
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
23.1

Advertising on the Telegram channel «Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage»
5.0
3
Psychology & Relationships
Language:
English
480
0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$3.60$3.60local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
🌹 Wantoota Jireenya Jaalalaa Miidhan:
1. Tilmaama:
Waan qabatamaa hin taane akka yaannutti tilmaamun jaalala balleessa. Dubartii wayii biratti yeroo baay’ee waan agarteef qofa kun girlfriend isaa ta’uu hin ooltu, narratti michuu biraa baafate jettee murteessuf hin sardamin.
2. Shakkii:
Akka nama hin amanneetti guddachuu dandeessa. Isa guddisa keetii garuu jaalallee keetirratti calaqqisiisuu hin qabdu. Ofii dhoksaatti waan biraa waan dalagduuf isa/ishii akkasitti hin yaadin. Hin shakkin jechuun 100% amani jechuu osoo hin taane shakkiin kee sun waan qabatamaa irratti haa hundaa’u.
3. Hinaaffaa:
Jaalala balleessuu keessatti hinaaffan hangafa. Ammuma of mimmiidhagsanii manaa ba’an tokko mataa dhukkubsachuu hin qabu. Oolman ishiin dhiira waliin qabdu jiraachuu danda’a. Ta’us garuu gara waan biraatti yaaduun hin barbaachisu. Waan ofii keetii akkas gootuf ishiis akkasitti hin yaadin!
4. Dabsuu/ Dalga Hubachuu:
Kallattiin hubadhu Waan barbaade yoo jedhe/jette akkasumatti hubadhu malee kallattii biraatti hin hikkatin. Yoo si galuu baate gaafadhu malee hiika mataa keetii itti hin kennin.
5. Dorgomsiisuu:
Hiriyaa ofii nama biraa waliin wal dorgomsiisuu. Hiriyyaan kee nama biraadha, siif adda. kanaaf nama biraa waliin madaalchiftee karaa kamiinuu olaantummaa yookiin gadaantummaan itti akka dhaga’amu hin godhin. Siif jaalallee kee kan caalu dachee kanarra hin jiru.
6. Too’achuu:
Hiriyaaa keenyaa to’achuuf yaalii gochuu. Hiriyaan jaalalaan to’atama yookiin to’atamti malee qamaan too’achuun dhumarratti lola fiduu danda’a.
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
990
07:56
21.07.2025
💐 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 1ffaa
“Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu danda'a ree? Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti;” (Fak. 31:10)
😵🤔🙁😝😤☹️🙁☹️
» Waa'ee gaa'elaa ilaalchisee gaaffiin dargaggoota baay'ee, 'nama kan koo ta'e akkamittan adda baasee gaa'elatti gala' kan jedhu dha.
» Gaa'elli maalii? Eenyutu dhaabe, maalif hariiroo [gaa'elaa] akka dhaabe sirriitti yaadanii hubachuun baay'ee barbaachisa dha.
✏️ Yoo kana hin taane fedhii Waaqayyoo dhiisnee fedha mataa keenyaa qofa gara dhaga'uutti deemna.
Waaqayyo fedhii mataa keenyaatti dabarsee yoo nu kenne immoo baay'ee ulfaataa dha. Kanaaf dargaggoonni "eenyun fuudha/eenyuttin heeruma?" kan jedhu yaaduun dursa, fedha Waaqayyoo waa'ee hariiroo gaa'elaa irratti qabuu fi hariiroo mataa isaanii Waaqayyo wajjin qaban maal akka fakkaatu ilaallachuutu ta'a.
Namni fayya-buleessi kamuu gaa'ela naga-qabeessa barbaada. Kanaafis yeroo, qabeenya, waan hundumaa isaa... aarsaa (invest) godha. Duudhaa (value) geeddaruun yoo barbaachises kana gochuu irraa duubatti hin deebi'u. Mee dursinee yaada Waaqayyo gaa'ela irratti qabu haa ilaallu.
🟣 Waa'ee Gaa'elaa irratti Yaadni Waaqayyoo maali?
» Gaa'elli yaada Waaqayyooti.
» Gaa'elli mucaa Waaqayyooti (Abbaan Gaa'elaa Waaqayyoo dha)
» Gaa'elli abjuu Waaqayyoof dhugoome dha.
» Boca (Design) gaa'elaa kan hojjete Waaqayyoo dha.
» Waaqayyo gaafa gaa'ela uume bifa eenyummaa isaa (trinity) calaqqisiisuuni dha.
» Namni gaaf gidduu seenuun boca (Design) isaa kanatti bu'u Waaqayyo ni dheekkama.
Addaamiin alatti uumamni hunduu "ta'aa" jedhamanii uumaman. Addaam (namni) garuu eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaa dhaan uumame. Innoo bifaa fi fakkaattii Waaqayyootiin biyyoo lafaa irraa tolfame (Uma. 1:26). Lubbuu akka qabaatuufis Waaqayyo hafuura jireenya itti godhu itti baafate. (Uma. 2:7)
✏️ Uumamuu (tuttuqqaa Waaqayyoo) kana keessa namni (Addaam) hariiroo Waaqayyoon wajjin qaba ture. Jechuun, osoo Hewwaanin hin beekin dura Waaqayyoon beeka.
✏️ Addaam qofa miti, Hewwaanis eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaadhaan lafee cinaachaa Addaam keessaa fuudhame irra tolfamte. (Uma. 2:21-22) Isheenis akkasuma uumamuu ishee keessa Waaqayyo wajjin hariiroo qabdi turte. Addaamiin osoo hin beekin dura Waaqayyoon beekti turte.
❕ Egaa Addaamii fi Hewaan hariiroo walii isaanii waliin qabaachuun dura, dhuunfaa dhuunfaa isaaniitti Waaqayyo wajjin hariiroo qabu turan jechuu dha.
Kuni hariiroo gaa'elaa dura hariiroon Waaqayyo wajjin qabnu murteessaa ta'uu isaa argisiisa. Jaalalli jalqaba Waaqayyo wajjin shaakalamuu danda'uu qaba. Kanaaf waan hundumaa dursa ulaagaan jalqabaa turtii fi hariiroo namni gooftaa isaa wajjin qabu ta'uu qaba. Namni kun hammam na jaallata utuu hin jedhin dura hammam gooftaa jaallata isa jedhu gaafachun ba'eessa taha.
🟣 Ga'ee Waaqayyoo gaa'ela keessatti
Waaqayyo abbaa gaa'elaati erga jennee, ga'een akka abbaatti hojjete isaan armaan gadiiti:
• Dhiyeessuu (Providing)
Uma. 1:29
• Qajeelfama laachuu/barsiisuu (Giving guideline)
Uma. 2:16
• Eeggachiisuu (Warning) Uma. 2:17
• Karoora baasuu (Planning) Uma. 2:18
Karoora baasanii hojjechuun amala Waaqayyooti. Eegaan namnis amala kana Waaqayyo irraa barachuu qaba.
Walumaagalatti, namni hariiroo gaa'elaa uummachuun dura, hariiroo Waaqayyo wajjin qabu jabeeffachuu qaba. Amala Waaqayyo irraa baratee nama hojii ta'uutu irra jiraata.
Maqaan Waaqayyo bara baraan haa eebbifamu! Ameen 🙏
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
779
19:19
22.07.2025
imageImage preview is unavailable
💟 "Jaalalaa fi miidhama - Jaalalli Nama miidha jettanii yaaddanii beektuu???... Karaalee gurguddoo 5n kanneen,... 👉 Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
689
05:52
23.07.2025
🌷 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 2ffaa
“Halalummaa baqadhaa! Cubbuun namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.”
— 1Qor. 6:18
😵🤔🙁😝😤☹️🙁☹️
Akkuma barumsa keenya kutaa 1ffaa irratti hubanne, namni utuu walii isaa faana hariiroo hin jalqabin dura dhuunfaatti Waaqayyo wajjin hariiroo qaba ture. Kunis boca (design) Waaqayyooti.
Kanaafis namni hariiroo fi turtii Waaqayyo wajjin qabu kana irraa kan ka'e, amala Waaqayyoo fudhachaa deema.
✅ Ofii Amalli Waaqayyoo (God's Character) Namni Irraa Dhaalaa Deemuu Qabu Kun Maali?
1. Jaalala
💗 Akka jecha kana karaa malee hiikamee, karaa malee kan hubatamee hin jiru. Yeroo baay'ee hawwa foonii (lust) faana hiikni isaa wal rukutee mul'ata; Fakkeenyaaf seexanni hariiroo saal-qunnamtii (sexual relation) akka hariiroo jaalala (making love) ta'etti akka hubatamu godheera. Kanaanis Waaqayyo isa jaalala (1Yohannis 4:8) ta'e arrabsa. Jaalalli in kenna (gifts), kajeellaan foonii garuu in qabata (grasps).
Kajeellaan foonii fedhii ofii isaa qofa waan dhaggeeffatuuf in kajeela. (Rom. 1:26-27), dubbiin Waaqayyoo akka jireenya namaa keessatti ija hin godhanneef hudha (Mar. 4:18-19)
▶️ Jaalalaa fi kajeellaa foonii (Love & lust) maaltu wal fakkeessa?
⌲ Garaa namaa keessa jiraatu. Fak. 4:23
• Lapheen namaaf akkuma mariin konkolaataaf taheeti. Yoo dallaan itti ijaaramee, eegame malee karaa hin taanetti nama oofa.
⌲ Dhuma namaa murteessu.
• Jaalalli gara jireenya bara baraatti, Kajeellaan foonii du'a bara baraatti geessa.
⌲ Baay'een humna qabeessoodha.
• Amala nama dhuunfachuu cimaa qabu.
⌲ Lamaan isaanii du'atti nama geessu
• Jaalalli gara namaaf du'uutti, kajeellaan foonii gara ajjeesutti nama geessu,
▶️ Garaagarummaa jaalalaa fi kajeellaa foonii,
» Jaalalli maaddi isaa Waaqayyo biraa yoo ta'u, kajeellaan foonii garuu miira irratti kan hundaa'eedha.
» Jaalalli dabarsanii of kennuu, aarsaa baasudha, kajeellaan foonii garuu ofittoodha.
» Jaalalli kan bara baraati, kajeellaan foonii garuu ammaa asitti jedha/turtii hin qabu.
» Jaalalli in obsa, kajeellaan foonii humnaan ukkaamsa.
» Jaalalli kennaa (potential) ijaara, kajeellaan foonii garuu kennaa (potential) ajjeesa.
» Jaalalli araaraan guutuudha, kajeellaan foonii garuu dhiifama hin qabu.
Seenaa Macaafa Qulqulluu keessaa
💔 2Sam. 13:2,4,11, 14-15
Amnoon jaalalli hin qabne, kajeellaa fooniitu qabe. Utuu nama angafa ta'ee dhalate ta'e jiruu seexanni yaaduu isa dhoowwe. Amnoon qaroomina yaaduu hin dandeenye, akkamitti akka obboleettii isaa xureessu yaada. Innoo mucaa mootii tahee utuu jiruu dhukkubsatee mana keessa gangalata.
❤️ Jaalalli dhugaan Waaqayyo irraa baratama. Waaqayyo jaalala isaa kennuudhaan muldhise. Waaqayyo abbaan mucaa isaa nama gaariitti laate miti, diinota isaatti jechuun cubbamaa isa Waaqayyo irratti finciluutti laate. Akka kajeellaa foonii haala mijataa hin barbaaddanne. Jaalallis tole jedhee abboomamee.
Yoh. 3:16
"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti*!"
Rom. 5:8
Waaqayyo garuu,utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.
⚠️ Waliigalatti, jaalallii fi kajeellaan foonii (love & lust) wantoota baay'ee waliif faallaa ta'an, garuu bara keenya kana hiikni isaanii wal rukuteedha. Haa ta'u malee, kajeellaan foonii dubbii Waaqayyoo keessattis kan hin deeggaramne yoo ta'u, jaalalli garuu amala Waaqayyooti.
Maqaan Waaqayyoo bara baraan haa eebbifamu!🙏 Ameen🙏
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
712
09:32
23.07.2025
imageImage preview is unavailable
❤️ Yommuu namootaan walitti dhiyaattu muuxannoo fi beekumsa akkamii qooddachuu qabda?.... . 👉 Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
604
06:44
24.07.2025
🌷 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 3ffaa
“Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” (Efe. 4:32)
😵🤔🙁😝😤☹️🙁☹️
Akkuma kutaalee lamaan darban keessatti hubachuuf yaalle, akkuma ijaarsi manaa hundee (basement) irraa jalqabu, ijaarsi hariiroo (gaa'elaa) hariiroo Waaqayyo wajjin qabnu irratti hundee godhata. Kanaa achitti jabaachuu hin danda'u.
💙 JAALALA EENYUMMAA WAAQAYYOO
1Yoh. 4:16 - "...Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata" 1Yoh. 4:16
⁃ Akkuma kutaa 1ffaa keessatti namni Waaqayyo wajjin hariiroo yoo qabaatu Amala Waaqayyoo dhaalaa deema jenne, amalli Waaqayyoo inni namni dhaaluun irra jiraatu tokko jaalala dha jennee turre.
⁃ Namni yoo jaalalatti qabamee hin jiraanne aboo ilmummaa isaatu sarbama. Sababni isaa Mucaa Waaqayyo jaalalatti qabamee jiraata waan taheef (1Yoh. 4:7 ilaali)
⁃ Yeroo Qaayin obboleessa isaa Abeelin ajjeese, Waaqayyo Qaayiniin "Abeel obboleessi kee eessa jira?" jedhee yoo gaafatu, Qaayin immoo deebisee, "Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?" jechuudhaan deebise.
⁃ Waa'ee nama tokkoo hin beeku jechuun yookiin dhimma dhabuun jibba argisiisa. Jibbi yoo garaa nama seene dafanii qalbii jijjiirrachuutu namarra jiraata.
💙 Jaalala isaa Maaliin Mul'isa?
➊. Jaalalli Kennuudhaan Of Beeksisa.
⁃ Kennuudhaan alatti jaalalli muldhatu hin jiru.
Yoh. 3:16 - "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate;..."
⁃ Haa ta'u malee jaalalaan alattis kennuun ni jira.
1Qor. 13:3 - "Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarse kennee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu"
⁃ Jaalalli waan hin deebine laata (kenna) fakkeenya lubbuu kennees immoo hin gaabbu.
➋. Jaalalli Aarsaa Gaafata
1Yoh. 4:9 - "Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate"
⁃ Nuyi obboleessa keenya jaallachuutu rakkoo nutti ta'a, Waaqayyo garuu diinota isaa warra turaniif tokkicha ilma isaa dabarsee kenne.
⁃ Jaalalli Waaqayyo saba Israa'elif qabu isaan duukaa akka jooru godhe, utuma isaan gaaffii keessa galchanii isa nuffanii jaallate.
➌. Jaalala jechuun abboommiidha
Yoh. 13:34-35 - "Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku' jedhe"
⁃ Jaalala dhabuun waa'ee walii dhimma dhabanii waliif dhaabbachu dadhabuu dha.
➍. Jaalala Abbaa Manaa fi Haadha Manaa
Efe. 5:25-26 - "Kristos akkuma waldaa kristiiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu*! Waldaan kristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa*" Macaafni Abbaan manaa haadha manaa isaa akka jaallachuu qabu, haati manaa immoo abbaa manaa isheetiif abboomamuu akka qabdu kaa'a. Abboomamuu caala jaallachuutu ulfaata.
💙 Kristos Akkamitti Waldaa Kristiyaanaa jaallate?
I. Ulfina Isaa Dhiisuudhaan
⁃ Ulfina keessa mirgatu jira, inni garuu sana hundumaa dhiisuudhaan Waldaa Kristiyaanaa jaallate.
Yoh. 17:5 - "Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!"
II. Aboo Isaa Dhiisuudhaan
Kutaan Qol. 1:16 Aboo isaa akkasitti argisiisa. "Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa'anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan uumaman; wanti hundinuu karaa isaa uumame, isaafis uumame"
Isa. 53:7 yoo ilaallee mootiin ulfinaa kun akka hoolaa qalmaaf adeemutti akka callise argina. Callisuudhaanis yaada Waaqayyoo fiixan baase.
📱 @Gaaela_Gaarii
607
19:22
24.07.2025
imageImage preview is unavailable
🐓Dubartiin Waan afur dhiira caalaa dandeessi!...👉 Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
572
01:46
25.07.2025
🌹 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 4ffaa
“Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.” (Fak. 31:30)
😵🤔🙁😝😤☹️🙁☹️
❤️ Gaa’ela Fedha Waaqayyoo Akkamitti Beekuun Danda’ama?
Kun gaaffii amantoota baay’eeti. Akkasumas deebii kan barbaadu dha. Haala kana Waaqayyo irraa yaada inni nuuf qabu hubachuun wanta barbaachisaa dha. Waaqayyo immoo hunda keenyaaf yaada gaarii qaba. (Erm. 29:11, Isa. 48:17)
Yeroo nama gaa’elaaf ta’u filannutti bareedina ilaaluun kan hin hafne yoo ta’e illee, bareedina alaa fi keessaa irratti madaallii eeguu qabna. Kunis Fak. 31:30 irratti ifatti kaa'amee Jira. “Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.” (Fak. 31:30) Bareedinni keessaa kan jalqabu Waaqayyoon sodaachuun. Yoo hubannee ilaalle namni hundinuu bareedaa dha. Namni hundinuu haala ajaa’ibsiisaan uumameera; kanaaf nama jaallanne waliin wal fuudhuun gaariidha. Bareedinni alaa yeroo yeroo gad bu’aa deemuun hin hafu. Bareedinni keessaa garuu hin badu. Kanaaf xiyyeeffannoo eenyummaa isa keessoo irratti gochuun gaarii dha. Hiriyaa gaa’elaa gaarii argachuuf walumaa galatti Waaqayyo irratti kadhannee, Waaqayyo irratti hirkachuun barbaachisaa dha. (Fak. 19:14, Um. 2:18, Far. 127: 1-2, Fak. 3:5), fiixaan ba’iinsa gaa’ela qabu argachuuf gaggeessaa Waaqayyoo argachuu qabna. (Far. 32:8, Isa. 58:11).
Waaqayyoon amanachuu fi isatti hirkachuu barbaachisa. Fedha Waaqayyoo beekuuf jalqaba isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu qabna. Waanuma fedhe irratti fedhii Waaqayyoo beekuun dura walitti dhufeenya nuti isaa wajjin qabnu baay’ee murteessaa ta'ee argama. Waaqayyo fedha isaa kan ibsuuf warra isaa wajjin jiraatanii fi isatti qabamanii jiraataniif. (Yoh. 15:7)
❤️ Fedhii Waaqayyoo beeknee kara ittiin faana bu’uu dandeenyu keessaa ijoon akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.
➊. Sagalee isaa beekuu. (Far. 118:105)
➋. Kadhannaa (HoE. 13:1-3) Kadhannaan fuula isaatti yoo dhiyaanne Waaqayyo nutti dubbata. Kaayyoo fi akeeka nuuf qabuuf kallattii adeemsaa nuuf qajeelcha.
➌. Dhuga bahuumsa keessa keenyaa: Yaada Waaqayyoo keessa yommuu taanu keessi keenya nagaa fi gammachuu dhaan guuta. (Fil. 4:6-7)🙏
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
465
19:23
25.07.2025
imageImage preview is unavailable
🌍 Gara barii hirriiba keessaa yommuun dammaqu Waan hin eegamnen arge,....👉 Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
422
00:09
26.07.2025
🌹 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 5ffaa
“Waaqayyo foonitti, lubbuuttis tokko isaan hin goonee ree? Maaliifis tokko isaan godhe? Sanyii ofii isaatiif kaafachuudhaaf kana godhe; kanaafis jireenya keessan eeggadhaa!...”
— Mil. 2:15
😵🤔🙁😝😤☹️🙁☹️
Akkuma kutaalee darbe keessatti ilaalle, gaa'elli mucaa Waaqayyooti, yaada isaatis. Kanaaf Waaqayyo akka inni bocatetti malee akka fedha namaatti itti dabalamee, akka irraa hir'ifamu hin barbaadu.
✍️ Gaa'elli fedhii ofii raawwachuuf itti gaggabamee waan seenamu utuu hin taane yaada Waaqayyoo calaqqisiisuuf kan ijaarame dha. Gaa'elli dhoksaa hariiroo Sadan Tokkummaa muldhisa. Macaafni qulqulluun gaa'elaan jalqabee gaa'elaan xumurama.
Haa ta'u malee barri kun bara itti kaayyoo abbaan gaa'elaa, Waaqayyo dhaabeef irra ejjetamee, hariiroon kun dhiiraa fi dubartii gidduutti ta'uun isaa hafee saala walfakkaataa, darbees bineensa duukaa, roobotii duukaa hamma ta'utti kan ga'ee dha. Kanaaf Waldaan Kristiyaanaa cimtee Amala Waaqayyoo barsiisutu irra jira. Amalli Waaqayyoo immoo jaalala dha.
🔵 JAALALLI AKKAMITTI OF MULDHISA
Dhiifama/Araara gochuudhaan
✦ Dhiifamni baay'ee gati jabeessa dha. Sababni isaas dhiifamni dhiigaan dhufe. Dhiifama gochuun gatii kan nu baasisuuf, kan gatii itti baase Kristoos waan ta’eef, dhiifama diduun Kristoosin diduu dha. Iddoo Jaalalli jiru dhiifamni akka galaanaa yaa'a. Eeyyeen, Waaqayyo abbaan diinota isaatiif kennaa gatii jabeessa, ilma isaa tokkicha diinota isaaf laate. Kanaafuu, namni gaa’ela dhaabbachuu dura dhiifama beekuu qaba.
Yohaannis 3:16 - "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate;...
» Dhiifama cubbuu lakkaa’uu dhiisu jechuu dha.
» Balleessaa namni hojjeteef utuma ragaa qabduu, akka waan tasuma hin uumamnetti yaaduu dha.
Nama nutti balleesseen si miti, Waaqayyotu si ajajee jedhanii ceephoo keessaa baasu dha.
Uumama 45:5 - "Ammas lubbuu oolchuudhaaf isin dura asitti kan na erge Waaqayyo waan ta'eef, isin isa na gurgurtaniif yaadaan hin dhiphatinaa, ofittis hin aarinaa!"
» Dhiifamni dhugaa qabatanii mirga moo'ichaa utuu qabanii firdii of-dhoowwachuu dha. Jaalalli gatii baasi jedha malee itti farachiisi hin jedhu. Jaalalli jaalala irraa shaakalama. Jaalala jechuun Yesus dha.
» Dhiifamni mucaa isa badee tokkoon badhaasu dha.
» Dhiifamni isa yakkamaa tokkoon adabuu dhiisu dha. Abbaan isaa nama qabeenya qisaasessu yookiin nama hin amanamnetti deebisee qabeenya laate.
Luqaas 15:30 - "Amma garuu ilmi kee inni qabeenya kee hundumaa gaalamootaa wajjin fixe kun,
deebi'ee dhufnaan tuntunoo coomaa isaa qalteefii?’ jedhe."
» Dhiifamni waan nama sana madaaluuf miti, hojii Kristoosin hojjechuuf kan godhamuu dha malee.
» Akka Mooticha Minaasee kan badii gurguddaa raawwate mana Qulqullummaa xureesse hin jiru. Kan nama dhibu garuu Waaqayyo yeroo Minaaseen qalbii jijjiirratetti in dhiiseefi.
2Seenaa Baraa 33:12 - "Inni yeroo dhiphatetti gara Waaqayyo gooftaa isaatiitti in deebi'e; Waaqayyo isa kan abboota isaatii durattis guddaa gad of in deebise."
» Dhiifamni isa nama ajjeesuf dhiiga ofii dhangalaasu, isa nama arrabsuuf fannootti ol bahuu dha.
» Dhiifamni bifa Waaqayyooti.
Yesus ishee ejjituu harkaaf harkatti qabamte intala koo jedheetu waame (Yohannis 8:10 ilaali!).
» Dhiifamni nama si gurguru tokkoon michuu koo jettee waamu dha. (Maatewos 26:50 ilaali!).
🔵 Hubadhu!
✦ Dhiifamni cubbuu keessatti namni akka hafuuf kan laatames miti.
» Jalqaba irratti dhiifamni kan argamu cubbuu dhiisuuni dha. Qalbii jijjirannaan hiixatamee fudhatama malee taa'amee miti.
✦ Cubbuun hin dhiifamne dhiifama namaaf gochuu dhiisu dha.
1Phexros 4:8 - "Baay'inni cubbuu akka deebi'ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta'eef, hundumaa dura immoo jaalala ho'aa waliif qabaadhaa!"
» Eeyyeen Jaalalli dhiifamaan muldhata. Gaa'ela keessatti shaakalli dhiifama akkasii yoo jiraate gaa'elaaf fayyinatu ta'a.🙏
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
182
19:23
26.07.2025
close
Specials
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeenold@******.io
On the service since June 2022
17.02.202523:23
5
Everything is fine. Thank you!
Show more
Channel statistics
Rating
23.1
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
5
Subscribers:
12.5K
APV
lock_outline
ER
3.9%
Posts per day:
1.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий