
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
26.3

Advertising on the Telegram channel «Oromia Education Bureau»
4
Cryptocurrencies
Language:
English
0
4
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$18.00$18.00local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
#Galmeen_Barattoota Marnootaa Barnootaa #Bultii_Addaa_Sad_2ffaa Mootummaa Federaalaan Bulan Hanga #Hagayya_25/2017 Dheeratee Jira.
Kanaafuu, Galmaa'aa!
#Iyyannoo_Guutuuf_Viidiyoo Kana Ilaalaa!
#Maatiin, Ollaan, Namni barate kamiyyuu ijoollee keenya gargaaruu qabna!
#Haagalmaa'an!
📱 Watch here :- ⬇️⬇️⬇️⬇️
https://youtu.be/YmLtyruvAsw
https://youtu.be/YmLtyruvAsw
https://youtu.be/YmLtyruvAsw
47652
19:10
21.08.2025
imageImage preview is unavailable
Guyyaa -15/12/2017
#Ergaa_Ariifachiisaa!
Barattoota Kutaa 8ffaarraa Gara 9ffaa darbaniif
--------------
Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa ijaarsisetti barachuuuf barattoota ulaagaa guutaniifi fedhii qaban beeksisa bahe irratti hundaa'uun marsariitiin (online)n galmaa turuun ni beekama.
Haata'u malee, sababa adda addaatiin barattootni hedduun hin galmoofne.
Kanaafuu, #Guyyaan_Galmee_dheeratee jira.
Guyyaan galmee:- #Hanga_Hagayya_25/2017tti waan dheerateef;
#Barattootni kanaan dura hin galmaa'in Akka Galmooftan!
#Barattootni kanaan dura yoo galmooftan dogoggora yoo qabaattan sirreessitanii akka galmooftan haata'u.
#Liinkiin_Galmee:- https://sbs.moe.gov.et/apply
Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa bara barnootaa 2018f qophaa'an;-
- Godina Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa Walisootti argamu, MBBA Walisoofi
- Ollaa Godina Shawaa Kibba Lixaa, Walisootti dhihoo kan ta'e,
MBBA Bu'ii waan ta'eef carraa kanatti fayyadamuun barbaachisaadha.
Ragaa dhiheeffachuu qaban:-
- Qabxii kutaa 6ffaafi kaardii kutaa 6ffaa fuula duraafi duuban iskaan(scan) gochuun maxxansuu (walqabsiisuu.
- Qabxii ministirii kutaa 8ffaafi kaardii fuula duraafi duubasaa iskaan gochuun maxxansuu(walqabsiisuu)
- Kaardiin kutaa 8ffaa yoo isiniif dhaqqabuu baate immoo, qabxii 'online' jiru isakaan gootanii akka walqabsiiftan haata'u.
#Iyyannoon_Yoo_Guutamu:
Gosa barnootaa barattan akka filattan/ isin beeksifna.
- Gosa barnootaa kanaan dura hin baratin, fkf. ICT, Afaan Amaaraa, Ispoortiifi kkf. 'zero' (0) guutaa!
- Gosa Barnootaa Biology Physics fi Chemsty jedhu Saaynsi Waliigalaa jedhamee akka filannoo lamaan waan dhihaateef filannoo lamaan keessaa kan Barataniin 'click' gochuun akka filattan.
#Qormaatni_Seensaa_kan_kennamu:-
Afaan Oromoofi Amaaraatiin ta'a.
#Hubachiisa:- Iyyannoo guutuu yoo rakkattan/isin dhibe/ lakk. Bilbilaa Naatii nama jedhamu ogeessa ICT Ministeera Barnootaa Itoophiyyaa kan ta'an bira bilbilaa +251947951924
Dhumarratti:- Iyyannoo guutuu irratti barattootni keenya akka hin rakkanne maatiin barattootaa deeggarsa akka taasisan dhaamsa keenya ta'a!
Galmaa'aa!
Godina Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa Walisootti Kan argamu MBBA Sad. Walisoofi Olluma sanitti kan argamu MBBA Sad. 2ffaa Bu'ii Galaa!
አስቸኳይ መልዕክት
የልዩ አዳሪ ሁለተኛ ደረጃ ትምህርት ቤት የተማሪዎች ምዝገባን በተመለከተ
የፌዴራል ልዩ አዳሪ ሁለተኛ ደረጃ ትምህርት ቤት ተማሪዎች ምዝገባ ባለፉት ቀናት በኦንላይን ሲካሄድ መቆየቱ ይታወቃል ። ነገር ግን በተቀመጠው ጊዜ ገደብ ውስጥ የ8ኛ ክፍል ውጤት ያልደረሰላቸው በርካታ አካባቢዎች በመኖራቸው እንዲሁም በሌሎች ምክንያቶች ያልተመዘገቡ ተማሪዎች በመኖራቸው ምዝገባውን ለተወሰነ ጊዜ ማራዘም አስፈልጓል።
በመሆኑም እስካሁን ያልተመዘገባችሁ ተማሪዎች ምዝገባ እስከ ነሃሴ 25/2017 ዓ.ም ድረስ የተራዘመ መሆኑን አውቃችሁ መመዝገብ የምትችሉ መሆኑን ለመግለጽ እንወዳለን።
ለ2018 ትምህርት ዘመን ሥራ የሚጀምሩ ት/ቤቶች በደቡብ ምዕ/ ሸዋ ወሊሶ ከተማ የሚገኘው ወሊሶ ልዩ አዳሪ ሁለተኛ ደረጃ እና በአቅራቢያው ያለው ቡኢ ልዩ አዳሪ ሁለተኛ ደረጃ ት/ቤት ስለሆኑ ዕድሉን ተጠቀሙ።
ማሳሰቢያ፦
ምዝገባው እስከ ነሃሴ 25/2017 ዓ.ም ድረስ የሚከናውን ሲሆን: -
የ6ኛ ክፍል ክልላዊ ፈተና በ2015 የትምህርት ዘመን ያልወሰዳችሁ ተማሪዎች የክፍል ውጤታችሁንና ካርዳችሁን፣
8ኛ ክፍል በተመለከተ የምታስገቡት ውጤት የሚኒስትሪ ውጤታችሁን ሲሆን የሚኒስትሪ ካርድ ያልወሰዳችሁ ኦላይን ያለውን ውጤታችሁን ስካን አድርጋችሁ ማያያዝ የሚጠበቅባችሁ መሆኑን ለማስገንዘብ እንወዳለን።
ከዚህ ቀደም የተመዘገባችሁ እና በትክክል ያላስገባችሁ ተማሪዎች በድጋሚ አስተካክለችሁ መመዝገብ የምትችሉ መሆኑን እየገለጽን ለመመዝገብ https://sbs.moe.gov.et/apply
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
49971
17:16
21.08.2025
imageImage preview is unavailable
Leenjiin Barsiisota Afaan Oromoofi Herregaa Hirmaachise Marsaa 3ffaasaa Har'a Eegale.
---------------------
BBO- Hagayya 17/2017 Leenjiin Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota MB Sad. 1ffaa kutaa 3 - 5 Afaan Oromoofi Herrega barsiisaa jiraniif kennaa jiru marsaa 3ffaasaa wiirtuuwwan leenjii torba keessatti har'a (17/12/2017) eegaleera.
Leenjiin TaRL barsiisota Herregaafi Afaan Oromoo, hoggansa MBfi ogeeyyii Aanaaf kennamaa ture marsaa 3ffaan buufata 7 irratti boru eegala guyyaa 17-21/12/2017 kennama.
Leenjichi mala baruu barsiisuu Gulantaa Sirriirratti Barsiisuu (Teaching at The Right Level - TaRL) jedhamuun barattoota Sad. 1ffaa keessatti dubbisuu, barreessuufi lakkoofsota qoyyabachuu hin dandeenye adda baasuun yeroo gabaabaa keessatti dandeessisuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, MB. Sad. 1ffaa keessatti barattootni guutumaa guututti dubbisuu, barreessuufi herrega qoyyabachuu dandeessisuudha.
Kanuma bu'uura gochuun leenjii marsaa 1ffaafi 2ffaa keessatti barsiisota, dura bu'oota MB, Supparvaayizaroota Barnootaafi ogeessota barnootaa kuma 20 ol kan leenfiman yoo ta'u, marsaa 3ffaa immoo leenjitootni 7,768 ta'an hanga Hagayya 21/2017tti kan leenji'an ta'uun beekameera.
Leenjiin kun barsiisotaa, dura bu'oota MBfi Supparvaayzaroota kuma 57 oli kan hirmaachisu yoo ta'u, marsaawwan itti aanan keessatti kan wallin gahamu ta'a jedhamee eegama.
Buufata leenjii Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa -Adaamaa (QLBO)tti argamuun leenjicha kan eegalchiisan BBOtti Daayirektara Daayirektoreetii Barnoota Sad. 1ffaa obbo Shamsaddiin Ibraahim yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti leenjitootni leenjii kana booda Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa keessatti daa'imman dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu hin dandeenye adda baasuun akkaataa mala baruu barsiisuu TaRL fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti akka dandeessiftan amantaa guddan qaba jechuun, bara 2018 irraa jalqabee barataan dubbisuu, barreessuufi lakk. qoyyabachuu hin dandeenye akka hin uumamne kutannoo keessan barbaachisa. Kanaafuu, yeroo leenjichaaf kenname qisaasama tokko malee itti fayyadamuun kaayyoo leenjichaa akka galmaan geessan jechuun leenjitootaaf ergaa dabarsaniiru.
Walumaa galatti, leenjichi buufataalee leenjii torba keessatti sa'aatii walfakkaatu keessatti kan jalqabame ta'uun beekameera.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
34245
18:27
23.08.2025
Gorsa Dr. Biraanuu T. Bulchaa, Saayintistiin NASA, barattoota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa fi MB Addaaf sagantaa Festiivaalaa Marsaa 3ffaa irratti kennan.
Egereen keenya hundi gorsa muuxannoo saayintistii kana irraa hedduu barachuu dandeessu.
Yeroo qalbiin dhaggeeffannaa gaarii!!!
➖ Watch here:-https://youtu.be/ty7nKMgLlLc?si=2LKlFdmLhL9thyXP
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱WhatsApp | |📱YouTube | |
19211
21:44
24.08.2025
imageImage preview is unavailable
Yaa'iin 41ffaan Waldaa Madaallii Barnootaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti Eegalame.
----------
BBO- Hagayya 19/2017 Yaa'iin Qulqullinaafi Ammayyummaa Sirna Madaallii Barnootaa Fooyyessu Irratti Mari'atu Mata Duree " Madaallii Barnootaa Ceesisuun/Fooyyessuun Barnoota Qulqullina Qabuufi Murtee Ragaarratti Hundaa'e" jedhuun yaa'ii 41ffaa Waldaa Madaallii Barnootaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti jalqabamee jira.
Yaa'ichis biyyoota miseensa waldichaa ta'an jiddutti sirnaa madaallii barnootaa cimaafi amanamaa ta'e ijaaruu ta'uun beekameera.
Yaa'in kun guyyoota 5f kan gaggeeffamu yoo ta'u, Sirna Madaalliifi Qormaata haqaafi gahumsa qabu diriirsuun hirmaannaa sadarkaa idil Adduunyaatti ol guddisuu, barnootaafi sirna madaallii qorannoon deeggarame ijaaruu, waliin hojjachuufi wal deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisuu irratti xiyyeeffatamee kan mari'atamu ta'uunis beekameera.
Yaa'icharratti haasaa kan taasisan MMBI Prof. Birhaanuu Naggaa
"Biyya keenya keessatti jijjiirama Sirna Madaallii barnootaa dhufeen qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphatee jira" jedhaniiru. Qulqullina barnootaa eegsisuuf sirna madaallii irratti hojjatamuun barbaachisaadha kan jedhan Prof Birhaanuun, murtee ragaarratti hundaa'e dabarsuuf sirna madaallii qulqulluu ta'e diriirsuun barbaachisaadha. jedhaniiru.
Daayirektarri Olaanaan TaJaajila Madaallii Barnootaafi Qormaatawwanii Dr. Isheetuu Kabbadaa haasaa taasisaniin Madaalliin Barnootaa damee barnootaa waliigalaa/hundaarratti bu'a qabeessa waan ta'eef itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
23173
17:05
25.08.2025
imageImage preview is unavailable
#Hojiin_Tajaajila_Lammummaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qaba Jedhame.
------------------
BBO- Hagayya 20/2017 Hojiin Kenniinsa Tajaajila Lammummaa Sagantaa Gannaa 2017 Misooma Barnootaa irratti taasifamaa jiru hirmaannaa qaama hawaasaa hunda hammateen gaggeeffamaa jira.
Hojiiwwan Misooma Barnootaa irratti Ganna kana hojjatama jiran bara barnootaa 2018f akka dhaqqabutti kutannoon kan hojjatamaa jiru ta'uun hubatameera.
Hirmaannaa hawaasa keenyaafi qindoomina Gumii Tiraansifoormeeshinii Barnootaa(GTB) tiin bu'aan qabatamaan lafarratti mul'ataa jira.
Saffisaafi qulqullinaan raawwachuu irratti garaagarummaan aanaa irraa aanaatti, magaalaa irraa magaalatti kan mul'atu ta'ullee, akka waliigalaatti, rakkoo barnootaa keessa jiru furuu irratti abdii guddaa kan namatti horuudha.
Haaluma kanaan, hojiiwwan misooma barnootaa Ganna kana raawwachuuf karoofaman keessaa kan jalqaabamaniifi kan raawwataman hanga 16/12/2017tti kan beekame yoo ta'u, kan xumuraman ibsuun ni danda'ama.
Hanga Jimaata darbeetti
#1_MB Bu'uura Boruu (BB),116 xumuramee tajaajilaaf kan qophaa'e yoo ta'u,
MB BB dareen dabalataa 148 fi
MB BB Moodeleessuun 29 xumuramaniiru.
#2_MB Sad. 1ffaa
- 20 ijaarsi xumurame,
- 1089 dareen dabalataa yoo ijaaramu,
- MB,Sad. 1ffaa 24 moodeleeffameera.
#3_Paarkiin Dijitaalaa 8 xumuramuun tajaajilaaf qophaa'eera.
#4_Ijaarsi Mana Jireenya Barsiisota Baadiyaatti barsiisaniif manni 1310 xumuramuun barsiisotaaf kennamaniiru.
#5_Sagantaa_tutooriyaalii Gannaatiin barattootni kutaa 6ffaa, 8ffaa, 10ffaa, 11ffaafi 12ffaa, baay'inni isaanii 954 466
barachaa kan jiran yoo ta'u,
#6_Ga'eessotni 594 627 barnoota bu'uuraa hojii tajaajila lammummaa Ganna bara 2017 kennamaa jiruun barnoota argachaa jiraachuun beekameera.
#Haala_sosochii_Godinaaleen taasisaa jiraniin yoo ilaalamu,
#Ijaarsa_MB_Bu'uura Boruu
- Qellem Wallaggaa, MB Bu'uura Boruu 27 jiaaree kan xumure yoo ta'u,
- Gujiin, 18fi
-Arsii Lixaa immoo, 17 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf bananiiru.
#Ijaarsa_MB_Sad_1ffaa,
- Gujii Lixaa MB Sad. 1ffaa 5
- Qeellem Wallaggaa 4
- Arsii Lixaa 4 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf banaa godhaniiru.
#Ijaarsa_Paarkii_Dijitaalaa.
- Arsii Lixaa 2
- Baalee Bahaa 2 xumuruun tajaajilaaf qopheessaniiru.
#Ijaarsa_Mana_Jireenyaa Barsiisotaa:
- Godinni Jimmaa MJB 220,
- Qellem Wallagga Mana 156 ijaaree xumuruun barsiisotaaf dabarseera.
Walumaagalatti, Hojiin Tajaajila Lammummaa misooma barnootaa irratti kennamaa jiru kun rakkoo qulqullina barnootaa irratti qunname keessaa bahuuf gahee olaanaa kan taphatu ta'uu hayyootni barnootaa ragaa kan bahan yoo ta'u, hirmaannaan hawaasa keenyaas kanuma hubachuun gahee isaa bahachaa jira.
Dabtaraafi qalama walitti qabuun, kitaaba wabii ta'an gumaachuufi kkf irratti hirmaachuun tajaajilli lammummaa hawaasa keenyaaf bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira.
Kanaafuu, Barnootni dhaloota egereef dhaalchifnu hojii har'a raawwachaa jirruun waan ta'eef hundi keenya xiyyeeffannaan akka hojjannu dhaamsa keenya ta'a.
#Hubachiisa:- Ragaan asii olitti ibsaman kunniin #hanga_Hagayya_16/2017 kan gabaasame ta'uu hubatamuu qabs.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
17943
22:40
26.08.2025
imageImage preview is unavailable
Oromiyaatti Galmeen Barattootaa Haggaya 26 eegala - BBO
Finfinnee, Hagayya 16, 2017 - Naannoo Oromiyaatti galmeen bara barnootaa 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017 gaggeeffama jedhe Biiroon Barnootaa Naannichaa.
Qophii karooraa bara barnootaa 2018 ilaalchiisee Sadarkaa Hogganaa itti aanaa Biirootti Gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa Poodkaastii Faanaa waliin turtii taaasisaniiru.
Naannichatti qulqullina barnootaa mirkanneessuuf dameewwan hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisuun, bara 2018’f qophiin barbaachiisu taasifamaa jira jedhan.
Haaluma kanaan galmeen barattootaa Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017tti kan geggeeffamu ta’uu kaasaniiru.
Bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 13 ol simachuun barsiisuuf karoorfamuus obbo Efireem himaniiru.
Wayita amma hojiileen meeshaalee barnootaaf barbaachiisan mijjeessuu, haaroomsa manneen barnootaa fi kanneen biroo hojjetamaa jiru jedhan.
Kitaabiilee dabalatee meeshaalee barnootaaf barbaachisaan hojiin guutuu hojjetamaa jira jedhan.
Biirichi hanqinaalee kitaabiilee mudachaa turan marsaa marsaan furuuf hojjetaa akka jirus dubbatan.
Tooftaalee baruu fi barsisuurratti jijjiirama fiduuf sadarkaa biyyaalessaa fi naannootti leenjiin dandeettii barsiisootaa cimsuuf gargaaru kennnamaa jiraachuus kaasaniiru.
Akka naannoo Oromiyaattis dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa guddisuuf barsiisoota kutaa 3-5 barsiisan kuma 54 oliif leenjiin marsaa marsaan kennamaa jira jedhan.
Hagayya 23, 2017 irraa eegalee barsiisoonni hundi manneen barnootaatti argamuun haaloota kan mijeessan ta’uus eeraniiru.
Barnoonni akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5, 2018 kan eeegalu ta’uus Obbo Efireem akeekaniiru.
Maatiin, hawaasni fi qooda fudhattoonni barattoota umuriin isaani barnootaaf gahee gara mana baruumsaatti akka ergan fi barataan kamuu mana baruumsarraa hafuu akka hin qabne dhaamaniiru.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
49265
11:34
22.08.2025
Gorsa Dr. Biraanuu T. Bulchaa, Saayintistiin NASA, barattoota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa fi MB Addaaf sagantaa Festiivaalaa Marsaa 3ffaa irratti kennan.
Egereen keenya hundi gorsa muuxannoo saayintistii kana irraa hedduu barachuu dandeessu.
Yeroo qalbiin dhaggeeffannaa gaarii!!!
➖ Watch here:-https://youtu.be/ty7nKMgLlLc?si=2LKlFdmLhL9thyXP
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱WhatsApp | |📱YouTube | |
5598
11:05
27.08.2025
imageImage preview is unavailable
#BEEKSISA
Qaammee 5/2017 Booda Manni Barnootaa Barataa Galmeessu Hinjiru !
------------------
BBO- Hagayya 21/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Idileefi Haaraa guyyaan galmee Hagayya 26 hanga Qaammee 5/2017 Qofa akka galmaa'an beeksisuun ni yaadatama.
Bu'uuruma kanaan:
Galameen barataa Hagayya 26/12/2017 hanga Qaami'ee 5/13/2017tti #guyyaa_Sanbataa dabalatee guyyoota #Sagaliif otuu wal irraa hincitin waan gaggeeffamuuf #barataan_idilees_ta'ee #haaraan_akka galmooftan_irra_deebinee isin beeksifna.
Kanaafuu, #Hawaasnifi_Maatiin_Barattootaa haaluma kana hubachuun barattootni yeroo galmeef kaa'ame keessatti akka galmeessiftan jechaa, Qaammee 5/2017 booda manneen barnootaa barataa simatee galmeessu akka hinjirre gamanumaa isin beeksifna.
Barsiisotniifi hoggansi manneen barnootaa kanuma hubachuun,
Fulbaana 2-4/1/2018tti barattoota daree dareetti qooduun maqaasaanii roostarii irratti akka qabattan;
Fulbaana 5/1/2018 barnoota kennuu jalqabuu,
Kunis yeroon barnootaa bara 2018 akka hin qisaasofne gargaara.
#Qaammee_5_2017_Booda_Galmeen_Hinjiru!
#Barnootni_Fulbaanaa_05_2018_Eegala!
#Kanaaf, Galmaa'aa! Galmeessisaa!
#Barri_Haaraan_Kan_Milkii_Isiniif_Haata'u!!
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
15592
17:25
27.08.2025
imageImage preview is unavailable
"#Namarraa_Fudhachuurra_Kennuutu_Na_Gammachiisa"
(Leenjitoota Marsaa 3ffaa)
--------------------------
BBO- Hagayya 21/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota Afaan Oromoofi Herrega Kutaa 3 -5 barsiisan barsiisota kuma 57 ol ta'an marsaa adda addaatiin mala baruu barsiisuu "Gulantaa Sirriirratti Barsiisuu" (Teaching at The Right Level - TaRL) jedhamuu irratti leenjisaa jira.
Malli kunis, MB. Sad. 1ffaa keessatti barataan dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu hin dandeenye yeroo gabaabaa keessatti dandeessisuun dhaloota dubbisee beekumsa argatu, barreessee beekumsa qooduufi shallagee waa uumuu danda'u horachuudha.
Haaluma kanaan leenjitootni Marsaa 3ffaa Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa - Adaamaatti leenji'aa turan guyyaa xumura leenjichaarratti (21/12/2017) Maallaqa walitti buusuun barattoota isaaniif deeggarsa taasisaniiru.
Deeggarsi taasifames, qarshii walitti baasuun Mana Barnootaa Bu'uura Boruu tokkoof teessoo daa'immanii bitaniiru.
Farnicharii bitame kanas Godinaafi Magaalaaf Carraa baasaniiru. Carra bahes, Godina Shawaa Bahaa kan gahe yoo ta'u, Godinni Shawaa Bahaa immoo, Aanaaf, Aanaan immoo, MB Bu'uura Boruuf carraa kennuun carrichis dhumarratti Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Dugdaa. MB Bu'uura Boruu Shubii Gamootiif baheera.
Haaluma carraa baheen Godinni Shawaa Bahaa Aanaan Dugdaa Manni Barnootaa Bu'uura Boruu Shubii-Gamoo farnicharii kennaa leenjitoota marsaa 3ffaa QLB irraa argatan galata waliin fudhataniiru.
Leenjitootni marsaa 3ffaa QLB qarshii 18,400 walitti buusuun bitan kanarratti yaada kan kennan yoo ta'u, Harka Namaa irraa fudhachuu caalaa, Kennuutu Nama Gammachiisa" kanaafuu. hawaasa keenyaafi daa'imman keenya kan gargaarru har'a ta'uu qaba jedhaniiru.
Biiroon Barnootaa Oromiyaas #Kennaa_Tajaajila_Lammummaaf/ deeggarsa dhaloota egereef tasisaniif Barsiisota keenya Galateeffateera.
Dhugaadha! Kennuun/Arjoomuun/ Sammuu dhala namaaf gammachuufi boqonnaa uuma!
#Galatoomaa!
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
8483
23:25
27.08.2025
close
Reviews channel
No reviews
New items
Channel statistics
Rating
26.3
Rating reviews
0.0
Сhannel Rating
7
Subscribers:
173K
APV
lock_outline
ER
11.2%
Posts per day:
2.0
CPM
lock_outlinekeyboard_double_arrow_left
shopping_cart
Channels:
0
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Total:
$0.00
Add to Cart
Clear the cart
Are you sure you want to clear the cart?
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Clear my cart
Cancel
Комментарий