
- Main
- Catalog
- Motivation & Self-Development
- Advertising on the Telegram channel «Ephrem Diriba»
Advertising on the Telegram channel «Ephrem Diriba»
Welcome to Ephrem Diriba Channel!
Many of those who follow our advice, training and continuing education are young and active. our program is all based on the Bible. we welcome any ads that do not conflict with our services.
Channel statistics
Qajeelummaa, Qulqullummaa fi Ulfina Justification, Sanctification & GlorificationQulqullummaa (Sanctification) Qajeelummaan battala Yesuus Kiristoositti amanne fuula Waaqayyoo duratti kan nuuf lakkaa'amu yoo ta'u, Qulqullummaan garuu adeemsa hamma Ulfinaatti itti fufudha. Waamamneerra/fayyineera/qajeelummaa arganneerra. Isa arganne kana hojiin mullisuutu Qulqullummaa jedhama. Hojiin gaarii nuti hojjennu kam iyyuu fayyuu keenya mullisa malee akka fayyinuuf ga'ee tokkoyyu hin qabu.
📖 2 Qorontos 3:18 Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufeetti in diddiiramna.Yesuus Kiristoositti amanuu keenyaan namummaa irraa gara Ergamoota Waaqayyoo ta'uutti hin geedderamne, foon keessaa baanees hafuura hin taane. Qajeelummaa guutuu ta'e fuula Waaqayyoo duraa qabaannus fooniin garuu dadhabuu fi kufaatiin inumaa jira. Ta'us Waaqayyo inni dhiiga ilma isaan bitee ijoollee isaa nu godhate, akka nuti ilma isaa fakkaachuutti guddannu (Qulqullummaa) nurraa haa barbaada
📖 1 Tasaloniiqee 4:3,7 ³ Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha. ... ⁷ Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame.
📖 1 Phexros 1:15-16 ¹⁵ Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa! ¹⁶ Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, “Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis qulqulloota ta'aa!” jedheera.Haa ta'u malee, akkuma fayyinni keenya guutummaatti humna Waaqayyootiin ta'e, akkasuma adeemsa Qulqullummaa keenya eegalee, hamma guyyaa ulfinaatti kan fiixaan baasu Waaqayyo mataa isaati. Namni qofaa isaa dandeettii akkasii hin qabu'o.
📖 Filiphisiiyus 1:6 Waaqayyo inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hamma guyyaa Kristos Yesus deebi'ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha.
📖 Ibroota 12:2 Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.
📖 1 Tasaloniiqee 5:23-24 ²³ Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif isin haa qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosittis hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu! ²⁴ Inni isin waame amanamaa waan ta'eef, kana in godha.Kana jechuun garuu waanti nurraa eegamu hin jiru jechuu miti. Fedhii Waaqayyoo nu keessa kaa'uuf abboomamuu fi dubbii isaa isa nama qulqulleessu soorachuun guddina keenyaaf waan ijoodha.
📖 Filiphisiiyus 2:12-13 ¹² Kanaafis yaa michoota ko! Yeroo hundumaa akkuma abboomamtan, yeroon isin bira jiru duwwaa utuu hin ta'in, caalaadhumatti yommuun isin bira hin jirre akkasuma godhaa! Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom'aan itti fufaa hojjedhaa! ¹³ Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta.
📖 Hojii Ergamootaa 20:32 HABH Ani amma Waaqatti, akkasumas dubbii ayyaana isaa kan isin ijaaruu dandaʼuu fi kan warra qulqullaaʼan hunda keessatti dhaala isinii kennuu dandaʼu sanatti isinin kennadha.
📖 1 Phexros 2:2-3 HABH ¹ Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa; ³ isin gaarummaa Gooftaa dhandhamattaniirtuutii.🕊 Dabalataan Ilaali: • Qajeelummaa 1 & 2 • Ulfina (very soon) • Kiristaanni Maali? (Yeroo dhiyootti) ———————————— @EphremDiriba | YouTube Gaaffiif: Direct Message 🏠 Ka'umsa
Qajeelummaa, Qulqullummaa fi Ulfina Justification, Sanctification & GlorificationQulqullummaa 1
Qajeelummaa, Qulqullummaa fi Ulfina Justification, Sanctification & GlorificationQajeelummaa | Kutaa 2 Qajeelummaan waan baayyee qaalii (Yesuus; Waaqni nama ta'uu, du'uu fi du'aa ka'uu kan barbaachise) nuuf garuu bilisaan kan kenname kennaa tolaati.
📖 Roomaa 4:25 Yesus irra-daddarbaa keenyaaf du'atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuufis du'aa kaafame.
📖 Roomaa 3:23-24 ²³ Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera. ²⁴ Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u.
📖 Efesoon 2:8-9 HABH ¹ ⁸ Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti; ⁹ akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.Qajeelummaa fayyina (Jireenya Barabaraaf) barbaachisu argachuudhaaf, hojiin Yesuus hojjete ga'aa miti, amantii duwwaan ana hin fayyisu namni jedhu abaarsa ofirratti fida. Abaarsi kunis jireenya dhabuudha. Wangeelli fayyinaa lama hin jiru'o.
📖 Galaatiyaa 1:6, 8 ⁶ Isa karaa ayyaana Kristos isin waame irraa garagaltanii, akkas ariifattanii gara wangeela kan biraatti goruu keessaniif nan dinqifadha. ... ⁸ Haa ta'u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta'u!Kiristaanummaa amantaawwan addunyaa kana irratti argaman hundumaa irraa adda kan godhan keessaa tokko, fayyinni gochaawwan nurraa eegaman raawwachuu keenya irratti hundaa'ee waan gara fuulduraatti nuuf kennamu utuu hin ta'iin, al tokkicha hojii Yesuus Kiristoos nuuf hojjetetti amanuu duwwaan kan argannu ta'uu isaati.
📖 Ibroota 10:12, 14 ¹² Kristos garuu al tokko aarsaa dhi'eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa'e. ... ¹⁴ Al tokkicha aarsaa dhi'eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf akka fiixaan ba'an godheera.Kanaafis yakkamaan firdii du'aa jala ture, "lakki ati barabaraan qajeelaadha, amantiin kee qajeelummaatti siif lakkaa'ameera" jedhamee bilisa ba'eera. 🕊 Dabalataan Ilaali: • Qajeelummaa 1 • Qulqullummaa (very soon) • Bu'aa Yesuusitti Amanuu ———————————— @EphremDiriba | YouTube Gaaffiif: Direct Message 🏠 Ka'umsa
¹HABH: Hiikkaa Ammaayyaa Banamaa Haaraa
Tarii mata duree kanaan qabxiiwwan gara garaa itti fufiinsaan dhiyeessuun danda'a ta'a. Yeroo baayyee cubbuu ta'uun isaanii kan nutti hin beekamne, Utuma ofirratti arginuu dogoggora jennee malee cubbuu jennee kan nuti hin hiikne tokko tokko ni jiru. Har'a tokko qabadhee dhufeera:Dhibaa'ummaa Macaafa Qulqulluu keenya keessatti; Dhibaa'ummaan, ejja fi lubbuu ajjeesuu waliin tarreeffamee argina.
Qajeelummaa, Qulqullummaa fi Ulfina Justification, Sanctification & Glorification➡️ Qajeluummaan ulaagaa namni fuula Waaqayyoo duratti ittiin fudhatama argatudha. Eenyuyyuu qajeelummaa fuula Waaqayyoo dura isa dhaabbachiisu yoo hin qabaanne tasuma mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u!
📖 Maatewos 5:20 “Ani isinittan hima, qajeelummaan keessan qajeelummaa warra barsiisota seeraatii fi Fariisotaa irra guddaa yoo caaluu dhaabaate, mootummaa waaqaatti gonkumaa hin galtan" isaaniin jedhe.”Kutaan kun: barsiisonni seeraa fi Faarisonni nama kam caalaayyu seera ni eegna; ni eegsifna jechuutiin kan beekaman ta'us, qajeelummaan isaan karaa seera eeguu fi eegsisuutiin galmeessan garuu fuula Waaqayyoo duratti ga'aa akka hin taane fi kan isaanii kan caalu akka nu barbaachisu dubbata. Garuu namni akka keenyaa seera barreeffamaa illee hin qabne tokko, akkamitti qajeelummaa fuula Abbaa duratti ga'aa fi quubsaa ta'e qabaachuu danda'a? Kun ulaagaa baayyee ulfaataa fi namni kamillee guutuu hin dandeenyedha.
📖 Roomaa 3:10 “Caaffanni qulqullaa'aan, "Namni qajeelaan hin jiru, lakkii, tokko illee hin jiruu..." jedha”Kitaabni Qulqulluun namni hundinuu qajeelummaa ga'aa akka hin qabne fi qabaachuu akka hin dandeenye ibsee dhiisa utuu ta'ee abdii tokkoyyu hin qabnu ture. Kana mannaa misiraachoo dinqisiisaa nuuf qaba! Innis; Namni Kamiyyuu Ilma Waaqayyoo Yesuus Kiristoositti Amanuu Duwwaan Qajeelummaa Argachuu Akka Danda'udha.
📖 Roomaa 3:28 “Namni waan seerri abboomu hojjechuudhaan utuu hin ta'in, amanuu duwwaadhaan Waaqayyo duratti qajeelaa akka ta'u cimsinee in barsiifna.”Kanaanis guutummaa guutuutti Abbaa biratti fudhatama waan arganneef warra cubbuu isaaniitiif isa baqatan utuu hin ta'iin warra isa wajjiin nagaa qabani fi ijoollee isaa taaneerra.
📖 Roomaa 5:1 “Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna.”
📖 Yohannis 1:12 “Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha.”Itti Fufi 🕊 Dabalataan Ilaali: • Ayyaanaan Fayyifamuu • Qulqullummaa • Ulfina ———————————— @EphremDiriba | YouTube Gaaffiif: Direct Message 🏠 Ka'umsa
Taabota Kakuu Moofaa fi HaaraaKitaabni kakuu moofaa, kakuu haaraadhaaf gaadidduu akka ture, qaamni inni dhugaan (Kiristoos) akka mul'ate hundi keenyayyu ni beekna.
— Qolosaayis 2:17 — “Isaan kun gaadidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos.”Kana jechuun ija keenya gaadidduu irraa kaafnee isa dhugaarra godhachuu qabna jechuudha. Sababni isaas erga inni dhugaan argamee gaadidduun homaa waa'ee nuuf hin baasu. ➡️ Haaluma kanaan Taabotni fi waanti isa keessa ture, kakuu haaraa keessatti hiika mataa isaa qaba. Taabotichi inni duraa sun nun barbaachisu yoo ta'eyyu waanti qabatamaan kakuu haaraa keessatti isatti fakkeeffame garuu jireenya keenyadha. Taaboticha Keessa Maaltu Ture?
📖 Ibroota 9:4 “Achi keessa immoo iddoo aarsaa isa warqee irraa hojjetamee ixaanni irratti aarfamu, akkasumas sanduuqa kakuu guutummaan isaa warqeedhaan uffifametu jira; killi warqee inni maannaa baatu, uleen Aaron inni late, akkasumas gabatoonni dhagaa lamaan warri abboommonni irratti caafaman, sanduuqa sana keessa in kaa'amu.”➡️ Dhagaa lamaan Seera Kurnanii, Mannaa fi Ulee Aaroon ishee margite
Kakuu Haaraa Keessatti:1. Taabota → Amantoota (Saba Waaqayyoo)
1 Qorontos 3:16 Isin mana qulqullummaa Waaqayyoo (hiikkawwan durii tokko tokko 'taabota' jedhu) akka taatan, hafuurri Waaqayyoos isin keessa buufatee akka jiru hin beektanii ree?2. Dhagaa lamaan Seera Kurnanii → Laphee Amantootaa
Ibroota 8:10 Guyyoonni sun yeroo ga'an, kakuu ani mana Israa'eliif kakadhu, ‘Seera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis isa nan caafa; ani isaaniif Waaqayyo nan ta'a, isaanis anaaf saba in ta'u, isa jedhuu dha’ jedha gooftichi.3. Mannaa → Buddeena Jireenyaa - Yesuus
Yohannis 6:35 yommus Yesus, “Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu. ”4. Ulee Aaroon Ishee Margite → Filannoo Waaqayyoon Tajaajiluu
Ibroota 5:4 Akkuma Aaron waamame innis Waaqayyoon in waamama malee, namni tokko illee ulfina angafa lubummaa kana ofiin hin fudhatu.
1 Qorontos 12:11 Hafuurri innumti tokkichi sun hojii kana hundumaa hojjetamuudhaan in ga'a; inni akka jaalala isaatti tokkon tokkon namaaf kennaa addaa in hira.➡️ Kennaa ayyaanaa ittiin tajaajilan hafuurichatu akka jaalala isaatti tokkon tokkoo keenyaaf kenna malee akka fedhe keenyaatti ofii fudhanna miti. 🕊 Dabalataan Ilaali: • Taabotni Maali? • Hiikni Cuuphaa Maali? • Jireenya Kiristaanummaa ———————————— @EphremDiriba | YouTube Gaaffiif: Direct Message 🏠 Ka'umsa
Reviews channel
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «Ephrem Diriba» is a Telegram channel in the category «Мотивация и саморазвитие», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 4.9K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 12.4, with 1 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 1.2 ₽, and with 2 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий