
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
27.9

Advertising on the Telegram channel «Pharmacist Rayid Jibril»
5.0
Health & Medicine
Language:
Other
0
1
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$3.00$3.00local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
Waa'ee Qoricha Pethidine 50mg/ml
~~~||~~~~
1️⃣.Qorichi pethidine maali?
🔹️Pethidine ~ jechuun qoricha garee farra dhukkubbii kan (opioid or narcotic analgesic) jedhamu ta'ee kan dhukkubbii giddu galeessaa hamma dhukkubbii cimaa ta'an yaaluuf gargaaruudha.
2️⃣.Qorichi Pethidine rakkoolee fayyaa akkamii yaaluuf gargaara?
* Miira dhukkubbii yeroo gabaabaa kan yeroo yaaliin baqaqsaa muraasni gaggeefamu namati dhagahamu yaaluuf.
* Miira dhukkubbii Yeroo da'umsaa haadholiiti dhaga'amu hir'isuu fi kkf yaaluuf gargaara.
@PharmacistRayid
744
21:38
22.08.2025
imageImage preview is unavailable
3️⃣.Qoricha Pethidine yaalaaf fayyadamuun durati maali beekuu qabna?
🔹️Namoonni alarjii qoricha pethidine qabu qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabuu.
🔹️Namoonni rakkoo fayyaa kan akka dhibee asmii cimaa,miidhama mataa keessaa,rakkoo hargansuu,rakkoo garaachaa,rakkoo danqa mar'iimaanii, rakkoo hirriibaa,dhibee tiruu ykn kalee, rakkoo finca'uu,rakkoo rajiijjii,rakkoo hadhoftuu,rakkoo hormoonii tayirooyidii,gaggabdoo,dhibee sammuu fi kkf qabu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha pethidine yaalaaf jalqabuu hin qabuu.
@PharmacistRayid
671
21:40
22.08.2025
imageImage preview is unavailable
🔹️Akkasumas namoonni qorichoota biroo kan akka qoricha isocarboxazid,linezolid,methylene blue,phenelzine,rasagiline,selegiline,tranycypromine fi kkf guyyoota 14 darbani keessa yaalaaf fayyadamaa ture qoricha pethidine yaalaaf jalqabuu hin qabuu.
🔹️Yeroo qoricha pethidine yaalaaf fudhachaa jirru dhiibbaalee inni nurrati mul'isuu malu osoo addaan hin baafannee konkolaataa konkolaachisuu fi hojiilee ciccimoo hojjachuu irraa ofi qusachuu qabna.
🔹️Akkasumas yoo osoo qoricha pethidine yaalaaf fudhachaa jirruu alkoolii fayyadamne qorichii kun alkoolii waliin wal nyaatinsa uumuun miidhaalee cimaa akka du'aatiif nama saaxiluu wan maluuf yeroo qoricha pethidine yaalaaf fudhachaa jirru Alkoolii dhuguu irraa fagaachuu qabna.
@PharmacistRayid
602
21:42
22.08.2025
imageImage preview is unavailable
🔹️Qoricha pethidine yeroo yaalaaf fayyadamnu sirna hargansuu irrati dhiibbaa hargansuu hir'isuu ykn guutumati hargansuu dhaabuun du'aaf nama saaxiluu wan maluuf ajaja fi to'annoo ogeessa fayyaatiin maleti qoricha kana yaalaaf jalqabuu hin qabnuu.
🔹️Qoricha Pethidine yeroo dheeraaf fayyadamuun caarraa daa'ima argachuu dhiiraa ykn dubartii hir'isuun maseenummaaf nama saaxiluu wan danda'uuf qoricha kana yeroo dheeraaf fayyadamuu hin qabnuu.
🔹️Namoonni ga'eessonnii gurguddoon kan umriin isaanii waggaa 60 ol ta'an kan hanqina nyaataa qaban caalatti qoricha kanaan miidhamuu wan danda'aniif ogeessa fayyaa gaafatan malee qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabanii.
🔹️Qoricha pethidine sirnaa fi of-eegganoo malee fayyadamuun rakkoolee akka suusii qoricha kanaatiin qabamuu,hamma barbaachisuu ol(overdose) fudhachuu fi du'aaf nama saaxiluuf wan danda'uuf qoricha kana iddoo namni hin argineti fageeysinee kaa'uun ogeessa fayyaa waliin ta'uun of eeggannoon fayyadamuu qabna.
@PharmacistRayid
634
21:44
22.08.2025
🔹️Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu qoricha pethidine fayyadamuun daa'ima ishii miidhaalee cimaa adda addaatiif saaxiluu wan maluuf ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu.
🔹️Haati hoosiftu ykn hoosisuuf karoora qabdu yoo qoricha pethidine yaalaaf fayyadamte daa'ima ishii miidhaalee cimaa luubbuu daa'ima ishiitiif sodaatamaniif saaxiluu wan maluuf qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu.
4️⃣.Qoricha Pethidine Akkamiti yaalaaf fudhachuu qabna?
🔹️Akkaatuma ogeessii fayyaa nuuf ajajeti Sirnaan fayyadamuu qabna.
🔹️Qoricha Pethidine doosii guddaa ta'ee fi yeroo hamma ogeessi fayyaa nuuf ajaje oli yeroo dheeraaf fayyadamuu hin qabnuu .
🔹️Qoricha pethidine bifa kiniinii fi dhangala'ootiin jiru gara afaaniin nyaata waliin ykn nyaata maleesi garaagarummaa sa'atii 3 ykn 4 tiin dhukkubbii yaaluuf yeroo barbaachisaa ta'eti qofa fayyadamuu ni dandeenya.
🔹️Akkasumas qoricha pethidine bifa kiniiniitiin jiru osoo hin caccabsine ykn hin alanfatini guutuu isaa liqimsuu qabna.
🔹️Qoricha pethidine bifa dhangala'ootiin jiru doosii hamma ogeessi fayyaa nuuf ajaje qofa sirriti safarree bishaan qulqulluu walakkaa burcuqqoo waliin walitti bulbullee liqimsuun fudhachuu qabna.
🔹️Qoricha pethidine yoo yeroo torbaanota muraasaa oliif yaalaaf fayyadamaa turre yeruma takkati tasuma osoo ogeessa fayyaatiif hin himin yoo bakkuma takkati dhaabnee mallatoolee rakkisoo fi sodaachisoo (withdrawal symptoms) adda addaa ta'aniif nu saaxiluu wan danda'uuf ogeessa fayyaa waliin mari'achuun doosii isaa suuta suuta hir'isuun dhaabuu qabnaa.
🔹️Yeroo Qoricha kana yaalaaf fudhachaa jirru haala miira dhukkubbii keessa keenyati dhaga'amu hir'achuu ykn dabaluu akkasumas miidhaaleen qoricha kana yoo nurrati mul'atan ogeessa fayyaa beeksisaa deemuu qabnaa.
5️⃣.Qorichi Pethidine miidhaalee akkamii fiduu mala/danda'aa?
* Hurkuu.
* Gaggabdoo.
* Dhukkubbii qomaa.
* Hirriiba dhabuu.
* Afaan goggogsuu.
* Dhukkubbii mataa.
* Haqqisuu/Lolloocuu.
* Amalli jijjiiramuu.
* Dhukkubbii garaachaa.
* Goginsa garaa cimaa fiduu.
* Fedhii wal quunnamtii saalaa hir'isuu.
* Dhiiroonni qaama saalaa sirriti kaasanii tursiisuu dadhabuu.
* Yeroo fincaanani rakkachuu .
* Onneen sardaan dha'achuu.
* Fedhii keenya malee qaamni shoko'uu.
* Marsaan laguu dubartii jeeqamuu ykn Sirnaan yeroo isaa eeggatee mul'achuu dhabuu.
* Hargansuu xiqqeessuu ykn dhaabuun luubbuu baasuuf ykn du'aaf sodaatamuu.
* Hammi kolestiroolii qaama keessaa hir'achuun rakkooleen akka lolloocuu,haqqisuu,fedhii nyaataa dhabuu,dadhabuu fi kkf mul'achuu fa'adha.
* Hubannaan sobaa kan akka sagalee,argaa fi kkf kan dhugaan hin mul'annee namati dhagahamuu fi kkf mul'achuu fa'adha.
✍kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna.
👉https://youtu.be/z19VCzFOjo8?si=Nu9px12DnlGpcUsz
Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
👉https://t.me/+vUoB-BBX_ZZiMjc8
800
21:47
22.08.2025
Sagantaan keenya kan torbaaniirraa yeroo takka gaggeefamu borurraa jalqabee insha'allaha wan gaggeefamuuf qorichoota waa'ee isaanii baruu barbaadanii comment jala nuuf godhuu hin dagatinaa jennaa.
Galatoomaa 🙏🙏🙏🙏
@PharmacistRayid
846
22:51
22.08.2025
imageImage preview is unavailable
Torbee kanaf qorichi 💊💊sagalee guddaa argate qoricha armaan olii kana wan ta'eef warroonni qoricha kana filachaa turtan baga gammadan jenna.
Galatoomaa 🙏🙏🙏🙏
New video uploaded 👉https://youtu.be/H1Iz2oSO5Jc?si=5a6TjFKQbrD5GeBZ
@PharmacistRayid
436
17:41
25.08.2025
imageImage preview is unavailable
Sagantaa itti aantuti waa'ee qoricha cefepime insha'allaha bal'inaani qabannee kan dhihaannu ta'a.
👉https://youtu.be/H1Iz2oSO5Jc?si=5a6TjFKQbrD5GeBZ
👉https://t.me/+MbU6yEBfxOhjYTk0
@PharmacistRayid
437
17:45
25.08.2025
close
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeennew@******.io
On the service since June 2022
21.05.202515:04
5
Everything is fine. Thank you!

Pharmacist Rayid Jibril
On the service since May 2025
21.05.202520:43
Ok thank you too.
Show more
Channel statistics
Rating
27.9
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
3
Subscribers:
3.3K
APV
lock_outline
ER
18.4%
Posts per day:
3.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий