
- Main
- Catalog
- News and Media
- ๐ฝ๐ถ๐ฐ๐ช๐ฌ ๐ถ๐ญ ๐ฏ๐ผ๐ด๐จ๐ต๐ฐ๐ป๐ โข
๐ฝ๐ถ๐ฐ๐ช๐ฌ ๐ถ๐ญ ๐ฏ๐ผ๐ด๐จ๐ต๐ฐ๐ป๐ โข
๐ฉ๐ผ๐ถ๐ฐ๐ฒ ๐ผ๐ณ ๐ต๐๐บ๐ฎ๐ป๐ถ๐๐ ๐๐ฎ๐ด๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ ๐ต๐ฎ๐พ๐ฎ ๐พ๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐ฎ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐ป ๐ป๐๐๐ณ ๐พ๐ผ๐ผ๐ฑ๐๐๐ณ ๐ฎ๐๐ถ๐ถ๐ป ๐ป๐ ๐พ๐๐ป๐ป๐ฎ๐บ๐๐ ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ ๐
Channel statistics
๐ฎ๐ท Giddu-galli Raayyaa Ittisa Warraaqsa Iiraan weerara haaraa kamiyyuu ofirraa qolachuuf qophii ta'uu ibsuun, meeshaalee waraanaa diinaa hafan irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu dubbateera jechuun gabaafameera.
๐ฌ๐ง๐ฎ๐ท Giddu-galli Hojii Daldala Galaana Yunaayitid Kingidom bishaan galaana Hormuuz keessatti markaba lammaffaa irratti dhukkasa banuu gabaaseera. Akka gabaasa Humna Galaana Biritaaniyaatti, markabni meeshaa fe'atte kun Iiraaniin gara kibbaatti itti dhukaafamuu fi amma galaana irra dhaabbachuu ishee ibseera.
๐บ๐ธ๐ฎ๐ท Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin biyyoota lamaan gidduu jiru hamma itti fufetti waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka dheeressan dubbatanis, qoqqobbii Ameerikaan buufatawwan Iiraan irratti keette itti fufeera. Gama biraatiin, Raayyaan Ittisa Warraaqsa Iiraan (IRGC) markaba fe'umsaa irratti dhukaasuu isaa gabaafameera.
๐ฎ๐ฑ๐ฑ๐ง Waraanni Israa'eel kibba Libaanos keessatti naannoo jireenya namootaa irratti boombii darbateera. Magaalota Bint Jubeeyil, Khiyaam fi Haniin keessatti naannawa manneen jireenyaa irratti haleellaa boombii geessu isaa dhaga'ameera.
๐ฎ๐ท๐ฎ๐ฑ Iiraan qondaala ittisa siivilii Israa'eeliif basaasuun shakkaman irratti adabbii du'aa raawwatteetti. Miidiyaan murtii biyyattii Mizan akka gabaasetti, qondaalli olaanaan kun dhaabbata basaasa Israa'eel (Mossad) waliin hojjechuun himatamanii erga itti muramee booda ajjeefamaniiru.
๐ฎ๐ท Akka gabaasa ejensii oduu Iiraanitti, manneen barnootaa 1,300 waraanaan miidhaman keessaa walakkaa ol ykn 775 ol ta'an suphamaniiru. Ministeerri Barnootaa Iiraan Alireezaa Kaazeemii akka jedhanitti, manneen barnootaa 20 guutummaatti kan diigaman yoo ta'u, miidhaan hamaan Teeraan, Kermaanshaah, Isfahaan fi Hormozgaan keessatti qaqqabeera.
๐บ๐ธ๐ฎ๐ฑ๐ฑ๐ง Yunaayitid Isteets mariin Israa'eel fi Libaanos gidduu jiru Kamisa akka itti fufu beeksisteetti. Mootummaan Libaanos waraanni Israa'eel kibba Libaanos keessaa guutummaatti akka ba'u barbaada.
๐ฌ๐ง๐ต๐ธ Yuunivarsiitiiwwan Biriteeniyaa beekamoo ta'an 12 hiriira barattootaa kan Falasxiin deggeran hordofuuf, dhaabbata dhuunfaa nageenyaa qunnamtii basaasa waraanaa qabu qaxaruun isaanii dubbatame. Tarkaanfiin kun dhaabbata barnoota olaanoo biyyattii keessatti mirga bilisummaan dubbachuu irratti mormii uumeera.
๐ฎ๐ท๐บ๐ธDhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ambasaaddarri Iiraan Amiir Sa'iid Iraavaanii, Ameerikaan qoqqobbii yoo kaafte Teeraan mariidhaaf qophii ta'uu isaa dubbataniiru. Marii haaraa kamiyyuu dura Ameerikaan "waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuu" dhaabuu qabdi jedhaniiru.
๐ฎ๐ท Gorsaasoon Dubbi-himaa Paarlaamaa Iiraan dheerachuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu ilaalchisee "hiika hin qabu" jedhaniiru. Tarkaanfiin kun "weerara dingataa raawwachuuf yeroo bitachuudha" jechuun ibsaniiru.
@VOH_NEWS
#VOH_NEWS
#๐ฉ๐ผ๐ถ๐ฐ๐ฒ_๐ผ๐ณ_๐ต๐๐บ๐ฎ๐ป๐ถ๐๐_๐๐ฎ๐ด๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ_๐ต๐ฎ๐พ๐ฎ_๐พ๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ
Finfinnee, Eebla 23, 2026: Akka ragaa qondaaltota olโaanoo biyyattiitti, Iraan dooniiwwan karaa darba galaanaa Hormuuz kan daldala annisaa addunyaatiif murteessaa taโeโirra darban irraa kaffaltii taarifaa jalqabaa sassaabuu ishee beeksiste.
Itti Aanaan Dubbi Himaa Mana Maree biyyattiitti Hamiderzaa Haajii Baabaayii akka jedhanitti, galiin jalqabaa kaffaltii darba dooniirraa argame herrega Baankii Giddugaleessaa biyyattiitti galii taโeera. Yaadni isaanii kun dhaabbata oduu biyyattii Tasnim jedhamuun gabaasameera.
"Galiin jalqabaa kaffaltii darba Hormuuz irraa argame herrega Baankii Giddugaleessaatti galii ta'eera," jedhan qondaalichi.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/18h1ATdBJm/
@VOH_NEWS
#VOH_NEWS
#๐ฉ๐ผ๐ถ๐ฐ๐ฒ_๐ผ๐ณ_๐ต๐๐บ๐ฎ๐ป๐ถ๐๐_๐๐ฎ๐ด๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ_๐ต๐ฎ๐พ๐ฎ_๐พ๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa dameewwan tajaajila paaspoortii 12 irraa gara 22'tti guddisuun tajaajila isaa babalโisuu daarektarri Ol'aanaan tajaajilichaa Salamyaat Daawwit ibsaniru.
Kunis raawwii hojii jiโoota sagal darbanii ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniin, dhaabbatichi karoora yeroo sanaaf kaaโe irratti buโaa garii galmeessuu himaniiru.Akkasumas, tajaajilichi karaa Tajaajila Galmee Siivilii fi Maatii miiliyoona 4.8 ol galmeessuu isaa ibsee, sirna galmee ammayyeessuuf hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Odeessa dabalataafi asiin dubbisaa:https://www.facebook.com/share/p/1E8Ff1ir6T/
@VOH_NEWS
#VOH_NEWS
#๐ฉ๐ผ๐ถ๐ฐ๐ฒ_๐ผ๐ณ_๐ต๐๐บ๐ฎ๐ป๐ถ๐๐_๐๐ฎ๐ด๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ_๐ต๐ฎ๐พ๐ฎ_๐พ๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa tajaajila isaa caalaatti babal'isuuf xiyyaarota ammayyaa Booyingii 787 Diiriimlaayinar ja'a (6) bituuf waliigaltee mallatteesseera.
Kunis waadaa bara 2023 seename gara hojii qabatamaatti kan jijjiiruudha.
Sararri Daandii Qilleensa Itoophiyaa xiyyaarota 787-9 kanneenitti fayyadamuun hidhata ardiiwwanifi Finfinnee irraa qabu babalisuufi dandeettii fe'umsa meeshaalee (kaargoo) dabaluuf kan itti fayyadamamu yoo ta'u, kunis fedhiin imala guddachaa dhufe waliin kan walisimuudha.
Xiyyaarotni 787 Diiriimlaayinar dandeettii dachaa qabaachuu isaafi qusannaa bobaโaatiin kan beekaman yoo taโu, kunis Daandiin Qilleensa Itoophiyaa imaltoota Afrikaa keessa bakka tokkoo gara bakka biraatti gahumsaan akka deddeebisu gargaara. Akkasumas, sararoota daldalaa fedhii guddaa qaban irratti meeshaalee fe'umsaa (kaargoo) garaa xiyyaarichaa keessatti baachun tajaajila akka kennu isa dandeessisa.
Itoophiyaan miseensa โ Istaar Aliyaansi(Star Alliance) yoo taatu, waggoota saddeet walitti aansuun dhaabbata SKYTRAX irraa badhaasa "Daandii Qilleensa Afrikaa Bareedaa" jedhamu injifateera. Akka daandii qilleensa guutuu Afrikaatti, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa hidhata qilleensaa ardii keessaafi ardiiwwan gidduu baayโee barbaachisaa taโe uumuun, Afrikaafi addunyaa walitti hidheera.
@VOH_NEWS
#VOH_NEWS
#๐ฉ๐ผ๐ถ๐ฐ๐ฒ_๐ผ๐ณ_๐ต๐๐บ๐ฎ๐ป๐ถ๐๐_๐๐ฎ๐ด๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ_๐ต๐ฎ๐พ๐ฎ_๐พ๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ
Reviews channel
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
๐ฝ๐ถ๐ฐ๐ช๐ฌ ๐ถ๐ญ ๐ฏ๐ผ๐ด๐จ๐ต๐ฐ๐ป๐ โข is a Telegram channel in the category ยซะะพะฒะพััะธ ะธ ะกะะยป, offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 2.0K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 21.1, with 0 reviews and an average score of 0.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 1.2 โฝ, and with 0 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
ะะพะผะผะตะฝัะฐัะธะน