hamma gurgurame, gatii (price) fi baayyina (quantity) ni galmeessita.
Erga galchitee booda, galii guyyaa sana argame ofumaan ni shallaga.
Kun dogoggora ni hir’isa.
2. Baasii
Baasii guyyaa fi ji’aa sirnaan ni too’ata.
Abbaan dhaabbatichaa maallaqni isaa eessatti akka bahe ifatti arguu danda’a.
3. Bu’aa
Guyyaa guyyaatti bu’aa waliigalaa (gross profit) ofumaan ni baasa.
Akkasumas % dhaan bu’aa (profit margin) ni agarsiisa.
Kanaaf abbaan dhaabbatichaa salphaatti bu’aa isaa ni beeka.
4. Kuusaa (Inventory)
Kuusaa alkoolii fi lallaafaa sirnaan ni hordofa:
Har’a meeqatu kuusaa ture?
Meeqatu irratti dabalamee bitame?
Meeqatu gurgurame?
Amma meeqatu kuusaatti hafe?
..kunis hanqina fi dogoggora kuusaa ni hir’isa.
5. Gabaasa ji’aa
Gurgurtaa waliigalaa ji’atti ni gabaasa
Baasii ji’aa ni gabaasa
Bu’aa waliigalaa fi % dhaan ni agarsiisa
Ji’a sana keessatti kamtu baayyee gurgurame, kamtu xiqqaa gurgurame ni ibsa
Kuni abbaa dhaabbatichaa murtee sirrii akka fudhatuuf ni gargaara.
Dhumarratti immoo wantoota kana hunda chaartiidhaan (Dashboard) ifatti akka ilaaltu si taasisa.
Template kana namoonni barbaaddan na qunnamaa:
📞 0977794722 (WhatsApp, Telegram)
Akkamitti akka itti fayyadamtan leenjii isiniif kenna.
Namoonni daldala gosa biraatiifis template barbaaddan na qunnamuu dandeessu.
REVENUE jechuun galii hojii idilee dhaabbatichaa irraa argamuudha (gurgurtaa irraa ykn tajaajila irraa kan argamu).
PROFIT jechuun immoo bu’aadha. Jechuun, baasiin hundi erga hir’ifamee booda kan hafe.
PROFIT kuni bakka sadiitti qoodama:
- Gross Profit
- Operating Profit
- Net Profit
Garaagarummaa isaanii hubachuuf fakkeenya salphaa kana ilaali:
Bara darbe, dhaabbanni daldalaa tokko gurgurtaa irraa qarshii 2,000,000 argate.
Baasii dhaabbatichaa:
• Wantoota gurguraman oomishuuf (COGS) = 400,000
• Kiraa manaatiif = 200,000
• Mindaa hojjettootaaf = 300,000
• Ibsaa, bishaan fi Intarneetiif = 100,000
• Hir'ina meeshaalee (Depreciation) = 60,000
• Dhala liqii bankii (Interest) = 40,000
1. Gross Profit
REVENUE irraa yoo baasii oomishaa (COGS) hir’ifame, Gross Profit arganna. Jechuun:
Gross Profit = Revenue − COGS
= 2,000,000 − 400,000
= 1,600,000
...kanarraa akka hubatamutti,
Gross Profit jechuun bu’aa baasiin oomishaa qofti erga hir’ifameen booda hafuudha.
2. Operating Profit
Gross Profit irraa yoo baasiiwwan hojii (Operating Expenses) hundi hir’ifaman, Operating Profit arganna.
Operating Expenses = 200,000 + 300,000 + 100,000 + 60,000
= 660,000
Operating Profit = Gross Profit − Operating Expenses
= 1,600,000 − 660,000
= 940,000
Operating Profit jechuun bu’aa hojii idilee dhaabbatichaa irraa argamuudha.
3. Net Profit
Bu’aa xumuraa argachuuf, Operating Profit irraa Interest fi Tax hir’ifama.
Interest = 40,000
Profit Before Tax = 940,000 − 40,000
Profit Before Tax = 900,000
Gibira (Tax) 30% yoo shallagame:
Tax = 900,000 × 30%
Tax = 270,000
Net Profit = Profit Before Tax − Tax
= 900,000 − 270,000
= 630,000
Net Profit ykn bu’aa qulqulluu dhaabbatichaa qarshii 630,000 ta’a jechuudha.
Kanaaf garaagarummaan isaanii ifadha:
REVENUE = galii gurgurtaa irraa argamu (baasii dura).
PROFIT = bu’aa baasiin hundi erga hir’ifamee booda hafuudha.
Revenue jalqabaadha.
Profit xumuraadha.
Excel isaa POST kanaa olitti ni argatta. Yookaan asii argattu 👉https://t.me/financelibrary2
Garuu wanti naannoo sanatti ta'u, nu biratti dhiibbaa guddaa fida.
Inni jalqabaa boba’aadha.
Naannoon suni karaa boba’aan darbu. Yoo jeequmsi itti fufe, dhiyeessiin boba'aa ni hir’ata. Yoo dhiyeessiin hir’ate, gatiinsaa olka’a. Ifa.
Itoophiyaan boba’aa %100 waan alaa galchituuf, gatiin isaa dabaluun geejjiba irratti dhiibbaa uuma. Gatiin geejjibaa yoo dabale, gatiin midhaanii fi meeshaalee ni qaala’a. 😥
Kan biraa, daldala galaanaati.
Lolli akkanaa karaa galaanaa, keessattuu naannoo Hormuz fi Galaana Diimaa ni jeeqa. Kunimmoo daldala addunyaa ni gufachiisa.
Meeshaaleen alaa galan karaatti hafu ykn ni turu. Kunis gatiin isaanii akka dabalu ni taasisa.
Dabalataan, maallaqa alaa argachuun rakkisaa ta'a.
Biyyoonni guddatan humna isaanii nageenya isaanii irratti oolchuu jalqabu.
Gargaarsi alaa illee ni hir’ata.
Furmaanni keenya maali?
Itiyoophiyaan waa lama qofa gochuu dandeessi:
1. Oomisha biyya keessaa irratti xiyyeeffachuu
2. Waraana keessoo dhaabuu
... yoo kana hin goone, rasaasaan miti, beelatu nu fixa.
Yourstech Academy,
dandeettiiwwan yeroo ammaa barbaachisan...
Afaan Oromootiin isiniif dhiyeesseera.
• Computer Basics
• React Native App Development
• AI Fundamentals with Python
• Full-Stack Web Development
• Digital Marketing
• English for Beginners
...kanneen keessaa tokko filadhu baradhu.
Har’uma jalqabi.
Boruu kee jijjiiri.
Galmaa’uuf 👇
https://yourstech.academy/?ref=xDX55FZYTVR1Yj1WmjE620Nug1HfnnkZ
Dabalataan,
Yoo Computer Basics,
AI Fundamentals with Python,
yookaan Digital Marketing filatte,
yeroo barattu wanti si rakkisu yoo jiraate,
na qunnami.
Si gargaaruuf qophiidha (yoo linkii kanaan galmoofte qofa).
Hedduun isinirraa baradhe.
Amma erga barreessuu eegalee waggaa tokko ta'e.
Waggaa kana keessatti waan hedduu baradhe.
Kanaaf immoo isintu riqicha naaf ta'e.
Yeroon barreessu,
jechoonni koo hunda keessaniif ifa akka ta'uuf yaalera.
...asirraa baradheera.
Fakkeenya ani fudhadhu,
waan naannoo keenya keessatti beekaman akka taʼaniif hamma dandaʼemetti carraaqeera.
...kunimmoo waanin barreessu anaafuu sirriitti akka naaf galu na godheera.
%100 sirrii akka taʼuuf, madda odeeffannoo adda addaa itti dubbiseera.
...kunis na barsiiseera.
Waanin barreessu ergaa guutuu akka dabarsu mirkaneeffachuuf,
odoo hin maxxansin irra deddeebiʼee nan dubbisa.
...kanarraa hubannoo cimaa argadheera.
Jechootan fayyadamu nan madaala.
Fayyummaa yaaʼinsa jechoota koo of duuba deebiʼeen ilaala.
Yoo natti hin tolin nan jijjiira.
Hamman itti amanutti nan fooyyeessa.
... kuni ammoo akkan sirna barreeffama Afaan Oromoo fooyyessuuf na gargaare.
Isin maxxansa koo yeroo tokko qofa dubbistu taʼa.
Ani garuu yeroo baayʼee dubbisa.
Isin qofatu barachaa jira miti,
anis barachaa jira.
Kanaaf, galanni isiniif qabu guddaadha.
Galatoomaa🙏
Tamiru Maka
Lakkii, akkasii miti!
Maloota BAANKIIN DHALARRAA BILISAA (Islamic Bank) ittiin maallaqa liqeessu duraan barreeseera... isa dubbisuu dandeessa: https://t.me/tmaka4/247
…amma yoo gabaabsinee ilaallu:
Baankiin kunneen yeroo baay’ee maallaqa callaa (cash) harkatti siif hin liqeessan.
Garuu:
• Meeshaa ati barbaaddu siif bitanii, bu’a irratti dabalanii sitti gurguru. Ati immoo ji’a ji’aan yookiin akka waliigaltee keessaniitti kaffalta.
yookaan:
• Meeshaa ati barbaaddu siif bitanii sitti kireessu… ji’aan ykn akka walii galtee keessanitti bifa kiraatiin kaffalta.
yookaan:
• Isaan maallaqa dhiyeessu, ati ammoo ogummaa keetiin hojjattee bu’aa argamu irratti waliin qooddattu.
Maloonni birootis ni jiru...bu'ura fedhii keetitiin!
Malee, hammuma liqeeffatte qofa deebista jechuu miti.
Garaagarummaan isaa, dhalli %dhaan sirratti dabalaa hin deemu...
Stock fi Share yeroo baay'ee hiikaa walfakkaataa qabu jedhamee yaadama.
Garuu,
xiqqoo garaagarummaa qabu.
Fakkeenya biyya keenyatti ta'e kana ilaali:
Bara 2024 keessa, Ethio Telecom qooda isaa keessaa 10% uummanni akka bitatuuf banaa godhee ture. Ni yaadatta, mitii?
Ulaagaan isaa,
namni bitachuu barbaade:
• Gatiin Share tokko Qarshii 300 ture.
• Yoo xiqqaate nama Share 33 bitachuu danda’u ta’uu qaba.
(Qarshii 9,900 jechuudha).
• Yoo baay’ate immoo Share 3,333 bitachuu danda’a.
(Qarshii 999,900 jechuudha)
Kanarra dhaabannee garaagarummaa isaanii yoo haasofne:
1. Dhaabbatichi qooda isaa keessaa gurgurtaaf kan dhiheesse suni walumaagalatti Stock jedhama.
2. Stock kana bakka walqixa ta’etti adda kukkutanii dhiheessan, ...tokkoon tokkoon ishee Share jedhamti.
Fakkeenyaaf:
• Kan Share 33 bitate = Qarshii 9,900 kaffala.
• Kan Share 100 bitate = Qarshii 30,000 kaffala.
Erga bite booda, dhaabbaticha keessaa qooda murtaa’e qofa qabda. Qoodni kee kunis "Stock" jedhama.
Dubbii keenya yoo guduunfinu,
Stock = Qooda kee hunda ati dhaabbaticha keessaa qabduudha.
Share = Safartuu ykn yuunitii qooda kee sanaati.
Stock bakka lamatti qoodama:
1. Common Stock (Ordinary Shares)
2. Preferred Stock
Garaagarummaa COMMON fi PREFERRED STOCK
Yoo Share ati dhaabbaticharraa qabdu Common Stock ta'e:
• Ati abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa keessaa taata.
• Yoo dhaabbatichi guddate, gatiin share keetiis ni guddata.
• Filannoo hoogganaa dhaabbatichaa irratti sagalee kennuuf mirga qabda.
Garuu,
• Dhaabbatichi yoo kisaare, kaffaltii bu'aa dhabuu dandeessa.
Preferred Stock hoo?
...warri kun dursa qabu:
• Bu'aa dhaabbatichi argate keessaa dursa isaaniif qoodama. Erga isaanirraa hafe boodadha kan warra Common Stock ta'aniif kan qoodamu.
• Dhaabbatichi yoo kisaare, kaffaltii kanaan dura isaaniif murtaa'e argachuuf dursa qabu.
Garuu,
• Mirga sagalee hin qaban. Akkasumas, dhaabbatichi hamma fedhe yoo guddateyyuu, kaffaltii isaanii hammuma dura murtaa’e qofa fudhatu
Join: https://t.me/financelibrary2
Reviews channel
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «Business» is a Telegram channel in the category «Образование», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 6.0K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 32.9, with 1 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 12.0 ₽, and with 3 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий