Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
7.3

Advertising on the Telegram channel «Kallacha Oromiyaa»
News and Media
Language:
English
0
0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$6.00$6.00local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
Caffeen Oromiyaa muudamoota manneen hojii garaa garaa lama dhiyaatan raggaasuun yaa'iisaa xumure.
Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 13,2017 Caffeen Oromiyaa muudamoota manneen hojii garaa garaa dhiyaatan raggaasuun Yaa'iisaa Idilee 9ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Adaamaa Galma Caffeetti guyyoota lamaaf taa'aa ture xumureera.
Haaluma kanaan,
1. Aadde Masarat Asaffaa Hoggantuu Biiroo Lafaa Oromiyaa
2. Doktor Yashii Jimaa Hoggantuu Biiroo Daldalaa Oromiyaa ta'uun muudamaniiru. Galaanaa Kumarraatiin
🌐 Kallacha Oromiyaa ☑

2660
20:04
20.07.2025
imageImage preview is unavailable
Hidhi Haaromsaa Guddichi dandeettii ofiin mootummaafi uummataan kan ijaaramedha- Waajjiricha
Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 15, 2017- Hidhi Haaromsaa Guddichi guutummaatti dandeettii ofiin mootummaafi uummataan kan ijaaramedha jedhe Waajjirri Qindeessaa Piroojektii Hidha Haaromsa Guddichaa.
Itti aantuun Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Waajjirichaa Fiqirtee Taammir ibsa miidiyaaleef kennaniin, Hidhi Haaromsaa Guddichi hirmaannaa Itiyoophiyaanonni maallaqaan, humnaan, beekumsaan, dippiloomaasiifi eegumsa naannoon taasisaniin milkaa’inaafi injifannoo olaanaa argame ta’uu ibsan.
Bara baajataa 2017’tti hidhichaaf deeggarsi karooraa ol sassaabamuu yaadachiisaniiru.
Haaluma Kanaan Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 600 sassaabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 700 sassaabamuu eeran.
Wayita ijaarsi isaa eegalerraa kaasee gurgurtaa boondiifi kennaa biyya keessaarraa Birrii biiliyoonni 20 fi miiliyoonni 100, hawaasa diyaaspooraarraa Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 600 ol, galii garaagaraarraa Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 700 sassaabamuus ibsaniiru.
Walumaagalatti hanga Waxabajjii 30/2017’tti Birrii biiliyoonni 23 fi miiliyoonni 600 ol hawaasarraa sassaabamuun ijaarsa hidhichaaf ooluu yaadachiisaniiru.
Guyyaa ijaarsi hidhichaa eegalerraa kaasee hanga Waxabajjii 30/2017’tti hojiin humnaafi yaa’aa Birrii biiliyoona 84 fi miiliyoona 400 olitti tilmaamamu hojjetamuus hubachiisaniiru. FMC

2260
12:59
22.07.2025
imageImage preview is unavailable
Balballi Nagaaf Baname Hin Cufamne; Harki Nagaaf Diriires Hin Dachaane!
Nageenyi jireenya dhala namaafi ijaarsa biyyaa keessatti gahe ammana hin jedhamne qaba. Mootummaanis kana hubachuun nageenyi akka mirkanaahuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira. Keessumaa Naannoo Oromiyaatti hojii nageenya naannichaa mirkaneessuu irratti hojjetameen nageenyi naannoo keenyaa kan yeroo kamiinuu caalaa fooyyee guddaa argisiisee jira.
Oromiyaa keessatti nageenyi waaraafi tasgabbiin amansiisaan gama hundaan bakka hundatti akka mirkanaa’uuf Mootummaan qaamolee Nageenyaa dabalatee, hawaasaa mara waliin yeroo yeroon marii taasisuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Hojii hojjetamaa jiruunis milkaa'inoonni gurguddoon argamaa jiru.
Waliigalteen daandii nagaa hunda injifachiisa, ijaarsa biyya waloo bu'uuressuun galma waloos dhugoomsa. Mootummaan barii imala jijjiramaa irraa eegalee boqonnaa walwaraansaa dhiifamaan cufuun riqicha araaraa waliif ijaaruun biyya waloo hundaan hundaaf hundarraa ijaaruuf hojii eegale keessatti milkaa'inootni gurguddoon galmaa'anii, seenessi waloos ijaaramuu eegalee jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo Nageenyaa Oromiyaa keessa jiru karaa nagaafi nagaa qofaan furuuf, balbala nagaaf banee, harka nagaaf diriirsee, qe’ee Oromootti nagaa waareessuuf gama hundaan imala hedduu imaleera. Hidhattoota waamicha Uummataafi Mootummaa fudhachuun gareefi dhuunfaan nagaa filatanii galaa jiraniif simatee haaromsa taasisuun deebisee dhaabuu irrattis hojjechaa jira. Kanaanis Oromiyaatti qilleensi nagaa akka bubbisuuf ifaajjee guddaa taasiseen milkaa'inoonni hedduunis argamanii jiru.
Ammas mootummaan balbala nagaaf bane hin cufne. Kanaafu, waamicha nageenya mootummaa, abbootii Gadaa, hawwan siinqeefi qaamolee hawaasa gargaraatiin irra deddeebiin taasifamu qaama dhagahe waamicha fudhatuuf mootummaan simachuuf qophaa'aadha. Gama biroon, qaama hidhatee waamicha nageenyaa fudhachuu didee nagaa hawaasaa boreessuufi misooma biyyaa gufachiisuu hojii taasifate irratti tarkaanfii fudhachuu cimsee itti fufa.
Walumaagalatti nageenyi qaama tokko qofan akka hin mirkanoofne hubachuudhaan sochii mootummaan nageenya waaraa mirkaneessuuf taasisa jiru cina hawaasi dhaabbachuudhaan Oromiyaa qe'ee foolii nageenyaafi misooma qofti irraa urgaahu gochuun murteessaadha.

2280
00:58
23.07.2025
imageImage preview is unavailable
Sanyii fooyya'oo Loon Booranaa kunuunsa xiqqaan bu'aa guddaa buusan babal'isuuf hojjatamaa jira jedhame
Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 15, 2017-
Godina Booranaatti sanyii loon fooyya'oo qilleensa Gammoojjii beeku kunuunsuuf giddu gala mootummaan hundeesseen dabalatatti hawaasni raanchii mataasaa hundeeffachuun bu'aa argachaa jira.
Godinichaatti raanchii diida xuyyuuraa mootummaan hundeesserraa korma fudhachuun jiraattonni Aanaalee Godina Booranaa giddugala 12 hundeessanitti raaddeen kuma 1fi 369 kunuunsaa jiru.
Raaddeen kunuunfamaa jiran kanaarraa hanga ammaatti jabbileen 500 ol dhalataniiru.
Bifuma walfakkaatuun hojii furdisa horii foonii kuma saddeetiifi 621 taasifameen bara 2017tti foon toonii kuma 32fi 152 argamee jiraachuunis himameera.

2200
00:59
23.07.2025
imageImage preview is unavailable
Inistitiyuutiin Qo'annoofi Qorannoo Oromoo kitaabilee aadaafi seenaa uummata Oromoo calaqqisiisan Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif kenne
Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 17, 2017- Inistitiyuutiin Qo'annoofi Qorannoo Oromoo kitaabilee gosa adda addaa seenaa, aadaa, afaaniifi aartii uummata Oromoo calaqqisiisan qorannoorratti hundaa'ee barreesse Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif kenneera.
Daarektaarri Olaanaan Inistitiyuutii Qo'annoofi Qorannoo Oromoo Dr. Dirribaa Tarrafaa, Inistitiyuutichi Seenaa, Aadaa, Afaaniifi Aartii Oromoo irratti qorannoo gaggeessuun seenessa dogoggoraa hawaasa kanarratti seeneffame sirreessaa jiraachuu ibsan.
Deeggarsi kitaabilee Biiroo Barnootaa Oromiyaaf taasifame kunis hojiin qorannoosaanii dhaloota bira gahuun dhaloonni aadaa, seenaa, afaaniifi aartiisaa beekee of ta'uun ijaarsa biyyaa keesaatti shoorasaa bahachuu akka danda'u gochuu kaayyeeffatee kan taasifame ta'uus ibsaniiru.
Inistitiyuutichi marsaa lamaan kitaabilee kuma 100 biirichaaf deeggarsa kan kennu ta'uu himanii, marsaa jaqabaa kanaan kitaabilee kuma 60 deeggarsi kan godhame ta'uus eerameera.
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, Inistitiyuuticha galateeffachuun, namni tokko guutuu kan ta'u beekumsa xabboo hawaasa keessa jiru kan saayinsiin walitti yoo fide waan ta'eef barattoonni keenya kitaaba barnootaan cinaatti kitaabilee eenyummaa uummata kanaa ibsan hayyoota keenyaan barreeffaman argachuun kan isaan gargaaru ta'uu dubbatan.
Deeggarsa kitaabilee argatan kanas Dhaabbilee barnootaa naannicha keessatti argaman kuma 34 ol kan dhaqqabsiisan ta'uu dubbatanii, fuuldurattis Inistitiyuutii Qo'annoofi Qorannoo Oromoo waliin kan hojjatan ta'uu himaniiru. Oliifan Raggaasaatiin
🌐 Kallacha Oromiyaa ☑️

1720
23:11
24.07.2025

20500
23:12
24.07.2025
imageImage preview is unavailable
Godina Arsiitti bara kana kenna tajaajila lammummaa akaakuu deeggarsa garagaraatiin hojii qarshii biliyoona 27 olitti shallagamu hojjachuuf karoorfamee hojjatamaa jira.
Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 17,2017 Sagantaan kenna tajaajila lammummaa bara kanaa godina Arsii Aanaa Xiyootti dhaadannoo"Harmeef Hara Galfii, Dhalootaaf Kunuunsaa"!jedhuun gaggeeffame.
Bulchaan Aanaa Xiyoo Obbo Gaashawu Dajanee humnoota waloo fayyadamummaa hawaasaa milkeessuu danda'an keessa tokko kan ta'e kenna tajaajila lammummaatiin deeggarsa akaakuu garagaraa qarshii miliyeena 900 fi miliyeena 93tti shallagamu hojjachuuf karoorfamee hojiin eegalamuu himan.
Bu'uruma kanaan hirmaannaa hawaasaafi caasaa sadarkaan jiruutiin kenna tajaajila lammummaatiin Hoolota 130,raaddeen 65,lukkuu1040,fardeeniifi dabtara darzana 900 namoota harkaqal'eeyyiifi deeggarsi taasifameera.Kanamalees ganna kana maanneen harmee harkaqal'eeyyii 180 ijaaruun,manneen 270 immoo kenna tajaajila lammummaatiin suphuuf hojjatamaa jiraachuus himan.
Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti tarsiimoo humnoota waloo afran lafa qabsiisuuf hirmaannaa kutaalee adda addaa cimsuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf qindoominaan hojjatamaa jiraachuu himan.
Bara kanas kenna akaakuu deeggarsa garagaraatiin hojii qarshii biliyeena 27 olitti shallagamu hojjachuuf karoorfamee,hanga ammaatti dhibbeentaan 20% raawwatamuu ibsaniiru.
Deeggarsa godhameef bu'ura gochuun caarraa argametti gargaaramuun jiruufi jireenya ofii fooyyeeffachuuf kan hojjatan ta'uu namootni deeggarsa argatani himaniiru.
Kominikeeshinii godichaa

2020
23:16
24.07.2025
imageImage preview is unavailable
Aanaa Adaabbaa gaara Kotoo bakka “Waashaa sabsibee” jedhamutti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota kudhanii darbe.
Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 17, 2017
Konkolaataan Doolfiinii lakkoofsi Godina Baalee Magaalaa Diinshoorraa imaltoota fe'ee gara Magaalaa Adaabbaa deemaa iddoo addaa waashaa sabsibee jedhamutti garagaluun lubbuun namoota kudhanii darbuu Qindeesssaan Nageenya Tiraafikaa Aanaa Adaabbaa Inispeektar Haashim Ilmii himan.
Balaan uumame sababa mariin Konkolaataa rakkiseef ta’uu ibsan. Balaa mudateen namoonni 10tu du’e, namoota 6 irrammoo miidhaa cimaatu gahe jedhan. OBN

2440
23:19
24.07.2025
imageImage preview is unavailable
''Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2018 hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee itti fufa''- Obbo Hayiluu Addunyaa
Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 18, 2017
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa.
Obbo Hayiluun karoora xiiqii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara hojii 2018 ilaalchisuun ibsa kennaniin, bara 2018 dhimmoota tarsiimaaa irratti xiyyeeffachuun diinagdee naannichaa bayyanachiisuuf kan yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon ni hojjatama jedhan.
Qonna Arfaasaa 2017/2018'tiin lafti hektaarri miliyoona 1.7 misoomerraa callaa kuntaalli miliyoona 41ni eegama kan jedhan Obbo Hayiluun, Qonna Gannaa 2017/2018 tiin lafti hektaara miliyoona 11.8 misoomaa jira jedhan. Kanarraas callaa kuntaalli miliyoona 368 kan eegamu ta'uus ibsaniiru.
Gama misooma Qamadii Boneen lafti hektaara miliyoona 4 misoomsuun callaa kuntaala miliyoona 163.6 argachuuf kan hojjatamu ta'uus ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf pirojektii Finnaa hojiirra oolchuun damdamannaa misooma gammoojjii Oromiyaa ijaaraa kan jiru ta'uu eeranii, bara 2018 pirojektoota buleeyyii 237 ijaaramaa jiran keessaa pirojektoota Finnaa 15 dabalatee pirojektoota 163 xumuruuf karoorfameera, Paampiin bishaan jallisii kuma 23fi 650 ni dhiyaatas jedhan.
Gama dhiyeessii bishaan qulqulluutinis bara kana qorannoon pirojektoota haaraa 23 ni gaggeeffama, pirojektoota bishaanii kuma 2fi 826 ijaaramaa jiran keessaa pirojektoota kuma 2fi 602 xumuruun namoota miliyoona 1.6 fayyadamaa taasisuuf ni hojjetamas jedhaniiru.
Magaalota gara oomishtummaaatti ceesisuun magaalota bakka gurgurtaafi oomishaa taasisuuf kilaastara industirii Godoo kuma 25 oliifi Jiddugala gabaa kuma 2fi 162 ni ijaarama, Gabaan Sambataafi Dilbataa cimee itti fufa jedhaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2018 hoji barbaadota miliyoona 2.7 oliif hojii uumuuf liqii qarshii bil.15.9 ni kenna, bakki oomishaafi gurgurtaa lafa hektaara kuma 98 ni dhiyaata, Sheedii kumni 6fi 818 ni kennama, leenjiin Interpirunarshiipii namoota mil 4.2 ta'aniif ni kennamas jedhan.
Naannoo Oromiyaatti bara 2018 pirojektoota investimentii kuma 10fi 500 kaappitaala qarshii biliyoona 200 argamsiisan ni simatamu, kanarraas carraan hojii namoota miliyoona 1'f ni uumama jedhan.
Gama kilaastera misooma hawaasummaatiin bara 2018 keessa manneen barnootaa bu'uura Boruu kuma 2fi 853, manni jireenya barsiisotaa kuma 30fi 444, manneen barnoota sad.1ffaa 170, manneen barnootaa sad.2ffaa 22 humna waloofi baajaata mootummaan kan ijaaraman ta'uu ibsanii, hirmaannaa barattootaa miliyoona 13 oliin ga' uuf ni hojjatamas jedhaniiru.
Dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyeessuuf manneen qorichaa modeela hawaasaa 127 ni ijaarama, miseensa Inshuraansii fayyaa hawaasaa miliyoona 31.5'tti olguddisuuf, du'aatii haadholeefi daa'immaanii xiqqeessuuf, Ittisaafi to'annoo dhukkubootarratti xiyyeeffannoon akka hojjatamus ibsaniiru.
Naannichatti bara 2018 Galiin Idilee qarshii biliyoona 200.9, Galii Mana Qopheessaa qarshii biliyoona 58.1fi Galii keessoo qarshii biliyoona 28.4 waliigalaan galiin qarshii biliyoona 283.4 kan sassaabamu ta'uus ibsaniiru.
Rakkoo hawaasummaa waloo furuufis miseensota Buusaa Gonofaa kuma 900 horachuuf, Buusiifi gumaataa Buusaa Gonofaa qarshii biliyoona 5.5, Madda Galii Buusaa Gonofaa guddisuuf magaalaatti Gamoo ijaarrachuufi Baadiyaattis Investimentii Qonnaarratti xiyyeeffannoon ni hojjatama jedhan.
Haqa Waloo mirkaneessuufis manneen murtii aadaa jalqabaa 509 ni hundeeffamu, Gaaddisni Manneen Murtii Aadaa kuma 3fi 224 haala duudhaa Oromoo ibsuun ni ijaaramu kan jedhan Obbo Hayiluun, bara kana dhimmoonni kuma 480 manneen murtii aadaa jalqabaatti, dhimmoonni kuma 21 Manneen Murtii Aadaa ol dabarfataatti ni ilaalamus jedhaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gola Oromiyaa hunda keessatti nageenya mirkaneessuuf bara 2018 hojii olaantummaan seeraa kabachiisuu cimee itti fufa jedhanii, naannichatti akkuma kanaan duraa balballi nagaaf baname kan hin cufamne harki nagaaf diriire kan hin dachaane ta'uu irra deebiin ni ibsinas jedhan Obbo Hayiluun.

3070
12:22
25.07.2025
imageImage preview is unavailable
Biirichi sosochii dhaabbii biqiltuu dubartootaafi daa'immanii guutuu Oromiyaatti jalqabsiise
Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 21, 2017- Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa sosochii dhaabbii biqiltuu dubartootaafi daa'immanii guutuu Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti jalqabsiiseera.
Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa sagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamuun, guutuu Oromiyaatti sosochii guyyaa har'aatiin biqiltuun miliyoonni 36 kan dhaabbatu ta'uu himan.
Sagantaa ashaaraa magariisaa biyyi keenya qabattee hojjachaa jirtu keessatti hirmaannaan dubartootaafi daa'immanii olaanaa ta'uu kan eeran Aadde Maabraat, sosochiin kun sagantaa ashaaraa magariisaa biyyi keenya qabattee hojjataa jirtu keesatti hirmaannaa dubartootaafi daa'immanii cimsuun milkaa'ina isaatiif akka tumsan kaayyeeffatee kan qophaa'e ta'uu ibsan.
Daa'imman duudhaa kana fudhatanii guddataa akka deemaniif ergaan kan itti darbuudhas jedhaniiru.
Biqiltuu dhaabuun galma miti waan ta'eef dubartoonni keenya akkuma daa'imman kunuunsan biqiltuus kunuunsuun kaayyoo yaadameef akka dhaqqabsiisan dhaamaniiru. Oliifan Raggaasaatiin
Kallacha Oromiaya💠

Kallacha Oromiaya
2820
11:07
28.07.2025
close
Reviews channel
No reviews
New items
Channel statistics
Rating
7.3
Rating reviews
0.0
Сhannel Rating
0
Subscribers:
17.4K
APV
lock_outline
ER
--%
Posts per day:
0.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий