
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
22.6

Advertising on the Telegram channel «DIRREE BOOHARTII🟥🟦»
5.0
Humor & Memes
Language:
English
350
1
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$5.70$5.70local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
Akkas jetteen: “Maal nama gaddee abdii kutatetti, caalmaatti oduu gaddaa biraa ittimtee abdiisaa keessatti fixxa atimmoo? Inni du'a nama shaniif amma kana gaddee boo'ee, lubbuu guyyuutti dhibba shaniif yeroo darbitu utuu argee immoo ammam haa gaddu seete?” jetteen. Sirni awwaalchaa xumuramnaanis manatti galan.
Wareegamuu haadhasheefi obbolootashee erga Hiikeerraa, Iddoo awwaalchaa galtee dhageesse Naanaatiin “wayyoo haadhako, wayyoo obboolootako, akkaman ta'a maalittan hafas” jechaa hiyya keessaa fuute. Obsaafi maatiinsaas gadda cimaa keessa galanii ta'us baayyee Kan miidhamte Naanaatii jajjabeessuu ta'e hojiin saanii. Manni cidhaaf tottolchanis mana gaddaa ta'e. Naanaatiinis garaa jabina abbaasheef hedduu aartee akkuma Haannaa Firaanki yaadannoo guyyuushee baafattee akkas jechuun gadda keessaa mataa olqabattee barreessuu eegalte.
“GARAATU GARAA NYAATE!
Foontus foonitti jabaate! Dabarsee galaafate.
Maal namni akkamitti qarshiif jedhee foonsaa nyaata? Akkamittis maallaqaaf jedhee namni dhiigasaa dhuga? Haatikoollee duris dhugaaf cichiti lafa dhugaa dhaqxeesi, ani garuu siifan gadde yaa Isa garaa fakkaate garaa nyaate!” Jettee amma dandeesse boossee boossistee hirmii haadhashee fi obboolootashee waggaa tokko dura wareegamanis baastee garuu waa'ee haadhashee irra deddeebitee yeroo yaaddu obsa waan dhabdeef barreeffamashee adda kuttee akka nama fincaaniif ba'eetti kutaa dhoksaa sana seentee mataasheetti tarkaanfii dubdeebii hin qabneen murteessitee haadhashee adde Ayyaantuu Jaannata galteefi Si'ooliin galteeshee adda baafachuu deemte.
Obsaan amanuuf rakkatee waan godhus wallaalee qabeenyaa mataasaatiifi kan abbaan Naanaatii boo'aafii turee amma harkasaa galee walakkaa maatiisaaf walakkammoo hojii tola ooltummaafi namoota rakkatan gargaaruuf akka oolu godhee ofiisaaf garuu dhalachuusaa abaraa maraatuu ta'ee qullaa buusee jireenya hadhaa'aa qalbii gatanii karaarra jiraachuu itti fufe.... Garaan silaa garaa ture garaa maatiisaas nyaatee kan nama biraas galaafate.
Xumureera!
Asoosama biroof 👍👍👍👍 everyone
Share @Dirreeboohartii
Share @Dirreeboohartii
853
17:17
01.06.2025
Asoosama gabaabaa
Garaa garaa nyaate!
Kutaa-26ffaa(Xumuraa)
......Yeroo mana ga'an garuu manni badee, naannoonsaanii jeeqamee mooraan saanii waajjira poolisii fakkaatee jira. Kana gidduun yeroo ijoolleesaanii ilaalaan waan ta'aa jiru wallaalan. Ambuulaansiin kaan ni seenti kaan ni baati akkisaas wallaalamee, bitaa isaanitti gale. Kana gidduudhan aadde Urgeen ijoolleesaanii lamaan rukutamanii lubbuun keessa hin jirre ciisaanii jiran Ambuulaansii keessatti arganii amma maraachuu gahaanittis iyyan. Maal godhuree? kan du'e ni galaaree? Hin galu waayyuu. Garuu akkamittifii maaliif akka du'an beekuuf poolisoota mooraa jiran gaafannan “sichi(ganaa) qoranna malee waan adda baafanne hin qabnu” jedhaniin. Hiikeefi abbaan warraashee karaarraa dadhabanii yeroo Naanaatii fi Obsaan wal arguuf lafa dheeraa deemanii dhufan waan ta'aa jiru wallaalanii boo'ichatti hirmaachuu eegalan.
Kana booda obboleessii Obsaa inni xinnaan taatee sana mara ilaalaa kan ture amma yaadatu af gaaffii poolisii faana godhe. “Ijoolleen soba hin beektu” jedhan mitiree? poolisiichis gadtaa'ee akka armaan gadiitti barreeffate. Mucichis yaadasaa itti fufe: “Jalqaba nuti kutaa saalonii keessaa Dhagilaala (TV) ilaalaa turre amma maatiin keenya bakka deemanii dhufanitti. Gidduumatti sagalee faana namaa mana keessa deemu dhageenyaan, Caaltuun(obboleettisaa...) maatii keenyatu dhufe jettee fiigichaan baate, nus faana ba'uuf jennaan deebi'a nuun jedhe Biqilaan(obboleessaa isaanii isa sadaffaa dhalateedha, Obsaafi Caaltuutti aanee) kana booda nuti xiqqoo ol deebinee, Ijoollee warra naa gadii kutaa ciisichaa galchee isaanitti cufeen, ofikoo ulee tokko fudhee haalichi cimaa natti fakkaannaan isaan boodan hordoofuu jalqabe. Yeroon gadi ba'u Biqilaan oldeebi'ee kutaa abbabbaati shugguxii fudhatee nyaachiifachaa ba'a jirun arge. Anis shakkiin isaan boodan faanan ba'e. Yeroon ba'u jaarsi sun(Obbo Badhaasaa jechuusaati) shugguxii adda Caaltuutti qabee, harkake gara samiitti qabi jechaanii ture. Kana booda Biqilaan harka dursee dudda duuban mataa jaarsichaa keessa xiyyitii tokko buusee jaarsichis kufee lubbuun keessaa baanaan Caaltuufi Biqilaan walii qabanii kutaa dhoksaa keessa dhoksuuf baatanii deeman. Kana booda namoonni kun lamaan jedhe quba akeektuu isaanitti qabee(eegdota obbo Badhaasaa laman jechuusaati) yeroo Caaltuuf Biqilaan jaarsicha kutaa dhoksaa seensisaan jarris Biqilaaf Caaltuutti dhukaasuun.....” jedhee kana caalaa boo'ichii ija guunnaan dubbachuu dadhabe. Poolisoonnis ragaa quubsaa waan argataniif eegdota sana lamaan gara mana hidhaa erguun, reeffa jaraa sadanii immoo qorannaaf gara hospitaala Qulqulluu Phaawuloos ergan.
Borumtaasaas reeffa sadanuusaanii qorataniis akka awwalamaniif bakka awwalchaa geessan. Obsaa fi Naanaatiin gadda cimaa keessa galanii taateechaanis baayyee miidhaman. Bakka awwaalchaattis Obsaan aariidhaan yeroo reeffii Obbo Badhaasaa boolla seenuu doolaaraa lakkoofsaan baayyee maatiisaaf fidee dhufe giiphii(kiisiisaa) keessa babaasee boollicha keessatti darbatee boo'aas qarshichatti quba qabee “si'i kana hunda kan qabu, situ nama wal ficcisiise. Jaalala keetu Obbo Badhaasaa qabee maatiisaa ganchisiise...” Jedhees qarshiitti yeroonni dhaadatu, abbaan manaan Hiikee dhiisi Obsaa maallaqi maal godhe? namoota maallaqa jaallatan malee Kan du'a namoota amma kanaaf sababa ta'e... Obbo Badhaasaan osoo qarshiif bitamuu baataanii lubbuu namoota Qulqulluu balleessuu seetee? Malee qarshiin maal godhe? Ofii nyaachifateemo? Ofii tokkosee ajjeesse seete? Maallaqa qabaasaa beeknaan waan biyya fayyadu waan lubbuu oolchuufi dhaloota harka qabu meeqa ittin hin hojjeettuu seetee? Dhiisi waan hundumaa amma biyya keenya keessa maallaqa jaallachuun badutti biyyi hin sirrattu.
Atillee sababa qarshii jaallachuu obbo Badhaasaan namoota shan du'an jetta mitii?, sababa aangoo jaallachuufi ofittummaa hanga'oota tokko tokkoof lubbuu namoota jumulaan dhumu utuu agarte maal jettaree? Atoo biyya sareenuu yoo duute gaddaniif waan jirtuuf kun si ajaa'ibe nuti....” jedhee itti fufee dubbachuuf kaanan Hiikeen abba warraasheetti dheekamtee adda kuchisiiste.
805
17:17
01.06.2025
Maalii badiinkoo
Kanaañ balleesse
Oduu hadhaawaa
Eessaa dhageesse
Jettee natti sirbite shiroon ani waggaa kessatti harrumaa qofa foon bitadhee gallaan😭😭
Share➬ @Dirreeboohartii
Share➬ @Dirreeboohartii
1788
17:06
30.05.2025
Maatiin Obsaafi Obsaan maal akkashee mudateefi rakkooshee yeroo gaafatan manni isaan isheetti fuudhanii galan sun dur kansaanii tahuu ittimtee, akkamittin akka gurgurames tokko lamaan maatii Obsaafaa gaafatte. Hunda caalmaa garuu ni dhokfatte malee taatee yeroo achi manicha keessa turte yeroo kudhanii(10) ol mucaa Buraayyuu(Beekish) sanaan isaa yaaliin gudeeddaa irra gaheeefi turtii hadhaa'a manicha keessatti waggoota afur(4) dabarsite hundumaa yaadatteetu of wallaalee kufte ture. Isaanis haala kanaan ittimuu jalqaban: “ manni kun dura kan nama gara keenyaa tokkoo ture jedhan, nama Gidaamiiti. Garuu inni maatiisaa faana waan wal diigeef qabeenya addaan qooddachuuf baankiitti gurguran. Nus caal-baasiin baankiirraa bitanne” jedhan. Amma kana Naanaatiin xiyyeeffannoon dhaggeeffachaa waan jirtuuf “Isa boodawo eessa jiruree jarri?“jetteen. Isaanis “haati manaasaanii...” jefhanii qalqabaniitu kana dura Obsaan mucaa Gidaamii akka fuudhe waan ittimeef kana malees xiyyooffannooshee shakkuun, “kana caalaa mana geenyee waan afaaniin qabdanii dubbanna” jedhanii waan fooyyoofteef gara manaatti karaa qabatan. Isheen garuu utuu haasicha xumuranii barbaaddi garuu amalas waan Wal hin beekneef sodaatte tole jette.
Yeroo mana ga'an garuu manni badee alliis badee mooraan saanii waajjira poolisii fakkaata ture. Kana gidduu yeroo Ijoollee ilaalaan hundinuu waan ta'aa jiru wallaale. Ambuulaansiin kaan ni seenti kaan ni baatii akkisaa walaalame. Kana gidduudhan aadde Urgeen..itti fufa.
Kutaa xumuraan walitti deebina share gochuun hiriyyoota keessan affeeraa.React gochuun kutaa itti aanu akka dafeen isin biraan geenyuuf nu gargaaraa.
Share @Dirreeboohartii
Share @Dirreeboohartii
1818
15:59
30.05.2025
Asoosama gabaabaa
Garaa garaa nyaate!
Kutaa-25ffaa
,....isaanis diina maqaaf Abbaa isaan dhalche ta'ee garuu obboolotasaanii sadii jechuun Naanaatiifi Ijoollee dhiiraa lama biyyaa baasee haadhasaanii nama biyyaa keessatti jaallatamummaa fi kabaja guddaa qabdu galaafate(ajjeese) kana gumaa haadhasaanii baasuuf muratanii ka'an. Kana booda abbaansaanii isaaf muratanii ka'uu ijoolleesaa lammaanii yeroo dhaga'u garaa laafina waan hin qabneef dursee karaa isaan hin eegneen kiyyoo qopheesseetu lamaansaanii biyyoo nyaachisee bakka haadhasaanii ergetti ergee biraa deebi'e. “Fira fakkaattee allaattiin simbira nyaatti” jedhan mitiiree? Fira fakkaateetu maatiisaa garaa jabuummaan iddoo iddoo qabsiisee ofiisaaf qabeenyaasaa mormii tokko malee keessa basha'uu eegale. Garuu waanti garaasaa nyaatu tokkittii manaasaa Gullaallee mana Baankitti gurguramee maatiin Obsaafaa bitatan sanaadha. Kana booda isas deeffaachuuf haxxuummaan karaa barbaaduuf jecha Gullaalleema ollaa manichaati gamoo 'Real state' tokko kireeffatee eegdotasaa arfan fudhatee hojjeeettuu mana maatii Obsaafaas dalaalaan walii galee mucaa dura manasaati hojjeechaa turte tokko isheema dura iccitii heeruma Naanaatii baasuun akkasheen biyyaa badduu goote sana ergama ulfaataa itti kennee mana Obsaafaatti galchisiise. Ofiisaafis Maarayaa dirree(meedaa manasxari) tokko qabatee gamoo kireeffatee sanarra taa'ee maarayaa sanaan ba'uuf yeroo mara ba'uuf galuusaanii ordofaa oolaa, kiyyoos qopheessa.
Obsaa fi Naanaatiin mucaasaanii Injifannoo achuma Ameerikaa Abdii biratti dhiisanii dhufaa jiru. Sababnisaa mushurraan erga wal fuudhanii ji'a lamaa eessaa mucaa waggaa afurii(4) fuudhan inni jedhu maatiisaatti gaaffii akka hin uumneefi. Akkaa aadaa keenyaatti dursaanii manatti walirraa mucaa godhachuun aad-malee fi akkkasunas qaanii cimaadha waan ta'eef. Maatiin obsaafa ganamaan konkolaataa manaas kana dura bitatanii waan qabaniif Boolee buufata xiyyaaraa seenaanii eeguu jalqaban. Xiyyaarris akkasaan yaadanitti galuu didee sahaatii 7:00 tti eegamaa kan ture saha 11:00 ga'e. Ta'us maatiinsaa rakkina yeroo qisaaseessuu maaliitti beekuree? bakka yeroon irraa hafaa ollaa yoo deeman achumaa odeessaa olaanii galgala galan, baadiyyaa waan dhufaniif rakkina tokko malee mucaasaanii amma boriittu yoo ture eegaa jiru. Laaqanas achumaa nyaatan. Maal dhiisaanii galuuree? Obbo Badhaasaan garuu rakkina cimaa arge. Ganama ciree nyaatee isa kutaa ciisicha mushurroota gale beelli ajjeeseera. Eegdotasaa kutaa duwwaa seenaniis akkasuma garaachii ba'ee lafa deemuuf deema. Maal akkam abbasaanii godhuree? Silaa gaarummaa miti ammeenyis gatii nama kanfalchiisti. Erga lachuu gatii nama baasiste namni maaf gatii barbaachisu baasee gaarummaa gochuu dadhabe? ....
Silaa Obbo Badhaasaan qabeenyaa amma barasaa guutuu ittin jiraatu waan dura kuufateef amma taa'ee kallattii qabsiisee hojjechiisuu qofaadha. Kana booda hojjeettuun mana Obsaafaa kan ergama obbo Badhaasaa fudhattee, ergama obbo Fayyisaa(Abbaa Obsaa) waan galmaan geessu fakkaattu sun furtuu mooraasaanii banteefii osoo ijoolleen obbooloonnii Obsaa hin argin mooraa bantee Obbo Badhaasaafi eegduusaa nama lama ol galchitee, ofiisheef ergamashee waan rawwatteef Naanaatiin yoo dhufte ishee(hojjettuutti) waan beektuuf waa'ee maatiisaanii gaggafatee hojii keenyaatti danqaa ta'a jechuun ishee gara gamoo 'Real state' sana erguun ofisaaniif eegdonnii lamaan kutaa dhoqsaa tokko galan. Obbo Badhaasaan immoo kutaa bultii Mushurrootaaf(Obsaafi Naanaatiif) qophaa'e seenuun bakka qabatee eeguu jalqabe. Meeshaa sasalphaa kanneen akka shugguxii amma funyaanitti hidhataniiru. Eegdonnii lamaan manatti hafan immoo maarayaa sanaan hordofu irra keessa gamoo sanaa bahaanii.
Obsaa fi Naanaatiin Boolee gahaanii maatiin Obsaas simannaa gootaa Booleetti eeganii erga godhaniifin booda gara mana Obsaafaa deeman. Yeroo Gullallee mana Obsaafaa gahaan garuu Naanaatiin akkuma gaafa Mineesootaatti Obsaa agartee gaggabde sana ammas gaggabdee of wallaaltee mana utuun seenin balbalarratti isa kufte turtii yeroo muraasaa boodas hospitaalatti ofbarte.
1668
15:59
30.05.2025
Oduu Ammee: Namoonni 100 du'aniiruu, namoonni 120 immoo madaa'aniiru, Filmii ani amma laalaa jiru irratti 😭🤣🤣
Share @Dirreeboohartii
Share @Dirreeboohartii
1974
18:31
29.05.2025
imageImage preview is unavailable
Jaarraa 22ffaa keessa haala ummanni itti Magaalaa tokko irraa gara Magaalaa birootti deemuu.🤣
Share @Dirreeboohartii
Share @Dirreeboohartii
2425
16:32
28.05.2025
Asoosama gabaabaa
Garaa garaa nyaate!
Kutaa-24ffaa
......Naanaatiinis fiigichaan dhuftee “Obsaako!” Jettee itti marmite. Erga wal ammatanii wal dubbisanii booda, gidduutti garuu Obsaan yaadasaatti “abbaan manaanshee maal naan jedha?” jedhee harkashee gadhiisee irraa siquuf jennaan isheenimmoo harkasaa qabdee garasheettis harkiftee “Obsaako maal taate? maaf na baqata? Maanni rakkootu jiramoo?” jetteen Obsaan amma kana yaadaan buusee baasaa, “maal akkamitti? Naanaatiin kan nama biraa taati?” jedhees yaadaan jeeqamaa utuu jiruu Naanaatiin waamteenii yaadasaa adda kuchiisiistee, “mucaake! bariin Injifannoo jedhama. Innis eessumakoo Abdiidha Abukaatoo kee durii, isa siif falmee hidhaadhaa si hiiksise” jetteen. Obsaan gaaffiin sammuusaa guutee amala isaa keessatti nama hin ariifanne qalbi qabeessas waan ta'eef suutaa jedhee sagalee, sagalee durba durii hin caalleen jechuun sagalee baayyee laafaa hasaasa caalaa hin dhaga'amneen “mucaa maalii? ani mucaa eessan fuudhe?” Jedhees gaafate. Isheenis “waan hundumaa sitti himuuf yeroon eebbaakoo darbaa waaan jiruuf kana caalaa yeroo ballaa fudhee boodan sittima” jetteenii aritiidhan waan muraasa ittimtee mucaasaanii isaa fi Abdii biratti dhiistee barattoota dippaartimentiishee gidduu seenuun guyyaa eebbasheen haala gaariin gammachuu lakkuu dhamdhamachaa jirti.
Obsaan Injifannoo, ilmasaa ta'uu erga adda baafate olfuudhee baatee dhudhungate dubbisee, isa booda eessumashee(Abdiinis) sirriitti irra deebi'anii wal dubbisanii oolmaa duriifillee hanga har'aa argee galateeffatee waan hin beekneef Onneesaarraa galata waggaa torba dura galateeffachuun irra ture har'a galateeffatee Abdii. Obsaan Ameerikaa jirtii Naanaatii yoom beekeree? Innoo biyyaa Arabaa jirti jedhee biyyoota Arabaa (Dubaayi, Kuweet, UAI, Libaanoon...) Bakkannii hin barbaadin hin jiru. Amma yoonaa garuu eessa akkasheen buute waan dhabeef yeroo jalqaba silaa isaan arge sanas namichatti(Abdiitti) heerumte jedhees yaadee ture. Yaadisaas sirrii ture. Waggaa shan erga Naanaatii faana wal argani. Abdii faanammoo tasayyuu wal hin beekan. Kana malees isheen biyya erga baddee bilbilteefii hin beektu har'ammoo mucaa harka qabattee, dhiiraa tokko faana qophaashee yeroo argu eenyuyyuu ni amanaaree? abbaa warraa fi haadha waarraadha jedheetu murteessee bira kuta malee. Garuu ariifatee murteessuu waan hin jaallanneef amma dhugaasaa isheerraa dhaga'uutti obsee, dhugaansaas ifa ba'e.
Obsaan erga dhugicha bare gammachuun ofwallaalee sagantaan eebbaa barattootas xumuramnaan ilmasaa olfudhatee baatee dhudhungachaas mooraadha bahaanii bakka 'parking' kutan. Obsaan konkolaataa mataasaan waan dhufeefis furtuusaa Abdiiitti kennee ofiisaati Naanaatii faana teessoo lammaffaarraa(duubaarraa) mucaasaanii of gidduu ka'aanii gammmaachuu addaafii dhungoon kilii Wal gaggabsaa mana Naanaatiifaan jiraatan deemanii taphachaa achuma bulanii borumtaasaa mana Obsaa daandii Niwuuyoork irraa qabu deemuun waa'ee cidhaasaaniis erga mariyatanii itti qophawaniis uummata Oromoo Mineesoota guutee jiruun ajjabamanii ji'a tokko booda cidha ajaayibaa, magaalaa Niwuuyoork keessatti bakka waayiliisaa Biil Geet jiru fi hamaamoonni kumaatamaan lakka'aman jiranitti bu'aa ba'ii ulfaata darbuunis bultoo dhaabbatan. Amma waan hundinuu waan walqixxaateef maatiisaanii ilaaluuf gara biyyaa dhufuuf qophaa'uus eegalan.
Abbaan Naanaatii erga maatiisaan adda ba'e qabeenyaa gargar fudhatani inaaffaa guddaan qabamuun haadha warraasaa galafachuun qabeenyaasheen qooddattes mara harkasaatti deeffate. Kana yeroo argan ijoolleen isaanii lamaan biyya jiran “tokko du'ee tokkon nyaatu; wal gaggalaafata taati” akkuma Acaaluun jedhe(Lubbuunsaa Haa jannattu) isaanis diina maqaaf Abba isaan dhalche ta'ee garuu obboolotasaanii sadii jechuun Naanaatiifi Ijoollee dhiiraa lama biyyaa baasee haadhasaanii nama biyyaa keessatti jaallatamummaa guddaa qabdu galaafate kana gumaa haadhasaanii baasuuf muratanii ka'an. Kana booda....itti fufa.
Yaada keessan nuuf barreessaa, like fi share gochuun yoo nu deegartan bayyee nutti tola.👏👏
Share @Dirreeboohartii
Share @Dirreeboohartii
2377
15:58
28.05.2025
imageImage preview is unavailable
Yeroo qoruumsa irratti gaafii 1-3 "B" baastee gaafiin 4ffaanis 'B' sitti fakkaatu.. Walitti barre kaa namichoo jettee Luukii akka ati itti laaltu suuraan.🤣
Share @Dirreeboohartii
Share @Dirreeboohartii
2667
07:59
28.05.2025
Shamarran birri 2000,000 account irraa hin qabne,hamilee 🙄 maaliitin heeruma yaaddi🤔🙆🤸
Share @Dirreeboohartii
Share @Dirreeboohartii
2940
17:31
26.05.2025
close
Specials
Obsaa offer

Channels
3
36.2K
lock_outline
CPM
lock_outline$$ 16.78
$$ 12.58
-25%
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeenold@******.io
On the service since June 2022
11.03.202515:47
5
Everything is fine. Thank you!
Show more
Channel statistics
Rating
22.6
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
4
Subscribers:
13.8K
APV
lock_outline
ER
9.9%
Posts per day:
0.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий