
- Main
- Catalog
- News and Media
- Advertising on the Telegram channel «Oromia-University»
Advertising on the Telegram channel «Oromia-University»
🔔Stay informed with Oromia University! Get the latest educational news, updates, and resources to enhance your academic journey.
Channel statistics
✅ ZERO account opening charges
✅ Invest in IPOs, Mutual Funds, Gold & FDs
✅ Buy/Sell stocks in one click
✅ Trade in Stocks, F&O, Commodities & Currencies
Download the app
Biyya Jabaa ijaaruufi Dhaloota jabaa ofitti Amanamummaa cimaa qabuun ijaarra jedhame.
Ministeerri Ministeera Barnootaa Professer Biraanuu Naggaa hawaasa Yuunivarsiitii Amboofi Manajimeentii waliin kan maryaatan yoo ta'u;"biyya jabaa dhaloota jabaa ofitti amanamummaa cimaa qabuun ijaarra" jedhan.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr Tolaa Bariisoo Magaalaa Ambootti mana Barnootaa ifa boruu bultii Aaddaa dawwataniin; haala hojii baruuf barsiisuu manneen barnootaa ilaalanii, barattoota dubbisuudhaan kallattii hojii baruuf barsiisuu fuldaraas kaa'aniiru.
Kantiibaan Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu hojii baruuf barsiisuu manneen barnootaa magaalaa Amboo keessa jiruun cinatti, hojiiwwan misoomaa magaalichaa daawwachiisaa jiru.
@Oromia_University
#Wolaita_Sodo_University
Yuunivarsiitiin Wolaayittaa Sooddoo Barattoota Sagantaa Sirreeffamaa (Remedial) Bara 2018 Mooraa Guddaa fi Mooraa Daawroo Tarcaatti ramadamaniif guyyaa galmee dheeresseera.
Sababoota adda addaatiin yeroon galmee hanga Ammajjii 01/2018tti akka dheerate yunivarsiitichi beeksiseera.
Barattoota Mooraa Boddittiitti ramadamaniif Waamicha Ammajjii 01/2018 taasifame irratti jijjiiramni akka hin jirre ibsameera.
@Oromia_University
𝗣𝗶𝗿𝗲𝘇𝗶𝗱𝗮𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗠𝗼𝗼𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗡𝗮𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮 𝗷𝗮𝗹𝗾𝗮𝗯𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗴𝗴𝗮𝗮 𝟮𝟳 𝗯𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗯𝗶𝘆𝘆𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶'𝗮𝗻.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa, Obbo Hasan Alii turtii baqattummaa waggoota 27 Ameerikaatti dabarsanii, yeroo jalqabaatiif gara biyyaa deebi'an.
Obbo Hasan Aliin bara 1984 hanga 1987 ALItti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa ta'uun tajaajilaniiru.
Bara 1988 ALI ,Obbo Kumaa Dammaqsaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa wayita ta'anii muudaman Obbo Hasan Alii immoo Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'an.
Obbo Hasan Alii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bu'uuressuu keessatti Nama jalqabaati.
Obbo Hasan Aliin "𝗙𝗶𝗻𝗳𝗶𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝘆𝗼𝗼 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗱𝗲 𝘀𝗮𝗺𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗼𝗹𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲, 𝗮𝗯𝗮𝗱𝗮𝗻 𝗾𝗼𝗻𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗯𝘂𝗹𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼 𝗯𝘂𝗾𝗾𝗶𝗳𝘁𝗲𝗲 𝗱𝗮𝗹𝗴𝗮 akka 𝗯𝗮𝗯𝗮𝗹’𝗮𝘁𝘁𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗵𝗲e𝘆𝘆𝗮𝗺𝗻𝘂." jechuun ABUT/ TPLF waliin walitti bu’anii bara 1989 biyya abbaa isaanii gadhiisanii godaanuuf dirqaman.
@Oromia_University
𝗣𝗶𝗿𝗲𝘇𝗶𝗱𝗮𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗠𝗼𝗼𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗡𝗮𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮 𝗷𝗮𝗹𝗾𝗮𝗯𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗴𝗴𝗮𝗮 𝟮𝟳 𝗯𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗯𝗶𝘆𝘆𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶'𝗮𝗻.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa, Obbo Hasan Alii turtii baqattummaa waggoota 27 Ameerikaatti dabarsanii, yeroo jalqabaatiif gara biyyaa deebi'an.
Obbo Hasan Aliin bara 1984 hanga 1987 ALItti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa ta'uun tajaajilaniiru.
Bara 1988 ALI ,Obbo Kumaa Dammaqsaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa wayita ta'anii muudaman Obbo Hasan Alii immoo Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'an.
Obbo Hasan Alii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bu'uuressuu keessatti Nama jalqabaati.
Obbo Hasan Aliin "𝗙𝗶𝗻𝗳𝗶𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝘆𝗼𝗼 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗱𝗲 𝘀𝗮𝗺𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗼𝗹𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲, 𝗮𝗯𝗮𝗱𝗮𝗻 𝗾𝗼𝗻𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗯𝘂𝗹𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼 𝗯𝘂𝗾𝗾𝗶𝗳𝘁𝗲𝗲 𝗱𝗮𝗹𝗴𝗮 akka 𝗯𝗮𝗯𝗮𝗹’𝗮𝘁𝘁𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗵𝗲e𝘆𝘆𝗮𝗺𝗻𝘂." jechuun ABUT/ TPLF waliin walitti bu’anii bara 1989 biyya abbaa isaanii gadhiisanii godaanuuf dirqaman.
@Oromia_University
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Sad. 2ffaa 23nuu Haalaafi Yeroo Walfakkaatu Keessatti Ijaarsi Eegalame.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Sad. 2ffaa 23 baajata MNO tiin Biiroon Barnootaa Oromiyaa ijaarsisuuf torban tokko dura kontiraaktaroota waliin waliigaltee mallatteessee ture hunduu ijaarsi isaanii kan eegalame ta'uu supparvaayizarootni barnootaa hoggansa BBOtiin durfamu beeksiseera.
Ijaarsi MBIB. Sad. 2fffaa 23 saayitii hundattuu bakka hoggansi godinaa, aanaafi hawaasni argamanitti sirna ho'aan kan jalqabame yoo ta'u, ijaarsi kun saffisaafi qulqullinaan hojjatamee ji'oota shaniin duratti akka xumuran kontiraaktarootni ijaarsarratti hirmaatan ibsaniiru.
Ijaarsi Manneen Barnootaa Ifa Boruu Sad.2ffaa iddoowwan dhiphinni daree uumameefi heddumina ummataan walqabatee barattootni lakkoofsa hedduu qabanitti kan ijaaraman yoo ta'u, manneen barnootaa istaandardii daree; barataa eggatu gochuun qulqullina barnootaa dhugoomsuuf kan hojjatamaa jiru waan ta'eef hawaasni naannawa MB jiru hordoffiifi deeggarsa barbaachisaa ta'e akka taasisu dhaamsi darbeera.
MBIB Sad.2ffaa 23 kunniin adeemsa baruu barsiisuu bara 2019 kan dhaqqabu yoo ta'u, haala istaandardii daree barataa eeggateen faraqaa lamaan barattoota kuma 42 hanga kuma 49 simachuun rakkoo dhiphina daree qunnamaa jiru ni salphisa jedhamee eegama.
Pirojektiin ijaarsa Manneen Barnootaa Ifa Boruu mootummaa jijjiiramaatin waggoota 4 dura kan jalqabame yoo ta'u, bara 2013/14 ji'a 7 keessatti MBIB Sad. 2ffaa 100fi MBIBBA 7 ijaaruun rakkoo istaandardii MB irratti bu'uura kaa'eera.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Sad. 2ffaa 100fi 23 amma ijaaramaa jiran istaandardii manneen barnootaa sad.2ffaa Ministeerri Barnootaa baase irratti hundaa'un yoo ta'u, manneen barnootaa sad.2ffaa naannoo keenyatti ijaaraman hundaaf ka'umsa (#benchmark) kanneen ta'aniidha.
Dhumarratti, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Sad.2ffaa 23 istaandardii kaa'ameen, saffisaafi qulqullinaan xumuramuuf hunduu bakka jiranitti ijaarsi kan eegalame yoo ta'u, guutumaa guututti istaandardii manneen barnootaa dhugoomsuuf dhaabbilee gargaarsaafi bajata mootummaan ijaarsi kan itti fufu ta'uun sosochii misooma barnootaa taasifamaa jirurraa hubatameera.
@Oromia_University
Hojii Online Salphaa ta'e tokko isiniif qabannee dhufnee jirra!
🔗 Liinkiin kunooti 👇👇👇
https://t.me/Dollar_EarningBot?start=8103354130
🔥 Nama tokko yoo invite gootan doolaara 1 (1$) isiniif kenna!
🎯 Hojjachuudhaaf; Liinkiii asiin olii cuqaasuudhaan;
➡️ Start erga gootanii booda
➡️ Afaan (English🇬🇧) filadhaa
➡️ Sana booda chaanaalota achi irra jiran hundumaa join gochuudhaan (Joined) kan jedhu tuqaa!
➡️ Sana booda tasks kan jedhu cuqaasuun task'oota gara garaa 8 xumuruun 3$ ni badhaafamtu.
➡️ Invite friends kan jedhu cuqaasuun ammoo liinkii isiniif kenname hiriyyoota keessaniif/ Namoota beektaniif erguun, doolaara 1$(Nama tokko qofa irraa), yoo nama 10 invite gootan doolaara 10$ argattu.
Haaluma baayyina nama invite gootaniitiin isiniif kaffalama.
Jalqabuuf 👇👇👇
https://t.me/Dollar_EarningBot?start=8103354130
Yeroon galmee Qormaata Bahumsaa (Exit Exam) kan Amajjii bara 2018 dheerateera.
Guyyaan galmee Qormaata Bahumsaa (Exit Exam) Kaadhimamtoota eebbifamtoota Digrii tokkoffaa kan Ji'a Amajjii bara 2018 hanga Muddee 13 bara 2018 tti jedhamee kan ture yoo ta'u;
Gaaffii dhaabbilee irraa ka'een fi haalota kan biroo ilaalcha keessa galchuun hanga Jimaata Muddee 17 bara 2018 Sa'aatii 10:00 tti kan dheerate ta'uu isaa Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa ibseera.
Dhaabbileen barnoota olaanoo Mootummaa fi dhuunfaa hundi akkasumas barattoonni dhuunfaan galmee taasistan hanga guyyaa jedhamee kanaatti akka galmee taasistanii xumurtan ibsameera.
@Oromia_University
Barattoonni sagantaa fooyya’iinsaa (Remedial) bara barnootaa 2018 Yuunivarsiitii Jinkaatti ramadamtan hundi, hamma vaayirasiin Maarbergi (Marburg) guutummaatti baduun isaa Ministeera Fayyaatiin mirkanaa'ee waamichi isiniif taasifamutti obsaan akka eeggattan yuunivarsiitichi gaafateera.
Oduu Biraatiin:
Barattoonni Godinoota Maayiraa (Ari) fi Oomoo Kibbaa keessatti argaman, manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa irraa qorumsa kutaa 12ffaa bara 2017 fudhattanii, barnoota fooyya’iinsaa hordofuuf Yuunivarsiitii Jinkaa malee yuunivarsiitoota mootummaa biroo hunda keessatti ramadamtan; Muddee 15 fi 16/2018 Yuunivarsiitii Jinkaatti seenuun guyyoota 21f tursiisa addaa akka fudhattan Ministeerri Barnootaa murteesseera.
Yeroo tursiisa kanaa keessatti:
Tajaajila nyaataa fi ciisichaa bilisaa yuunivarsiiticha keessaa ni argattu.
Vaayirasii Maarbergi irraa bilisa ta'uun keessan mirkanaa'ee waraqaan ragaa erga isiniif kennamee booda, gara yuunivarsiitoota itti ramadamtanitti ni deemtu.
@Oromia_University
@Oromia_University
@Oromia_University
Reviews channel
2 total reviews
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «Oromia-University» is a Telegram channel in the category «Новости и СМИ», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 2.1K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 32.7, with 2 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 2.4 ₽, and with 3 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий