- Main
- Catalog
- News and Media
- Advertising on the Telegram channel «OROMIA 11»
Advertising on the Telegram channel «OROMIA 11»
OROMIA11 is an entertainment, Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country BAGA NAGAN GARA CHANNEL JIRRA OROMIA 11 NAGAAN DHUFTAN CHANNEL KUN ODEEFFANNOO WAYITAWWAA KAN ISIN BIRAAN GAHUDHA
Channel statistics
Namni addunyaa kanarratti hunda caalaa sooressa ta’e, abbaan qabeenyaa Doolaara Biliyoonaa 800 (Birrii Triiliyoona 158 fi Biiliyoona 565) olii Elon Musk
har’a maxxansa barruu gabaabaa garuu namoota hundaa raase tokko baaseera!
Elon Musk akkas jedhe:
"Namichi 'Maallaqni gammachuu hin bitu' jedhe sun, waan dubbachaa jiru sirriitti beeka ture 😔"
Elon Musk kanaan dura qabeenyi isaa baay'achuu irraan kan ka'e, seenaa keessatti nama jalqabaa maallaqa hamma kanaa qabu ta'ee galmaa'eera.
Nama qabeenya hamma kanaa qabu irraa "Maallaqni gammachuu hin bitu" jedhamuun isaa, gammachuun maallaqa qofaan akka hin argamne ragaa guddaa ta'eera.
Namoonni miiliyoonaan lakkaawwaman yaada itti kennaa jiru. Isaan keessaa tokko tokko: "Maallaqa kee nuuf hiri, gammachuu dhabuun akkam akka ta'e nuti haa ilaallu" jechuun qoosatti jiru.
Maallaqni jireenya ammayyeessuu danda'a, garuu boqonnaa sammuu fi gammachuu onnee bituu hin danda’u.
Isin hoo maal jettu? Dhuguma maallaqni gammachuu hin bitu moo ? 🤔👇
Yaada keessan comment irratti kennaa,
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Murtii mootummaan fayyadama feestaalaa (pilaastika kireettii) irratti dabarse hordofee, Finfinnee fi naannawa isheetti har’aa kaasee feestaala qabatanii socho’uun adabbii jabaa kan fidu ta’uun beeksifameera.
Tarkaanfiin kun faalama naannoo ittisuuf kan dhufe ta’us, Waldaan Omishtoota Pilaastikaa fi Gommaa Itoophiyaa miidhaa dinagdee fi hawaasummaa guddaa qaqqabsiisuu danda'a jechuun akeekkachiisaa jira.
Mootummaan Itoophiyaa xuraawaa magaalaan dhuunfatamu hir’isuuf feestaala haphii milimeetira 0.03 gadi ta’an duraan dhorkee ture. Amma garuu guutummaatti daldaltoonni akka hin fayyadamne ajajni jabaan darbeera.
Qabxiiwwan Gamtichaa:
Mootummaan "ji'oota ja'a dura beeksifneerra, yeroon ceumsaa gahaadha" jedhus, omishtoonni garuu ragaa kana mormu. Akka waldichaatti, indastiriin tokko teeknoolojii isaa jijjiiruuf yeroo waggaa tokkoo ol barbaada.
Indastiriin kun dhimma jireenya namoota miiliyoonaan lakkaawamaniiti. Kallattiin hojjettoonni 100,000 ol kan keessatti qaxaraman yoo ta'u, dhimmi kun kufaatii indastiriichaa fiduu danda'a jedhamee sodaatama.
"Maashiniin feestaala omishu takkaatti gara waraqaatti jijjiiruun teeknikaan hin danda’amu. Omisha haaraatti galuuf maashinii bituu, doolaara barbaaduu fi dhiyeessitoota alaa waliin dubbachuun yeroo dheeraa fudhata."
Hanqina Meeshaalee Bakka Bu’oo
Waraqaan akka furmaataatti dhiyaatus, Itoophiyaa keessatti hanqinni waraqaa garmalee hammaataadha.
Kitaabonni fi gaazexoonni iyyuu maxxansamuu dadhabanii utuu jiranii, feestaala waraqaan bakka buusuun ulfaataadha.
Waraqaan feestaala caalaa gatiin isaanii waan qaalii ta'eef, kun immoo gatii meeshaalee gabaa irratti dabalata ni fida.
Qaamolee seericha cabsan irratti tarkaanfiin fudhatamu
:
* Fayyadamtoota: Feestaala qabatanii argamuun adabbii maallaqaa fi meeshaa jalaa fudhachuu fida.
* Daldaltoota: Hayyamni daldalaa haqamuu fi adabbii maallaqaa jabaa.
* Omishtoota: Warshaan akka cufamu gochuu fi himannaa yakkaa.
Waldaan Omishtootaa mootummaan ammas "dhaabbatee akka itti yaadu" fi miidhaa hojjettoota kuma dhibbaan lakkaawaman irratti qaqqabu akka dhowwu gaafateera.
Utuu bakka bu'aa gahaa hin qopheessin hojiirra ooluun isaa, daldaltoonni xiqqaanii fi hawaasni guyyuu akka rakkataniif sababa ta'a jedhamee sodaatama.

Dargaggeessi Mana Barumsaa Fayyaa Seenuuf Miila isaa Mure.
Taateen suukaneessaan fi hin baratamne tokko biyya Hindii, magaalaa Niiw Deelii irraa dhaga’ameera. Dargaggeessi Uttar Pradesh irraa dhufe, umurii waggaa 20 kan ta’e Suraj Bhaskar, fedhii cimaa mana barumsaa fayyaa seenuuf qabuun gocha of miidhuu raawwatee hawaasa hedduu rifachiiseera.
Suraj qormaata seensaa biyyoolessaa Hindii (NEET) yeroo lama qormaatees darbuu hin dandeenye. Haa ta’u malee, abdii hin kutatin, carraa kootaa dhibbeentaa 5 qaama miidhamtootaaf kenname fayyadamuuf murtee cimaa fudhate. Kanaafis miila ofii muruun qaama isaa miidhuu filate.
Gocha isaa kana akka namoonni hin beekamne isa haleelan fakkeessuun poolisiitti gabaaseera. Obboleessi isaa angafaa, Aksh Bhaskar, obboleessi isaa ganda Khalilpur keessatti haleelamee miilli irraa citee akka argame himuun ibsa kenne ture.
Garuu qorannoon poolisii gadi fageenyaan gaggeeffame dhugaa ifa baaseera. Akka dubbi himaan poolisii naannichaa ibsanitti, “Himatamaan seenaa sobaa himuun qorannoo dogoggorsuuf yaaleera; ta’us ragaan walitti qabamee fi qorannoon gaggeeffame gochi sun ofumaan akka raawwatame mirkaneesseera.”
Qorannoon dabalataan agarsiiseera Suraj galmee isaa keessatti “Bara 2026tti doktora nan ta’a” jechuun barreesse akka ture. Ogeeyyiin fayyaa miilli isaa maashiniin sirnaan muramuu isaa mirkaneessaniiru; kunis haleellaa tasaa ta’uu akka hin dandeenye ibsa.
Iddoo balaan itti raawwatame dhiyeenyaanis meeshaan of suuxessuuf (anesthesia) itti fayyadaman argameera.
Amma yeroo kana Suraj giddugala yaalaa keessatti hordoffii jala jira. Miilli isaa murame hanga ammaatti hin argamne. Poolisiin immoo tarkaanfii seeraa irratti fudhachuu akka danda’u ibsameera.
Akka ogeeyyiin yaada kennanitti, kufaatii qormaataa fi dhiibbaa hawaasummaa cimaa keessa seenuun murtee akkasii fudhachuu isaatti sababa ta’uu mala. Haa ta’u malee, gatii inni kaffale guddaa dha; sababni isaas umurii isaa guutuu miila tokkoon jiraachuu.
Taateen kun namoota hedduu rifachiisee, dhimma fayyaa sammuu fi dhiibbaa dorgommii barnootaa irratti marii bal’aa banuu danda’eera.

Namni kun gaazii itti firfirsuun abidda itti qabsiisee viidiyoon isaas qoodamaa jira.
Namni kun eenyu akka tahee fi sababa maaliif akka kana raawwate hin baramne.
Poolisiin garuu barbaadaa akka jiru gabaafameera.
Suuraa: viidiyoo irraa kan fudhatame.
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Baankichi laakkofsa fayyadamtoota dijitaal baankingii guddataa dhufe hubannoo keessa galchuun, addaan ciccituu siistamaa hir'isuufi nageenya siistamaa jabeessuuf bu'uura misooma teeknoolojii idi-addunyaa eeggatee ijaaraa akka jiru beeksiseera.
Sirna teeknoolojii kamiiyyuu guutumatti badiinsa irraa bilisa gochuun kan hin danda'amne ta'us, teeknoolojiiwwan haaraa fayyadamuun rakkoo tatamsa'innaa fi yeroo isaan suuohaaf fudhattan hir'isuun ni danda'ama jechuun ibseera.
Waan kana ta'eef baankichi rakkoolee teeknikaa fi siistamaa tasa isa muudatuuf yookiin aggaammiiwwan saaybarii tajaajila akka hin addaan hin kunneef "qophii si'ataa" ( Active-active standby) kan jedhamu hojmaata ammayyaawa ''Disaster Recovery " jedhamu hojiirra oolcha akka jiru ibsameera.
Teeknoolojiin kun kutaan siistamaa tokko yeroo rakkoon isa muudatutti tajaajilli osoo addaan hin citin, batalumatti gara siistamaa birootti jijjiruun tajaajilichi akka itti fufu kan taasisuu dha.
Yeroo fooyya'iinsi tajaajila taasifamutti siistamaa dhaabanii hojjachuun seera idil addunyaa waan ta'eef, maamiltoonni dursaanii akka qophaa'an miidiyaa hawaasatiin hojiin odeeffannoo kennuu hojjatamaa akka jirus hubachiiseera.
Yaaliin baankichaa kun guddinna ijaarsa diinagdee biyyattiif bu'aan olaana akka qabu himameera.
Follow👇
https://t.me/Oromia_11_2
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Haasaa guyyaa waggaa haangoo qabatanii irratti taasisaniin dhimma Hidha haaromsaan Wal qabatee Wal dhibdee Itiyoophiyaa fi ijipt gidduu jiru irratti yaadni Kennan ijoo dubbii ta'ee Jira.
Pireezidaantichi wayita haasaa taasisaanitti Ameerikaan Dhimmicha irratti ejjennoo fi ga'ee qabdu haala armaan gadiitiin tarreessan.
1 Anaaf Naayil jechuun ijiptidha"Jechuudhaan dhimma lagichaa ijipt qofa waliin Wal qabsiisan.
2 Hidha haaromsaa kanaaf maallaqaan deeggaraa kan ture Ameerikaa ta'uus dubbatan.
3 ijipt yeroo hammaa kana hamma Bishaanii ga'aa argachaa Akka hin jirree fi haala yaaddessaa keessa Akka jiranis himan.
4 Wal waraansi biyyoottan lamaan gidduutti nii ka'a jedhamee sodaatamaa ture gidduu galtummaa Ameerikaatiin Akka dhaabbates himan.
Haaluma kanaan pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haasaa isaanii wayita walitti qabanitti "hammas taanaan dhimma kana ilaalchisee waan tokko gochuun qaba"jechuudhaan gidduu galtummaan itti aanu Akka jiru Akeekan.
Ibsi ijoo dubbii ta'ee fi gaaffii hedduu kaase Kun dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Ijipt gidduutti dhiibbaa akkamii uuma jedhamees eegamaa Jira.
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Bu’uura sadarkaa yuuniivarsiitii addunyaa QS (QS World University Rankings) Yuunivarsiitiin Finfinnee Afrikaa Bahaarraa sadarkaa 1ffaa qabateera. Akkaataan kenniinsa sadarkaa kanaa yuuniivarsiitiiwwan biyya isaaniirra darbanii fudhatamummaa biyyoota birootti qaban ilaalcha keessa kan galchu yoo ta’u, haaluma kanaan Yuunivarsiitiin Finfinnee yuuniivarsiitiiwwan biyyoota Afrikaa Bahaa keessaa sadarkaa duraa qabateera.
Follow
https://t.me/Oromia_11_2
Guyyoottan darban hedduu dhukkubsachuu isaatiin yaalamaa kan ture Maaster Abinnet wal'ansi baqaqsanii yaaluu (surgery)marsaa tokkoffaan Milkiidhaa xumuramuun isaa himame.
"Kanneen naaf kadhachaa turtan marayyuu onneekoorraan isin galateeffadha"jechuudhaan uummata Itoophiyaa galateeffate.
"Yaaliin baqaqsanii yaaluu (surgery)n marsaa tokkoffaan Milkiidhaan xumuramus wal'aansi marsaa Itti anuu Itti fufee waan jiruuf hammallee kadhannaan keessan narraa adda hin ba'iin"jechuun dhaamsa isaa Dabarse.
"Jaalalaa keessan Isa haalan hin daangofneef guddaan isin galateeffadhas "Jedhe.
Follow 👇
https://t.me/Oromia_11_2
Reviews channel
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «OROMIA 11» is a Telegram channel in the category «Новости и СМИ», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 4.1K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 12.4, with 1 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 6.0 ₽, and with 1 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий