
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
17.4

Advertising on the Telegram channel «Student Center»
5.0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$2.40$2.40local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
Yaa'iin 41ffaan Waldaa Madaallii Barnootaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti Eegalame.
BBO- Hagayya 19/2017 Yaa'iin Qulqullinaafi Ammayyummaa Sirna Madaallii Barnootaa Fooyyessu Irratti Mari'atu Mata Duree " Madaallii Barnootaa Ceesisuun/Fooyyessuun Barnoota Qulqullina Qabuufi Murtee Ragaarratti Hundaa'e" jedhuun yaa'ii 41ffaa Waldaa Madaallii Barnootaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti jalqabamee jira.
Yaa'ichis biyyoota miseensa waldichaa ta'an jiddutti sirnaa madaallii barnootaa cimaafi amanamaa ta'e ijaaruu ta'uun beekameera.
Yaa'in kun guyyoota 5f kan gaggeeffamu yoo ta'u, Sirna Madaalliifi Qormaata haqaafi gahumsa qabu diriirsuun hirmaannaa sadarkaa idil Adduunyaatti ol guddisuu, barnootaafi sirna madaallii qorannoon deeggarame ijaaruu, waliin hojjachuufi wal deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisuu irratti xiyyeeffatamee kan mari'atamu ta'uunis beekameera.
Yaa'icharratti haasaa kan taasisan MMBI Prof. Birhaanuu Naggaa
"Biyya keenya keessatti jijjiirama Sirna Madaallii barnootaa dhufeen qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphatee jira" jedhaniiru. Qulqullina barnootaa eegsisuuf sirna madaallii irratti hojjatamuun barbaachisaadha kan jedhan Prof Birhaanuun, murtee ragaarratti hundaa'e dabarsuuf sirna madaallii qulqulluu ta'e diriirsuun barbaachisaadha. jedhaniiru.
Daayirektarri Olaanaan TaJaajila Madaallii Barnootaafi Qormaatawwanii Dr. Isheetuu Kabbadaa haasaa taasisaniin Madaalliin Barnootaa damee barnootaa waliigalaa/hundaarratti bu'a qabeessa waan ta'eef itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru.
⌛️ @oromiastudentcenter
⌛️ @oromiastudentcenter
605
17:09
25.08.2025
imageImage preview is unavailable
Dameelee garaagaraan hojiileen egeree Afrikaa murteessuu danda’an raawwachuun barbaachiisaadha- Pirofeesar Birhaanuu Naggaa
Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) – Addunyaa jijjiiramaa jirtu keessatti hojiilee egeree Afrikaa murteessuu danda’an tumsan raawwachuun barbaachiisaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan.
Gamtaan Madaallii Barnootaa Afrikaa Konfiraansii waggaa 41ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.
Pirofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kanatti, yeroo ammaa addunyaan qaroomina irra waan jirtuuf galmaa fi bakka gahuumsa egeree Afrikaa yaaduun murteessaadha jedhan.
Dameelee garaagaraan egeree Itiyoophiyaas ta’ee Afrikaa haala amansisaan ijaaruuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Fuulduratti jijjiirama Afrikaa hammatee egeree ishee murteessuu danda’an Qonna, Misooma Anniisaa, Bu'uuraalee Misoomaa fi damee Barnoootaa irratti hojjechuu gaafata jedhan.
Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Dooktar Isheetuu Kabbadaa gamasaaniin, Madaalliin barnootaa milkaa’ina barnootaa waliigalaaf barbaachiisaadha jedhan.
⌛️ @oromiastudentcenter
⌛️ @oromiastudentcenter
539
09:10
26.08.2025
imageImage preview is unavailable
Qormaata Saffisaan Yaadachuuf Tuqaalee Barbaachisoo jaha:
Qormaata saffisaan yaadachuuf tuqaalee ja’a odeeffannoo garee xixiqqootti qooduu dabalatee, Mnemonics akka acronyms yookiin memory palaces fayyadamuun daataa walxaxaa yaadachuu
Website keenya kana seenuun barnoota baayee argachuu dandeessu! Subscribe gochuun odeeffannoo haaraa guyyaa guyyaan argachuu dandeessu!👇👇
https://gaggeessummaa.com/qormaata-saffisaan-yaadachuuf-tuqaalee-barbaachisoo-jaha/
431
19:53
26.08.2025
imageImage preview is unavailable
Hojiin Tajaajila Lammummaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qaba Jedhame.
BBO - Hagayya 20/2017 Hojiin Kenniinsa Tajaajila Lammummaa Sagantaa Gannaa 2017 Misooma Barnootaa irratti taasifamaa jiru hirmaannaa qaama hawaasaa hunda hammateen gaggeeffamaa jira.
Hojiiwwan Misooma Barnootaa irratti Ganna kana hojjatama jiran bara barnootaa 2018f akka dhaqqabutti kutannoon kan hojjatamaa jiru ta'uun hubatameera.
Hirmaannaa hawaasa keenyaafi qindoomina Gumii Tiraansifoormeeshinii Barnootaa(GTB) tiin bu'aan qabatamaan lafarratti mul'ataa jira.
Saffisaa fi qulqullinaan raawwachuu irratti garaagarummaan aanaa irraa aanaatti, magaalaa irraa magaalatti kan mul'atu ta'ullee, akka waliigalaatti, rakkoo barnootaa keessa jiru furuu irratti abdii guddaa kan namatti horuudha.
Haaluma kanaan, hojiiwwan misooma barnootaa Ganna kana raawwachuuf karoofaman keessaa kan jalqaabamaniifi kan raawwataman hanga 16/12/2017tti kan beekame yoo ta'u, kan xumuraman ibsuun ni danda'ama.
Hanga Jimaata darbeetti
#1_MB Bu'uura Boruu (BB),116 xumuramee tajaajilaaf kan qophaa'e yoo ta'u,
MB BB dareen dabalataa 148 fi
MB BB Moodeleessuun 29 xumuramaniiru.
#2_MB Sad. 1ffaa
- 20 ijaarsi xumurame,
- 1089 dareen dabalataa yoo ijaaramu,
- MB,Sad. 1ffaa 24 moodeleeffameera.
#3_Paarkiin Dijitaalaa 8 xumuramuun tajaajilaaf qophaa'eera.
#4_Ijaarsi Mana Jireenya Barsiisota Baadiyaatti barsiisaniif manni 1310 xumuramuun barsiisotaaf kennamaniiru.
#5_Sagantaa_tutooriyaalii Gannaatiin barattootni kutaa 6ffaa, 8ffaa, 10ffaa, 11ffaafi 12ffaa, baay'inni isaanii 954 466
barachaa kan jiran yoo ta'u,
#6_Ga'eessotni 594 627 barnoota bu'uuraa hojii tajaajila lammummaa Ganna bara 2017 kennamaa jiruun barnoota argachaa jiraachuun beekameera.
#Haala_sosochii_Godinaaleen taasisaa jiraniin yoo ilaalamu,
#Ijaarsa_MB_Bu'uura Boruu
- Qellem Wallaggaa, MB Bu'uura Boruu 27 jiaaree kan xumure yoo ta'u,
- Gujiin, 18fi
-Arsii Lixaa immoo, 17 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf bananiiru.
#Ijaarsa_MB_Sad_1ffaa,
- Gujii Lixaa MB Sad. 1ffaa 5
- Qeellem Wallaggaa 4
- Arsii Lixaa 4 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf banaa godhaniiru.
#Ijaarsa_Paarkii_Dijitaalaa.
- Arsii Lixaa 2
- Baalee Bahaa 2 xumuruun tajaajilaaf qopheessaniiru.
#Ijaarsa_Mana_Jireenyaa Barsiisotaa:
- Godinni Jimmaa MJB 220,
- Qellem Wallagga Mana 156 ijaaree xumuruun barsiisotaaf dabarseera.
Walumaagalatti, Hojiin Tajaajila Lammummaa misooma barnootaa irratti kennamaa jiru kun rakkoo qulqullina barnootaa irratti qunname keessaa bahuuf gahee olaanaa kan taphatu ta'uu hayyootni barnootaa ragaa kan bahan yoo ta'u, hirmaannaan hawaasa keenyaas kanuma hubachuun gahee isaa bahachaa jira. Dabtaraafi qalama walitti qabuun, kitaaba wabii ta'an gumaachuufi kkf irratti hirmaachuun tajaajilli lammummaa hawaasa keenyaaf bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira.
Kanaafuu, Barnootni dhaloota egereef dhaalchifnu hojii har'a raawwachaa jirruun waan ta'eef hundi keenya xiyyeeffannaan akka hojjannu dhaamsa keenya ta'a.
#Hubachiisa:- Ragaan asii olitti ibsaman kunniin #hanga_Hagayya_16/2017 kan gabaasame ta'uu hubatamuu qabs.
⌛️ @oromiastudentcenter
⌛️ @oromiastudentcenter
468
12:13
27.08.2025
imageImage preview is unavailable
Sagantaan Barnootaa Al Idilee Fooyya'insa Jireenya Hawaasa Keenyaaf Murteessaa Ta'uun Himame
---------
BBO- 22/12/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Sagantaa Barnootaa Idileefi Al Idileen carraa barnootaa waliin gahuun hawaasa barreessuu, dubbisuufi herrega shallaguu danda'uifi jireenya isaanii keessatti kunuunsa maatii karaa saayinsaawaa ta'een hogganuufi jireenya fooyya'aa jirachuu ga'eessotaa keessatti iddoo guddaa qaba.
Haaluma kana bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa haala mijeessitoota Barnoota Al Idilee, keessattu, kanneen barnoota Ga'eessotaatin adda duree ta'an bulchiinsa magaalaa 10 fi Godinaalee 19 irraa ogeessota 160 ta'an waamuun Magaalaa Adaamaatti leenjii fooyya'insa dandeetti hogganummaa kennuu eegaleera.
Leenjicha haasawaan kan banan Hog. I/A BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti barmoota biyya keenyaa jalqabarraa kufee ture kan sirreessuu danda'u sirna barnootaa amma qophaa'efi barsiisota qofa waan taataniif lammii keessan gahumsaa itti horuufi dorgomaa taasisuuf carraan harka keessan jira jechuun barsiisotni sadarkaan jiran hundi kutannoo irratti hojjachuu qabna jedhaniiru.
Kanaafuu, haala mijeessitootni har'a leeni'aa jirtan hundi ummata keessan wallaala keessaa baasuuf cimee hojjachuu qaba jechuun, leenjiin ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.
Itti aansuun haasawa kan taasisan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Barnoota Al Idilee obbo Tashoomaa Abbabaa yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti mootummaan naannoo Oromiyaaf Biiroon Barnootaa Oromiyaa xiyyeeffannoo barnoota Al Idileef kennerraa kan ka'e Mindaa haala mijeessitootaa dabaluufi haala mijeessitoota yero yerootti leenjisuun dandeettii akka cimsatan gochuurratti baasii hedduu ta'e kan baasuuf jijjiirama hawaasa keenyaa, keessattuu jijjiirama Barnoota Ga'eessotaa qabatamaan lafarratti arguuf waan ta'eef leenjitootni hundi itti gaafatamummaa isinitti kenname qixa sirriin akka baatan jechuun kan dhaamsa dabarsan obbo Tashoomaa Abbabaati.
Walumaagalatti, BBO'n hawaasa dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu danda'u ummachuun foyya'insa hawaasummaatiif hojjataa kan jiru waan ta'eef sagantaa barnootaa Al Idilee hundarratti wal qixa hiriiruu qabna kan jedhu dhaamsa qabna.
⌛️ @oromiastudentcenter
⌛️ @oromiastudentcenter
517
07:23
29.08.2025
imageImage preview is unavailable
#NGAT
#MoE
Qormaatni seensa digirii lammaffaa biyyaalessaa (NGAT) yeroo dhiyoo keessatti kan kennamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Qormaata NGAT kennuuf lakkoofsi eenyummaa biyyaalessaa (National ID Number) dirqama ta’uu Ministeerichi ibseera.
Namoonni fedhii qaban hundinuu, yeroon galmee yeroo gabaabaa keessatti akka beekkamus ibseera. kana dura qophii barbaachisaa taasisaa akka turan dhaabbatichi yaadachiiseera.
⌛️ @oromiastudentcenter
⌛️ @oromiastudentcenter
595
09:52
29.08.2025
Notice:
✓ Yoo balali'uu hin dandeenye; fiigi;
✓ Yoo fiiguu hin dandeenye; adeemi;
✓ Yoo adeemuu hin dandeenye; sussuki!
✓ Garuu, gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufuu qabda!"
Martin Luther King 👑
355
21:39
01.09.2025
imageImage preview is unavailable
#Galmee_Barattootaa_Ilaalchisee Dr. Tolaa Bariisoo Ergaa Dabarsan
---------------
BBO- Hagayya 27/2017 Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo 💠 #galmee_barattoota_bara_2018 guyyaa kaleessaa jalqabame ilaalchisuun qooda fudhattoota barnootaa hundaaf ergaa dabarsaniiru.
Biyya diinagdee, siyaasaafi hawaasummaan dagaagde horachuuf bu'uurri barnoota yoo ta'u, barnootni immoo dhaloota Saayinsiifi Teeknooloojiin gahoome qaree baasuu keessatti dorgomaa hin qabu kan jedhan Dr. Tolaan, barattoota gahumsa qaban horachuuf qulqullinni barnootaa murteessaa ta'uu ibsuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuu kan dandeessisu keessaa tokko wayitiin barnootaa otuu hin qisaasofne waggaa guutuu akkaataa kalaandarii barnootaa waggaatti fayyadamuu gaafata jedhaniiru.
Kanaafuu, wayitiin barnootaa bara 2018 akka hin qisaasofne gochuuf barattootni keenya hanga Qaammee 5/2017tti (haala kalaandarii barnootaan) galmee xumuruu akka qaban, akkasumas Fulbaana 05/2018 meeshaalee barnootaa(dabtara, qalamaafi kkf) qabatanii dareetti akka argaman ergaa dabarsaniiru.
Karaa biraatin, adeemsa galmee ilaalchisee, daa'imman umriin barnootaaf gahe hunduu (MB Bu'uura Boruu irraa hanga kutaa 12 ffaa jiran) guyyoota galmeef taa'an (Hagayya 26 - Qaammee 5/2017 guyyaa Sanbata dabalatee akka galmaa'an dhaamsa kan dabarsan yoo ta'u, qooda fudhattootni barnootaa(barataa, barsiisaa, maatii barataa, GTB, Caasaan Mootummaa Sadarkaan jiru, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee, Hoggantootni Amantaafi qaamni hawaasaa hundi) daa'imman umriin isaanii barnootaf gahe hundi mana barnootaa ala akka hin taane deeggarsa(galmeessiftan) jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Dhumarratti, Dr. Tolaan ergaa dabarsaniin . #Hoggansi_barnootaa_sadarkaan_jiru (BBO irraa eegalee, hoggansi Waajjira Barnootaa Godinaalee, Bul. Magaalotaa, Aanoleefi GTB sadarkaan jiran) hawaasa keessa galuun hanga guyyaan galmee xumuramutti barattoota gara MB akka ergan hojii hawaasa kakaasuufi manneen barnootaatti argamuun hojii supparviizyinii akka taasiftan jechuun dhaamaniiru.
Walumaagalatti, Ergaan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dabarsan:-:
#Wayitiin Barnootaa Akka Hinqisaasofne;
#Daa'imman Umriin Isaanii Barnootaaf Gahe MB Alatti Akka HinHafne hanga Qaammee 5/2017ttii Qofa Galmeessisuu
#Fulbaana 05/2017 Adeemsi Baruu Barsiiisuu Kan Eegalu ( Barsiisaafi Barataan Dareetti Wal Argu) ta'a!
Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
323
20:50
02.09.2025
imageImage preview is unavailable
ODUU:
Carraan Barattoonni digrii isaanii qofan biyya alaatti hojii argachuu itti danda'an akka uumame himame.
Barattoonni digrii isaani qofa fayadamuun madaallii tokko malee hojii biyya alaatti akka argachuu danada'an Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee hayyamuuf beekamtii argachuu beeksise.
Beekamtii kana ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kan kennan Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Doktar Darajjee Ingidaa, Yuunivarsiitichi damee Saayinsii gosoota hojiirra oolan, kanneen akka Baayooteknooloojii, Sirna Nyaataa, Industirii Keemikaalaa fi Ji’ooloojiin beekamtii idil-addunyaa argateera jedhan.
Itti dabaluunis beekkamtiin yuunivarsitichi argate kun barattoonni sagantaalee adda addaa irraa eebbifaman madaallii biroo tokko malee hojii biyya alaa akka argatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Pireezidaantichi kanaan dura barattoonni digrii isaaniitiin biyya alaatti hojii argachuu akka hin dandeenye ibsanii, biyya alaatti qacaramuuf qormaata fudhachuun dirqama ture jedhan. Amma garuu beekamtii amma kennameefiin kallattiin digrii isaaniitiin qacaramuu akka danda'an kan taasisu ta'uu ibsaniiru.
Akkasumas, barattoota biyya alaatiif sagantaalee barnootaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qaban dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru kaasaniiruu, qo’annoon barattoota biyya alaa galii dabalataa yunivarsiitichaaf kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.
Beekkamtiin kun warra bara barnootaa 2023 irraa eebbifamanis kan haammatu yoo ta’u, sagantaaleen barnoota injinariingii sagal Adoolessa dhufu beekamtii idil-addunyaa ni argatus jedhaniiru.
217
19:23
03.09.2025
close
Specials
Top Inspire

Channels
25
137K
lock_outline
CPM
lock_outline$$ 75.60
$$ 68.04
-10%
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeennew@******.io
On the service since June 2022
13.08.202518:15
5
Everything is fine. Thank you!
New items
Channel statistics
Rating
17.4
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
1
Subscribers:
1.7K
APV
lock_outline
ER
17.2%
Posts per day:
3.0
CPM
lock_outlinekeyboard_double_arrow_left
shopping_cart
Channels:
0
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Total:
$0.00
Add to Cart
Clear the cart
Are you sure you want to clear the cart?
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Clear my cart
Cancel
Комментарий