
- Main
- Catalog
- News and Media
- OROMIA 11
OROMIA 11
OROMIA11 is an entertainment, Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country BAGA NAGAN GARA CHANNEL JIRRA OROMIA 11 NAGAAN DHUFTAN CHANNEL KUN ODEEFFANNOO WAYITAWWAA KAN ISIN BIRAAN GAHUDHA
Channel statistics
Addi Bilisummaa Oromoo Filannoo 2018'f mallattoo ittiin dorgomuu ifoomseera!
Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)’n Filannoo waliigalaa 7ffaaf mallattoon paartichi ittin dorgomu #Ororoo ykn #Bokkuu akka mallatoo filannootti itti gargaaramu beeksiseera.
Filannoon waliigalaa biyyaalessaa marsa 7ffaan Caamsa 24, 2018 akka gaggeeffamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsuun isaa kan yaadatamuudha.
Addi Bilisummaa Oromoo Filannoo 2018'f mallattoo ittiin dorgomuu ifoomseera!
Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)’n Filannoo waliigalaa 7ffaaf mallattoon paartichi ittin dorgomu #Ororoo ykn #Bokkuu akka mallatoo filannootti itti gargaaramu beeksiseera.
Filannoon waliigalaa biyyaalessaa marsa 7ffaan Caamsa 24, 2018 akka gaggeeffamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsuun isaa kan yaadatamuudha.
Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Asoosaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Asoosaa duraanii, Obbo Nigaatu Qilxuu Bultii, malaammaltummaa raawwateen hidhaa cimaa waggaa 10fi adabbii maallaqaa akka itti murteesse beeksise.
Manni murtichaa dhaddacha gurraandhala 16, 2026 taa’een, himatamaan kun labsii yakka malaammaltummaa, aangoo seeraan ala fayyadamuu fi maallaqa mootummaa saamuun himatamee turuu ibseera.
Kanaanis, Manni murtichaa ragaa dhuunfaa fi sanada abbaa alangaa erga qoratee booda, gochi isaa yakka cimaa akka ta’ee argamuun adabbiin kun itti muramuu ibseera.
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Gartuun Kabaja Mirga Gaazexeessitootaaf falmu (CPJ)’n mootummaan Itoophiyaa eeyyama hojii gaazexeessitoota Rooyitarsi sadeen akka haaressuuf gaafate. Eyyamni gaazexeessitoota dhaabbatichaa kunneen gabaasa qorannoo waraana Sudaan irratti Rooyitarsi dhiyeesse hordofuun akka hin haaromfamne kan dhorkamedha.
Torban darbe, mootummaan Itoophiyaa gaazexeessitoota Rooyitarsi sadii kan Finfinneetii hojjataniif eeyyama hojii isaanii haaromsuu diduufi, akkasumas walgahii Gamtaa Afrikaa 39ffaa akka hin gabaafneefi eeyyama isaanii haquun ibsameeti ture. Kunis guyyaa muraasa dura Rooyitarsi gabaasa qorannoo bal’aa maxxanseen, Itoophiyaan iddoo leenjii waraanaa garee Finciltoota Sudaaniif kennuu ishee ifa taasisuu hordofeeti.
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Soomni Ji'a Ramadaanaa Boru (Roobii) ni Jalqabama
Baatiin Ramadaanaa waan mul’atteef soomni ji’a kabajamaa Ramadaanaa boru Roobii, Guraandhala 18, 2026 kan jalqabamu ta’uu beeksiseera Sa’udi Arabiyaan beeksisteetti.
Hawaasni Muslimaa hundi halkan har’aa irraa jalqabee salaata Taraawiihii kan eegalu yoo ta’u, boru ganama barraaqaan sooma jalqabaa eegalu.
Miidiyaan keenya soomni kun kan nageenyaa, araaraa fi jaalalaa akka ta’uuf hawwii qabu ibseera.
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Dhaabbanni Telekoomii Mootummaa Itoophiyaa Itiyoo-Telekoom tajaajiloota isaa muraasa irratti daballii taariifaa hojiirra oolchuu isaa ragaan itti fayyadama moosaajii dhaabbatichaa mul’ise. Daballiin gatii kun addatti tajaajila kuufama intarneetii ji'aa kan hin daangeffamneefi kuufama sagalee irratti kan xiyyeeffatudha.
Hojjetaan dhaabbaticha maqaan isaa akka eeramu hin feene kan jedhan daballiin gatii kun fayyadamtoonni kuufama kana bituu itti fufuu isaaniifi fedhiin tajaajilichaaf jiru hir’ina osoo hin agarsiisin itti fufuu isaa hordofee kan murtaa’e ta’uu ibse.
Itiyoo-Telekoom, kuufama tajaajila isaa hedduu irratti gatii dabaluuf murteessuu dhuma ji'a Sadaasaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Hundeessaa fi Hojii raawwachiisaa ol'aanaa Televizhinii EBS kan ta'an Obbo Amaan Fiisahaatsiyoon Du'aan adduunyaa kana irraa boqotan.
Guddina miidiyaa Itiyoophiyaa keessatti nama dhiibbaa guddaa fi gahee guddaa qaban kan ta'an Obbo Amaan Fiisahaatsiyoon dhukkubsanii yaalamaa kan turan yoo ta'u Dhukkubni isaanii Itti hammaachuurraan kan ka'e Gurraandhala 4/2018 Du'aan addunyaa kana irraa boqotan.
Follow👇
https://t.me/Oromia_11_2
Filannoo bara kana geggeeffamu ilaalchisuun morkattoonni mallaattoo isaanii adda baasanii kan beeksisan yoo ta'u Paartiin badhaadhinaas mallaattoo isaa qamadiin Akka bakka bu'u ifoomseera.
Kan morkattoota kan biroo dabalatee dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo guutuu akkuma arganneen kan isin biraan geenyu ta'a.
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Waraanni Ameerikaa fi Iiraan yeroo ammaa haala rakkisaa irra gahuu hordofee Iiraan buufata boba'aa fi humna misooma bu'uura Ameerikaa wajjin wal qabatan hunda isaa gara tuulaa biyyeetti jijjiirra jechuun akeekkachiisa guddaa kennaniiru
Akeekkachiifni Iiraan kun kan dhufe Pirezidaantiin meerikaa Doonaald Tiraamp humni qilleensaa Ameerikaa giddu gala boba'aa ijoo Iiraan kan kutaa bulchiinsa Kaariik keessatti argamu haleeluun balleessuu isaa ergaa beeksisee booda dha.
Walitti dhaadannoon kunis naannichaa gara lola bal'aa tti seensisuu danda'a jechuun diploomaatonni sodaa qaban ibsaa jiru.
Follow👇
https://t.me/Oromia_11_2
Qabxiin Qormaata ba'uumsa Yunivarsitii/ExitExam/ kan walakeessaa waggaa kennamee ture ifoomeera.
Barattoonni qormaaticha fudhattan bu'aa keessan karaa kanaan ilaaluu ni dandeettuu.
Bu'aa ilaaluuf
👉https://result.ethernet.edu.et
Barattoonni komii qabdanis liinki adii gadii kanaan /Complaint / kan jedhu irratti iyyadha. https://result.ethernet.edu.et
Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis lammiileen Ameerikaa biyyoota Baha Giddu-Galeessaa hedduu keessa jiran “balaa nageenyaa hamaa” irraa of eeguuf akka naannicha gadhiisan waamicha dhiyeesse.
Ministeerichi, ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, mootummaan US lammiileen isaa yeroo ammaa naannicha keessa jiran filannoowwan geejjibaa daldalaa jiran fayyadamuun saffisaan akka bahan waamicha dabarseera.
Waamichi kun, mata duree “haaromsa nageenyaa lammiilee Ameerikaa baha giddu-galeessa jiraniif" jedhuun kan bahe yoo ta’u, haala nageenyaa yeroo ammaa irratti yaaddoo guddaa qabaachus ministeerichi ergaa toora miidiyaa hawaasummaa isaatiin qoodeen ibseera.
Follow
https://t.me/Oromia_11_2
Reviews channel
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
OROMIA 11 is a Telegram channel in the category «Новости и СМИ», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 4.0K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 12.4, with 1 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 6.0 ₽, and with 1 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий