
Advertising on the Telegram channel «MILKII SABAA»
Educational news and explainers—clear, credible updates on current events, science, tech, history, and culture. Short summaries, trusted sources, and quick insights for learners who want to stay informed and think critically.
Channel statistics
#Yuunivarsiitii_Arbaa_Mincii
Barataan Nahuusannaayi Yiftaayyosiyaamer jedhamuun beekamu kan mana ciisichaa barattootaa keessatti hiriyaa waliin jiraatu meeshaa qara qabuun waraanee ajjeese hidhaan waggaa 20 itti murtaa'e.
Manni murtii olaanaa Zoonii Gaamoo, dhimma barataa Nahuusannaayi, yiftaayyosiyaamer jedhamuun beekamu, kan nama waliin jiraatu Naatinaa'eel Tsiguu waraanee ajjeese, dhaddacha har’a Mudde 22/2018 gaggeesseen qorataa ture.
Yakki kun kan raawwatame Kibxata 28/08/2017 E.C ganama sa’aatii 3:20, irratti Yuunivarsiitii Arbaa mincii kaampaasii caamoo Gamoo Doormii Barattootaa Lakk.9 kutaa 01 keessatti ture.
Himatamaan nahuusannaayi kun, barataan naatinaa'eel tsigguu(barataa ajjeechaan irratti raawwatame) "nyaata nyaannu fi bishaanitti keemikaala dabaluudhan dhukkuba kalee natti fide" sababa jedhuun duursee haaloo qabachuudhan , kutaa ciisichaa keessatti naatinaa'eliin ajjeesuuf, billaa qara qabu duursee dhoksuun, haala gara jabummaan guutameen waraanee ajjeesuu manni murtii ragaadhan mirkaneesseera.
Himatamaan kun gocha kana erga raawwateen booda mana ciisichaa barattootaa keessaa baqachaa osoo jiruu, hojjettoota yuunivarsiitichaa naannoo sana jiraniin qabamee jira. Barataan ajjeechaan irratti raawwatame Naatinaa'eel Tsigguu, gara Hospitaala Waliigalaa Arbaa Mincii geeffamee osoo wal'aanamaa jiruu guyyuma sana lubbuun isaa darbe.
Kanaafuu, himatamaan meeshaa waraanaa miidhaa qaamaa geessisuu danda’utti fayyadamuun, nama ajjeesuuf duursee yaaduudhaan ajjeechaa cimaa raawwachuun seera yakkaa Federaalaa keewwata 539 (1-A) cabsuun yakkamaa ta’uun isaa mirkanaa’ee jira.
Manni Murtii Olaanaa Zoonii Gaamoo himatamaan kun yaada adabbii hir'isu dhiheessuu waan hin dandeenyef, hidhaa Cimaa waggaa 20 itti murteesseera.
Abukaattoon seeraa Yuunivarsiitichaa obbo Buruuk Kuchillaa yakki kun namummaa kan hin qabne ta’uu ibsuun, ogeeyyiin seeraa yuunivarsiitichaa, qaamni nageenyaa fi tasgabbii, akkasumas kutaan poolisii Zoonii waliin ta’uun haqni yakka kanaa akka mirkanaa'uf hojjechaa turuu ibsaniiru.
#Via Arba Minch University
@Milkii_Sabaa Ⓜ️
Odeeffannoo Barattootaa fi kanneen biroo argachuuf Channel @Milkii_Sabaa join, Share💫 taasisaa!
💥Maalif engineering jedhame ?
💥Computer science dhan tokkummaa maali qaba?
💥Computer science dhan garaagarumma maalii qaba ?
💥Maaltu keessatti baratama ?
💥Seenudhaf dandeetti akkamii qabaachuu qabana ?
💥Maalif wagga shan (5) tahe ?
💥Yeroo ammaa kana maalif barattoonni baayyen filatu ?
💥Software engineera dhugaa tahuuf maaltu barbaachisa ?
Guutummatti waa’ee software engineering baruuf barreeffamni kun hedduu nu fayyada haalan haga dhumaatti yaa dubbisnuun haffeerra koodha
➡️akkuma beekkamu yeroo harraa kana adduunyaan gama teekinoloojiin fagaachaa jirti Robot , artificial intelligence , website , mobile application, Algorithm fi chat hedduun human nama hedduu hirdhisaa jira akkasumas hojii namoota kumaatamaan lakka’aman hojachuurra jira kanaaf gama biyya keenyattis yemmuu deebinu hanga biyyoota guddatanii yaa tahuu baatu malee technology hedduun akka jiru gaafii hin qabu , fakkeenya mee yaada osoo mobile bankingn jiraachuu baatee dabalees telebirrin jiraachuu baatee guyyaatti transcationin meeqa akka dhaabachaa ooluu kana malees buufata fayyaa keessatti osoo meeshan sergury , x ray … osoo jiraachuu baatee lubbuun nama meeqa akka badaa ooluu ….
kanaaf wantoonni kun hundi isaa barnoota akka software enineering fi computer science irraa madde yeroon akkas jeedhu ammoo barnoonnni kuun hin fayyadan jechuu koo osoo hin taane ani waa’ee departemant kanaa qofa irrattan odeessa jira kanneen biroos haaluma kanaan itti fufna departemant hunda isaa detail isbsuudhan waliin deemna
kanaaf jireenyi guutuun tokko jiraatamuuf barnoonni hunduu akka barbaachisu nii shakkitu natti hin fakkatu fakkeenya ogeessi fayya yoo hin jiraanne meeshan x ray jiraachun gatii hin qabu.
🌐mee tokko jenne hiikaa software engineeing irraa yaa kaanu software engineering jechuun seeraa fi dscipline engineering fayyadamuun software product tokko oomishuu jechuudhaa kana gaafa jennu duubatti deebine hiikaa eingineering ilaalun dirqama nutti taha engineering jechuun gudeline ,seera, dscpline lafa godhame tokko fayyadamuun waa omishuudha fakkeenyaf civil engineering step ykn gudeline lafa kaawwame tokko keessa darbeetu gamoo fuondation(base) fi long life qabu tokko ijaara kanaaf desgin isaa irraa ka’uun hanga xumura gamoo sanaatti techincal sikll isaa fayyadameetu fayyummaa gamoo sanaa qorachaa wanata qulqullina qabu tokko lafa ka’a jechuudha.
kanaaf step hedduu keessa darbuun fakkeenya test , design , implinatation (bulid)… jechuudha kanaaf walumaa galatti haalli kun engineering isa jechisiisa
🔑Maarree haala kanaan akkuman jalqaba kaasuf yaale software engineeringn seera waliigaa engineering kana fayyadamuun software product tokko oomishuu jechuudha
Seerri kunis namni software product oomishu tokko software qulqullina qabu kan hojiin isaas haalli inni ittin hojjatus (function and behaviour )amansiisa tahe seerawwan lafa kawwame keessa darbeetu gabaadhaf dhiyeessa …..
💥Computer science dhan tokkummaa maali qaba?
💥Computer science dhan garaagarumma maalii qaba ?
💥Maaltu keessatti baratama ?
💥Seenudhaf dandeetti akkamii qabaachuu qabana ?
💥Maalif wagga shan (5) tahe ?
💥Yeroo ammaa kana maalif barattoonni baayyen filatu ?
💥Software engineera dhugaa tahuuf maaltu barbaachisa ?
🔑 Kanneen armaan olii kanas itti fufna ….
👉https://www.youtube.com/@tolinaaf
👉@tolinaaftt
Loading▪️▪️▪️
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeessuuf hojiiwwan filannoo duraa hedduu gaggeessaa jira.Kanaaf Boordiin kun yeroodhaaf hojjettoota buufata filannoo walaba ta’an qacaruun filannoo gaggeessuuf barbaada.
Haaluma kanaan iyyattoonni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffaman guutanii fi naannoo hundatti “Bulchoota Buufata Filannoo” ta’uun tajaajiluu kan barbaadan hundi; Boordiin kun Mudde 19 hanga Muddee 28, 2018tti guyyoota 10 walitti aansuun liinkii armaan gadii https://nebe-election.org/recruitment fayyadamuun akka galmaa’an isin beeksisa.
Ulaagaaleen qacarrii:
• Umriin waggaa 18 ol, .
• Miseensa dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin taane, .
• Ulaagaa barnootaa: 12ffaa fi isaa ol, .
• Bakka hojii: Buufata filannoo boordiin hundeesse irratti .
• Afaan hojii naannichaa dubbachuu fi barreessuu kan danda’u
• Yeroo hojii: Ji’a 2f, .
• Iyyattoonni dubartootaa ni jajjabeeffamu jedhu.
✅ Yuunivarsiitii keessa akkamitti jiraata (university life )
✅ Akkamitti qabxii garii hojjachuu danda'a (how to score good grade )
✅ yeroo isaa akkamitti qusata (time managements )
✅ walumaa galati wantoota barattota barbaachisan step by step ilaalaa turre harraa immoo barataan tokko erga kana hunda hojiirra oolchee dhuma irratti departemant filata kanaaf departemant filachuuf wantoota beekuu qabnu viidiyoo kana keessa argattu hanga dhumaatti ilaalan haffeera keeenyadha .
👉https://youtu.be/rxYnVB1Ic7s?si=hj05wq03QrYBr6_W
Subscribe ,like ,share and comment gochuun yaa jalqabnu
↗️@Milkii_Sabaa Ⓜ️
↗️@tolinaaftt
Dhaabbileen barnootaa meeshaa fedhii siyaasaa ta'aniiru.
- Prof. Birhaanuu Naggaa
ministerrri Barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa akka jedhanitti, Waggoota darban keessatti Barnoonni fi siyaasni wal makuun, Dhaabbileen Barnootaa dantaa siyaasaa ta'uu Ibsaniiru.
Ministeerri kun akka jedhanitti, waggoota darban keessatti qaqqabummaa barnootaa babal'isuuf carraaqqiin taasifamaa turus, sirni barnootaa gama qulqullina barnootaatiin rakkoo keessa galuu ibsaniiru.
haaluma kanaan, Rakkoolee damee barnootaa keessatti mul’atan furuuf fooyya’iinsi (reform)'n garaagaraa qophaa’anii hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.
ministeerichi kana kan dubbatan yeroo hooggantoonni Ministeera barnootaa olaanoon miseensota hawaasa Yuunivarsiitii Amboo waliin mari'atanitti.
@Milkii_Sabaa Ⓜ️
Odeeffannoo Barattootaa fi kanneen biroo argachuuf Channel @Milkii_Sabaa join, Share💫 taasisaa!
Yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo barattoota sagantaa reemeediyaalii haaraa bara 2018 isaaf ramadaman kan Kaampaasii Guddaatti fi Kaampaasii Daawuroo Taarcaatti ramadamaniif guyyaa waamichaa Mudde 23 bara 2018 taasisee ture dheeresseera.
Sababoota garaa garaatiin yeroo galmee kana Amajjii 1 bara 2018 tti dheeressuu isaa Yuunivarsiitichi beeksiseera.
Barattoota Kaampaasii Booddittiitti ramadamtaniif galmeen Amajjii 1 bara 2018 kan jedhame kan hin jijjiiramne ta'uu isaa Yuunivarsiitichi beeksiseera.
@Milkii_Sabaa Ⓜ️
Odeeffannoo Barattootaa fi kanneen biroo argachuuf Channel @Milkii_Sabaa join, Share💫 taasisaa!
Miseensonni Mana Maree Bulchiinsa Yuunivarsiitii Haramaayaa hojii ofiin of bulchuu galmaan ga’uuf hojjetamaa jiru irratti marii gaggeessaniiru.
Waltajjicharratti barreeffamoonni bu’uura ofiin of bulchuu yuunivarsiitichaa, muuxannoowwan imala yuunivarsiitiiwwan biroo gara ofiin of bulchuutti godhan, barreeffamoonni dambii Seeneetii yuunivarsiitichaa fooyya’an, akkasumas qabeenya, beekumsaa fi gahumsa imala ofiin of bulchuu ilaalchisee dhiyaatan irratti mari’atameera.
Ofiin of bulchuu bu’uura cimaa irratti hundaa’e qabeenya fi beekumsa jiru sirnaan qindeessuun fayyadamuun dhaabbata of danda’e ijaaruun akka danda’amuuf, hawaasni Yuunivarsiitii guutuun dhimmicha dhugoomsuuf jijjiiramaaf ciminaan hojjechuu akka qaban eerameera.
@Milkii_Sabaa Ⓜ️
Odeeffannoo Barattootaa fi kanneen biroo argachuuf Channel @Milkii_Sabaa join, Share💫 taasisaa!
Miseensonni Mana Maree Bulchiinsa Yuunivarsiitii Haramaayaa hojii ofiin of bulchuu galmaan ga’uuf hojjetamaa jiru irratti marii gaggeessaniiru.
Waltajjicharratti barreeffamoonni bu’uura ofiin of bulchuu yuunivarsiitichaa, muuxannoowwan imala yuunivarsiitiiwwan biroo gara ofiin of bulchuutti godhan, barreeffamoonni dambii Seeneetii yuunivarsiitichaa fooyya’an, akkasumas qabeenya, beekumsaa fi gahumsa imala ofiin of bulchuu ilaalchisee dhiyaatan irratti mari’atameera.
Ofiin of bulchuu bu’uura cimaa irratti hundaa’e qabeenya fi beekumsa jiru sirnaan qindeessuun fayyadamuun dhaabbata of danda’e ijaaruun akka danda’amuuf, hawaasni Yuunivarsiitii guutuun dhimmicha dhugoomsuuf jijjiiramaaf ciminaan hojjechuu akka qaban eerameera.
@Milkii_Sabaa Ⓜ️
Odeeffannoo Barattootaa fi kanneen biroo argachuuf Channel @Milkii_Sabaa join, Share💫 taasisaa!
ማንም አትወርዱት! ሟሟ ፍላጎታችን ቀጥላ ይገናኙ፤ ፍጹም ነፃ ማድረግ ይችላሉ።
እሁኑ ምርጥ ፈጣን ፋይሎች የምትፈልጉት ከዚህ ነው!
#ad InsideAds Free Subscribers
Dhaabbileen barnoota olaanoo beekumsa naannoo isaanii keessatti argaman qorannoodhaan deeggaranii walitti qabuu, sirnaan qindeessuu fi galmeessuun misooma biyyaatiif oolchuu akkasumas dhaloota itti aanuuf dabarsuu akka qaban ibsame.
Ministeerri Barnootaa beekumsa aadaa biyyattii sirna saayinsaawaa ta’een walitti qabuu, qindeessuu fi galmeessuun akka danda’amuuf pirojektii biyyaa sadarkaa hubannoo wal-qixaatiin hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaa guddaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibse.
Ministeer Deetaan Damee Misooma Barnoota Olaanoo obbo Koraa xushunee ergaa dabarsaniin, dhaabbileen barnoota olaanoo beekumsaa fi aadaa naannoo isaanii keessatti argaman qorannoodhaan deeggaranii qindeessuu fi galmeessuun misooma biyyaatiif oolchuu fi dhaloota itti aanuuf dabarsuu akka qaban hubachiisaniiru.
Biyyi keenya waggoota dheeraaf biyya beekumsa fi aadaa hedduu qabdu taatus, hanga ammaatti sadarkaa biyyaatti sirnaan galmaa’ee waan hin qabamneef akka barbaachisummaa isaatti fayyadamummaa hin arganne jedhan.
Amma immoo beekumsa fi aadaa kana qorannoodhaan deeggaranii misooma bal’aa hunda hammate qindeessuun lammiiwwan biraan gahuu fi dhaloota itti aanuuf dabarsuuf dhaabbileen barnoota olaanoo xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
#via MoE
@Milkii_Sabaa Ⓜ️
Odeeffannoo Barattootaa fi kanneen biroo argachuuf Channel @Milkii_Sabaa join, Share💫 taasisaa!
Odeeffannoo Barattootaa fi kanneen biroo argachuuf Channel @Milkii_Sabaa join, Share💫 taasisaa!
Reviews channel
3 total reviews
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Advertising on the Telegram channel «MILKII SABAA» is a Telegram channel in the category «Образование», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 4.6K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 33.0, with 3 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 3.6 ₽, and with 5 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий