
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
12.3

Advertising on the Telegram channel «Gaaffii Keessaniif Deebii»
Religion & Spirituality
Language:
Other
0
0
Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$6.00$6.00local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
👏 #Gadhiifameera👏
Torbee Dhukkubbii Miidiyaa Sootiriyaa Waliin‼️
Torbee Dhukkubbii Gooftaa sababeeffachuun sagantaalee addaa isiniif qopheessine keessaa qophii Dhimbiibbaa keenyaan sagantaa "Dhukkubbii Dubbii Waaqummaatiin" jedhu kan isiniif qopheessine kutaa 1ffaa kana akka daawwattan jaalala Gooftaan isin affeerree jirra. Obboloota keessaniif qoodaa, tajaajilichas jajjabeessaa!
"Gooftaan keenya nama ta'ee gidiraa fudhate; gidiraa isaatiinis nu fayyise"
Tajaajilicha jajjabeessuuf chaanaalii YouTube Miidiyichaa #Subscribe, #Share , #Like fi #Comment akka gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna!👇
https://youtu.be/uTaBVNC2SjQ?si=HDHzJ1F62TswsnZt
1390
20:57
14.04.2025
👏 #Gadhiifameera👏
🎙Kunoo Booji'ame‼️🎙
"...maaliif na ari'atta?..." HDB 9÷3-6
#Faaruu #መዝሙር
Walaloo: Meggaabe-Sibhat Luba Abiyyi Zallaqaa
Yeedaloo: Meggaabe-Sibhat Luba Abiyyi Zallaqaa
Sagalee: Istuudiyoo Zagoollaa
Suur-Sagalee: Istuudiyoo Soootiriyaa
Piroodaakshinii: Miidiyaa Soootiriyaa
Kaameeraa fi Idiitingii: Habtaamuu Wasanuu
⚜️Miidiyaa Sootiriyaa⚜️
🎙 Miidiyaa #Seeraa fi #Sirna Mana Kiristaanaa Ortodooksi #Tawaahidoo Itoophiyaa Eegee Barumsa Mana Kiristaanaa (#Doogmaa, #Qannoonaa fi #Darbii_Darboo Qulqullaa'oo) Barsiisu.
Yaadaa fi gaaffii yoo qabaattan yeroo kamiyyuu nuun gahuu dandeessu!👂👀
Tajaajilicha jajjabeessuuf chaanaalii YouTube Miidiyichaa #Subscribe, #Share , #Like fi #Comment akka gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna!👇
https://youtu.be/dPbUqSUrYAY
1186
21:57
16.08.2025
AYYAANA Tulluu TAABOR
👏Baga Geessan!👏
Ayyaanoota gurguddoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos salgan(9) keessaa ayyaanni tulluu taaboor isa tokko dha. Ayyaanni kun amantoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti 'Buhe' bakka tokko tokkotti immoo 'Ukee' jedhamuun beekama. Tulluun taabor maqaan gaara yoo ta'u tulluun galaana Galiilaa irraa karaa Kibba-dhihaa km 10 fagaatee argamudha. Waa’ee tulluu kanaa wangeelawwan (kitaaba kakuu haaraa) irratti kan ibsame tulluu dheeraa jedhamu (Maat.17:1) irraa kan hafe maqaa Taabor jedhee hin ibsine. “Taabor” jedhamuu isaa kan dubbatan yaa'ii duuka bu'oota irrattidha. Haa ta'u garuu kakuu moofaa keessatti waa'ee Tulluu taabor mul'inaa dubbatame jira (Mac. Abboota Firdii 4:6-14). Qulqulluun Daawiitiis waa'ee tulluu kanaaf dursee raajii akkas jedhu dubbateera. “Tulluun Taaborii fi tulluun Harmooniyaa maqaa keetti in ililchu. Irreen kee humna kee waliini dha, harkii kees ni jabaatte mirgi kees ol ol jette”( Faar. 88/89:12-13) jechuu raajiin dubbatameeraaf.
Gooftaan keenya Qisaariyaati “Namootni dhala namaan eenyuu jedhanii waamuu?” jedhee erga gaafate guyyaa jaha booda bartoota kaaniin tulluu jalatti dhiisee bartoota sadii: Pheexiroos, Yaaqoobiif Yohaannisiin qabatee gara tulluuttu ol-bahee. Tulluu irras yeroo turanitiis fakkiin gooftaa keenyaa akka aduu ifee, huccuun isaas akka cabbii adii ta’e. Yeroo kanas ifa waqummaa isaafi aangoo gooftummaa isaa ibseeraf(Luqaas 9:29)
Tulluu kana irratti erga du’ee bara baay’ee kan lakkoofsiseefi awwalli isaa Waaqayyoon ala namni kamuu kan hin beekne Musee akkasumas Eeliyaas ibiddaa saragallaan gara biyya jiraattotaatti kan fudhatame ifa Waaqummaa Isaatiin akka namootni yaadan Musees, Eeliyaasis akka hin taane isaan hubachiisera. Inni uumaa Musee fi Eeliyaas malee akka isaanii uumamaa akka hintaanes namoota akkasitti yaadan hundaaf mirkaneesse jira. Egaa kana booda Tulluu Taabor irratti Akkeenyummaa Isaa, kabaja Isaa, walumaagalatti maalummaa Isaa kan ibse Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan arge Qulqulluun Pheexiroos tulluu kana irraa bu’uu hin barbaadne. Kanaaf “Yaa Gooftaa as jiraachuun nuuf gaariidha”jechuun hawwiisaa ibsate. Tulluun Taabor fakkeenya Mana Kiristaanaa keenyadha. Tulluun kun jireenya qulqulleettii Mana Kiristaanaa keenyaa baay’ee mul’ise agarsiisa. Qulqulluu Pheexiroos tulluu kana “Tulluu Qulqullaa’aa” jedhee waamee jira( 2phex 1:17-18).
Qulqulluun Pheexiroos Tulluu Qulqullaa’aa kana irraa “as jiraachuun nuuf gaariidha” akkuma jedhe, nuufis Tulluu kanaan kan fakkeeffamte Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun nuuf gaariidha. Keessattu bara qormaanni baay'ate kanatti, bara bahanii galuun ulfatee kana caalaatti bakka sana turun gaariidha.
Taateewwan Guyyaa Ayyaanichaa taasifaman keessa tokko ijoolleen qaccee tolfachuun karaatti bahanii ni iyyisiisuu. Kunis Sagalee Waaqumma guyya sanaa mul'ate fi balaqqeessa guyyicha raawwatamee yaadachiisuuf akka ta'e abboonni mana kiristaanaa keenya ni barsiisuu.
Inni lammaffaan immoo gaafa guyyaa buhee halkan isaa ibsaan ni ibsama, kuniis ifa Waaqumma tulluu taaboor irratti muldhateef fakkeenya dha.
Kana malee naannoo tokko tokkotti immoo daabboo Mulmulii qopheessu ayyaanicha ni yaadatu. Kunis gaara taboor irraattii gooftaan yeroo mul’atu Ifa tulluu iratti mulate irraa kan ka’e Tiksoonni dirree keessa tiksaa jiran akka galgalaa’e hin barre ture. Yericha hadhooliin Ijoollota isaanii fi Tiksitoota isaaniif daabboo Mulmulii fudhatanii deemuu isaanii yaadachuuf tolchiinee ayyaana kana irratti dhiyeeffama.
Egaa guyyaan kun guyyaa Waaqayyo ulfinna isaa itti mul'isee waan ta'eef tulluun sun har’a qaama keenya ta’u qaba. Kunis ulfinaa fi ogummaan Waaqayyoo kan itti ibsamuu fayyisuun isaas kan itti muldhatuu jireenya eebifamaa qabaachuu keenyanii.
Ayyaana Gaarii!
✍Guutamaa Goobanaa
https://t.me/Araaraat
1706
11:37
18.08.2025
#Tulluu_Taaboritti
Yaa tulluu taaborii
yaa Isa garaa dheeraa
Gara kee kan dhufuu
hundumtuu fayyeeraa
Kan jalaa dhokaate
arguu kan barbaaduu
Taaboriin haa dhufuu
ni ifaaf akka aduu
Taabor tulluu seenaa
tulluu qulqullooftu
Tulluu milkaa'inaa
bakka dhugaan iftu
Tulluu aarsaan dhugaa
irratti dhiyaatuu
Tulluu haqni latee
lalisee mul'atuu
Tulluu Waaqni Abbaan
irratti lallabee
Tulluu diinni keenyaa
irratti of dhabee
Tulluu Raajiin Musee
fuula uuma isaa hubate
Tulluu Waadaan Musee
Irratti raawwatee
Tulluu hundaaf-iccitiin
irratti raawwatuu
Tulluu namni hunduu
jaalala irra argatuu
Tulluu irratti argannee
foon keenyaaf nageenya
Tulluu irratti Waaqni
nuuf kaffalee beenyaa
Tulluu jiraattoota
balbala fayyinaa
Tulluu taabor irratti
hunduu wal arginaa
Tulluu bultoo Waaqaa
bakka wal ta'umsaa
Balbala fayyinaa
qee du'aa ka'umsaa
Musee inni du'ee
ka'ee awaala keessaa
Eliyaasis dhufee
kan ol-bahe duumessaan
Abbaanis dubbatee
sagalee guddaanii
Ilmakoon jaalladhuu
isaa dhaga'anii
Jedhe dhugaa bahee
iccitii mul'isee
Dachee du'aa keessa
inni kaasee Musee
Kan dhokatee ture
mul'isee Sadummaa
Bartoota iccitiitti
agarsiisee ogummaa
Tulloota dhedheeroo
jiran hunda keessaa.
Taaboriin jiraachuun
hundafuu ba'eessaa.
Taabor kan jiraatu
dhugaa hubatee gala
Rakkoofi dhiphinasaaf
ni argata fala
Nutis wal haa baanu
#Tulluu_taaborittti
Ifichaan miidhagnee
wal geenya achirraatti
#Ayyaana_Gaarii!
✍Guutamaa Goobanaan
https://t.me/Araaraat
1426
15:38
19.08.2025
play_circleVideo preview is unavailable
Kitaaba barumsa Dubbii Kiristoos irratti xiyyeeffatame barreeffame kana buufachuun dubbisaa.
Barreessan: Qulqulluu Atinaatiyoos.
Baayyina fuula. 130
Dubbisa gaarii!
https://t.me/Araaraat
1422
06:52
21.08.2025
Kitaaba barumsa Dubbii Kiristoos irratti xiyyeeffatame barreeffame kana buufachuun dubbisaa.
Barreessan: Qulqulluu Atinaatiyoos.
Baayyina fuula. 130
Dubbisa gaarii!
1
06:56
21.08.2025
+#Jecha_Abbootaa+
"Yeroo cubbuun kuftuu abdii kuttee kadhannaa addaan hin dhaabiin. Amman gaabbii galuutti jettee yoo kadhannaa addaan dhaabdee, yoom iyyuu gaabbii hin galtu! sababni isaa kadhannaanumti mataa isaatiin iyyuu balbalaa galumsa gaabbii isaa dhugaatti." #Qulqulluu_Qeerloos
"Namoonni "namni tokko kahee nama biraa yoo ajjeesee" yakkamaadha jedhu. Walitti qabamanii namoota baay'ee yeroo ajjeesan immoo waraanaa jedhu, ajjeessuu isaaniis akka gootummaatti ilaalama." #Qulqulluu_Qophiroos
"Namoonni marataan, akka isaanii kan hin marannee yoo argan "akka keenya waan hin taaneef ati maraatteetta" bara jedhamu ni dhufaa." #Qulqulluu_Inxooniyoos
"Ya Waaqayyo guyyaa qalbii jijjiirrannaa naaf keenni jettee hinkadhatin ; umuriimti lafarratti siif kenname iyyuu kan gaabbiidhaa tii" #Ahaawu_Qiddus
"Namni dheebote dhuguudhaaf akkuma sardamu , Waaqayyoo nuun nu fayyisuudhaaf kana caalaa sardama" #Abbaa_Giyoorgis Isa Gaasiccaa
"Dhiphinni na hin barbaachisuu amma jechuu oftuulummaan gahu hin jiru". #Qulqulluu_Baasiliyoos
"Kana yoo yaadatte nama irratti murteessuu ni dhaabda. Yihuudan duuka bu'aa ture. Hattichi mirga gooftaatti fannifamees kan lubbuu baasuu ture". #Qulqulluu_Yohaannis Isa Sewaas
"Meeshaan kiristaanootaa harkatti seefii hidhachuu osoo hin taane, harkaa isaani gara olitti kadhannaaf diriirsuudha". #Qulqulluu_Atinaatiyoos isa Iskindiriyaa
"Waaqayyo Abrihaamiin " biyya keeti ba'i firoota kee irraas adda bahi" jedheenii ture. Waamicha kanaan Waaqayyo hundu keenya sanyii irraa dhalanne irraa adda akka banuuf nu haa waamu." #Wareegama_Yusxoos
"Kiristoos Pheexiroosin "Albeekee gara mannee isaatti deebisi" jechuun kan hidhate kan hiikachise Pheexiroos qofa miti akka Pheexiroos warreen isaatti hin amanne hunda malee" #ሊቁ_ጠርጡለስ
"Ni kadhata garuu kadhannaa namoota biraa ni dhagaa'a. Ni boo'a garuu imimmaan namoota biraa ni qoorsaa. Nama waan ta'eef Alaazaar eessatti akka awwaalame gaafate. Waaqa waan ta'eef Alaazaariin du'a kaase. Inni gatii rakasaan, innumtuu qarshii soddoma qofatti gurguramee. Haa ta'u garuu biyya lafaa kanaa gatii jabaa kabajamaa dhiiga isaan bite. Akka hoolaatti qalamuuf oofame inni garuu tiskee Israa'eloota, addunyaa hunda kan eegu ture. Akka hoolaattis callise haa ta'u garuu inni sagalee nama lafa onaattin jecha lallabama ture. Inni kan fannifameefi kan madaa'e ture, madaa fi dhukkuba hundaa garuu ni fayyisa ture."#Qulqulluu_Gorgooriyoos_isa_Innizaazuu
https://www.facebook.com/gutema.gobena.1
https://t.me/Araaraat
891
15:15
03.09.2025
#Qaammee(#Phaagumee)
✍ Phaagumeen ji’oota waggaa kan Itiyoophiyaa keessaa tokko yoo ta'uu, akka dhaha lakkoofsa biyya keenyatti ji’a dhuma (13ffaa) jechuudha. Ji'i phaagumee kun ji'a biyyaa keenya biyyoota biraa irraa adda taasistudha.
Phaagumee jechuun "Dabalata" jechuudha. Kun immoo dhuma bara waggaa irratti guyya 5 ykn 6 ta'uun kan dhuftuu jechudha. Kunis waggaa 4 keessatti ala tokko 6 yoo ta'uu, innis bara wangeela qulqulluu Yohaannis (Yammuu bara Yohaannisitti galuuf deemu) phaagumeen 6n oola jechuudha. Kanaanis biyyi keenya Itiyoophiyaan Biyya "kennaa" ji'a ykn baati 13 qabdu jedhamuun Addunya kanarratti addumaan ittiin beekamti. (Thirty months of sunshine).
Phaagumeen bara galuumsa Yohaannis, bara xumura Luqaas yeroo Qaammeen jaha ta'u kanas tsoomni #raajoota/soomni Gannii / Sadaasa 15 eegalee Muddee 28 xumurama/hiikama/.
✍ Mana kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti baatiin phaagumee bakka guddaa qabdi.
#Sooma Fedhii lamaan mana kiristaanaa keenya keessa jiran keessaa tokkoo sooma Qaammee keessa soomamu. Kunis sooma Yooditti jedhamee beekama. Soomni kun akka sooma fedhii isa tokko baay'ee beekama miti. Sooma Yoodit kan jedhameefis isheen waan soomteef. Seenaa Yoodit Macaafa Yood 2:2-7,8:2 irra dubbisaa!
#kan bira yeroon kun fakkeenya dhufaatii Gooftaatti lakkaa'ama. Kunis Qaammeen Cehumsaa waggoota, waqtii Gannaa yeroo dukkanaa irraa gara waqtii Birraa ifatti kan darbamuu akkumaa ta'ee yeroo dhufaa isaatti bakka jireenya yeroof irra gara jireenya baraa baraatti, lafa kana irraa gara samiitti kan itti ce'amuu waan ta'eef. Kanarraa kan ka’e uummanni kiristaanaa waqtii phaagumee kana kadhannaa, soomaa fi subaa'ee galuun dabarsu.
Guyyoota kaan irra kan addaa ishee godhuu keessa.
Waggaa waggaan ji’a phaagumee kana keessa kan kabajamu ayyaanni Ergamaa Rufaa’elii phaagumee 3 kan kabajamuudha.
Barteef darbii darboon guyyoota kana keessa namoonni Keessattuu guyyaa kabaja Ergamaa Rufaa’eel samiiwwan guyyaa itti banaman jechuun amanuun gara bishaanii deemuun dhiqatu, kanis Xabala cuuphamu, kan immoo guyyoota hundayyuu cuuphamu ykn laga barii obboroon deemu lagatti dhiqatu.
✍ Barri ammaa itti seenuuf jirru barri 2018 bara maali jedhamaa?
Barri 2017 bara #Maatiyoos waan tureef barri 2017 immoo bara #Marqoos ta'a. Kanaaf Qaammeen bara kanaa guyyaa shan jechuudha.
✍ Barri dhufuus
+Bara waan hojjennuu itti milkoofnu
+Bara hojii gaarii itti qabannuu
+Bara Nageenya, Jaalalaa, amantii fi Tokkummaa itti qabannuu Waaqayyo hunda keenyaaf haa taasisuu.
✍Guutamaan(G.G)
Finfinnee
https://www.facebook.com/gutema.gobena.1
https://t.me/Araaraat
969
12:24
05.09.2025
👏 #Gadhiifameera👏
"Waqtii Qaammee fi Du'aa Ka'umsa‼️"
💙Qophii Dhimbiibbaa keenyaan, barumsa addaa mata duree "Waqtii Qaammee fi Du'aa Ka'umsa" jedhuun qopheessine kana akka daawwattan jaalalaan sin affeerree jirra.
🎙 Turtii abbaa keenya Luba Maammoo Baqqalaa waliin kutaa dhumaa :- Obboloota keessaniif qoodaa, tajaajilichas jajjabeessaa!
⚜️Miidiyaa Sootiriyaa⚜️
Tajaajilicha jajjabeessuuf chaanaalii YouTube Miidiyichaa #Subscribe, #Share , #Like fi #Comment akka gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna!
https://youtu.be/soSIXv_a9xY
773
10:10
07.09.2025
Bara Haaraa
(Akka Yohaannis Afaan Warqee Barsiiseetti)
Mucaa koo barri haaraa kan gammachuu, kan nagaafi fayyaa akka siif ta'uu ni barbaaddaa? Egaa osoo hin eegaliin machiin,, sirbaan,fi hojii cubbuun dabarsuuf hin karoorsin. Barri haaraa guyyaa jalqaba qofa osoo hin taane guyyoota hundayyuu hojii cubbuun hin eegaliin. Waaqayyon kan gammachiisu hojii gaarii tokko jedhii eegalii malee. Guyyoonni hamoo ykn gaarii kan ta'an, uumaan akkas ta'anii miti. Guyyaan gaarii ykn hamaa akka ta'u kan taasisuu nudha. Kibxatni baranaa kan bara darbee irraa adda miti. Addaa kan taasisu ciminaa ykn dhibaawummaa qofadha.
Hojii qulqulluu kan hojjennuu yoo ta'ee guyyaa haaraa qofa osoo hin taane barri haaraanu nuuf gaariidha. Cubbuu kan hojjennuu yoo ta'e immoo guyyaa qofa osoo hin taane barri haaraayyuu hamaafi gidiraan kan guutamee ta'a. Bara haaraa hojii gaariin kan eegalluu yoo ta'e barichatti wanta nuti raawwannu hojii kami irrattiyyuu dhiibbaa gaarii qabannaa. Soomaafi kadhannaan akka cimnuufis galaa nuuf ta'a. Machiin, sirbaan, gaddaan kan jalqabnuu yoo ta'e immoo bara kana guutuu akka rakkanneetti dabarsina. Jireenya keenya wanta nun fayyadneen dhiibnaa. Daabiloosis kan bareechee waan beekuuf bara keenya hojii cubbuun akka eegalluuf nu kakaasa. Fedhii keenya balleessee, ija laphee keenyaa jaamsee sirbaan fi machiin akka jalqabnuuf karaa garaa garaan iyyaa jira.
Namni dhibaa'an "guyyaan koo gaarii ykn hamaa kan ta'u sababa koon miti" jedhee amana. Akkeetti amanuunis guyyaa hamaadha jedhu kana hojiin gaariin ni hojjetama jedhee hin yaaduu.
Yoo hojjetus akka hiikka hinqabnetti lakkaa'a. Dhibaawuummaan miidhaa akkamii akka qabuus hin hubatuu. Fayyinaa osoo hin raawwatanii bara isaa guutuu akkasumatti dhiiba. Osoo akkeetti jiru fooniifi lubbuu isaatti miidhaan akka dhufuuf Daabiloos ija laphee isaa waan jaamsuuf kiyyoo dinaa jalaa baqachuuf humna dhaba. Lubbuun keenya naannoo xuraawwatti awwaalamtee akka haftuu taasisa.
Yaa obboloota koo nuti garuu kan hubaachuutu nurraa eegama. Addunyaa kanarraa cubbuun ala wanti hamaan akka hin jirree beeku qabna. Hojiin ala wanti gaariis akka hin jirree hubachuu qabna. Kananis guyyuun Waaqayyon gammachiisne jiraachuu akka qabnu beekuufi hubachuu qabna. Dhugaatiin gammachuu hin fiduu, gammachuu kan fidu kadhannaadha. Gammachuu kan argannuu sagalee Waaqayyo dhaga'uu irratti malee machiirra miti. Machii badii lubbuu fida, sagalee isaa dhaga'uun garuu fudhatamuu fida. Machiin iji laphee keenya akka jaamuu taasisa, sagaleen Waaqayyo garuu ija laphee dukkanoofte akka iftu taasisa.
Ijoollee koo! Gammachuu biyya lafaa kanaa tuffatanii ishee gammachuu samii akka barbaaduu ogummaan kamuu akka hin jirree isinittin himaa. Kan yoo qabeenya keenya taasifanne, jireenya keenya samiif dursa kan kenninuu yoo ta'e wanti addunyaa kanarraa yoo nutti hafeeyyu nu hin fayyadu
Jaalatamtoota koo! Barri haaraa yoo dhufu waa'ee wantoota kanaa ofi eegannoo yaadu qabda. Kana raawwachaa waa'ee bara isa dhufuu haa yaadannu. Kana kan raawwannu yoo ta'e " guyyoonni kee akkasumaan dhumaanii, barri keessi ariitiidhaan" hin darbanii. (Faar 77/78:3) Guyyaa guyyaan ayyaana haa taasifnu jedhe kan isiniif ibse kanaadha. Ayyaanni keenyaa guyyaa guyyaan ta'uu qaba. Ayyaanni kiristaanootaa waggaafi guyyaan dangeeffamu hinqabu. Manni kiristaanaas torbaniin, ji'an, waggaan kan kabajamuu ayyaanoonni akka jiraatuu gochuun ishee yeroo hunda kan irraa fagaachuu akka hin qabne hubachiisuufi.
Barri dhufu kan Milkii, Kan Gammachuu, kan Jaalalaa, hunda keessaniif haa ta'u!
https://t.me/Araaraat
685
18:30
10.09.2025
close
Reviews channel
No reviews
Channel statistics
Rating
12.3
Rating reviews
0.0
Сhannel Rating
0
Subscribers:
6.1K
APV
lock_outline
ER
6.9%
Posts per day:
1.0
CPM
lock_outlinekeyboard_double_arrow_left
shopping_cart
Channels:
0
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Total:
$0.00
Add to Cart
Clear the cart
Are you sure you want to clear the cart?
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Clear my cart
Cancel
Комментарий