
Qajeeltoo Namooma
Trustworthy source of cryptocurrency news and latest information, as well as tips for crypto trading around the world...
Channel statistics
Amma 12:40 kaasee hamma 1:10 qofatti kan turuu! 🙌
Namoota dursanii chaanalota armaan gadii JOIN godhan 20'f badhaasi kaardii 500 qophaa'eera! 🏃♂️🏃♂️
⚠️ Eyyen ❕ Yoo Ta'ee Join Kan jedhu tuqun amma argachu ni dandessu.
👇👇👇👇👇👇👇👇
Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa qormaata xumura barnoota sadarkaa lammaffaa (kutaa 12ffaa) Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 17, 2018 A.L.I. tti akka kennamu beeksiseera.
Gama biraatiin, qormaatni biyyoolessaa sagantaa Rimiidiyaalaa Caamsaa 17 hanga Caamsaa 20, 2018 A.L.I. (guyyaan Caamsaa 19 Iid Al-Adhaadha) kan kennamu yoo ta'u, qormaatni ba’umsaa barnoota digrii jalqabaa (Exit Exam) immoo Waxabajjii 2 hanga Waxabajjii 12, 2018 A.L.I. tti ni gaggeeffama.
Dabalataan, qormaatni seensaa barnoota digrii lammaffaa fi isaa ol (NGAT) Adoolessa 29 hanga Adoolessa 30, 2018 A.L.I. tti akka gaggeeffamu ibsameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! michuudhugaa10
Waa'ee Fayyaa kee Nama Dhukkubsataa fuulduratti hin dubbatin.
Waa'ee Humna keetii Nama Laafaa fuulduratti hin dubbatin.
Waa'ee Gammachuu kee Nama Gaddaa fuulduratti hin dubbatin.
Waa'ee Ijoollee keessanii Nama Dhala Dadhabe fuulduratti hin dubbatinaa.
Waa'ee Haadha fi Abbaa keetii Yatiima ykn Nama haadhaa fi abbaa hin qabne fuulduratti hin dubbatin.
Michuudhugaa10
#part1
"Hojii guddaa hojjechuuf karaan tokkichi, waan hojjettu sana jaallachuudha."
Abraham Lincoln
"Wanti tokko hamma hojjetamee dhumutti akka waan hin danda'amneetti mul'ata."
Nelson Mandela
"Fuuldura kee amansiisaa gochuuf karaan hunda caalu, fuuldura kee dhuunfaa keetiin uumuudha."
SteveSteve Jobs
"Addunyaa kana irratti jijjiirama arguun si barbaachisu sitti haa mul'atu (Ati ofii keetii jijjiirama sana ta'i)."
Mahatma Gandhi
"Hayyama kee malee eenyu darrayyuu akka si gadi deebisuuf mirga hin qabu."
Eleanor Roosevelt
"Nama ofitti hin amanamne taanaan, dorgommii jireenyaa keessatti yeroo lama mo'atamteetta."
Marcus Garvey
"Hamma hin dhaabbannetti, hangam suuta akka deemtu dhimma miti."
Confucius
"Yoo balali'uu dadhabde fiigi, yoo fiiguu dadhabde deemi, yoo deemuu dadhabde looi; garuu waan hunda caalaa gara fuulduraatti socho'uu kee itti fufi."
Martin Luther King Jr
"Kufaatiin koo si'a 10,000 milkaa'uu dhabuu miti; karaan ittiin hin milkoofne 10,000 akka jiru argadheera."
Thomas Edison
#like , #share
Kutaawwan hedduun itti fufanii waan jiraniif Boki Dejene Daba follow yoo gootan salphaatti sin bira ga'a!
GALATOOMAA 🙏 michuudhugaa10
Michuudhugaa10
Toomaas Edisaan jedhama,Nama addunyaan kun kan amma ammaatti itti fayyadamaa jirtu ampuulii ifa laatu addunyaa kanaaf gumaachedha. Yeroo daa'imummaa isaatti harmeen isaa akka mana barumsaa seenee akka baratuuf barnootaaf isa galmeessite. Ji'a sadiin booda xalayaan harmee Toomaasiin qaqqabe. Miira ishee to'attee obsitee mucaa ishee fudhattee gara manaatti galte. Sana booda harmeen Toomaas,Toomaasiin akkas jette" Barsiisonni kee sammuu guddaa waan qabduuf barattoota kaan waliin barsiisuu hin dandeenyu ati manatti barsiisi naan jedhan kana booda manattin si barsiisa" jetteen.
Akkuma jette mana keessatti barsiisuu eegalte. Guddachaa yoo deemu saayinsii jaalllachuu jalqabe. Maal godha garuu jireenya isaaf bu'uura kan taate haati isaa dhukkubsattee atattamaan mana yaalaa seente. Bara sana wal'aansi kan godhamu guyyaa qofadha. Sababni isaa halkan ifa dungoon wal'aansa baqaqsanii yaalii gochuun hin danda'amu ture. Haati isaa qaaliin kun bari'uu lafaa eeguu hin dandeenye. Dhukkubni ishee halkanumaa gaafa sanaa gargar isaan baase. Isa dhumaaf boqotte onneen isaa akka malee cabe. Man'ee gaddaa ta'e. Aarii kanaa ifa dungoo irra caalu hojjachuuf morma isaa cabsee yaalii eegale. Balbiiwwan kuma tokko gubee balbii tokko hojjate.
Addunyaa ifaan kan badhaase kun guyyaa tokko yaadannoo haadha isaa kan duraan ture osoo ilaaluu xalayaa tokko arge. Yoo banu bara ijoollummaa isaa mana barnootaa irraa kan barreeffameef ture. Xalayichis akkas jedha " mucaan kee rakkina sammuu qaba,barattoota kaan waliin barsiisuu hin dandeenyu waa dafee hin galuuf,kanaaf ofii keef manatti barsiifadhu"jedhu xalayaa dubbise.
Baay'ee ajaa'ibsiifate. Haati isaa kan itti himte waan biraa,isaan kan barreessan kan biraa ture. Ijoollummaa isaattti jechi haati isaa sammuu isaa keessa awwaalte albuuda jireenya isaa jijjiiru ta'e. Namni sammuun isaa sirrii miti jedhame,abbaa kalaqa addunyaa,hayyuu jedhamee faarfame. Sababa isaaf qofa addunyaan keenya argannoowwan kuma tokkoo ol ta'an argatte.Deddeebitee waan ati ofitti himtu jireenya keef iddoo guddaa qaba.Waanuma sammuun kee amane jiraatta. Jireenyi kee bu'aa yaada keeti.
Waaqayyotti aansee bu'uurri jireenya kee maatii kee akka ta'e beeki. Yoomiyyuu warra akka shaamaatti siif baqe yaadadhu.
Follow,like,siin hin jedhu,mee ammuma kaasi waan jireenya kee qajeelchu addunyaaf siin hin jedhu sirraa hafee Firoota kee gahuu danda'u deddeebisii yaadi. Ati waa malee hin dhalannee,waa malees har'a hin geenyeetii,jireenya bahanii galuu qofatti hin amaniin. Waan haaraa bira gahuuf onnadhu,maaloo🤲🤲🤲michuudhugaa10
━━━━━━━━━━━michuudhugaa10
Haati Atleet Masarat Daffaar Boqotan.
Haati atleetii Masarat Daffaar, Aadde Asteer Mangashaa Caalaa, ganama har’aa addunyaa kanarraa boqochuun isaanii ibsameera.
Aadde Asteer yeroo dheeraaf biyya keessaa fi alaatti yaalamaa kan turan yoo ta’u, gumaacha Masarat ispoortii biyyaatiif qabdu keessatti shoora dubartii jabaa kanaan raawwatamee fi aarsaa isaan Masarat dabalatee ijoollee ja’a guddisuun kaffalan yoomiyyuu ni yaadatama.
Gadda kanaan Atleet Masarat Daffaar, maatii, firoottan fi guutummaa maatii ispoortiitiif jajjabina, hawwina
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA michuudhugaa10
Reviews channel
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Qajeeltoo Namooma is a Telegram channel in the category «Сливы Заработок», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 13.5K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 27.5, with 1 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 2.4 ₽, and with 1 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий