
- Main
- Catalog
- Recreation & Entertainment
- Dambalii_Jaalalaa❤️
Dambalii_Jaalalaa❤️
Baga Nagaan Gara Dambalii jaalalaatti Dhuftan.
Channel statistics
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/yDcndaSQV5A?si=-tnYpdd_P1fHau9f
Nan yaadadha yeroo tokko baadiyyaa keenyatti haati warraafi abbaan warraa wallolaniitu, “inyaatta, indhugdawoo maaltu sitti hir'ate? Akka namaatti uffattasoo maaliif gururi'aa jiraatta?” jedhee nama keessatti arrabse isa namni adda isaan dhowwuu dhaqe. “Maali mana abbaa kootii nyaataafi dhugaatii dhabeen dhufee? Uffata uffadhu dhabeen dhufemoo?” jetteen. Ani yaadichi naaf hin galle ture. Ammayyuu naaf hin galin jira. Waan inni itti hir'ise kun maaliree? Atis egaa, “utuu nyaattee dhugduufi uffattuu na gante jettee hin boo'iniitii bakka hir'uu sana guuti. Hojii dandeenyaan mana mitii mana kiraattuu ni kabajamta” jedhe Boljaan irra deebi'ee. Hojiin kun qansiraa nuti hojjennu natti fakkaata akkan tilmaamutti!😜
Hundaafuu dubbiin akkuma isa saaksii, “nama gargaaruuf nama ta'uun qofti gahaadha” jedhan sana ta'uuf mala. Nama gargaaruuf qabaachuu qabda malee nama ta'uun qofti ga'aa miti. Yaadni, “nama ta'uun qofti ga'aadha” jedhu kijiba. Hin qabdu yoo ta'e gaddaan hidhii of xuuxuufiin maal fayyadaree? 😉
“Atis akkasuma bulfachuuf waan jabina gaafatutti cimuudha malee nyaataafi uffata miti” jedheetu siif dhaamaa jira Boljaan asiitii. Garuu wanti naaf hin galin jiru, “nyaataafi dhugaatii dhabee hin dhufne” isa isheen jetteen sana. “Waan gaaffii namatti ta'e gaafachuun beekumsa” jennaanin beekumsa koo kanaan isin gaafadhuu dhufe!🤣🚶♂️
Akka naannoo keessaniitti maal echuudha? 🚶♂️
You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes.
Formats and current rates: View details
Battallee
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/9ys0owk_ewI?si=WkVSJqekxpVdcC3m
Kan calliseema sijaallatu; hamaakeef rakkinakee dhaga'uun akka waan qaamni isaa tuqameetti kan isa dhukkubu...
Kan calliseema waan gaarii siif yaadee gara qajeelummaaf milkiitti si bobbaasuu barbaadu...
Kan yoo ati gammaddee boquu ol qabattee deemte malee, tasa miira dhiphuuf rakkinaa sirraa arguus dhaga'uus hin barbaanne,
Kan jiruuma dhuunfaakeetii akka fooyyeffattuuf bulee ka'ee daandii siif ciru,
Hooksisni kee isas akka qaama isaatti kan hooksisu,
Jira—namni wayii!
Ammas jira namni wayii kan utuu barruu kana hin dubbisin suura kana ilaalee kolfu!😔
@Dambalii_Jaalalaa
Fiilmii Bikilaa Asfaaw kan mata dureen isaa Finnaaf jedhu, sadarkaa biyyaatti badhaasota gara garaa kan argatee fi Seenaa Artii Oromoo keessatti yeroo jalqabaaf Tele Tv irratti daawwatamaa ture, amma YouTube’n lakkifameera. Link gadii kanaan seenaatii daawwadhaa!
https://youtu.be/KHpzqCL6VtU?si=zO7XFT1OT4YDrwNO
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/_r3xujyB4qI?si=fs7VR1HUGR0i2yxs
“…yoo duutes hin yaaddahiin, waanan si biraa hafu mitii!”🥺
Xalayaa haadha loltuu tokkoo, kiphii(kiisii) loltuu wareegamee tokko keessaa argamedha. Ammoo waanta dhugaadha, tiibbanuma;biyyanumatti!👨🏽🎨
“Dhalakoo; erga ati manaa baatee manni ‘cirri’ jedheera. Ammuma balballi karra alaa rukutamun ‘mucaankoo dhufe’ jedhee utaalee lafaa ka’a, akka sin taane gaafan baru, lolaan imimmaanii maddii koorra guyyaan yaa’u bifa fuulakoo balleesseera🥹.
Kan si dhibu, yeroo hundaa uffatakeen haammadhee rafa. Lubbuudhaan kan na tursu, foolii keeti!. Ollaan keenya ammoo yeroo hundaa waaheekee na gaafatu. ‘Nagaadha’ jedheen deebisaaf. Sodaakoo dhokseen isaan jajjabeessuudhaaf yaala. Ilmookoo; hunda caalaa kan jajjabeessuu barbaadu garuu ana haadha keeti!🤔
Gaafa ati beeloftu, mardhimaan kootu marama, natti beekama. Gaafa ati dheebottu, qoonqootu na goga. Yoo sitti qorru, dirratu na oollata…..Yoo jiraatteef tarii sin arga, yoo duut-es hin yaaddahiin waanan si biraa hafu mitihoo. Waanti na yaaddessu; ‘tarii allaattiin foonkee nyaatte, biqilan dhufaatii keetiif jedhee mooraa keessa hafes yoo dhuftee funaannattehoo’ jedhee gaafan yaadudha!😥
Yoo tole mana keenyatti, yoo dabemmoo mana waaqaatti wal-argina…Jabaadhu!
Deesseekee irraa!
Dhalakoo; lafa war-aanaa jirtuuf!”
✍🏿🥺
Oli Wak
Mukti Kumarraan jala dhaabbatu sun, bubbeen raafamee jiguu malee homtuu hin hafne. Kallattii hundaan humni bubbee dhufu hundee mukaa buqqisuuf waan ta'u fakkaata. Kanarratti immoo qorri qara baasee, akka qoreetti waan nama waraanu fakkaata. Kumarraa Nagaasaa kan qorraan guggubaturra, kan Bubbeen huursee muka irratti jigsuu ta'u yaaddoo isatti ta'e. Sagaleen bubbee ''shuu..shaa...shuu...shaa...," jedhee huursu, sagalee hiika qabu waan kennu itti fakkaate. Bubbeen sunis jidduu jidduutti ni tasgabbbaa'a ture.
Kumarraan qaanqee abidda abdii qabu ofitti qabsiisee, Bubbee fi qorra hammaataa san waliin wal'aansoo wal qabe. Akka waan qilleensi bubbisu sun sagalee isaa fuudhee Ganamee biraan gahuu, dhaamsa dhumaa dhaammate. "Ganamee too, hangan bakka ati dhokatte argutti, gara duubatti hin deebi'u. Yoon ijaan argaa kee dhabe, awwaalli koo asuma ta'a" jedhee, ijaan bosona Tulluu Torbaa daawwachaa Bubbeetti dhaamsa dhaammate.
Kophaa isaa oduma ofin lolaa, Bubbee hammaataa kana ofirra dabarsuuf dhaabbachaa jiruu, dubarri wayii halaalarraa gara isaatti dhufaa akka jirtu arge. Akkuma ishiin isatti dhihaachaa dhufteen eenyummaa ishii hubachuu yaale. Ija isaa hamma baqaquu geechutti addaan banee ilaalus, garuu beekuu hin dabdeenye. Dubara gara isaatti dhufaa jirtu sanarraa suuraa fi gaaddidduun Ganamee itti mul'annaan dhahannaan onnee isaa rukuttaa dabalte. Achuma dhaabbatee qilleensafi bubbee huursu san jidduun ishii ta'uu gaafa mirkaneeffatu, fuulli isaa ifuun gammachuun wayii fuularraa anga'e. Bakka sanaa fiigee bira gahuuf barbaadus, miilli isaa sakaalamee warraaquu isa dide.
Ganamee lammii rifeensa mataa ishii dugda walakkaa ciisu sana wajjin bubbeen gamaa gamanatti raasee jennaan, waan lafatti kufuu taatu fakkaatti. Garuu, ishiinis of dhangalaasatuma gara isaatti saffisaan deemaa jirti.
Kumarraan ammaa amma ilaalee ija isaa amanuu dadhabe. Kan gara isaatti as dhufaa jirtu Ganamuma fuulli ishii akka biiftuu ganamaa nama hawwatu sanadha. Hamma ishiin bira geechutti, qaamni guutuun hoollatee, miilli jalatti kirkire. Fuulli isaa daffee hurkuun maddii isaa lamaan dhiqe.
Kumarraan amma bakka dhaabbatuu warraaquu dadhabeera. Jirma mukaatti irkateetuma, ija isaa kallattii Ganameen dhufaa jirtutti ergee, dhaabbate. Ammayyuu ishiin waan bira gahaa jirtu, itti hin fakkaatu. Fageenyi jidduu isaanii jiru deebi'ee jalaa dheerate.
Humni bubbees kan duraa caalaa dabaluun, akkuma waan gaafsana qofa bubbisee dabruuf dhufee, lafaa fi samii walitti dhiphise. Yeroo tokko tokko, lafa guutuu uwwisee akka jirmuma mukaa itti irkatee jiru sanaa hin agarre, hurrii fidee ija Kumarraatti uwwise. Kumarraanis jabaatetuma odoo awwaarri ijatti haramuu, gara Ganameen dhufaa jirtutti amma ija libsachaa dadhabutti ilaale. Garuu bubbeen garmalee waan hammaateef amma Ganamee jalaa dhoksuuf waan ta'u itti fakkaate. "Anoo maalin argaa jiraa? Ganamee moo gaaddidduu ishiitu narra marsaa jira Waaqa koo? Dhugaa moo dharatu foon ishii uffatee dhufee?" jedhee aja'ibamuutti ka'e.
Erga Kumarraan obsa fixatee booda, Ganameen daddaaqaa, gara isaatti dhihaatte. Kophuma ishii Kokkoflaa deemti. Kofla ishii gaafa argu ammas deebi'ee nahe, Kumarraan.
Kanuma qorri fi awwaarri lafaa fi fuula ishii wal fakkeechetu isa bira gahe. Ishiinis yoo isa agartu, fiigichaan bira geechee, morma isaa jalatti maramte. Isaan lachuu morma jala wal seenanii, walitti maraman. Walxuuxanii hamma hidhiin cituuf taatutti, wal dhungatan. Kumarraan ammas amanuu dadhabee ija keecha ilaale. Ishuma. Kanuma dura argachuuf jedhee, imimmaan harcaasee dadhabe sanadha. Xiqquma awwaarri bubbeen irra deebise daalacheeche malee, waan biraa hin jijjiiramne.
"Eessa dhaquuf deemta haadhoo koo?" Kumarraatu gaafate.
"Si biran dhufe kaa, Gaaddisa koo" jetteen. Maqaa isaan odoo hin taane "Gaaddisa koo" jettee waamanii turte.
Ganameenis imimmaan ija keecha maree, akkuma harka isaa lamaan qabattetti "Garaa jaalalaati kaa! Jaalala dhugaa naaf qabdutu, bakka ati jirtu; harkaan qabee na fide. Funyaan kootu, foolii kee qilleensa walakkaan suufee as na fide. Dhaamsa dhumaa bubbeetti naaf ergitetu, tulluu bahee qaxxaamuree, laga meeqa cehee na bira gahe. Ni dagattee? daraaraa firii akka godhatuuf waliin bishaan obaasaa turree, booda otoo ija hin godhatin hafe san?" jettee itti hasaaste. Imimmaan ija keecha mare. Ofitti qabdee hammattee, akkuma morma jala seentetti hirqitee booche.
Garaa isaatti "Bakkalcha lafa barii jala diimatutu, galgalaan mul'ate moo gaaddidduu Ganameetu lubbuu horatee, lubbuu tiyya dararuuf dhufe har'a?" jechaa, irra deebi'ee ammas ishii ta'uu shakkee hubate. Garuu ishuma.
Fuula gammachuu qabuun "Amma yeroon kiyyaa fi keeti! Kan Dachaasaa, bubbeen Sadaasaa fudhatee dabarseera" jettee ija isaa keecha daawwatte.
"Eyyee dabareen kootis, keetis, Humnaa ol garuu natu si dheebote. Jaalala keetin onneen koo madaa'ee guggubachaa ture. Guutummaa jiruu kiyyaa situ dhuunfate" Jedhee harka wal qabatanii Bosona Tulluu Torbaa daawwachuu calqaban.
Guduuffaa Ganamaa, Bubbee Sadaasaa ❤️🔥✍️
@Dambalii_Jaalalaa
Reviews channel
4 total reviews
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Dambalii_Jaalalaa❤️ is a Telegram channel in the category «Отдых и развлечения», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 16.6K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 17.5, with 4 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 30.0 ₽, and with 4 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий