
Tamiru Business Academy
Transforming complex finance, tax, and investment concepts into simple, practical knowledge for professionals and students.
Channel statistics
Amma garuu Telegram tajaajila SMS dhaabeera.
Sababni:
Ethio Telecom qarshii guddaa nu gaafate jedhu. (Screenshot kana ilaali)
Kanaaf koodiin duraan karaa 𝗦𝗠𝗦 nuuf ergamaa ture gara 𝗘𝗺𝗮𝗶𝗹tti jijjiirame.
Kanaafuu:
Telegram kee irratti 𝗲𝗺𝗮𝗶𝗹 kee dabaluu qabdu.
Yoo 𝗲𝗺𝗮𝗶𝗹 itti hin daballe... akka tasaa 𝗹𝗼𝗴𝗼𝘂𝘁 yoo goote, deebitee 𝗹𝗼𝗴𝗶𝗻 gochuuf Telegramiin kee 𝗽𝗿𝗲𝗺𝗶𝘂𝗺 ta’uu qaba.
𝗣𝗿𝗲𝗺𝗶𝘂𝗺 gochuuf immoo TON ykn USDT qabaachuu qabda.
Odoo rakkoon kun si hin muudatin waan godhuu qabdu:
• Telegram kee 𝗲𝗺𝗮𝗶𝗹 waliin walqunnamsiisi
• Two-Step Verification enable godhi
• Password cimaa-yaadachuu dandeessu itti godhi.
Kana yoo goote Telegram kee rakkoo kanaaf hin saaxilamu.
𝗜𝗻𝘁𝗮𝗻𝗴𝗶𝗯𝗹𝗲 jechuun kan qaamaan hin mul’anne, kan harkaan hin qaqqabamne jechuudha.
Ni beektu:
𝗔𝘀𝘀𝗲𝘁 jechuun immoo QABEENYA jechuudha.
Kanaafuu, 𝗜𝗻𝘁𝗮𝗻𝗴𝗶𝗯𝗹𝗲 𝗔𝘀𝘀𝗲𝘁, qabeenya qaamaan hin mul'anne, garuu dhaabbataaf bu’aa maallaqaa fidu jechuudha.
Accounting keessatti 𝗡𝗼𝗻-𝗰𝘂𝗿𝗿𝗲𝗻𝘁 𝗔𝘀𝘀𝗲𝘁 jalatti ramadama.
𝗡𝗼𝗻-𝗰𝘂𝗿𝗿𝗲𝗻𝘁 𝗔𝘀𝘀𝗲𝘁 jechuun qabeenya yeroo dheeraaf dhaabbata tajaajilu fi gara fuulduraatti bu’aa fidu jechuudha.
𝗜𝗻𝘁𝗮𝗻𝗴𝗶𝗯𝗹𝗲 𝗔𝘀𝘀𝗲𝘁 keessaa beekamoo ta’an:
• Trademark
• Patent
• Copyright
• Goodwill
• Software fa’a.
━━━━━━━━━━━━━━
𝗧𝗿𝗮𝗱𝗲𝗺𝗮𝗿𝗸 = Mallattoo Daldalaa
𝗧𝗿𝗮𝗱𝗲𝗺𝗮𝗿𝗸 jechuun maqaa, loogoo, mallattoo yookaan dhaadannoo (slogan) dhaabbata tokkoof qofa seeraan galmaa’e jechuudha.
Seeraan eegamaadha.
Qaamni biraa hayyama malee itti fayyadamuu hin danda’u.
Dhaabbanni Trademark adda ya'e qabaachuun maamiloonni oomisha ykn tajaajila isaa salphumatti adda baasanii akka beekan gargaara.
Fakkeenyaaf:
• Apple logo
• Adidas logo
• Nokia brand name
Dhaadannoo CBE:
"ሁሌም የሚተማመኑበት ባንክ"
Kunniin hundi trademark jedhamu.
Mallattoo daldalaa jechuudha.
━━━━━━━━━━━━━━
𝗣𝗮𝘁𝗲𝗻𝘁 = Mirga Kalaqaa
𝗣𝗮𝘁𝗲𝗻𝘁 jechuun mirga mootummaa irraa kennamu yoo ta’u, kalaqa haaraa tokko nama kalaqeef mirga abbummaa akka qabaatu taasisa.
Patent tokko waggaa 20f tura jedhama.
Fakkeenyaaf:
Namni tokko teknoolojii haaraa yoo kalaqe fi patent itti argate, namni biraa hayyama malee fakkeessee fayyadamuu hin danda’u.
━━━━━━━━━━━━━━
𝗖𝗼𝗽𝘆𝗿𝗶𝗴𝗵𝘁 = Mirga Barreessaa
𝗖𝗼𝗽𝘆𝗿𝗶𝗴𝗵𝘁 jechuun hojii kalaqaa akka kitaabaa, sirba, suuraa fi software irratti mirga abbummaa nama uumeef kennamu jechuudha.
Kana jechuun, namni biraa hojii sana hayyama malee koppii gochuu ykn fayyadamuu hin danda’u jechuudha.
━━━━━━━━━━━━━━
𝗚𝗼𝗼𝗱𝘄𝗶𝗹𝗹 = Maqaa Gaarii
𝗚𝗼𝗼𝗱𝘄𝗶𝗹𝗹 jechuun maqaa gaarii, amanamummaa fi walitti dhufeenya gaarii dhaabbanni tokko maamiloota isaa waliin qabu irraa maddudha.
Dhaabbanni maqaa gaarii qabu yeroo baay’ee gatii qabeenya isaa caaluun gurguramuu danda’a.
Fakkeenyaaf:
Dhaabbanni tokko qabeenya biliyoona 10 yoo qabaate, garuu biliyoona 15tti yoo gurgurame,
biliyoonni 5 sun maqaa gaarii, amanamummaa fi maamiloota dhaabbatichaa irratti kaffalame jechuudha.
Walumaagalatti:
Fakkeenyi armaan olitti irratti haasa'ame kunneen 𝗜𝗻𝘁𝗮𝗻𝗴𝗶𝗯𝗹𝗲 𝗔𝘀𝘀𝗲𝘁 jedhamu.
Payroll keessatti wanti guddaan... seera gibiraa gara formula 𝗘𝘅𝗰𝗲𝗹itti jijjiiruudha.
Mee akkaataa afaan namaa gara formula 𝗘𝘅𝗰𝗲𝗹itti jijjiirramu haa ilaallu:
① Afaan Namaa:
Namoonni mindaan isaanii 2,000 fi isaa gadi ta’e gibira irraa bilisa.
Afaan Excel:
=IF(B2<=2000,0)
━━━━━━━━━━━━━━
② Afaan Namaa:
Namoonni mindaan isaanii 2,001 – 4,000 jidduu jiru %15 gibira kaffalu; qarshiin 300 ni hir’ataaf.
Afaan Excel:
=IF(B2<=4000,(B2*15%)-300)
━━━━━━━━━━━━━━
③ Afaan Namaa:
Namoonni mindaan isaanii 4,001 – 7,000 jidduu jiru %20 gibira kaffalu; qarshiin 500 ni hir’ataaf.
Afaan Excel:
=IF(B2<=7000,(B2*20%)-500)
━━━━━━━━━━━━━━
④ Afaan Namaa:
Namoonni mindaan isaanii 7,001 – 10,000 jidduu jiru %25 gibira kaffalu; qarshiin 850 ni hir’ataaf.
Afaan Excel:
=IF(B2<=10000,(B2*25%)-850)
━━━━━━━━━━━━━━
⑤ Afaan Namaa:
Namoonni mindaan isaanii 10,001 – 14,000 jidduu jiru %30 gibira kaffalu; qarshiin 1,350 ni hir’ataaf.
Afaan Excel:
=IF(B2<=14000,(B2*30%)-1350)
━━━━━━━━━━━━━━
⑥ Afaan Namaa:
Namoonni mindaan isaanii 14,001 fi isaa ol argatan %35 gibira kaffalu; qarshiin 2,050 ni hir’ataaf.
Afaan Excel:
=(B2*35%)-2050
━━━━━━━━━━━━━━
Amma seerota kana walitti fiddee akka formula tokkootti barreessita.
Fakkeenyaaf, Gibira Caaltuu shallaguuf Cell C2 keessatti formula kana barreessina:
=IF(B2<=2000,0,IF(B2<=4000,(B2*15%)-300,IF(B2<=7000,(B2*20%)-500,IF(B2<=10000,(B2*25%)-850,IF(B2<=14000,(B2*30%)-1350,(B2*35%)-2050)))))
Kunis salary irratti hundaa’ee gibira ofumaan of shallaguudha.
Amma... kuni waan namaaf hin galle isinitti fakkaachuu mala. Garuu akkatti foormulaan Excel hojjetu siif galee jennaan baayyee salphaadha.
Kan armaan olitti ilaalle gibira qofa.
Fakkeenya — Dhaabbata XYZ
Dhaabbatichi hojjettoota 5 qaba.
𝗠𝗮𝗾𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗠𝗶𝗻𝗱𝗮𝗮 𝗜𝘀𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶:
1. Caaltuu = 17,000
2. Tolaa = 12,000
3. Fayyisaa = 8,000
4. Boontuu = 6,000
5. Lalisee = 3,500
Mindaan isaanii kun 𝗕𝗮𝘀𝗶𝗰 𝗦𝗮𝗹𝗮𝗿𝘆 jedhama.
Dabalataan wanti akka 𝗔𝗹𝗹𝗼𝘄𝗮𝗻𝗰𝗲 isaaniif kaffalamu hin jiru.
Kanaafuu, 𝗽𝗮𝘆𝗿𝗼𝗹𝗹 keenya 𝗕𝗮𝘀𝗶𝗰 𝗦𝗮𝗹𝗮𝗿𝘆 irratti hundaa’a.
Sirna 𝗽𝗮𝘆𝗿𝗼𝗹𝗹 irratti seera kan baasu mootummaadha. Seera mootummaan baase irratti hundoofnee hojjenna.
Mootummaan hojjettoota hundarraa wantoota lama akka citu ajaja:
• Sorama (Pension) = 7%
• Gibira (Income Tax)
Gabatee armaan gadii kana mootummaatu baase.
𝗜𝗻𝗰𝗼𝗺𝗲 𝗧𝗮𝘅 𝗧𝗮𝗯𝗹𝗲:
• 0 – 2,000 = Bilisa
• 2,001 – 4,000 = 15% - 300
• 4,001 – 7,000 = 20% - 500
• 7,001 – 10,000 = 25% - 850
• 10,001 – 14,000 = 30% - 1,350
• 14,001 fi isaa ol = 35% - 2,050
𝗛𝗶𝗶𝗸𝗮𝗮𝗻 𝗜𝘀𝗮𝗮:
1. Namoonni mindaan isaanii 2,000 fi isaa gadi ta’e gibira irraa bilisa.
2. Namoonni mindaan isaanii 2,001 – 4,000 jidduu jiru %15 gibira kaffalu; qarshiin 300 ni hir’ataaf.
3. Namoonni mindaan isaanii 4,001 – 7,000 jidduu jiru %20 gibira kaffalu; qarshiin 500 ni hir’ataaf.
4. Namoonni mindaan isaanii 7,001 – 10,000 jidduu jiru %25 gibira kaffalu; qarshiin 850 ni hir’ataaf.
5. Namoonni mindaan isaanii 10,001 – 14,000 jidduu jiru %30 gibira kaffalu; qarshiin 1,350 ni hir’ataaf.
6. Namoonni mindaan isaanii 14,001 fi isaa ol argatan %35 gibira kaffalu; qarshiin 2,050 ni hir’ataaf.
Hubadhu:
• Inni hir’atu kun 𝗗𝗲𝗱𝘂𝗰𝘁𝗶𝗼𝗻 jedhama. Inni • 15%, 20%... 35% kunimmoo 𝗧𝗮𝘅 𝗥𝗮𝘁𝗲 jedhama.
𝗙𝗼𝗼𝗿𝗺𝘂𝗹𝗮𝗮:
• Gibira = (Basic Salary × Rate) - Deduction
• Sorama = Basic Salary × 7%
• Total Deduction = Gibira + Sorama
• Net Salary = Basic Salary - Total Deduction
------------------------------------------
Amma tokko tokkoon Payroll isaanii haa shallagnu:
1. CAALTUU
- Mindaan ishee qarshii 17,000
- 14,001 ol waan ta’eef 35% gibira kaffalti. Garuu qarshiin 2,050 isheef hir’ata.
Gibira = (17,000 × 35%) - 2,050 = 5,950 - 2,050 = 3,900
Sorama = 17,000 × 7% = 1,190
Walumaagalatti Kan isheerraa citu: 3,900 + 1,190 = 5,090
Net Salary: 17,000 - 5,090 = 11,910
Kana jechuun:
Qarshiin 5,090 isheerraa citee, 11,910 harka ishee gaha jechuudha.
2. TOLAA
- Mindaan isaa qarshii 12,000
- Tarree gibira 5ffaa (10,001 - 14,000) keessatti argama. Kanaaf 30% gibira kaffala. Qarshiin 1,350 isaaf hir’ata.
Gibira = (12,000 × 30%) - 1,350
= 3,600 - 1,350
= 2,250
Sorama = 12,000 × 7% = 840
Walumaagalatti Kan isarraa citu: 2,250 + 840 = 3,090
Net Salary: 12,000 - 3,090 = 8,910
Kana jechuun:
Qarshiin 3,090 isarraa citee, 8,910 harka isaa gaha jechuudha.
3. FAYYISAA
- Mindaan isaa qarshii 8,000
- Tarree gibira 4ffaa (7,001 - 10,000) keessatti argama. Kanaaf 25% gibira kaffala. Qarshiin 850 isaaf hir’ata.
Gibira = (8,000 × 25%) - 850
= 2,000 - 850
= 1,150
Sorama = 8,000 × 7% = 560
Walumaagalatti Kan isarraa citu: 1,150 + 560 = 1,710
Net Salary: 8,000 - 1,710 = 6,290
Kana jechuun:
Qarshiin 1,710 isarraa citee, 6,290 harka isaa gaha jechuudha.
4. BOONTUU
- Mindaan ishee qarshii 6,000
- Tarree gibira 3ffaa (4,001 - 7,000) keessatti argamti. Kanaaf 20% gibira kaffalti. Qarshiin 500 isheef hir’ata.
Gibira = (6,000 × 20%) - 500
= 1,200 - 500
= 700
Sorama = 6,000 × 7% = 420
Walumaagalatti Kan isheerraa citu: 700 + 420 = 1,120
Net Salary: 6,000 - 1,120 = 4,880
5. LALISEE
- Mindaan ishee qarshii 3,500
- Tarree gibira 2ffaa (2,001 - 4,000) keessatti argamti. Kanaaf 15% gibira kaffalti. Qarshiin 300 isheef hir’ata.
Gibira = (3,500 × 15%) - 300
= 525 - 300
= 225
Sorama = 3,500 × 7% = 245
Walumaagalatti Kan isheerraa citu: 225 + 245 = 470
Net Salary: 3,500 - 470 = 3,030
------------------------------------------
Kana irraa maal baranna?
Payroll jechuun hojii mindaa hojjettootaa shallaguu, gibiraa fi soorama isaanirraa muruu, akkasumas Net Salary isaanii addaan baasanii kaffaluu jechuudha.
• Non-deductible Expenses
• Taxable Income
Barattoonnis... daldaltoonnis garaagarummaa isaanii hubachuu qabdu.
Fakkeenya:
Dhaabbata dhuunfaa tokko haa fudhannu.
Dhaabbanni kun bara kana keessa galii qarshii 1,000,000 argate.
{Revenue jedhama}
Baasiin oomishaa qarshii 200,000 ture.
{COGS jechuudha}
Galii waliigalaa irraa baasii oomishaa hir’isna. Kana jechuun:
Revenue – COGS
= 1,000,000 – 200,000
= 800,000
Qarshii 800,000, kuni Gross Profit jedhama.
Galii kanarraa baasiin hundi hir’achuu qaba.
Kanaaf, baasii hunda adda baasuu qabna jechuudha.
Baasiwwan dhaabbatichaa:
- Mindaa = 200,000
- Kiraa manaa = 50,000
- Ibsaa fi bishaan = 8,000
- Intarneetii = 12,000
- Adabbii tiraafikaa = 5,000
- Baasiilee biroo = 10,000
Dhaabbatichi waggaa kana hojii isaa raawwachuuf qarshii 285,000 baase jechuudha.
{Operating Expenses jedhamee beekama}
Amma galii qulqulluu dhaabbatichi argate irraa baasii hunda hir’isuu qabna:
Gross Profit – Operating Expenses
= 800,000 – 285,000
= 515,000
Qarshiin 515,000 kun Accounting Profit ykn Profit Before Tax jedhama.
Amma waa’ee gibiraa yaaduu qabna.
Gibira shallaguun dura baasiwwan hin hayyamamne, kan akka adabbii tiraafikaa fa’a, deebisnee Accounting Profit irratti ida’uu qabna.
{Isaan Non-deductible Expenses jedhamu}
Accounting Profit + Non-deductible Expenses
= 515,000 + 5,000 (adabbii)
= 520,000
Qarshiin 520,000 kun Taxable Income jedhama.
Gibirri 520,000 irratti hojjetama.
Dhaabbanni kun—dhaabbata dhuunfaa jenneerra.
Dhaabbanni dhuunfaa tokko taxable income isaa qarshii 168,000 ol yoo ta’e gibira %35 kaffala. Garuu qarshiin 24,600 ni dhiifamaaf. Kanaaf:
Gibira = (520,000 × 35%) – 24,600
= 182,000 – 24,600
= 157,400
Dhaabbatichi gibira qarshii 157,400 kaffala jechuudha.
Erga gibirri kaffalameen booda kan hafe:
520,000 – 157,400 = 362,600
Dhumarra... bu’aan qulqulluun dhaabbatichi argate qarshii 362,600 ta’a.
{Net Profit jedhama}
Nagaan bulaa!
Waan barattan Comment godhaa.
-----------
Afaan Ingiliffaatin dubbisuu yoo feete:
https://t.me/TamiruBusiness/96
Garaagarummaan isaanii maali?
1. PERPETUAL INVENTORY SYSTEM jechuun sirna INVENTORY yeroo meeshaan bitamu ykn gurguramu battalumatti, jechuun REAL-TIME, baay’inni isaa haaromfamuudha.
Sirna kana keessatti, baay’inni INVENTORY kuusaa keessatti argamu yeroo hunda haaraa ta’ee muul'ta.
Fakkeenya:
Baankii yaadadhu.
Akka fakkeenya kanaatti, INVENTORY baankii qarshiidha.
Yeroo maallaqa ACCOUNT kee keessa galchitu ykn irraa baastu, hammi qarshii ati qabdu battalumatti haaromfama.
Turee ykn bulee odoo hin taane, battalumatti haaromfama.
Akkuma kana, PERPETUAL INVENTORY SYSTEM keessatti yeroo meeshaan bitamu ykn gurguramu, INVENTORY kuusaa keessa jiru battalumatti haaromfama.
Kanaafuu, dhaabbatichi yeroo hunda meeshaa hammam akka kuusaa keessa jiru beekuu danda’a.
Sirni kun:
- AUTOMATIC dha.
- Sirna COMPUTERtiin hoogganama.
- INVENTORY yeroo hunda battalumatti haaromsa.
- Dhaabbilee gurguddoo TECHNOLOGY fayyadaman biratti hojiirra oola.
2. PERIODIC INVENTORY SYSTEM jechuun sirna INVENTORY yeroo murtaa’e qofa, fakkeenyaaf torban torbaniin, ji’a ji’aan, ykn waggaadhaan, harkaan lakkaa’amee beekamuudha.
Sirna kana keessatti, yeroo meeshaan bitamu ykn gurguramu, INVENTORY battalumatti hin haaromfamu.
Baay’inni INVENTORY kuusaa keessatti jiru sirriitti kan beekamu yeroo INVENTORY lakkaa’amu qofa.
Fakkeenya:
Hoteelli xiqqoon tokko guyyaa guutuu BIIRAA gurguraa oola.
Garuu baay’inni BIIRAA hafe galgala ykn dhuma torbaanii irratti qofa lakkaa’amee beekama.
Yookiin mana qorichaa xiqqaa tokko keessatti:
Kuusaa keessaa qoricha hammamii akka qaban amma beekuu dhiisuu malu.
Yeroo barbaachisaa ta'etti, harkaan lakkaa’anii, qoricha EXPIRED ta’e keessaa baasanii, hamma jiru beekuu danda’u.
Sirni kun:
- AUTOMATIC miti.
- Salphaa fi rakasadha.
- Yeroo murtaa’e qofatti INVENTORY lakkaa’u.
- Dhaabbilee xixiqqoo biratti baay’inaan hojiirra oola.
Garuu dogongorri uumamuu danda’a.
Gabaabumatti:
PERPETUAL INVENTORY SYSTEM keessatti INVENTORY yeroo meeshaan bitamu ykn gurguramu battalumatti haaromfama.
PERIODIC INVENTORY SYSTEM keessatti ammoo INVENTORY yeroo murtaa’e qofatti harkaan lakkaa’amee beekama.
Kanaafuu, garaagarummaan isaanii guddaan yeroo INVENTORY itti haaromfamu irratti hundaa’a.
--------
Afaan Ingiliffaatin dubbisuu yoo feete: https://t.me/TamiruBusiness/95
Reviews channel
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
Catalog of Telegram Channels for Native Placements
Tamiru Business Academy is a Telegram channel in the category «Образование», offering effective formats for placing advertising posts on TG. The channel has 9.0K subscribers and provides quality content. The advertising posts on the channel help brands attract audience attention and increase reach. The channel's rating is 33.6, with 1 reviews and an average score of 5.0.
You can launch an advertising campaign through the Telega.in service, choosing a convenient format for placement. The Platform provides transparent cooperation conditions and offers detailed analytics. The placement cost is 4.8 ₽, and with 5 completed requests, the channel has established itself as a reliable partner for advertising on Telegram. Place integrations today and attract new clients!
You will be able to add channels from the catalog to the cart again.
Комментарий