
Advertising on the Telegram channel «OROMIA EDUCATION NEWS»
Whenever you are ready, please go ahead and tell me what you would like to discuss or work on. I am here to assist you with clarity, structure, and straight facts—whether it is related to trading, business, personal development, or anything else you are focused on right now.
Channel statistics
#Kutaa_8ffaa
#Kutaa_6ffaa
Yeroon Qormaanni Kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa bara 2018 itti kennamu yoomi?
Barattoonni kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa bara kana jechuunis bara 2018 qormaata naannoo fi biyyaalessaa fudhattan hedduun karaa keessaa fi comment irratti guyyoota qormaanni kunneen itti kennaman nu gaafachaa jirtu.
Nutis odeeffannoo Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa arganneen guyyoonni qormaanni kunneen itti kennaman;
• Qormaanni Moodeela Kutaa 6ffaa fi 8ffaa Caamsaa 24-28 bara 2018 ni kennama.
• Qormaanni Kutaa 6ffaa Waxabajjii 1-5 bara 2018 ni kennama.
• Qormaanni Kutaa 8ffaa Waxabajjii 8-12 bara 2018 ni kennama.
• Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Waxabajjii 15-26 bara 2018 akka kennamu karoorfameera.
Qormaanni Kutaa 12ffaa yeroo kanatti akka kennamu yaadamuyyuu, Ejensiin Madaallii Barnootaa fi Qormaataa guyyaa kan fooyyessuu danda'a.
Amajji 14,2018
Hawaasni barnootaa hundi Waraqaa eenyummaa dijitaalaa akka fudhatan hojjetaa jiraachuu, Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Tolaa Bariisoo(PhD) himan.
Barsiisonniifi hojjettoonni seektara barnootaa Waraqaa eenyummaa dijiitaalaa fudhataa jiraachuu ibsuun, barattoonnis Waraqaa eenyummaa dijitaalaa baafachaa kan jiran yoo ta'u, akka haalduree qormaataattis kaa'ameera jedhan.
Qormaata naannnoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa kennuu akkasumas sororuuf dijitaala fayyadamuun yeroofi humna namaa akka qusates eeran.
Jijjiirraa barsiisootaa dabalatee qabeenya galmeesuufi hordoffiin yeroo hojiis gara dijitaalessuutti jijjiiramaa jiraachuu himan.
Dijitaal Itiyoophiyaa bara 2030 hojii baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti qooda olaanaa gumaacha kan jedhan Tolaa Bariisoo(PhD) tajaajila interneetiifi bilbilaa dabalatee meeshaalee hojii kanaaf barbaachisan waliin ga'uufis xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Bara kana ji'a amajjii keessa ni kennama jedhamee eegamaa kan ture qormaatni Exit Exam dheeratee jira.
Waraqaan ministeerri barnootaa dhaabbilee barnoota ol'aanoof barreesse akka ibsutti ji'a amajjii guyyaa 14/2018 irraa eegalee akka kennamu ibsee ture.
Ta'ullee sababa qophiin adda addaa dhumuu dhabuu irraa kan ka'ee dheerachuu himame.
Qormaata kana fudhachuuf barattooni qophaa'aa jirtan hundi hanga tajaajilli qormaataafi barnootaa guyyaa sirrii beeksisutti obsaan akka eeggattan ibsameeti jira.
Odeeffannoon kun Yuunivarsiitii Wallaggaa irraa argame !
Sartafikeeta keeysan fudhadhaa !
Qormaata gahumsa oogumama fudhattanii qabxii darbiinsaa warri argattaan Amajjii 13/2018 guyyaa arraa irraa eegaltanii naannoo jiraattan ( Biiroo fayyaa ) deemuun Sartafikeeta keeysan fudhachuu dandeeysu jechuun ministeerri fayyaa ibse.
Waa'ee Guyyaa Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam
Odeeffannoo Yuunivarsiitiin Wallaggaa kaleessaa baaseen qormaanni kun Amajjii 14 bara 2018 irraa kaasee kennamuuf yaadamee akka ture beeku dandeenyeerra.
qormaanni kun dhuma Ji'a Amajjii ykn jalqaba Ji'a Gurraandhalaa keessa akka kennamuu danda'u Ministeerri Barnootaa ibsee turuun ni yaadatama .
Egaa ammas ta'u guyyaan qormaata bahumsaa kun hin beekamne, Yuunivarsiitiin Jimmaa Gurraandhala keessa kennama jechuun odeeffannoo argataniin ibsaniiru.
Ministeerri Barnootaa hanga ammaatti homaa hin jenne, tarii yeroo ammaa kanatti «Verification» irra jiru, gama biraatiin Ji'a kana gara xumuraatti kennuuf yoo yaadameyyuu yoom himamee yoom kennama? Ji'a 5ffaa xumuruuf guyyoota 17 qofaatu hafe.
Waamicha Barattoota Sagantaa Rimiidiyaalii haaraa Yuunivarsiitii walaayittaa sooddoo
Barattootni Sagantaa Rimiidiyaaliitiin bara 2018 Yuunivarsiitii walaayittaa sooddootti ramadamtaniif guyyaan seensaa Barattoota kaampaasii guddichaa(main campus )fi kaampaasii daawuroo taarcaatti ramadamtan Mudde 23 yoo ta'u , barattoonni kaampaasii boodittiittii ramadamtan immoo Amajjii 1 Bara 2018 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksise.
Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan;
➫ Sartifikeettii kutaa 8ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ National Id
➫ Sartifikeetii kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Suuraa gurdii(3×4) Saddet
➫ Ansoolaa, uffata qorraa, uffata boraatii fi hidhannoo ispoortii
Barattoota Manneen Barnootaa #Bultii_Addaa_Sad_2ffaa #Federaalaatti Barachuuf Qormaata Darbanii Ramaddii MB Argatan Hundaaf
---------------
BBO-Muddee 04/2018 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Barattoota Manneen Barnootaa #Bultii_Addaa_Sad_2ffaa_Federaalaatti barachuu barbaadan dorgomsiisuun, barattoota qormaata darban manneen barnootaa itti barachuu qabanitti ramaddii kennuun waamicha manneen barnootaa isaaniif taasisu bakkuma jiranitti barachaa akka eeggatan jechuun dhaamsa dabarsuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan Barattootni Ramaddiin isinii kenname Muddee 11-12/2018 tti gara mana barnootaa itti ramadamtaniitti deemuun barnoota keessan akka eegaltan Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Gara MB Yoo Deemtan Wanta Qabachuu Qabdan:
#1_Meeshaalee Barnootaa (dabtara, qalama, boorsaa, uffata ispoortiifi kkf)
#2_Uffata halkanii (ansoolaa, uffata qorraafi kkf)
#3_Manneen Barnootaa (kutaa 9ffaa) hanga har'aatti keessatti barataa turtan irraa #xalayaa_gaggeessituufi_qabxii ji'oota darban keessa galmeessiftan qabattanii akka dhaqxan,
#4_Uffata_Yuuniifoormii Mana Barnootaa ilaalchisee Ministeerri Barnootaa dhaabbata dhiheessu waliin waliigaltee uumeen kan dhihaatu ta'uu ibsuun, baasiin kan barataan uwwifamu(#(kafalamu) taa'uu beeksiseera.
#Dhumarratti, Barataa Muddee 11 dura dhufus ta'ee, Muddee 12/2018 booda dhufu kan hin fudhanne ta'uu beeksiseera.
#Kanaafuu, #Muddee_11fi12/2018 daqxanii barnoota keessan akka jalqabdan dhaamsa BBOtti.
List of prospective graduates who will take the exit examination in January 2018 E.C. and the full information form.
------------Guyyaa 06/04/2018
Dhimmamtootaafi Hawaasa Barnootaa Hundaaf
Dhimmi:- Wixinee Qajeelfamootaafi Danbii Qophaa'e Irratti Yaada Akka Kennitan Gaafachuu Ta'a.
Ministeerri Barnootaa Mootummaa Federaalawaa Dimookiraataa Riippablika Itoophiyaa
#1_Wixinee Qajeelfama Sagantaan Barnnootni Bu'uuraa Ga'eessotaa ittiin raawwatamu
Liimkii :- https://forms.gle/RXsuSUGtFFYrkAMQ9
kana banuun,
#2_Wixinee Danbii Hundeeffama Mana Maree Barnootaafi Leenjii Barnoota Ga'eessotaafi Barnoota Al Idilee irratti
Liinkii:- https://forms.gle/TZTSPZrJzgEnY2Rq9
kana banuun
#3_Wixinee Qajeelfama Sagantaan Barnootaa Saffisaa ittiin gaggeeffamu irrattis
Liinkii :- https://forms.gle/16CDaGfzkXDF6fwt6
kana banuun yaada keessan akka irratti kennitan jechuun Ministeerri Barnootaa gaafateera.
Kanaafuu, Biiroon Barnootaa Oromiyaas Yaadni hawaasni barnootaafi qooda fudhattootni barnootaa kennan galtee olaanaa waan qabuuf #wixineewwan_Sadan isiniif dhihaatan dubbisuun yaada keessan akka gumaachitan jenna.
#Hub:- Liinkiwwan erga bantanii bakka "#ማስፈንጠሪያ " jedhu san tuquun sandicha wixinee isiniif bana.
#yaada barreessitan erguuf bakka #Submit" jedhu tuquun haa ergamu.
+++++++
BBO, Muddee 8/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojii barnootaa teeknoloojiidhaan deeggaramee hojjechuuf leenjii hubannoo tuttuqqaa namaarraa karaa bilisa ta’een raawwachuuf hojjechaa jira.
#Galmee barattootaa, soroorsa qorumsaa kutaa 6ffaafi 8ffaa,jijjiirraa barsiisotaa, Sirna Qabannaa Bulchiinsa Ragaa Odeeffannoo Barnootaa (EMIS)fi galmee barsiisotaa madaallii qorumsa gahumsa ogummaa barsiisummaa fudhatanii irratti leenjii kennuun hojii qabatamaan hojjetamaa jira.
#Teeknoloojiidhaan deeggaramuun hojiin hojjetamu faayidaan isaa;
#Ragaa_Bu’uuraafi_qulqulluu ta’e qabaachuuf,
#Yeroo_qusachuuf,
#Hojii_qulqullina_qabu hojjechuuf,
#Baasii qusachuuf,
#Ariitiin hojii hojjechuuf ni gargaara.
Hojiin dijitaalaayzeeshinii kun yeroo yerootti mosaajjii fooyya’e irratti leenjii dandeettii raawwachiistummaa cimsu kennuun murteessaadha. Haaluma Kanaan galmee barsiisotaa hanga qorumsa soroorsuutti moosaajjii (Software) qophaa’e irratti Abbootii Adeemsaa kenniinsafi haaromsa haayyama ogummaa barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa godinaaleefi Bul.Magaalotaaf kennamee jira.
Reviews channel
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «OROMIA EDUCATION NEWS» is a Telegram channel in the category «Образование», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 11.0K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 7.3, with 0 reviews and an average score of 0.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 2.4 ₽, and with 0 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий