
- Main
- Catalog
- Psychology & Relationships
- Ethio-Psych Hub (የኢትዮጵያ ሳይኮሎጂ ማዕከል)
Ethio-Psych Hub (የኢትዮጵያ ሳይኮሎጂ ማዕከል)
Ethio-Psych Hub - is a platform exploring: 👉The human mind, behavior, and emotion through the lens of psychology. 👉We promote mental health awareness, emotional well-being, and 👉Resilience, while examining cultural and social influences on behavior.
Channel statistics
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Callisi - aarii ho'aa keessatti!
2. Callisi - yoo ragaa hunda hin qabaanne ta'e!
3. Callisi - yoo seenaa sana hin mirkaneessine.
4. Callisi - yoo jechi kee nama dadhabaa ta'e mufachiise.
5. Callisi - yommuu yeroon yeroo dhaggeeffachuu ta'e.
6. Callisi - yeroo wantoota qulqulluu ifa godhachuuf qoramtu.
7. Callisi - yommuu waa'ee cubbuu akka qoostuuf qoramtu.
8. Callisi - yommuu jecha keetti qaanoftu!
9. Callisi - yommuu jechi kee yaada dogoggoraa dabarsu.
10. Callisi - yoo dhimmichi dhimma kee hin taane.
11. Callisi - yeroo soba ifa ta'e akka dubbattuuf qoramtu.
12. Callisi - yoo jechi kee maqaa nama biraa miidhu.
13. Callisi - yoo dubbiin kee hiriyummaa tokko miidhu.
14. Callisi - yeroo qeeqni sitti dhaga'amu.
15. Callisi - yoo jechi kee calaqqisiisa gadhee hiriyootaa fi maatii keetii ta'e.
16. Callisi - yoo booda jecha keetti gaabbita ta'e.
https://t.me/Ethio_Psych_Hub
Guyyaa murasaaf adda cite kan ture free internet debiyee hojechuu jalqabeera Qarshii utuu hin basiin bakka Free internet jedhuu tuqun Eegalchisaa 👇👇👇
Qorannoon akka mullisutti sooressis ta’e iyyeessi waa’ee qarshii isaanii nicinqamu🤦.
Qarshiin isaan qaban baroota fuuldura isaaniitti hafaniif kan isaan ga’u ta’uu beekuunis gaaffii isaan irraa deddeebiinii of gaafataniidha.🧏
🌍Sodaan kun ammoo hawwaasummaafi diinagdeen kan daangeffame osoo hintaane addunyaa kana irratti bakka marattuu rakkoo laga ce’ee mul'atuudha.
Siruma, namootni nuti qarshii ga’aa qabu jennee yaannu illee, qabeenyi koo akkasumatti itti fufaa laata? yeroo jedhan kanneen qarshii ga’aa hin qabne immoo qarshii ani qabu tarii naga’uu dhiisuu danda’innaa jedhanii yaadda’u🙆
🤝Walumaa galatti sodaaleen akkanaa kun fedhii dhalli namaa fuldura isaa harka keessa galfatee jireenya tasgabbaa’aa jiraachuuf qabu mullisa jedha qorannoon.
✊Kanaaf, waa’ee gara fuulduraa yaaduun barbaachisaa ta’ullee harka keessa galfachuuf cinqamuun rakkoo fayyaaf kan nusaaxilu waan ta’eef of eegachuu akka qabnu qorannoon ni mullisa.
Join Ethio-Psych Hub (የኢትዮጵያ ሳይኮሎጂ ማዕከል)
Where the science of mind meets Ethiopian life.
Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61582970284970
https://t.me/Ethio_Psych_Hub
Na amanaa hedduu irraa fayyadamtuu!
Dabalataan illee ijoollee online galmeessuu danda'aaniif isin deggeran of keessaa qabu!
Join godhaa!
👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿
https://t.me/Beeksisa_hojii_vacancy
❇️ Akka qorannoon jedhutti, namoonni hedduun nama ilaalanii deemu. Kun uumamuma dhala namaati. Keessumaa haala wallaalchisaa ta’e keessatti, namoonni of ilaalanii murteessuu irra, nama ilaalanii murteessuu filatu. Kunis, daandii namoonni hedduun filatan sirriidha jedhanii waan yaadaniif.
👗Faashina hordofuu irraa eegalee hanga miidiyaalee hawaasaa hordofuutti, wantoota namoonni hedduun filatan filachuun nagaa namaaf kenna. Sababisaas, dandiin namootini hedduun irra adeeman balaa dhabeessa nutti fakkaata.
💟 Walumaa galatti, murteewwan akkanaa yeroo tokko tokko rakkoo keessa nu buusuullee ni malu. Haa ta’u iyyuu malee, yeroo hunda namoota hordofuu qofa osoo hin taane, waan goonu tokko maaliif akka goonu ilaaluun haala qabatamaa ofii keenya ilaaluun baayyee barbaachisa. Namumti harka rukkuteef harka rukkutuun dura, maaliif akka rukkutuu qabnuuf rukkutuu hin qabne itti yaaduun gaariidha!
#Join Ethio-Psych Hub (የኢትዮጵያ ሳይኮሎጂ ማዕከል)
👇👇
https://t.me/Ethio_Psych_Hub
✅Yeroo baayyee, yeroo ati “Ani fiixaan ba’uun qaba” jettee tattaafattu, sammuun kee garuu akkana jedhee si sodaachisa “Ni kuftee! Shakki! Maal taate? Baddeetta!”
✅Sababni isaa maali? Sammuun namaa dura lubbuun jiraachuu akka eegu ta’ee kan kalaqame dha. Kanaafuu fiixaan ba’umsi fi guddinni ofii lubbuun jiraachuu booda kan dhufaniidha.
Kun hundi daandii sammuun kee itti daangaa baratame keessatti si’eegu qofa malee “ati dadhabaadha” jechuu miti. Yeroo baayyee wanti ati keessa jirtu si hin fayyadne iyyuu, sammuu kee “achuma turi!” jedhee si jajjabeessa.
👌Kanaaf “Ani hin danda’u” jechuun achi turuu filatta. Akkasumas kufaatii darbe fi ceephoo namootaa siyaadachiisuun sammuu kee “kanuma natti deebi’a” jedhee akka yaadu taasisa. Kun ammoo
namoonni akka si hin miidhin fagootti ofirraa deebistu taasisa.
✅Kufaatii sodaattee guddina kees daangessuu yaalta. 👉 Kun ofiin of miidhuu dha.
Furmaatni isaa hoo? 👉 Kunoo dubbisaa 🙏
#Join_Ethio_Psych_Hub (የኢትዮጵያ ሳይኮሎጂ ማዕከል)
https://t.me/Ethio_Psych_Hub
ee yeroo of gahee gaa'ilaaf gahutti. Akkatuma dhiirri tokko gaa'ilaaf dubara tokko fuudhaaf gaafatutti ni gaafate. Isheenis gaaffii isaarra dhaabbachuun yeroo keenniteefii boodarra yaada isaatti waliigaluun tole jettee hiriyummaa gara gaa'ilatti ofuu waliin jalqabani.
Namni kun nama amala qabeessa, bilchaataa fii nama uumaa isaa sodaatu akka ta'e maddi odeeffannoon ni ibsa.
Ji'oota muraasa erga wal baranii hariiroo hiriyummaan turanii booda gara gaa'ilaatti akka seenaniif murteessaniyyuu yeroo sanaaf haalli mijatoo waan hin taaneef yeroo dabalataa akka waliif kennaan murteessani. Baay'ee waljaalatu, keessumaa isheen baay'ee lubbuu dhabdiifii jedhu namoonni itti siqan.
Yeroon isaan itti hariiroo jaalalaa jalqaban kun inni hojii mootummaa miindeffamee hojjechaa kan jiru yemmuu ta'u, isheen immoo Yuuniversiitii barachaati jirti.
Waliigalteen isaanii barnoota akka xumurteen bultoo akka ijaarratan waliigalan. Hariiroon isheen isaaf qabdu baay'ee addaa fii akka baayee isaa jaallatu cimsite isa hubachiifti turte kanuma sana sababeeffachuun, Guyyaa tokko garuu guyyaan murtoon isaanii hawwiin eegaa turan akka ifa bariitti eegaa jiran dukkana limixii uffate. Akkas ta'e. galgala wayii yaada akkas jedhu maddisiise inni dhiira: baay'een ishee jaalladhaani ani.
Isheenoo akkuma Afaan ishee kanamoo ni sobdi laata? Garaa qulqulluu akkumaan ishee jaalladhu iddoo naaf kennitii laata? Imala jireenyaa koo keessatti tarii yoon beela'e nawaliin beeloftii moo na dhiiftee deemti? Waan jedhu yaada isaa guute.
Hubadha! Namooti baay'ee akka isheen baay'ee jaalattuufii abbaa manaa isheellee godhachuuf nama baay'ee iddoo keenituufidha jedhu hiriyoonni ishee.
Gurbaan akkas godhe, akka isheen isa biraa deemtee yuuniversiitii waggaa 2ffaa barachuuf mooraa seenteen booda, lakkoofsa haaraa, bilbila telegiraamii banuun nama biraa fakkaatee ishee waliin walquunname dubbisuu jalqaba. nagaa keetii Ana X jedhama, sin beeka, yeroo ati ijoollee turtetti maatii keetti maanguddoo ergadhee sin fuudha jennaan, lakki matiin kee ijoolleedha intali keenya jedhanii na didani. Ati amma na dagatetta. Ani garuu sin yaadadha. Amma Ani sababa barnootaan Gara Biyya Awustiraaaliyaa deemeen achi jiraachaa jira. Waggaa 5 fixeera. Akka carraa guyyaa sadii booda Itoophiyaa, finfinnee nan dhufa. Isheen immoo akkasiin deebii kennitiif: dhugaamoo? Akkamiinan si wallaaleree? Baayee namatti tola. Gurbaan deebii akkas jedhu laateef ati nan beektu yeros baay'ee. Ishee: mee suuraa kee naaf ergi jettiin, tole jedhee nama bifa gaarii qabu facebook irraa buusee itti erge. Isheenis: woow! baayee miidhagda jettiin. Gurbaa: kan kee naaf ergimee amma wallaalchifattee mitii? Jedheen . isheenis suuraa ergiteefii. Innis woow! Baayee miidhagdes ni guddattes jedhaan.
Kana booda gurbaan akkas jedheen maarree nan dhufa waan ta'eef maaliif si fudhee hin deemu? Awustiraaaliyaa jedheen? Hiriyaa godhatteemoo akkami jedhee deebiseef? Ishee: Lakki hin qabu mucaa tokko baay'ee na rakkisaa jira. bada keessiikoo itti hin jiru, barnootarran jiras jettiin. Dhugaadha? jedhee deebisaaf, Isheenis eeyyee dhugaadha jettiin.
Hubadhaa kan isheetti haasaaa jiru hiriyaa isheen waada waliif galtee jirtudha! Garuu akka nama biyyaa Awustiraaaliyaa jirutti itti haasaa'a jira.
Kutaa itti aanuuf
👇🏿👇🏿👇🏿
Kutaa 2ffaaReviews channel
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Ethio-Psych Hub (የኢትዮጵያ ሳይኮሎጂ ማዕከል) is a Telegram channel in the category «Психология и отношения», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 1.4K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 12.1, with 0 reviews and an average score of 0.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 2.4 ₽, and with 0 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий