
🔥 Get Clients in Any Niche
We’ll set up and launch your ads — free of charge
Learn more
Channel statistics
group
Subscribers:
6.8K
visibility
APV
lock_outline
monitoring
ERR
9.1
thumb_up
ER
0.67
payments
СPM:
lock_outline
update
Posts per day:
1.0
Recent Channel Posts
Part 1
𝗚𝗼𝗿𝘀𝗮 𝗝𝗮𝗯𝗱𝘂𝘂 𝗞𝗮𝗻𝗮 𝗦𝗼𝗼𝗿𝗮𝗱𝗵𝘂
Wantan sitti himu 1, jireenyi aduu gadii Very very the need of Skill (Ogummaa) or knowledge, (Beekumsa) barbaada. dhaloota kana wajjin illee jiraachuun very skill,n (Baay'ee ogummaan) guutamuu si gaafata
Sababni isaa si wajjin kan nyaachuu barbaadu guutera, garuu si jaallatee miti, waan beela'ef malee, si wajjin kan kolfu danuudha, sitti gammadeef osoo in taanee ilkaan waan qabuuf, kan si waliin kolfe marti fira kees miti, kan sitti in dubbanne martis diina kee miti, adda baafadhu hundi namummaan in jiru garuu nama ta'ee jira, nama ta'uu miti inni guddaan namummaan jiraachuudha malee,
Gaaffii kana of gaafadhu deebii isaa immoo jiraadhu
1)Eessaan dhufee?
2)Maalifan as jiraa?
3)Maal gochuun danda'aa?
4)Eenyuutu na ergee?
❤️ ⤵️ 🔕 ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Barruu_Beektotaa 📔
405
06:58
25.04.2026
Nama ta'uuf shaakaluun nama ta'uu ni dandeenya of ta'uuf carraaquunis of ta'uu ni dandeenya.
Kaan immoo of ta'uu iyyuu dadhabee of ta'uuf rakkata barreessitoota baay'ee fi namootni xiin-sammuu baay'eenis "Of TA'I" nuun jedhu.
@Barruu_Beektotaa 📔
651
06:57
24.04.2026
Fedhii
✉️ Wanti hundi fedhii irraa eegala. Jireenya kee keessatti akkamitti waan tokko akka barbaaddudha.
Kana galmaan gahuu yoo dandeesse malee fedhii hin qabdu jechuudha. Garuu waan ati taatu suuraa dhugaa kan ta'e fedhii kee isa gubaadha, fedhiiiin kee garuu fedhii gubaa ta'uu qaba. Fedhii kee galmaan ga'uuf yeroo murteessite immoo Egaa, karaa tokkoon fedhiin sadarkaa yaadaafi gocha walitti hidhudha.
Yaada → of kennuu (ykn fedhii) → gocha
"Wanta sammuun ulfooftee amanuu dandeessu kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a."
Kana duras yeroo meeqa
Amantii/Faith/.
Amantiin humna yaadaa fi miira keetii mul’isuu, wantoota abdatte jabeessitee qabachuudha.
Amantiidhaan waan hin danda'amne uumuu dandeessa. Garuu yaadni gadhee aarii, jibba ykn hinaaffaa faayidaa qabnu kamiyyuu yoo amantii qabaanne ajjeesa. Kanaaf waan galmaan gahuu barbaaddu hunda irratti ilaalcha gaarii qabaachuu qabda. Yeroo ofii fi abjuu keetti amantu waanuma fedhe galmaan gahuu dandeessa.
Duub-deebii ofumaan kennuu/Auto suggestion/
Kun dandeettii sammuu kee fedhii kee isa gubaa jiru irratti xiyyeeffachuu keeti sammuu kee isa dammaqaa jalaa akka dhugaatti akka fudhatu gochuudha. Auto-suggestion yaada/mirkaneessuu ofii keetiin, ofiif kenniteedha. Kaayyoo fi hawwii kee barreessi yaada gaarii dhugaa jireenyaa ta'een irra deebi'i.
Beekumsa addaa/Specialized Knowledge/
Amma yaada = hawwii = gocha akka ta'e beekna
Ogummaa murtaa’e kaayyoo ijoo, daldala ykn hojii kee wajjin walqabatu horachuu hin dhiisin. Namoonni ga’umsa gadi aanaa qaban yeroo baay’ee erga mana barumsaa gadhiisanii booda barumsi akka xumurame amanu. Dhugaa dubbachuuf, barnoonni hundi beekumsa qabatamaa akkamitti akka argattu akka barattu si gargaaruuf kan yaadamanidha. Kaayyoo kee galmaan ga’uuf beekumsaa fi karoora hojii kee barachuu fi fooyyessuu qabda.
Yaada/Imagination/
"Wanta sammuun ulfooftee amanuu danda'u kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a." Humna of kakaasuu guddisuu qabda kana gochuuf karaan hundarra gaariin yaada (imagination) dha. Yaadni karoora kee irratti tarkaanfii fudhachuuf ifaafi of kakaasuu kenna.
Karoora qindaa’aa/Organized Planning/karoora qindaa’aan kaayyoo kee galmaan ga'uuf si gargaara.
Murtee/Decision/
Harkifachuun faallaa kutannoo waan ta’eef diina warra milkaa’ina hawwan hundaati.Namoonni milkaa’an hundi murtoo baay’ee dafanii godhu, garuu baay’ee suuta jedhanii jijjiiru. Akkasumas namoonni hin milkoofne hundi murtoo baay’ee suuta jedhanii murteessu, dafanii fi yeroo baay’ee jijjiiru.
Karoora jireenya keetii kaasi, wantoota jireenya kee keessatti argaman galmaan ga’uuf wantoota irratti xiyyeeffachuu qabdu baafadhu. Kunis amala, barumsaa ykn dandeettii murtoo ta’uu danda’a. Namoota kaayyoon isaanii qofti siifi abjuu kee fooyyessuuf ta’e obsuu dhiisuuf daftee murteessuu dandeessa.
Itti cichuu/Persistence/
Ciminaan amaloota milkaaʼina argachuuf qabaachuu qabdu keessaa isa tokkodha. Kan hin milkoofne fi kan milkaa'e kan adda baasu kutaa amala nama tokkoo isa guddaadha. Kanaaf baay'een keenya milkaa'ina dura harka kennina. Garuu yeroo ciminaa fi murannoo barattu gara badhaasa injifannootti fuulduratti dhiibuu dandeessa.
Humna sammuu/Power of Master Mind/
Gareen ijoo jechuun garee namoota lamaa kan kaayyoo, karooraa fi abjuu isaanii galmaan ga’uuf wal deeggaraniidha.
Sammuu dammaqaa/Conscious Mind/
Kutaan sammuu dammaqaa keetii yaada fi hubannoo kee maalummaa isaanii osoo hin ilaalin fudhata fi kuusa. Yoo karaa sirrii deemne rakkoo keenya furuu danda'a. Sammuun kee humna ajaa'ibaa, dinqii fi humna guddaa addunyaan beektudha.
@Barruu_Beektotaa 📔
836
06:57
23.04.2026
SEENAA BARSIISAA
➡️ Dubartii baay'ee Maanguddoo taatee tokkotu mana baankii deemte. Achi geessees maalaqa muraasa #Eenyummeessa (Account) ishee irraa akka baafachuu barbaaddu hojjettuu mana baankii sanaatti himte. Hojjettuun mana baankii sunis " qarshii meeqa barbaaddu?" Jettee gaafatte. Maanguddoon sunis qarshii shantama(50 birr) qofa akka barbaaddu itti himte. Yemmuu kana dhageessu hojjettuun mana baankii sun nyaara guuraa, "Ayyoo nuti qarshii xiqqaa 5,000(kuma shan) gadii hin baafnu" jetteen.
Maanguddoon sun rakkoo ariifachiisaaf akka barbaaddu itti himtee hojjettuu sanatti mararamtee kadhatte. Hojjettuun mana bankii sun garuu dhimmatti hin fudhanne. Akkasis jetteen, "Ayyoo, baankiin kun baankii guddaa maalaqaalee gurguddaa biyya keessaa fi alatti sosochoosudha. Maalaqa xiqqaa gaafattan kana dameewwan xixiqqoo irraa deemtanii baafachuu dandeessu" jetteen.
Maanguddoon sun baay'ee aartee, waraqaa ittiin maalaqa baasan(withdrawal form) fuuldura intalittii fuutee guca(form) guuttee intalittiitti laatte. Hojjettuun sunis yoo ilaaltu maalaqa qarshii miliyoona 150 (one hundred and fifty million birr) baafachuu akka barbaaddu agarte. Baay'ee naate. Itti fuftees hollachaa akkas jetteen, "dhiifama, maalaqni isin gaafattani jirtan kanuma isin #eenyummeessa_ keessan irraa qabdan ta'ullee yeroo kanatti baankiin keenya hin qabu"
Maanguddoon sunis baay'ee kolfitee "meeqa qabduree?" Jetteen. "Qarshii miliyoona lama(2 million) siniif baasuu dandeenya" jetteen.
🟢 Maanguddoon sunis "haa ta'u naaf baasi" jetteen. Hojjettuun sunis maalaqa jette baaftee laatteef. Maanguddoon sun maalaqicha fudhattee, qarshii shantama qofa keessaa fudhattee isa hafe eenyummeessa isheerratti akka deebiftuuf hojjettuu sanatti kennite. Hojjettuun sunis gochaa ta'e hundumaatti baay'ee saalfatte. Don't under estimate anyone(nama kamiyyuu asii gad hin tilmaamiin).
@Barruu_Beektotaa 📔
850
08:52
22.04.2026
imageImage preview is unavailable
725
05:55
22.04.2026
Think and Grow Rich
"Napoleon Hill"
➖➖➖➖➖➖➖➖
"Think and Grow Rich" hojiilee Napoleon Hill addunyaa irratti beekamoo ta'an keessaa isa tokkodha. Salphaatti yoo dubbanne, waan sammuun kee ni danda’ama jedhee amanu hunda ta’uu dandeessa.Kanarraa kan ka’e sammuun kee waan tokko si dhaabuu danda’u ykn of caalaa akka taatu si dhiibuu danda’u ta’a. Namni kamiyyuu hiree argachuu fi milkaa'ina dhugaa argachuuf "Think & Grow Rich" irraa barumsa 10 argata.
1. Fedhii
Napoleon Hill kitaaba isaa "Think & Grow Rich" jedhu keessatti wanti hundi fedhii irraa eegala. Jireenya kee keessatti akkamitti waan tokko akka barbaaddudha. Kana galmaan gahuu yoo dandeesse malee fedhii hin qabdu jechuudha. Garuu waan ati taatu suuraa dhugaa kan ta'e fedhii kee isa gubaadha, fedhiiiin kee garuu fedhii gubaa ta'uu qaba. Fedhii kee galmaan ga'uuf yeroo murteessite immoo Egaa, karaa tokkoon fedhiin sadarkaa yaadaafi gocha walitti hidhudha.
📔
Wanta sammuun ulfooftee amanuu dandeessu kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a.Kana duras yeroo meeqa kufteetta. 2. Amantii Amantiin humna yaadaa fi miira keetii mul’isuu, wantoota abdatte jabeessitee qabachuudha. Amantiidhaan waan hin danda'amne uumuu dandeessa. Garuu yaadni gadhee aarii, jibba ykn hinaaffaa faayidaa qabnu kamiyyuu yoo amantii qabaanne ajjeesa. Kanaaf waan galmaan gahuu barbaaddu hunda irratti ilaalcha gaarii qabaachuu qabda.
Yeroo ofii fi abjuu keetti amantu waanuma fedhe galmaan gahuu dandeessa.3. Duub-deebii ofumaan kennuu Kun dandeettii sammuu kee fedhii kee isa gubaa jiru irratti xiyyeeffachuu keeti sammuu kee isa dammaqaa jalaa akka dhugaatti akka fudhatu gochuudha. Auto-suggestion yaada/mirkaneessuu ofii keetiin, ofiif kenniteedha. Kaayyoo fi hawwii kee barreessi yaada gaarii dhugaa jireenyaa ta'een irra deebi'i. 4. Beekumsa addaa Amma yaada = hawwii = gocha akka ta'e beekna Ogummaa murtaa’e kaayyoo ijoo, daldala ykn hojii kee wajjin walqabatu horachuu hin dhiisin. Namoonni ga’umsa gadi aanaa qaban yeroo baay’ee erga mana barumsaa gadhiisanii booda barumsi akka xumurame amanu. Dhugaa dubbachuuf, barnoonni hundi beekumsa qabatamaa akkamitti akka argattu akka barattu si gargaaruuf kan yaadamanidha. Kaayyoo kee galmaan ga’uuf beekumsaa fi karoora hojii kee barachuu fi fooyyessuu qabda. 5. Yaada "Wanta sammuun ulfooftee amanuu danda'u kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a." Kana duras yeroo meeqa kufteetta. Humna of kakaasuu guddisuu qabda kana gochuuf karaan hundarra gaariin yaada (imagination) dha. Yaadni karoora kee irratti tarkaanfii fudhachuuf ifaafi of kakaasuu kenna. 6. Karoora qindaa’aa Yeroo hundumaa milkaa’uuf karoora qindaa’aa akkamitti akka barbaachisu nan dubbadha. Kitaabni "Think & Grow Rich" jedhamu kaayyoo kee galmaan ga'uuf gurmaa'uu fi hojiiwwan kee karaa milkaa'inaaf nama geessuun karoorfachuu akka qabdu eereera. 7. Murtee Harkifachuun faallaa kutannoo waan ta’eef diina warra milkaa’ina hawwan hundaati. Namoonni milkaa’an hundi murtoo baay’ee dafanii godhu, garuu baay’ee suuta jedhanii jijjiiru. Akkasumas namoonni hin milkoofne hundi murtoo baay’ee suuta jedhanii murteessu, dafanii fi yeroo baay’ee jijjiiru. Karoora jireenya keetii kaasi, wantoota jireenya kee keessatti argaman galmaan ga’uuf wantoota irratti xiyyeeffachuu qabdu baafadhu. Kunis amala, barumsaa ykn dandeettii murtoo ta’uu danda’a. Namoota kaayyoon isaanii qofti siifi abjuu kee fooyyessuuf ta’e obsuu dhiisuuf daftee murteessuu dandeessa. 8. Itti cichuu Ciminaan amaloota milkaaʼina argachuuf qabaachuu qabdu keessaa isa tokkodha. Kan hin milkoofne fi kan milkaa'e kan adda baasu kutaa amala nama tokkoo isa guddaadha. Kanaaf baay'een keenya milkaa'ina dura harka kennina. Garuu yeroo ciminaa fi murannoo barattu gara badhaasa injifannootti fuulduratti dhiibuu dandeessa. 9. Humna sammuu Gareen ijoo jechuun garee namoota lamaa kan kaayyoo, karooraa fi abjuu isaanii galmaan ga’uuf wal deeggaraniidha. Garee namoota fedhii keessaniif mararfataniidha. Yaada haaraadhaaf sammuu kee kakaasuu fi dhiibuu akka itti fuftu si gargaaruu danda’u. @Barruu_Beektotaa
830
21:29
21.04.2026
977
21:17
20.04.2026
imageImage preview is unavailable
1210
05:42
20.04.2026
“Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni.
1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha.
2) kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni.
3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu.
4) Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu.
5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama.
6) Qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa.
7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha.
8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektoonni.
9) Miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.
10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni.
11) Jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha.
Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu.
12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu.
13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha.
14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu.
15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu.
16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin
17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu.
18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni.
19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/.
20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu.
21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu.
22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni.
@Barruu_Beektotaa 📔
1353
21:16
19.04.2026
#Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a
1. ✍️Nama Suutee (#Passive Person)
#Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha,waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.
2. ✍️Nama Ofittoo (#Aggressive Person)
#Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa
haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!
3. ✍️Nama sammuu banaa qabu (#open minded person)
#Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana kan dubbisnerraa.
#Yeroo Gaarii isiniif Hawwina! 💬
@Barruu_Beektotaa 📔
1603
21:16
18.04.2026
close
6.8K
Subscribers*
+2
yesterday
+25
in the last week
-29
in the last month
lock
Views per post*
lock
in the first 24 hours
9.1%
ERR*
9.13
ERR over 24 hours
11.65
ERR over 48 hours
13.94
ERR over 72 hours
0.67%
ER*
0.0
Average reach (over 24hr)
0
Average number of ad placements per month
0
over 24 hours
0
over 48 hours
0
over 72 hours
0%
Emoji Reaction Rate of promotional posts over 7 days
*Changes within 30 days
315
Total number of posts*
1
Completed orders on Telega.io
--
Repeat orders on Telega.io
0 years и 7 months
Channel age
50%
men
50%
women
Reviews channel
5.0
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
c
**ffeennew@******.io
28.10.202520:42
Order format: 1/24
Segment: Education
Landing page: Telegram
5
Everything is fine. Thank you!
New items
Top Rated in the Topic
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
ORO PL is a Telegram channel in the category «Спорт», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 6.8K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 7.5, with 1 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 6.0 ₽, and with 1 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
keyboard_double_arrow_left
shopping_cart
Channels:
0
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Total:
$0.00
Add to Cart
Clear the cart
Are you sure you want to clear the cart?
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Clear my cart
Cancel
Комментарий