
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
17.5

Advertising on the Telegram channel «FBC»
5.0
Maddi Oduulee: FBC AFAAN OROMOO Maxxansa Public FBC Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti, hubadhu. Sababaadhuma isaan Telegramaan odeeffannoo Maxxansaa hin turreef, Bara 2019 irraa hundeesse. ↪️ Contact:
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$12.00$12.00local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
Shakkamtoonni baala sammuu namaa adoochu Kaanaabiis jedhamu mana jireenyaa keessa dhoksanii argaman to’ataman
Finfinnee, Hagayya 11, 2017(FMC) – Magaalaa Finfinneetti Shakkamtoonni baala sammuu namaa adoochu Kaanaabiis jedhamu Kiiloo Giraama 100 mana jireenyaa keessa dhoksanii argaman to’ataman jedhe Poolisiin magaalichaa.Sakattoo fi hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaniin shakkamtoonni kunneen kutaa magaalaa Gullallee aanaa 8 bakka addaa ‘Ajiippi Tootaal’ jedhamutti mana jireenyaa tokko keessatti to’atamuu ibse.Shakkamtoonni kunneen qorichicha gabaaf dhiyeessuuf wayita qophiirra jiran to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee Faanaa Diijitaalitti himeera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanor...
2015
14:53
17.08.2025
imageImage preview is unavailable
Aanaa Tantaatti sigiga lafaa mudateen maatii tokko keessaa lubbuun namoota 4 darbe
Finfinnee, Hagayya 11, 2017(FMC) – Naannoo Amaaraa Godina Kibba Walloo Aanaa Tantaatti sigiga lafaa mudateen maatii tokko keessaa lubbuun namoota 4 darbe.Dhagaan jiguun mana jireenyarratti kufuun lubbuu namoota kanneenii galaafachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii aanaa Tantaa Obba Warqinaa Malaakuun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.Sababa kanaan maatiin qonnaan bulaa tokkoo mana keessa turan namoonni 4 lubbuun darbuu eeran.Hanga ammaatti reeffi nama tokkoo qofti argamuu fi kan namoota biroo barbaadamaa jiraachuu himan.Dhagaan Konkolaate daran guddaa ta’uu hordofee reeffa baasuun rakkisaa ta’uu ibsan.Abeel Nawaayitu gabaase.#Oromia #Ethiopia
2044
19:32
17.08.2025
imageImage preview is unavailable
Mootummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii Salphisuuf ejjennoo qaba- Obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Hagayya 12, 2017 (FMC) – Mootummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii salphisuuf ejjennoo qabachuun hojjechaa jira jedhan Ministitrri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen. Ministeerri Maallaqaa Tajaajila Mootummaa fi Riifoormii Bulchiinsaa gara hojitti galchuu isaan Komishinii Siviil Sarviisii Itiyoophiyaa irraa beekamtiin kennameefira. Obbo Ahimad Shideen wayita kanatti ,riifoormii mootummaan waggoottan darban gaggeesseen bu’aan qabatamaan argameera…
https://www.fanamc.com/afaanoromoo/mootummaan-dhiibbaa-jireenyaa-lammiilee-miindeeffamtoota-dhaabbii-salphisuuf-ejjennoo-qaba-obbo-ahimad-shidee/
1785
15:15
18.08.2025
imageImage preview is unavailable
Ispuutinik Itiyoophiyaatti tamsaasa raadiyoo eegale
Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC) – Ispuutinik Itiyoophiyaatti tamsaasa raadiyoo eegaleera.Sagantaaleen Ispuutinik Afrikaa Finfinneefi naannawaa isheetti gama Raadiyoo Hawaasaa Yuuniivarsiitii Finfinnee FM 99.6’n dhaggeeffattoota miiliyoona 6 bira gahuu eegaleera.Yeroo ammaa kana dhaggeeffattoonni karaa buufata raadiyichaa, sagantaalee xiinxalaa Afaan Amaaraafi Ingiliffaan gaazexeessitoota Ispuutinik Itiyoophiyaanota ta’aniin qophaa’an dhaggeeffachuu ni danda’u.Ispuutnik dhaabbata idil-addunyaa yoo ta’u afaanota 36 sagantaalee isaa kan tamsaasu; addunyaarraa giddugaloota qabiyyee 15 kan qabudha.Dhaabbatichi bara faranjootaa 2025’tti giddugala qabiyyee magaalaa Finfinneetti baneera.Dabalataanis biyyoota Afrikaa 7; Naayijeeriyaa, Giinii, Zaambiyaa, Kaameeruun, Maalii, Niijer fi Boostiwaanaatti sagantaalee isaa dabarsaa jira.Ispuutinik Afrikaan miseensaafi badhaafamaa Gamtaa Biroodkaastiingi Af...
1524
21:27
18.08.2025
imageImage preview is unavailable
Doonaaldi Tiraamp fi Vooloodmiir Zeleniiskiin Waayit Haawusitti wal argan
Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC) –Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeleniiskiin yeroo lammataaf Waayit Haawusitti wal arguun mari’ataniiru.Marii isaaniin haala waraana Raashiyaa fi Yuukreen dhaabsisuun danda’amurratti, tattaaffiiwwan nageenyaa, deeggarsa Ameerikaa fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.Pireezidaanti Doonaald Tiraamp marichaan, waraanichaan dhumaatii namootaa hambisuuf yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka deeggaran ibsaniiru.Waliigalteen kunis haala qaama tokko qofa fayyadeen godhamuu akka hin qabne ibsan.Nuti nageenya fiduuf hojjenna kan jedhan Doonaald Tiraamp, waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa osoo hin taane waliigaltee nageenyaa waaraarra gahamuu akka qabu hubachiisan.Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeleniiskiin gamasaaniin, Yuukreen waraanicha dhaabuuf daandii dippiloomaasii barbaaduuf q...
1194
11:10
19.08.2025
imageImage preview is unavailable
Oomishaalee Sharafa Alaa hambisan 96 …..
Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC)- Ministeerri Indaastirii oomishaalee gosa 96 sharafa alaa hambisan biyya keessatti oomishamaa jiru jedhe.Galii Mootummaa guddisuu fi baasii sharafa alaa hir’isuuf indaastiriiwwan oomishaaleef xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhan Ministeerichatti Hogganaan Damee Sosochii Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu Dooktar Ayyaanaa Gabree.Haaluma kanaan oomishaaleen sharafa alaan bitamanii biyya keessa galfamaa turan biyya keessatti bal’inaan oomishamaa jiraachuu ibsuun, kana keessaa 96 adda baafamuun indaastirii oomishaalee garaagaraa keessatti oomishamaa jiru jedhan.Oomishaaleen kunneen oomishaalee alaa galaa turan bakka buusuu keessatti gahee olaanaa bahataa jiraachuu eeranii, Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun bu’aaleen argamuu kaasaniiru.Hanga ammaatti hojiileen hojjetamaniin jijjiiramni argamuu kaasuun, rakkoo damichaan mudatu furuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan h...
899
15:53
19.08.2025
imageImage preview is unavailable
Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon gara ergama kennameefitti ni seenu – Ministeericha
Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC) – Waggoota itti aananitti Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon guutuumaan guutuutti gara ergama ramadamanitti ni seenu jedhe Ministeerri Barnootaa.Ministirri Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Korraa Xooshinee Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti akka himanitti, Dhaabbileen Barnoota Olaanoo bara darbee irraa eegalee damee hojii waliigalaa fi qorannoo itti ramadamanitti seenaniiru.Sadarkaan isaa wal haa caalu malee Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon hundi gara toora ergama isaaniitti galuus dubbatanii, mootummaan Yuuniivarsiitotaaf deggersa addaa kennee humna isaanii guutuun gara ergama kennameefiitti akka galaniif ni hojjetas jedhan,Yuunivarsiitiwwan akkaataa ergama isaaniin adda baasuun humna namaa ogummaa gahaa gonfate horachuu akkasumas barattoota indaastiriiwwanin walitti hidhuun hoji-dhabdummaa hir’isuuf akka gargaaruu ibsan.Indaastiriiwwan ...
1137
15:53
19.08.2025
Yaa’iwwan Finfinneetti gaggeeffaman Dippiloomaasii Magariisaaf fayyadamuun barbaachiisaadha
Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC)- Yaa’iwwan idil Addunyaa fi Ardii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffaman dippiloomaasii Magariisaaf fayyadamuun barbaachiisadha jedhan Hayyoonni Hariiroo Idil Addunyaa.Yaa’iin 2ffaa Eegumsa naannoo Afrikaa Itiyoophiyaan keessummeessitu muuxannoo Ashaaraa Magariisaa kan itti qooddu ta’uu Hayyuun Hariiroo Idil Addunyaa fi Dippiloomaasii Piroofesar Biruuk Hayiluun ibsaniiru.Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojiilee Itiyoophiyaan damee Qonnaa fi Eegumsaa naannoon raawwateen yaa’icha qopheessuuf filatamtuu ishee taasisa kan jedhan immoo Xilaahuun Kabbadaati.Taateen kun dhiibbaa uumtummaa Itiyoophiyaas kan guddisuudha jedhan.Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf hojiileen hojjetteen yaa’icha dippiloomaasii Magariisaaf fayyadamuu akka qabdu hubachisaniiru.Yaa’ichaan Itiyoophiyaan hojiilee Ashaaraa magariisaan waggoo...
967
15:53
19.08.2025
imageImage preview is unavailable
Ijaarsi Daandii Saffisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa hariiroo daldala naannawichaaf faayidaa olaanaa qaba – Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC)- Ijaarsi Piroojektii Daandii Saffisaa Mi’eessoo – Dirre Dhawaa walitti Hidhamiinsa daldalaa naannawichaa fi Hariiroo Ummataa fi Umamataaf faayidaa olaanaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.Sagantaan eegalchiisa Daandii Saffiisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffameera.Daandichi baasii geejjibaa fi balaa tiraafikaa kan hir’isu ta’uu Aadde Caaltuun dubbataniiru.Guddinaa fi badhaadhina biyyaaf murteessaa ta’uu eeruun, ijaarsa bu’uuraalee misooma daandiif xiyyeeffannoon kennameera jedhan.Ijaarsi Pirojeektii daandii saffiisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa kanaan dura sa’aatii shanii ol fudhataa ture gara Sa’aatii 1:30 tti kan hir’isuu ta’uus Aadde Caaltuun kaasaniiru.Akkasumas Pirojektichi qaama Ins...
604
21:14
19.08.2025
imageImage preview is unavailable
Komishinichi Ijaarsa Manneen harka qalleeyyii Aanaalee Ejersa Lafoo fi Dandiitti eegalchise
Finfinnee, Hagayya 13,2017 (FMC)- komishiiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Tajaajila Tola Ooltummaa gannaan Godina Shawaa Lixaa Aanaalee Ejersa Lafoo fi Danditti Ijaarsa Manneen harka qalleeyyii eegalchiiseera.Sagantaa eegalchiisaa irratti Komishinara Komishiinichaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen, Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.Manneen ijaaraman kunneen deeggarsa Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaan yoo ta’u yeroo, gabaabaa keessatti xumuramuun kan dabarfaman ta’uun ibsameera.Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen, manneen ijaaraman kunneen meeshaalee barbaachiisoo kan of keessaa qabanii fi sadarkaa qulqullina olaanaan kan ijaaraman ta’uu dubbataniiru.Bulchaan Godinichaa obbo Didhaa Guddataan gamasaaniin, deeggarsa Komishiinichi kenneef galateeffachuun, hoji...
656
21:14
19.08.2025
close
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeennew@******.io
On the service since June 2022
31.07.202517:58
5
Everything is fine. Thank you!
New items
Channel statistics
Rating
17.5
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
1
Subscribers:
17.0K
APV
lock_outline
ER
9.0%
Posts per day:
6.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий