
Golgaa Casting
Hojiiwwan kanneen akka - Viidiyoo Sirbaaf - Taatummaa Fiilmiif -Taatummaa Tiyaatiraaf - Moodeelota dhiyeessuu fi kkf Nu dubbisuuf Lakk. 0904728190 / 0929429853
Channel statistics
Fiilmii Bikilaa Asfaaw kan mata dureen isaa Finnaaf jedhu, sadarkaa biyyaatti badhaasota gara garaa kan argatee fi Seenaa Artii Oromoo keessatti yeroo jalqabaaf Tele Tv irratti daawwatamaa ture, amma YouTube’n lakkifameera. Link gadii kanaan seenaatii daawwadhaa!
https://youtu.be/KHpzqCL6VtU?si=zO7XFT1OT4YDrwNO
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/_r3xujyB4qI?si=fs7VR1HUGR0i2yxs
#Tiyaatirichi_har'a eebbifama
Hojiin tiyaatiraa damee ogaartii keessaa tokko ta’ee karaa ittiin seenaa dabe qeeqanii sirreessaniifi gootonni faarfatamuu qabanimmoo ittiin leellifaman isa guddaadha.
Addattimmoo gootota biyyasaanii faayidaa dhuunfaan gurgurachuu mannaa, lafeesaanii itticabsanii dhiigasaanii dhangalaasuun birmadummaashee tiksan hedduun Oromiyaafi Orumummaa keessaa akka biqilan galmee seenaa dabalatee nama lubbuun jiru hedduutu ragaa baha.
Namoonniifi garee muraasni taatee kana dibaabee sobaatiin gaaddiddeessanii dhoksuu yaalanis, baraafi yeroosaa eeggatee har’a dhaloota dhugaa firoomfatanii dharatti diinomaniin gootonni qeeqamuu qaban qeeqamaa; kanneen ijaarsa biyyaa keessatti shoorrisaanii akka tulluu olbahee mul’atu ammoo, afaan aartiitiin faarfatamuu eegalaniiru.
Gootota Oromoo gootummaasaanii yeroo weerartoonni Xaaliyaanii meeshaa ammayyaa hidhatanii birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf ittiduulanitti, “Utuu nuyi jirruu biyyi hinweeraramtu” jechuun man’ee diinaa mancaasanii biyya kufuuf turte lafeesaaniin utubanii dhaaban keessaa tokko Baalchaa Abbaa Nafsooti.
Hamma gootummaasaanii dubbatamuufii baatus, akkuma Oromoon “Dhugaafi aduun hindhokatan” jechuun mammaaku yeroo ammaa kana jalqabbiin gama hojii aartiitiin mul’achaa jiru abdii kan namatti horuudha.
Kanaafis tiyaatirri haaraa matadureen, “Baalchaa Abbaa Nafsoo” jedhamu kan Dhaabbanni Bulchiinsa Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee qopheesse har’a eebbifamu agarsiistuu tokko.
Artistoonni kallattiilee adda addaatiin seenaa tiyaatirichaa keessatti qooda fudhatan yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti; seenaa goota akka Baalchaa Abbaa Nafsoo tiyaatiraan waltajjiirratti dhiyeessuun daran ulfaatus hojichatti garuu baay’ee boonneerra jechuun dubbatu.
Manni tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee sababa haaressaatiif waggoota muraasaaf tajaajila addaan kutee ture, tiyaatira seenaqabeessa kanaan tajaajila kennuu eegaluunsaa immoo gammachuu jaalattoota tiyaatiraa dachaa taasiseera.
Tiyaatira Baalchaa Abbaa Nafsoo keessatti taatoo ta’ee hojjechuusaatiin gammachuu guddaan akka ittidhagame kan dubbatu artistii buleessi Abraar Abdoo, hojii tiyaatiraa tokkoon gootummaa Baalchaa guutummaatti ibsuun ulfaataa ta’us; jalqabbiin amma jiru garuu hojii dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu akka danda’u dubbata.
Haaluma walfakkaatuun Baalchaan gootaafi gaaddisa biyyaa, kan gootummaasaa ibsuun namatti ulfaatu ta’uufi gootummaafi jaalala inni biyyasaaf qabu aartiin ibsuun hojii jajjabeeffamuu qabu ta’uu kan ibsanammoo miseensa waldaa gootota durii Itoophiyaa Dhibbaalaa Guddataa Galmeessaati.
Akka isaan jedhanitti, Baalchaan ilma dhiiraa gaafa xiiqiifi lolaa duubatti hinjenne, fakkeenya gootummaa Itoophiyaati.
Raawwachiisaan Hojii Bulchiinsa Dhaabbata Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee Obbo Fitsum Zagayyee tiyaatiricha ilaalchisuun ibsa galma Tiyaatiraafi Aadaa Magaalaa Finfinneetti miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti; hojii seenaqabeessa kanaan galmi Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee hojii jalqabuufi hojiilee wwan akka kanaa fuuldurattis kan ittifufan ta’uu ibsaniiru.
Akkuma kana Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaafi qopheessaan tiyaatirichaa Doktar Tashaalaa Asaffaa, kanaan dura tiyaatira seenaa goototaarratti xiyyeeffatu hedduu hojjedhus, kan Baalchaa Abbaa Nafsoo kun garuu hojii miira gootummaa addaa nakeessatti uume waanta’eef, qopheessaa tiyaatirichaa ta’uu koof gammachuu guddaatu natti dhagahamas jedhaniiru.
@Fiilmiin
Siitkoomii Hirkoo Boqonnaa sadaffaa darbaa jiru irratti kallattii garagaraan yaadni fi qeeqonni ka’aa jiru. Kuni akka dhuunfaa kootti waan gaaridha jedheen amana. Sababni isaammoo daawwataan keenya miira akkamiin nu hordofaa jira kan jedhu ittiin adda baasuuf baayyee fayyada.
Siitkoomiin Hirkoo Akkuma boqonnaa lammaffaa irratti gochuu eegale, boqonnaa kana irrattis taatowwan biroo dabalatee dhufeera. Kuni waan jajjabeeffamuu fi baratamuu qabudha jedheen yaada. Qooddattoota dhufanii fi ijaarsa eenyummaa isaanirratti gaaffiiwwan ka’an akkuma jiranitti ta’ee jechuudha.
Kan biraan ammoo Siitkoomiin Hirkoo boqonnaa sadaffaan Qooddattoota ijoo ammaan dura turan kanneen akka Hirkoo fi Tiyyaa dhiisee as ba’e. Kanaan wal qabatee Qajeelchaa fi Producer ri Siitkoomii kanaa Galataa Ijaaraa karaa YouTube Kalaqan Entertainment deebii laateera.
Ammas taanan garuu Daawwattootni bakka lamatti citanii yaada isaanii kennaa jiru. Gama tokkoon Siitkoomii mata dureen isaa Hirkoo jedhamu keessaa qooddataan Hirkoo jedhamuufi Qooda jabaa kan taphattu Tiyyaan dhabamuu isaaniin qeeqa jabaa kaasaa jiru. Gartuun lammataa ammoo Inni guddaan hojii hojjatamaa jirudha, sababa Taatoowwan muraasaan hojiin dhaabachuu hin qabu kan jedhan jiru. Lachuu mirga guutuu qabu.
Namootni namoota qeeqa isaanii jala deemuun yaada otuu hin taane arrabsoo garagaraa, yaadota kanneen akka “Inaaffaadha, gufuu aartii oromoo, Ati maal hojjatte?, siin maaltu si galche?” Jedhan barreessitan waa’ee qeeqaa (critics) dubbisaa. Yookaan anuu yaada koofii maalummaa Qeeqaan nan deebi’a.
Mee isin maal jettu?
@Fiilmiin
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/VjjtwzGkZv8?si=4KVXpJnyfMLGpQkx
@CastingAO_bot irratti suura dhaabbii keessan sirritti argisiisu, Maqaa guutuu, Lakkoofsa Bilbilaa fi Iddoo jiraattan nuuf ergaa
@CastingAO_bot
Siitkoomii Afaan Oromoo haaraa. Guyyaa kaleessaa barattoota marsaa lammaffaa Akkaadaamii keenyatti leenji’an eebbisiisuun keenya ni yaadatama. Barattootni kun ammoo project eebba isaanii Siitkoomii “Waan Baraa” jedhu kanaan eebbifaman. Siitkoomiin kun Walta’iinsa Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa fi Tv OBN’iin sanbata xiqqaa yeroo hunda galgala sa’aatii 2:30 irraa kaasee. Akkasumas Yuutuubii Abbaa Lataa Acting Academy irraan sin bira kan ga’u ta’a. Trailer isaa seenaatii ilaalaa. Subscribe gochuunis maatii keenya ta’aa!
Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa
Galma Kalaqaa fi Dandeettii
Reviews channel
4 total reviews
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Golgaa Casting is a Telegram channel in the category «Сливы Заработок», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 3.1K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 12.3, with 4 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 12.0 ₽, and with 7 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий