
- Main
- Catalog
- News and Media
- Advertising on the Telegram channel «Oolmaa Guyyaa ⌛️»
Advertising on the Telegram channel «Oolmaa Guyyaa ⌛️»
Chaanaalii kana jalatti :-
√ Ta'ii olmaa guyyaa biyya keenyaa (Daily News)
√ Wantoota dinqisiisoo guyyichaa (Daily funny)
⚽ Spoortii (Sport News)
📚Siyaasa (Polotical)
💼Dinagdeetu dhiyaata (Business report)
Channel statistics
🛡 https://t.me/Eyob_Tech/4371?comment=15816
Miidiyaan mootummaa Iraan Gaggeessaa Olaanaan biyyattii Aayaatolaa Alii Kaaneenii haleellaaa Yuunaayitid Isteetisifi Israa’eliin biyyattiirratti taasifamaa jiruun ajjeefamuu mirkaneessan.
Akka gabaasa kanaatti soddaafi akaakoon Kaameenii haleellaa kanaan ajjeefamanii jiran.
Haleellaa Sambata darbe Iraan Kibbaa Mana Barnootaa tokko irratti taasifameen namoonni 108 yoo ajjeefaman walii gala haleellaa taasifamaa jiruun haga yoonaa Kutaalee Bulchiinsaa Iraan 24 keessatti namootni 201 ajjeefamuun mirkanaa’eera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://t.me/olmaaguyyaa
Commission fee jedhanii birrii 72 na kutan warri bank
Guys kana booda an birrii gaafan isinif dabarsu manuma bank deemee isnif dabarsa malee akkasitti awwaxxa'a hin jiru
Dhugaa saamicha akkamiidhaa tawu gin bank
Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp, Israa’el Iraan keessatti haleellaa misaa’elaa jalqabuun walqabatee, Ameerikaan “duula waraanaa guddaa” jalqabde jedhan.
Tiraamp ibsa isaanii keessatti Israa’eel Iraan irratti haleellaa misaa’elaa bantee jirti jechuun, Ameerikaanis tarkaanfii waraanaa bal’aa fudhachuu kan eegalte ta’uu eeraniiru. Gama biraatiin, Eegdonni Warraaqsa Iraan (IRGC) haleellaa misaa’elaa fi diroonii “haaloo ba’uu” bal’aa jalqabuu isaanii ibsanii, haleellaa gara Israa’elitti qajeelfame akka ta’e himaniiru.
Odeessa guutuuf cuqaasaa
https://t.me/olmaaguyyaa
Qopheessaa Olaanaan Addis Standard garuu himata Abbaa Taayitichaa kufaa taasisanii jiran
Finfinnee, Gurraandhala 24, 2026: Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa eyyama miidiyaa maarsariitii kan Addis Standard Gurraandhala 24, 2026 kaasuun haquu beeksise. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Addis Standard naamusa miidiyaa, seera biyyaalessaafi “faayidaa biyyaa waan sarbu hojjechuun eyyama dhaabbatichaa haquu ibsa isaan beeksiseera.
Haa ta’uyyuu male ibsichi gabaasi Addis Standard kam murtee kanaaf akka isa geessise waanti eere hin jiru.
Himata Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa dhiyeesse kana Qopheessaa Olaanaan Addis Standard Yoonaas Kadiir kufaa taasisee jira. Yoonaas, dhaabbatichi haga yoonaa sarbama seeraa raawwachuu isaa kan eeru of eeggannoon akka isa dhaqqabee hin beekne ibsan.
“Himanni Addis Standard irra deddeebiin of eeggannoon kennameefii ture jedhu haqa irraa kan fagaate. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa badii kanaan duraa akkasumas tarkaanfiiwwan fudhataman ilaalchisee Kutaa Oduu Addis Standard’f waan beeksise hin jiru” jechaan Yoonaas dubbateera.
Dabaluunis maxxansaan Addis Standard, Dhaabbati Maxxansaa JAKENN kan Itti Gaafatamni isaa murtaaye mirga isaa kabachiisuuf filannoowwan gama seeraan jiran ilaalaa akka jirus Qopheessaa Olaanaan Addis Standard ibseera.
Haaluma kanaan guyyaa har'aas murteen Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa hundee seeraa kan hin qabne, akkasumas seera Itoophiyaa kan hordofellee miti jedhe.
Xalayaa Hooggantoota Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaaf ergameen Dhaabbanni JAKENN akka jedhetti, “qorannoo seeraan “ibsichi aboo Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaarra kan taru ta’uu, Labsii Miidiyaa biyyattii Lakk.123/2021 kan labsii Lakk. 1374/2025 fooyya’eenis kan wal simuu miti jedhe.
https://t.me/olmaaguyyaa
Masiriin wal-dhabdee yeroo dheeraaf bishaan Abbayyaa irratti Itoophiyaa waliin qabdu yoo karaa salphaan furmaata argate, Itoophiyaan ulaa Galaanaa akka argattuuf deeggarsa kennuuf qophii ta’uu ishee gabaasni gaazexaa Ze Naashinal (The National) maddoota Kaayiroo dhimma kana dhiyeenyatti hordofan waabeffachuun gabaase.
Yaadni kun torban darbe Ministira Muummee Abiy Ahimadiif akka dhiyaate kan gabaase gaazexaan Abu-Daabii kun, dhimma kan ilaalchise Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa hordofee, wal-dhabdee biyyoota lameenii gidduu waggoota dheeraaf ture keessatti gidduu seenuun furuuf fedhii akka qaban kanaan dura ibsuullee eereera.
https://t.me/olmaaguyyaa
Bulchaan Itoophiyaa hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalaa Hawaasaatti yeroo kabajametti kana dubbatan.
Erga Eertiraan Itoophiyaarraa bara 1993 walaboomte as ulaa galaanaa dhabdeetti.
Ministirri Muummee Abiy humna addatti leenji'eefi biyyarra dabee naannicha tiksuu danda'a jedhan yeroo ibsan biyyoota lama Itoophiyaa daangessan eeran.
''Fiixee Somaalee hanga fiixee Mitsiwwaatti shororkeessummaa galaanarra mudatan ummatoota obbolaa [ta'an] deeggarree hambisuufi naannoo keenyatti misoomaafi badhaadhina mirkaneessuuf qophiidha,'' jedhan.
Jaarsummaa Turkiin Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa deebisuuf waliigalteetti.
Ammoo ammatti waan milkaa'e akka hin jirre Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa dubbataniiru.
https://t.me/olmaaguyyaa
Pireezidaantiin Turkii Resiib Xayyib Erdogaan Gaanfa Afrikaatti walitti bu’iinsi haaraan akka hin uumamne hawwii qabaachuu ibsuun, tasgabbiin barbaachisaa ta’u cimsanii dubbatan.
Biyyoonni naannichaa rakkoolee isaanii walta’iinsafi mariin akka furatan yaamicha dhiyeessaniru.
Erdogaan kaleessa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahmed waliin yeroo mari’atanitti, hariiroon Turkiifi Itoophiyaa gidduu jiru bal’achaa jiraachuu ibsan. Keessattuu bu’uuraalee misoomaa, dabarsaa sarara aanniisa, oomisha industirii, tuurizimiifi dameewwan dinagdee birootti walta’iinsi babal’achuu jiraachuu eeraniiru.
Kana malees birmadummaafi daangaa biyyoota kabajuun barbaachisaa ta’uu hubachiisanii, Gaanfa Afrikaatti dorgommii siyaasa alaa akka hin babal’anne akeekkachiisaniiru.
https://t.me/olmaaguyyaa
Taphi kun erga Viniishiyes taphataan Benfikaa Jiyaanluukaa Pirestiyaanii sanyummaan isa arrabsuu murteessatti himatee booda daqiiqaa 10f adda citee ture. Taphatichii fi taphattoonni garee isaa kaan waliin ta'uun dirree gadhiisanii ba'anii turan. Taphataan kun dorgommii goolii inni galcheen kilabnisaa injifate kanarratti taatee isa mudate ilaalchisuun akkas jechuun yaadasaa ibse.
''Namoonni jibba sanyummaa qaban dabeessota. Afaansaanii qomeesaaniin haguuganii hangam akka dadhaboo ta'an agarsiisuu qabu. Garuu warra silaa akka seeraatti isaan adabuu qabuun eegumsi godhamaaf"
Leenjisaan Benfikaa Moriinoo Viniishiyes Juuniyer dirree Estadio da Luz irratti goolii Riyaal Maadiriid ittiin injifate wayita galchu akkaataan itti gammachuusaa ibse ''kabaja kan hin qabnedha,'' jechuun himate.
Tirent Aleksaandar-Arnold ''kabaja kubbaa miillaa kan gadi buusu,'' jedhe
Pireezidaantiin Ripaabliika Turkii Reesiip Xayyib Eerdogaan Finfinnee seenuu isaanii Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed (PhD) beeksisan.
Ministirri Muummee Abiy “Pireezidaantii Rippabiliika Turki Eerdohaan baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftan jechuu nan barbaada” jechaan fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodaniiru.
Dabalataniis, “Daawwannaan kunis haariiroofi michooma cimaa Turkifi Itoophiyaa gidduu jiru kan calaqqisiisudha” jechuun ibsaniiru.
Akkasumas, “Ankaraafi Finfinnee biyyoota lamaan seenaa yeroo dheeraa qaban gidduutti mariin bu’a qabeessafi tumsa caalaatti cimsuufi akkasumas hariiroo itti fufiinsaan qaban akka mirkaneessu nan abdadhaa” jedhaniiru.
https://t.me/olmaaguyyaa
Pireezidaantiin Ripaabliika Turkii Reesiip Xayyib Eerdogaan Finfinnee seenuu isaanii Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed (PhD) beeksisan.
Ministirri Muummee Abiy “Pireezidaantii Rippabiliika Turki Eerdohaan baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftan jechuu nan barbaada” jechaan fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodaniiru.
Dabalataniis, “Daawwannaan kunis haariiroofi michooma cimaa Turkifi Itoophiyaa gidduu jiru kan calaqqisiisudha” jechuun ibsaniiru.
Akkasumas, “Ankaraafi Finfinnee biyyoota lamaan seenaa yeroo dheeraa qaban gidduutti mariin bu’a qabeessafi tumsa caalaatti cimsuufi akkasumas hariiroo itti fufiinsaan qaban akka mirkaneessu nan abdadhaa” jedhaniiru.
https://t.me/olmaaguyyaa
Reviews channel
3 total reviews
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «Oolmaa Guyyaa ⌛️» is a Telegram channel in the category «Новости и СМИ», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 1.3K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 32.5, with 3 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 2.4 ₽, and with 4 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий