Get clients in any niche!
Delegate the launch of advertising to us — for free
Learn more
33.2
Advertising on the Telegram channel «Getu Official»
5.0
Religion & Spirituality
Language:
English
486
1
Share
Add to favorite
Channel temporarily not accepting requests
Choose another channel from recommendations or get a tailored list within your budget using AI
AI Channel Picker
Recent Channel Posts
79
20:38
02.07.2024
235
16:54
02.07.2024
imageImage preview is unavailable
108
15:30
01.07.2024
imageImage preview is unavailable
402
08:50
01.07.2024
𝐅𝐚𝐤𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 16:19
19 warra of gurguddisanii wajjin boojuu hirmachuu irra, karaa hafuuraa gad of deebisanii warra hiyyeessotaa wajjin jiraachuu wayya.
@Getu_Official

643
07:05
30.06.2024
imageImage preview is unavailable
June/29💔
" #Seenaa_Rirmin_Nyaattu "💔😭
●~~~~``●
Yeroo tokko tokko yeroo jechoota sirrii argachuu Yoo dadhabne Waaqayyo ammallee maal jechuu akka barbaadne sirriitti hubata 🤍
Qayeel obboleessa isaa Abeel Ajjeesee Gaafatamnaan "Hin beeku anatu obboleessakoo eegaa? " jedhee waaqayyotti deebise, Inni garuu Dhiigichi sagalee namni dhagahuu hin dendeenye akka Qabu dubbate, Dhiigni obboleessakee lafaa itti dhangalaastee natti ol iyyata " akkuma jedhe Waaqayyo, Dhiigni qaalii keenyaas har'a sagalee nuti hin dhageenye isa bira akka Jiru ni Amanna . Waaqayyoo Dhugaa kee Haa baasu Qaalii keenya
Si Yaadanna.
It’s a Headache🤕💔
●~~~●
@Getu_Official
Dirree Entertainment
" #Seenaa_Rirmin_Nyaattu "💔😭
●

867
11:56
29.06.2024
DHIISUU | IRRAA FAGAACHUU! 🙏
#Daqiiqaa 2 kennuun dubbisi!
✅️ Akka Macaafa Qulqulluutti wantoota muraasa nuti jireenya keenya keessatti dhiisuu (irraa fagaachuu) qabnu maal fa'a akka ta'an akkasumas sababa eebbaa fi milkaa'ina keenya irraa duubatti nu hambisaniif ilaalla!
1) #Jireenya keenya keessatti #Hamminaa fi wanta qajeelummaa of keessaa hin qabne garuu, dogoggoraan nu mudachuu danda'an dhiisuu (irraa fagaachuutu) nuuf ta'a.
✝️ "Ati #gatii hammina kee fi hojii kee isa ciiggaasisaa argachuuf jirta”
Hisq. 16:58
❤️ Yeroo Waaqayyo callisee nu ilaalu Waaqayyo waan cubbuutti araarame nutti fakkaachuu danda'a. Garuu akkas miti; namni kamiyyuu sammuu deebi'uu fi karaa Kristos irra hin adeemnu yoo ta'e gatii hammina keenya argachuuf akka jirru itti yaadaa karaa keenya qajeelchuu qabna. Kana beeknee hammina dhiisuun isa Waaqayyo nu irraa barbaadu hojjechuu qabna.
2) #Wantoota Waaqayyo nu irraa #jibbu dhiisuu qabna.
✝️ Waaqayyo wanta ja'a in jibba,
isa torbaffaa immoo in ciigga'a;
garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, miilla waan hamaa gochuuf
ariifatee fiigu,
✝️ Nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u, isa soba gad jijjigsu,
nama gargar ba'uu obboloota gidduutti facaasuu dha.
❤️ Waaqayyo addumaan nama obboloota gidduutti gargar ba'uu facaasuu immoo baayyee jibba. Maaliif Waaqayyo tokkummaaf gatii guddaa baase namni tokkummaa gidduutti diinummaa facaasuu sanyii seexanaa sababii itti fufsiisuuf diina Waaqayyooti.
✝️ Akka fedha fooniitti yaaduun diina Waaqayyoo nama godha; yaadni akkasii seera Waaqayyootii wajjin walii hin galu; isaaf abboomamuus hin danda'u.
Roomaa 8:7
3)#Yaada garaa keenya isa dhugaa nutti himu #tuffachuu_dhiisuu qabna.
✝️ Kanaafis amantii, yaada garaa qullaa'aas qabaadhu! Namoonni tokko yaada garaa isaanii tuffachuu isaaniitiin amantii isaanii akka caccabaa markabaatti hurreessaniiru.
1 Ximotewos 1:19
◇ Yaadi garaa keenyaa nu sodaatee dhugaa nu hin dhoksu.
◇ Wanta gaariis haa ta’u gadhee kan akka yaada keenya waan sirrii nutti himu hin jiru.
◇ Raajiin, tajaajilaan, hiriyaan keenya waa'ee keenyaaf waan sirrii nutti himuu dhiisuu mala, garuu hafuurri qulqulluun keessa keenyaa waan sirrii fi dhugaa, jabina haa ta'u, laafina keenya soba tokko malee nutti hima.
Namni baay'een garuu sababbii mata jabina isaatiif jedhee yaada garaa isaa tuffachuutti deebi'ee jira.
◇ Yaadi garaa kee haalaan si beeka, sobuu hin dandeessu, si hubata, hamma kee beeka, isa ati fakkeessuuf jettu caalaatti dhugaa jireenya kee sitti hima!
❤️ Kanaafuu Kottaa yaada garaa keenya isa hafuura qulqulluu wajjin walii galee egeree keenya sirrii nutti himu tuffachuu dhiisnee gara hafuura qulqulluu fi Waaqayyoon dhaga'uutti deebi'uu qabna.
Ximotewos yeroo dubbatu yaada garaa isaanii tuffachuu irraan kan ka'e amantii isaanii akka caccabaa markabaatti hurreessaniiru jedha.
Caccabaa markabaa jechuun salphaa miti waan ijaaf illee ilaaluuf namatti hin tolledha. Kanaafuu nama caala,of ilaaluu,yaada garaa keenyaa fi hafuura dhugaa fudhanneef iddoo haa kenninu tuffachuu haa dhiifnu.
4) #Boqu_jabeeyyii ta'uu dhiisuu qabna.
Kanaafis isin yaada garaa keessanii isa haguugame qulleeffadhaa, si'achis deebitanii boqu-jabeeyyii hin ta'inaa!
Keessa Deebii 10:16
✝️ Yeroon kun yeroo kam caala,bara kam caalaatti yeroo of ilaaluu qabnudha.
❤️ Warri Waaqayyoon hin dhageenye,nama ilma Waaqayyootti miilla haxaa'atuuf, nama dhiiga kakuu isa ittiin qullaa'e sana waan xuraa'aatti lakkaa'uuf, hafuura ayyaana namaaf kennu isa arrabsuufis, adaba isa irra hammaatu hammamiitu isaaf mala jettanii yaaddu ree? Nuyi, “Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa” akkasumas immoo, “Gooftichi saba isaa firdiitti in dhi'eessa” isa jedhe sana in beekna. Waaqayyo isa jiraataa harka bu'uun guddaa sodaachisaa dha. Ibroota 10:30-31

967
17:26
27.06.2024
Iyo. 22
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²¹ "Waaqayyotti araarami, nagaatti jiraadhu! Kanaanis wanti gaariin siif in dhufa.
²² Seera afaan isaa keessaa ba'u fudhadhu, dubbii isaas garaa kee keessa kaa'adhu!
²³ Ati gara isa hundumaa danda'uutti yoo garagalte, deebitee in ijaaramta; ati jal'ina godoo kee irraa in fageessita; (Iyo. 22:21-23)
●●●
Isa. 48
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁷ "...Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa'ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.
¹⁸ Eyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta ta'e, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa'a, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in ka'a ture; (Isa. 48:17-18)
●●●
Rom. 8
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁸ “Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha.” (Rom. 8:28)
●●●
Rom. 13
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhi'aateef, yeroon kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta'uu isaa beekaa!
¹² Halkanichi sokkee, guyyichi dhi'aateera, kanaafis kottaa hojii dukkana keessa hojjetamu of irraa fuunee gannee, mi'a lolaa isa ifa keessa ittiin hojjetan in hidhannaa!
¹³ Kottaa amala keenya tolfannee akka warra ifa guyyaa keessa deddeebi'aniitti jiraanna malee, albaadhummaatti yookiis machiitti, halalummaatti yookiis gaddhiisatti, nama loluutti yookiis weennootti hin jiraannu.
¹⁴ Gooftaa Yesus Kristosin akka uffata sibiilaatti uffadhaa malee, hawwa namummaa foonii raawwattanii isas gammachiisuudhaaf garaa hin kenninaa! (Rom. 13:11-14)

776
08:17
27.06.2024
#Kutaa 60ffaa
🛑 𝗗𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗤𝘂𝗹𝗹𝗮𝗮 𝗷𝗮𝗮𝗹𝗮𝘁𝘂
😭😭😭😭😭
"Suuraa kee qullaa ka'ii naaf ergi maaloo! Na jaallatta erga ta'ee maal rakkoo qaba?"
●●●
#Seexanni jalqabaa jalqabee hojiin isaa qullaa nama buusisuu dha. Seexanni isa kana jannata keessatti eegale. (Um. 3:1-10)
Har'a garuu seexanni qullaa ofii argisiisuun ulfina namoota baay'eetti fakkeessee jira. #Poornoogiraafiin ibidda seexanni ittiin dhaloota kana gubaa jiru, meeshaa seexanaa isa hamaa dha. Innis qullaa ofii bifa suuraa addaa addaatiin yookiin namoonni utuu qunnamtii saalaa raawwatanii meeshaalee qunnamtii hawaasaa garaa garaan agarsiisuu dha.
Dargaggootni keenya halkan, guyyaa utuu hin jenne moobayila isaanii keessattii gocha ciggaasisaa kana buufatanii, akkasumas hedduun isaanii immoo Youtube fi Social miidiyaa garaa garaa irratti ilaalaa Miira isaanii akka kakaasaa jiran harki caalmaan immoo bifa nama gaddisiisuun Suuraa Qaama saalaa isaanii karaa message facebookii fi social miidiyaa garagaraa sodaa tokko malee waliif ergaa qilleensa irratti hafuura ejjummaan guutamanii qilleensa irratti ejjaa jiru.
ℍ𝕦𝕓𝕒𝕕𝕙𝕒𝕒 𝕞𝕖𝕖 𝕤𝕚𝕣𝕣𝕚𝕚𝕥𝕥𝕚👇
𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼... waraabessa, leenca, qeerransaa fi bofa ta'anii dhimma tokko irratti mari’achuuf walii galan! Isa booda utuu gara dhimma maree isaanitti hin darbin dura, amala amala isaanii walitti himatan!
Amaloota isaaniis akka armaan gadiitti himatan!
1. 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗯𝗲𝘀𝘀𝗮: “Ani amala koo keessaa bakkan argetti goraa waanan deemuuf (bakka raqatti waanan goraa deemuuf ) gaafa walgahii qabnu guyyaaffadhee yoon dhufe dhiifama naaf godhaa!” jedhe
2. 𝗤𝗲𝗲𝗿𝗿𝗮𝗻𝘀𝗮: “Jireenya koo keessatti aarii waanan hin jaallanneef, adaraa keessan jecha dubbattanii na hin aarsinaa” jedhe.
3. 𝗟𝗲𝗲𝗻𝗰𝗮: “Ani mootii keessan waanan ta'eef adaraa awwaara natti hin kaasinaa! Qulqullina koo eeggachuu waanan barbaaduuf” jedhe.
4. 𝗕𝗼𝗳𝗮: “Yoo ana irra ejjette nan du'a waan ta'eef yeroo deemtan miilla keessaniin ana irra ejjechuu irraa of eeggadhaa” jette.
Kana hundumaa irratti erga waliif galanii booda waraabessi akkuma amala isaa sana guyyaa tokko walga’ii guyyaafatee dhufe! Isa booda hundumti isaani aaranii eeguu jalqaban!
Leencis mootii isaanii waan ta'eef waraabessaan akkas jedhee gaafate. "Hamma kana eessa ooltee dhufte? Maaf walga’ii guyyaafatte?" jedhe. Waraabessis "Amala koo isinitti himeera; ani bakkan argetti goreen waanan argadhe nyaadha; amma immoo qeerransaa #tortortuu wayiin argeen ishee nyaachaa oole" jedhe.
Kana booda qeerransi immoo aarii waan jibbuuf nan aarsinaa jedhee ture mitiree? Utaalee "eenyu abbaa keen akkas jetta?" jedhee warabeessa qabate! Lafa irra wal gangalachan. Utuma wal gangalchanii Leenci immoo awwaara natti hin kaasinaa jedhee ture mitiiree? Awwaarris leencatti erga ka'ee! Innis ijji isaa awwaaraan makamee lafa arguu dadhabe ture bofa irra ejjetee ajjeese jedhama!
Bakka raqaatti gortee waan gadhee soorachuun waraabessi, tokkummaa isaanii hanga lubbuu dhabuutti geesse! #Waldaan kiristaanaa yeroo ammaa maal fakkaatti?
Har'as Waldaa Kiristaanaa keessatti #Fayyineerra jechaa warri bakka raqaatti fiigaa oolan amantoota waldaa kiristaanaa karaa irraa gara du'aatti geessaa jiru! Fayyuun keenya afaanin miti! Jireenyaan mul'achuu qaba.
Yaadni gaggeessitootaa fi amantootaa baay'ee akka waan bakka raqaa turanii fakkaata! Wanti bakka raqaa turee waldaa kiristaanaa gaggeessuuf arraba saaqqatu kamuu dhaloota mancaasa! Eenyuyyuu hoolota Waaqayyoo kanaan itti gaafatamummaa qaba! Baruumsi sobaas gaggeessaan sobaas dhalootaaf balaadha!
Kanaaf Waaqayyo waaqa araaraadha jechaa bakka raqaatti deddebinee cubbuu hojjechuun Waaqayyoon garaa baruu keenya agarsiisa! Dhugaadhas Waaqayyoo waaqa araaraadha! Garuu qalbii jijjiirannaan jira jedhanii jireenya waraabeessaa jiraachuun gaarii miti" 🥱🤔
𝗪𝗮𝗮𝗾𝗮𝘆𝘆𝗼 𝗶𝘀𝗶𝗻, 𝗻𝘂 𝗵𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗿𝗴𝗮𝗮𝗿𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗮 𝗵𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 ... 𝕊𝕙𝕖𝕣 𝕘𝕠𝕕𝕙𝕒𝕒 𝕕𝕦𝕓𝕓𝕚𝕤𝕒𝕒 🥲
@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

694
20:25
26.06.2024
946
08:57
26.06.2024
close
Selected
0
channels for:$0.00
Followers:
0
Views:
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий