
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
12.5

Advertising on the Telegram channel «Oromia Education Bureau»
5.0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$6.00$6.00local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
Mosaajiin 'TMIS' Uumamuun Gaaffii Jijjiirraa Barsiisotaa Haqaan Akka Raawwatu Taasise.
---------
BBO- Hagayya 28/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Mosaajii haala qaxarrii, jijjiirraa, sadarkaa guddinaafi soorama bahuu barsiisotaa ragaa abbaan guuttate irratti hundaa'uun tuttuqaa harkaa tokko malee bilisaan hojjatu bu'a qabeessumman ibsame.
Mosaajichi jijjiirraa barsiisotaa yeroo ammaa hojjatamaa jiru keessatti haala salphaafi saffisa qabuun tajaajila kennaa kan jiru ta'uufi komii barsiisotaa kanaan dura ture kan hambisee ta'uu kan ibsan Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Kaasahun Galaanaa yoo ta'a,
Galmeen jijjiirraa barsiisotaa 'online'n hanga Hagayya 25/2017 kan ture ta'uu kan ibsan Dr. Kaasahun, barsiisota iyyannoo guutan 36107 keessaa; Bara Taajaajila qabaniin 31640, Gaa'elaan 3570 fi Sababa Rakkoo adda addaatiin immoo, 897 jijjiirraa kan gaafatan ragaan mosaajichaa kan agarsiise ta'uu ibsaniiru.
Mosaajichi barsiisota iyyannoo qaban dorgomsiisuun jijjiirraa kan raawwatu waan ta'eef bu'aasaas abbumti kan ilaallatu ta'uun beekameera.
Hog/I/A BBO Dr. Kaasahun Galanaa ibsa kan kennan bakka Pirezidaantiin Waldaa Barsiisotaa Naannoo Oromiyaa obbo Waaqoyyaa Toleeraa argamanitti yoo ta'u, Pirezidaantichis, BBOn teeknooloojii addunyaan irra geessetti fayyadamuun barsiissota keenya fayyadamaa taasisuu dinqisiifachuun barsiisotnis carraa uumametti akka fayyadaman dhaamsa dabarsaniiru
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
2770
16:36
03.09.2025
play_circleVideo preview is unavailable
Ramaddii MBBA 2018
Oromia Education Bureau 💠
1342
16:55
03.09.2025
imageImage preview is unavailable
#Beeksisa
Barattoota #Qormaata_Seensaa MB Bultii Addaa Sad. 2ffaa Bara 2017 Qoraman Hundaaf
--------------
BBO- Hagayya 30/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Misoomaa Oromiyaa waliin ta'uun qormaata seensaa kutaa 9ffaa MB Bultii Addaa Sad. 2ffaa qopheesseen barattoota ulaagaa guutan galmeessuun guyyaa 16/12/2017tti qormaata seensaa buufata 24tti kennuun, barattoota qormaata seensaa qabxii caalmaa dhiiraaf 80%fi oli fi dubaraaf 77% fi ol galmeessisan beeksisuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan walqabatee, barattootni qabxii irratti shakkii qaban tokko tokko qulqulleeffachuu akka barbaadan dhageenyeerra.
Kanaafuu barataan qabxii galmeessise irratti shakkii qabu;
1) Qabxiin qormaataa 5% 15% fi qabxii qormaataa seensaa 80% keessaa qabame, walitti 100% keessaa hangam akka galmeessiftan ragaa guutuu( #Lists ) gara Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaatti (#Bakka_Itti_Galmooftan) ergamee jira.
#Qabxii kanas ilaallachuu kan dandeessan;
#Qaammee 3- 5/2017 tti qofa qulqulleeffachuu kan dandeessan yoo ta'u,
#Barataan_qabxii_ilaaletti_hin_quufne_yoo_jiraate immoo,
2) Fulbaana 3-4/2018 (Sanbataafi Dilbata) Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa - Adaamaatti argaamu ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee tajaajila ni arggattu.
Guyyoota jedhamaniin ala kan dhufu tajaajila hin argatu.
#Hubachiisa:- Qormaatni Seensaa kutaa 9ffaa MBBA kan sororfame akkuma qormaata Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa Maashinii Ammayyaa qorumsa sororuun kan sororfame waan ta'eef hanga ammaatti hanqina tokko malee kan itti fayyadamaa jirru ta'uu yaada keessa galchuun barbaachisaadha.
Kunis, qulqullinni maashinichaa olaanaa ta'uu agarsiisa.
Walumaagala:-
1) Qabxii ilaallachuu kan barbaadan;
- Waajjira Barnootaa Godinootaafi Bul. Magaalotaatti, Guyyaa 3-5/13/2017 tti qofa yoo ta'u
2) Barataan Qabxii Ilaallatetti hin quufne yoo jiraate;
#Adaamaa, Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa keessatti Guyyaa 3-4/01/2018 (Sanbataafi Dilbata) Ganama Sa'aatii 2:30 irraa jalqabee tajaajila ni argattu.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
1931
16:04
05.09.2025
imageImage preview is unavailable
#Hubachiisa - Jijjiirraa Ilaalchisee
Barattoota Qormaata Seensaa MB BA #Dabartanii_Ramaddii_Argattan_Hundaaf
-------------------
BBO- 30/12/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Misoomaa Oromiyaa Barattoota Qormaata Seensaa kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa qabxii caalmaa galmeessisan fudhachuun Ramaddii kennuun ni yaadatama.
Haata'u malee #maatiin_barattootaa_tokko_tokko ijoolleen gara MB BA fedhanitti akka jijjiiramaniif jijjiirraa gaafachaa kan jiran ta'uun beekameera.
Barattootni kan ramadaman haala teessoo isaanii Godinaafi Bul. Magaalota keessatti barataa turan irratti hundaa'un, MB Bultii Addaa Sad. 2ffaa dhihoo/ walitti kalaa'utti ramaddiin kennameefii jira.
Kunis, filannoo barattootaafi maatii otuu hin taane walitti dhihaachuu MB BAfi Godina/magaalaa maatii isaanii irratti hundaa'eti.
Naannoo Oromiyaa keessa Manneen Barnootaa Bultii Addaa 9 qofatu jiru. #MB_Bultii_Addaa_hunduu_istaandardii_tokkorra_kan jiran yoo ta'u, #faasiliitiin_jiruufi_tajaajilli kennamu #walqixa waan ta'eef fageenya Godina/magaalaa maatii isaaniifi MBBA jiru qofa irratti hundaa'uun ramadamaniiru.
Haaluma kanaan MBBA 9 keessaa 2 MBWMOfi MBBA 7 Mootummaa Naannoo Oromiyaan kanneen bulan Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa(MBIBB) keessatti haala fageenyaa irratti hundaa"un ramaddiin kennameera.
Kanaafuu, ⚠️ barataa kamiifiyyuu jijjiirraan kan hin heyyamamneef (
jijjiirraan hin danda'amu
) ta'uu beektanii gaafa waamichi isiniif taasifamutti Mana Barnootaa ramadamtanitti argamuun barnoota akka jalqabdan gamanumaa Qophii akka taasiftan isin beeksifna.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |2063
21:44
05.09.2025
imageImage preview is unavailable
Guyyaa 30/12/2017
#Yaadachiisa.
#Galmee_guyyoota_4_qofatu_hafe!
Daa'imman Umriin Isaanii Barnootaaf Gahe ( Waggaa 4fi ol) Hundi Gara Mana Barnootaa Haadhufan!
Haagalmaa'an! Haabaratan!
Daa'imni tokkollee mana barnootaa ala akka hin taane tumsa Haataasifnu!
🔔 Barnootni_Lammii_Hundaaf
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
2064
13:52
05.09.2025
imageImage preview is unavailable
Jijjiirraan Barsiisotaa Ifoome.
-----------
BBO- Qaammee 2/2017 Jijjiirraan Barsiisotaa Mosaajii TMIS fayyadamuun 'online' iyyannoo jijjiirraa galfatan har'a gadlakkifamee jira.
Kanaafuu, Barsiisotni iyyannoo guuttan hunduu '#User_name' keessanitti fayyadamuun ''#passward' galchuun bu'aa dorgommii keessanii ilaalladhaa!
#Hub :-Bal'ina odeeffannoo kanaa booda dhiheessina.
Nu hordofaa
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
1656
12:36
07.09.2025
imageImage preview is unavailable
Jijjiirraan Barsiisotaa Ji'a Jaha Jahaan Kan Raawwaatamu Ta'uun Himame.
-----------------
BBO- 2/13/2017 Jijjiirraan Barsiisotaa waggaa keessatti si'a lama (Semisteera 1ffaafi 2ffaa) kan taasifamu ta'uun beekameera.
Jijjiirraan amma achi kan gaggeeffamu mosaajitti qofa fayyadamuun 'online'n jalqabamee 'online'n kan xumuramu waan ta'eef iyyannoo dhihaatuuf ragaa qulqulluufi dhugaa ta'e guutuun tajaajilamaa ta'uun akka danda'amu hubatameera.
#Haala_Dorgommiin_Jijjiirraan_Itti_Hojjatamu:
#Barsiisaan_Tajaajilaan(tajaajila waaggaan) iyyate, kan dorgomu barsiisota tajaajilaan gaafate waliin ta'uu,
#Barsiisaan_Gaa'elaan (fuudhaafi heerumaan) dorgome, warra Gaa'elaan iyyate waliin kan dorgomu ta'uufi
#Barsiisotni_Rakkoowwan adda addaa( dhibee,balaa adda addaa, . . . ) waliin kan dorgoman waan ta'eef qabxii hubatamuu qabuudha.
Gareen sadanuu(tajaajila, gaa'elaafi rakkoo adda addaa) garee isaanii keessatti kan dorgomanii filataman malee sadanuu bakka tokkotti cuunfamee kan hin taane adda baafachuun barbaachisaadha.
Walumaagalatti, ulaagaan jijjiirraa haala qajeelfama jiruu irratti hundaa'ee kan hojjatame yoo ta'u, ulaagaan kunis Mosaajicha keessa kan gale waan tureef tuttuqaa namaa malee jalqabaa hanga xumuraa bu'aa kan adda baase ta'uun barsiisota 5000 olif yeroo jalqabaaf jijjiirraa mirkaneesseera
Dhumarratti, Barsiisotni jijjiirraa argattan baga gammaddan jechaa guyyaa boruu irraa(3/13/2017) eegalee waraqaa qulqullummaa (clearance) fudattanii gara ramaddii haaraatti akka deemtan isin beeksifna.
#Waajjirri_Barnootaa_Godinaalee_Magaalotaafi_Aanaa barsiisota jijjiirraa argataniif #hatattamaan_akka_gaggeessitan isin hubachiifna!
#Hubachiisa:- Barsiisotni jijjiirraa irratti komii qaban yoo jiraatan guyyaa har'aa irraa eegalee #hanga_Qaammee_5/2017tti qofatti mosaajicha keessa galuun bakka "Comment" jedhu keessatti komii keessan dhiheeffachuu ni dandeessu.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
1995
12:36
07.09.2025
imageImage preview is unavailable
Itiyoophiyaatti Gaadidduun Baatii mul’achaa jira.
Qaammee 02, 2017- Itiyoophiyaatti Gaadidduun Baatii samiirratti mul’achaa jira.
Oromia Education Bureau 💠
901
21:11
07.09.2025
imageImage preview is unavailable
Bara Barnootaa 2018 Barsiisotni Haaraan 18,000 Kan Qaxaraman Ta'uufi #Hanga_Har'aatti #Barattootni_Mili_7.6 Ta'an Qofti Galmaa'uun Beekame.
-----------------
BBO- Qaammee 3/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa hanqina barsiisaa manneen barnootaa keessatti mul'atan furuuf bara barnootaa 2018 keessa barsiisota Bu'uura Boruu, Sad. 1ffaafi 2ffaa
qaxaruuf qophii xumureera.
Haaluma kanaan , Barsiisota MBBB - 4,000
MB Sad. 1ffaa - 11,000
MB. Sad. 2ffaa - 3,800 #yeroo_dhihoo_keesssatti_qaxarriin_kan_raawwatu hubatameera.
#Galmee_barattootaa_bara_2018 ilaalchisee hanga har'aatti 58.4% ta'an qofti kan galmaa'an yoo ta'u, akka karooraatti barataa miliyoona 13 simachuuf yoo ta'u, guyyaan galmeen xumuramus Qaammee 5/2017 ta'uu beeksisa yeroo adda addaa darberraa beekun danda'ameera.
Barnootni Fulbaana 05/2018 kan jalqabamu waan ta'eef barataan 41.6 % ta'u guyyoota lama hafan keessatti galmaa'uu akka qaban agarsiisa.
Barataan guyyaa kennameef keessatti hin galmoofne barnootni bara 2018 kan jala darbu ta'uusaa irra deddeebi'amee waan ibsameef
#Barattootni,
#Maatiin Barattootaa,
#Hawaasni keenyaafi
#GTB Sadarkaan jirtan hundi daa'imman keenya MB barnootaa ala akka hin taane gahee keessan akka bahattan dhaamsa biiroo keenyaati.
Dhumarratti, Wayitiin Barnootaa Bara 2018 akka hin qisaasofne galmeen guyyaa 5/13/2017 xumuramuu kan qabu ta'uu, adeemsi baruu barsiisuu Fulbaana 05/2018 kan jalqabamu waan ta'eef
#Hoggansi barnootaa Waajjira Barnootaa Godinaalee, Bul. Magaalotaa, Aanolee, kutaa magaalotaa,
#Dura Bu'aan MB,
#Supparvaazarri Barnootaa, #Barsiisaan,
#Caasaam_mootummaa, gandootaa, magaalotaa, kutaa magalotaafi ollaa hundi hawaasa sochoosuun daa'imman akka galmaa'an taasisuun gahee keenya bahachuu qabna kan jedhu ergaa keenya ta'a.
#Qulqullina_Barnootaa_Mirkaneessuuf_Hirmaannan_Hawaasaa_Murteessaadha.
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
1666
21:32
08.09.2025
imageImage preview is unavailable
#Jijjiirama_Waggaa_Ayyaantutu_Arga!
------
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Ummata Itoophiyaa Hundaan Baga Bara Haaraa 2018 Nagaan Geessan/Geenye Jedhuun,
Barri Haaraan Kan Nagaa, Gammachuu, Fayyaa, Badhaadhinaafi Milkaa'inaa Akka Ta'u Hawwa!
#Bara_Gaarii !
የኦሮሚያ ት/ቢሮ ለኢትዮጵያ ሕዝብ በሙሉ እንኳን ለአዲሱ ዓመት 2018 በሰላም አደረሳችሁ/ አደረሰን እያለ፤ አዲሱ ዓመት የሰላም፣ የደስታ፣ የጤና፣ የብልፅግናና የስኬት ዓመት እንድሆንልን ተመኝቷል!
#መልካም_አዲስ_ዓመት!
💙Oromia Education Bureau 💠
💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |
837
20:28
10.09.2025
close
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeennew@******.io
On the service since June 2022
31.07.202517:59
5
Everything is fine. Thank you!
New items
Channel statistics
Rating
12.5
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
1
Subscribers:
13.2K
APV
lock_outline
ER
8.1%
Posts per day:
2.0
CPM
lock_outlinekeyboard_double_arrow_left
shopping_cart
Channels:
0
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Total:
$0.00
Add to Cart
Clear the cart
Are you sure you want to clear the cart?
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Clear my cart
Cancel
Комментарий