- Main
- Catalog
- News and Media
- Advertising on the Telegram channel «𝑽𝑶𝑰𝑪𝑬 𝑶𝑭 𝑯𝑼𝑴𝑨𝑵𝑰𝑻𝒀 ™»
Advertising on the Telegram channel «𝑽𝑶𝑰𝑪𝑬 𝑶𝑭 𝑯𝑼𝑴𝑨𝑵𝑰𝑻𝒀 ™»
𝗩𝗼𝗶𝗰𝗲 𝗼𝗳 𝗵𝘂𝗺𝗮𝗻𝗶𝘁𝘆 𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗵𝗮𝗾𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗬𝗮𝗮𝗱𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻 𝗻𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗼𝗱𝘂𝘂𝗳 𝗮𝘀𝗶𝗶𝗻 𝗻𝘂 𝗾𝘂𝗻𝗻𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝘂 👉
Channel statistics
Tajaajilli maallaqa moobaayilaa Safaricom, M-PESA'n Itiyoophiyaa keessatti hojii eegalee yeroo gabaabaa keessatti fayyadamtoota miiliyoona shan horachuu dhaabbatichi beeksise. Saafaariikoom lakkoofsi kun bu’aa madaallii guyyoota 90 keessatti argame ta’uu dabalee himeera.
Dhaabbatichi ibsa Muddee 31, 2025 baaseen, Mpesa'n Itiyoophiyaa keessatti yeroo ammaa bakka bu’ootafi daldaltoota kuma 50ol biyyattii bakka hedduutti kan argamaniin, tajaajila daddabarsa maallaqaa baankota daldalaa 18 waliin wal qabsiisee hojiitti jira jedheera.
Haalli kun fayyadamtootaaf mallaqa erguu, fudhachuu fi tajaajiloota adda addaa kaffaluuf carraa bal’aa kan uume ta'uus dhaabbatichi ibseera.
Safarikoom Hagayya 2023 Itiyoophiyaa seenuun, dhaabbata dhuunfaa jalqabaa damee telekoomii biyyattii ta'uun hojii jalqabuun isaa nii yaadatama.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://web.facebook.com/share/p/16Q9cFo93S/
@VOH_NEWS
#VOH_NEWS
#𝗩𝗼𝗶𝗰𝗲_𝗼𝗳_𝗵𝘂𝗺𝗮𝗻𝗶𝘁𝘆_𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲_𝗵𝗮𝗾𝗮_𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮
Hanqina mana jireenyaa waggoota darban keessa magaalattii keessatti guddachaa dhufe furuuf, pirojektoonni ijaarsa mana jireenyaa haaraa iddoowwan ijaarsaa adda addaa 18 'tti hojjetamaa jiraachuu Biiroon Misooma fi Bulchiinsa Manneenii Magaalaa Finfinnee ifoomseera.
Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Misooma fi Bulchiinsa Manneen Magaalichaa Injiner Mokonnon Miijanaa akka jedhanitti, hojiin ijaarsaa kun Biiroo isaaniifi Koorporeeshinii Misooma Manneenii waliin wal-ta’uun qindoominaan hoogganamaa jira jedhan.
Odeessa dabalataaf cuqaasi
https://www.facebook.com/share/p/17jQ5T9zt3/?mibextid=wwXIfr

Addi Bilisabaasaa Uummata Tigiraayi (ABUT) rakkoon gargaarsa namoomaa Tigiraayi keessatti saffisaan hammaachaa dhufeera jechaan ibsuun, Gamtaa Afrikaafi michootni idil-addunyaa walgahii hatattamaa akka waaman waamicha dhiyeesseera.
Paartichi, buqqaatonni biyya keessaa kumaatamaan lakkaa’aman gargaarsa hatattamaa akka argataniif tarkaanfiin ariifachiisaan akka fudhatamu gaafateera.
ABUT xalayaan isaa maal jedha?
👉 Wiirtuuwwan buqqaatota Tigiraayi keessatti hanqinni nyaataa hamaanii fi buqqaatota keessatti duuti dabalaa dhufeera.
👉 Mootummaan federaalaa Walii galtee piriitooriyaa waan cabseef, rakkoowwan kunneen uumameera jedha.
Paartichi, Gamtaan Afirikaafi michootni addunyaa haal-duree tokko malee gargaarsa namoomaa hatattamaa wiirtuuwwan buqqaatota hunda bira akka dhaqqabsiisan, akkasumas waa’ee gargaarsaafi du’a gabaafame irratti qorannoo walabaa akka gaggeessan waamicha dhiyeesseera.
Maallaqni aktivistoota miidiyaa hawaasaafi diyaaspooraan walitti qabame dabalatee hojiiwwan gargaarsaa hawaasaan durfaman daangeffamni akka mudateefi, maallaqni sun gara herrega mootummaan to’atuutti akka qajeelfame ABUT' ibseera.
Dabalataanis, Waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra akka ooluuf dhiibbaan idil-addunyaa akka taasifamu gaafateera.
@tikvahethafaanoromoo

Biyyoonni Afrikaa sadii Nijeer, Burkinaafaasoofi Maaliin Lammileen Ameerikaa akka gara biyya isaanii hin imale uggura viizaa ka’uu ibsani.
Kunis murtee Pireezidaantiin Ameerikaa Tiraamphi mudde 07, bara 2025 Laamileen biyyoota kan sadeen dabalate Lammilee Afrikaa hedduun akka Ameerikaa hin seene murtee dabarsuu hordofee haaloo bahuufi akka ta’e ibsameera.
Biyyoonni Afrikaa kuni sadeen tarkaanfiin fudhatan haala qajeeltoowwaan Idil-Addunyaa kan hordofeefi mirgi wali kabajuufi wali qixxummaa walabaa akka jiraatus waamicha taasisaniru. Biyyoonni sadeen kuni biyya hoggaantonni waraana isaanii fonqolcha mootummaa raawwachuu humnaan angoo qabatani bulchaa jiranidha.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://web.facebook.com/share/p/1FiaTfmXvh/
@VOH_NEWS
#VOH_NEWS
#𝗩𝗼𝗶𝗰𝗲_𝗼𝗳_𝗵𝘂𝗺𝗮𝗻𝗶𝘁𝘆_𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲_𝗵𝗮𝗾𝗮_𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮
Waggaa darbee Bitootessa 1/2017 Finfinnee mana Artisti Andu'aalam Gossa jiraata ture gamoo 5ffaa irraa kufuun lubbuun ishee darbuu kan dhagahame Qananii Addunyaa, dhimmi ishee karaa Aadaa Oromoo sirna Abbaa gadaatiin #Araaraan hiikuuf yaaliin taasifame mirkanaa'u dhabuu abbaan gadaa ibsaniiru.
Abbaan Gadaa tuulamaa Goobanaa Hoolaa maal jedhan?
Duuti dargageetti tanaa erga dhagahamee kaafne dhiheenyatti hordofaa kan jirruufi sirna aadaatiin haqni akka argamu yaalii godhaa turree jirra.
Yaaliin Ji'oota sadan dhimmicha araaraan hiikuuf yaalle garuu osoo hin milkaa'in hafeera.
Akkuma beektan dhimmichi mana murtii ammayyatiinis furmaata hin arganne. Kanaaf akka sirna gadaa Oromootti yaada qaama lachuu irraa fudhachuun ilaala turre. Haa ta'u malee yaalii keenna beellama 4ffaatti abbaan Qananii, Obbo Addunyaa Waaqoo nu jalaa kuffisan.
Kanaan abdii osoo hin kutin abbootii Gadaa gadaa Tuulamaa fi Odaabultumii jaarsolii beektota biyyaa ofitti dabaluun dhimmicha gadi fageenyan ilaala turre.
Garaa Obbo Addunyaa Waaqoo firootaa fi Abba bokkuu naannawaa erginee waamnus araara hin fudhanne. Kanaaf amma abdii kutannee yaalii kenna addaan kunnee jirra" jedhaniiru.
Abbaan Moodeela Qananii Addunyaa Obbo Addunyaa Waaqoo:-
"Abbaan Gadaa yeroo dhufanitti yeroo lama qaaman wal arginee wanti itti himne tokko jira.
Isaan kan jedhan 'Dhiigni harka keenna jira garuu, hin ajjeefneedha'. Eennutu ajjeese kan jedhu osoo hin beekkamin akkamitti gumaa nyaanna jennee akka maatitti gaafii keenne jirra.
Karaa seeraatinis akkuma ta'e ta'eera.
Haqni kakuu fi gumaan hin dabarfamu. Kanaaf adeemsichaan walii hin galle.
Addaan baasaatii kakuu gara dhumaatti taasifna jennee jirra.
Wanti addaan bahuu qabu, addaan bahee dhugaa samuu keenyaaf boqonnaa kennu barbaannaa" jedhaniiru.
"Dhugaan argameera"- Abbootii Gadaa
Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa:-
"Dhugaan Qananii akka bahu numatu gaafate. Kanaanis qaamni lachuu eeyyamamaa ta'anii turan. Garuu dhugaan yeroo dhuma gahutti abbaan Qananii nu harkatti diduun yaalii keenna balleessan.
Sirnichi adeemsa haqaaf taasisu maaliif akka shakkan hin beekne. Ebalutu ajjeesee kan jedhu adeemsan kan bahu malee amma hin bahu.
Dhugaan haqaaf ta'u argameera.
Nuti abbootiin Gadaa dhugaa argannee jirra. Dhugaa kan nurraa fudhatu dhabne jennee qilleensa irratti hin afarsinu.
Maatiin mucayyoo qaalii isaanii dhabanis adeemsaan sirna jaarsummaatti akka dhufan abdii goona" jedhaniiru.
Andu'aalam Gosaa hidhaa ji'a sadii booda, himanni banamuu dhabuu isaatiin wabii birrii kuma 50'n gadhiifamu isaa kan yaadatamuudha.
@VOH_NEWS
#VOH_NEWS
#𝗩𝗼𝗶𝗰𝗲_𝗼𝗳_𝗵𝘂𝗺𝗮𝗻𝗶𝘁𝘆_𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲_𝗵𝗮𝗾𝗮_𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮
𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝘂?
Israa’eel dhaabbilee gargaarsaa miti-mootummaa idil-addunyaa 37 kanneen Gaazaafi Weesti Baankii keessa socho’an eeyyama mulqite. Dhaabbileen kunneen qajeelfamoota galmee haaraa mootummaa Israa’eelii baasee hin guunne jechuun eeyyama haaraa akka dhaabdu Israa’el murteessuu eerte.
Kanneen eeyyama dhorkaman keessaa dhaabbanni gargaarsa namoomaa yaala fayyaa dhiyeessu kan Dooktors Wiizaawut Boorders (Doctors Without Borders/ Médecins Sans Frontières (MSF) fi Oxfaam fa’aan keessatti argamu jedhamee jira. Murteen kun Amajjii 01 irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta’u, yeroo murtaa’efi qajeelfamoota eeyyama haaraa galmeessuu dhabuu akka sababaatti eerameera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://web.facebook.com/share/p/1HLHUsRyqp/
@VOH_NEWS
#VOH_NEWS
#𝗩𝗼𝗶𝗰𝗲_𝗼𝗳_𝗵𝘂𝗺𝗮𝗻𝗶𝘁𝘆_𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲_𝗵𝗮𝗾𝗮_𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮
⇣
☆
☆ ☆
☆ 🌑.°.● .
☆ ●★:.¸. ●.
☆ . * ●.°☆ ☆.
☆●●● ★ *°☆.
☆ ●* ● 🌚 ●°☆.
☆● *° .°●☆●°°☆.
.°● ★ * °☆.
.●¸.★°●☆.
.● ★ °☆ ●.
.●*●°° ☆●.
. * ¸★°☆ ●.
. *●¸. ★° °●.
. ★ ° °☆★●.
.○: . * .° °☆★ ° °☆ ¸..★¸ ● ★.
.○★ . . . ★ ° °☆★ °☆ ¸. ● ★.
.○° °☆ ¸. ● . ★°°★°☆ ☆ ● ★.
.○ °☆ . * ● ¸ .★ ★°°☆°★● ★.
.○° :. * •○ °★¸ ●★°°☆ .★●★.
Nu waliin yoo turtan dhugumatti ni gammaddu!
Advertizer👇
@Rafiqul_Islaam
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa dandeettii qunnamtii raadiyoo isaa haalaan fooyyessuun, raadiyoowwan ammayyaa haaraa dandeettii mataa isaatiin gabbifame sooftiweerii sirna poolisii sadii, hojii jalqabsiisuu ibseera.
Raadiyoowwan ammayyaa hojiitti galan kun, haala yeroo ammaa waliin kan wal-simanii fi hojiilee poolisii sadarkaa adda addaatti saffisa, sirnaafi to’annoo fooyya’aa akka qabaatan kan taasisan ta’uus himameera.
Sooftiweeriiwwan gabbifamanii tajaajilaaf dhiyaatan kunneenis, Akeekkachiisa Sirna of Eeggannoo, Sirna Bulchiinsa Meeshaa Waraanaa, fi Sirna Bulchiinsa Meeshaalee galii ta’anii ta’uus ibseera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://web.facebook.com/share/p/1ADQiRt2Vf/

Reviews channel
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «𝑽𝑶𝑰𝑪𝑬 𝑶𝑭 𝑯𝑼𝑴𝑨𝑵𝑰𝑻𝒀 ™» is a Telegram channel in the category «Новости и СМИ», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 1.7K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 21.1, with 0 reviews and an average score of 0.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 1.2 ₽, and with 0 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий