
OROMIA TIMES™°°°!!
Odeeffannoo Haarawaafi qabatamaa ta'e nu biraa argattu #Share gochuun waliif dabarsaa
Channel statistics
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/VjjtwzGkZv8?si=4KVXpJnyfMLGpQkx
https://www.instagram.com/kaachuu_yw?igsh=MThqOHZuOG14bXB0dQ%3D%3D&utm_source=qr
Asiin dura murtoo caaseffama haaraa naannichaa kan hunda dursee Oduu himes miidiyaa biyyaalessaa EBC ta’uu kan yaadachiisan hayyoonni kunneen ammas murtoo kanaaf deggarsi Imbaasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru agarsiise weerarri Oromiyaarratti godhamu fedha mootummaa Bilxiginnaa ta’uu agarsiisa jedhan.
Gaheen Ministeera dhimma alaa biyyattii karaa Imbaasii isaa daangaa naannoleee sararuu ta’uu akka hin taane kan yaadachiisan hayyoonni kunneen, gochaan Imbaasichaa kun karoorri dachii Oromoo saamsisuu harka mootummaa federaalaatiin akka raawwatamaa jiru ifatti kan agarsiise jedhan.
Mootummichi amala uummata gooluu qaba. Kana gochuuf immoo tasgabbii fi nagaa keessatti gaaffii uummataa deebisuu waan hin dandeenyef unkura uumuun yeroo bitachuun dirqama waan itti ta’eefi jedhu.
Itoophiyaan ijaarama isheerraa amala jeequmsaan uummata bakka tokko tiksuu qabdi, amaluma Impaayerummaa kanatu itti fufe jedhu hayyoonni kunneen.
Amalli gooliidhaan uummata cafaqanii bakka tokkotti tiksuu kun kan jijjiiramu guyyaa uummanni sagalee kennee mootummaa ofii filatee fi hiree ofii ofiin murteeffate dha jedhan.
Yeroo akkanaatti qaamni Mootummaa Naannoo Oromoo callisuu filateera, bulchoonni godinaalee, Harargee, Baalee fi Booranaas callisanii jiru. Kun mootummaan naannoo Oromiyaas lafa naannichaa weerarsiisuun fedha isaanii akka ta’e mul’isa jedhu.
Qumaarri siyaasaa isaan taphatan uummata Oromoo gatii kaffalchiisaa akka jiru beekuu qaban ture jedhan hirmaattonni marii kanaa.
Uummanni Oromoo hanga mootummaa uummataa ofii filate hundeeffatutti gamtaa isaa jabeeffatee dhiibbaa jalaa bahuu akka qabu hayyoonni kunneen dhaaman.
https://vm.tiktok.com/ZMAfcwBvn/
https://vm.tiktok.com/ZMAAaADE1/
Bara 1950'moota keessa ammoo loltoota Itoophiyaa nagaa kabachiisuuf UN jalatti gara Kooriyaatti ergaman keessaa Aster Ayyaanaa tokko turte.
Tajaajila fayyaa Kooriyaa fi Jaappaanitti kenniteen gahumsa guddaa agarsiifteef mootummaa Kooriyaa irraa badhaasa addaa argateetti.
Gahumsa ergama nagaa kabachiisaa Kooriyaa fi Koongootti gumaachiteefi gootummaa agarsiifteefis Aster Ayyaanaa UN irraa beekkamtii fi badhaasa addaa argateetti.
Bara 1950 fi 1960 keessa yeroo barnoonni ammayyaa hedduu biyyoota Afrikaa keessatti hin babal'annetti dubartoonni Itoophiyaa muraasni waltajjii addunyaa irratti guca tahanii bahanii turan.
Dubartoota kanneen keessaa kan akka Ayyalech Mashashaa, Raabiyaa Abdulkadir, Meerii Taaddasaa fi Yoodit Immiruu fa'aa paarlaamaa, bulchiinsa biyyaafi dippolomaasii keessatti sadarkaa olaanaatti hirmaachuun kanneen fakkeenya guddaa tahanidha.
Kanaaf ammoo manni Barumsaa Imperes Manan magaala Finfinneetti argamu shoora olaanaa bahachuu Ahimed Hasan Omar, Yuunvarsiitii Finfinnee irraa waraqaa qorannoo seenaa Aster Ayyaanaa jedhuun bareessee keessatti eereera.
Odeessa kanan har'a kan isiniif dhiyeessinu ammoo waa'ee dubartii Itoophiyaa irra darbitee sadarkaa idil-addunyaatti hojii gootummaa hojjettee waa'ee Aster Ayyaanaati.
Aster Ayyaanaa, Wallagga Bahaa naannoo magaala Naqamtee ganda Tinfaa jedhamutti dhalattee guddatte.
Abbaanshee bulchaa naannoo sanaa tahuu qofa osoo hin taane yeroo Xaaliyaaniin Itoophiyaa weeraruun hanga Lixa biyyattiitti galte Raas Immiruu fa'aa waliin hanga Iluu Abbaa Booraa magaala Goreetti imaluun loluun lolchiisaa akka turan eeru qorataa Ahimed Hasan.
Bara 1953 leenjii loltummaa torban sadiif Jaan Meedaatti fudhachuun gulantaan Itti Aanaa Leetinaanti jedhu kennamuufiin ergamichatti makaman jedha ragaaleen arganne.
Aster Ayyaanaa loltoota ishee waliin ramadaman waliin Finfinnee irraa ka'uun Dirree Dhawaa dhaqabde. Achii ammoo baaburaan yeroo sana faransaayiin qabamtee kan turte buufata Jibuutii dhaqaban.
Jibuutii yeroo dhaqaban doonii waraanaa Ameerikaa Jeneeraal Bilaachfoordi jedhamu yaabuun gara Kooriyaatti imalan jedhan Ahimed Hasan seenaa barreessan keessatti.
Hundi isaanii dargaggoota jalqaba waggaa 20 keessa jiraniidha. Imala ji'a sadii booda Kooriyaa gahuun UN jalatti tajaajila isaanii jalqaban.
Aster Ayyaanaa Kooriyaatti tajaajila fayyaa loltoota ergamicha keessatti ramadamaniif kennuun gahumsa guddaa agarsiifteen dinqisiifamaa turte jedha barreeffamoonni waa'ee isheerratti kuusaa UN fi kaan irraa arganne.
Aster Ayyaanaa erga biyyatti deebitee hospitaala Minilik I keessa hojjechaa turte.
Intala Ayyaanaa Likkaasaa isa faashistii Xaaliyaaniin lolaa turee kan taate Aster Ayyaanaa, nagaa kabachiisa Kooriyaatii hanga Koongootti gahumsa ajaa'ibaa agarsiisuun maqaashee fi biyya ishee dubartii sadarkaa addunyaatti beeksiftedha.
Aster ilma maqaansaa Yaafeet jedhamu fi amma Ameerikaa jiraatu tokko akka qabdu kan himan Luba Fiqaaduu Beenyaa, dubartii seenaa guddaa hojjettee garuu seenaan ishee dhalootatti hin himamnedha jechuun ibsan.
https://youtu.be/71a97weD8FA?si=xZIYelaIA3n52vDA
Reviews channel
2 total reviews
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
OROMIA TIMES™°°°!! is a Telegram channel in the category «Кино», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 6.8K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 12.4, with 2 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 4.8 ₽, and with 4 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий