
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
8.6

Advertising on the Telegram channel «Barruu Walaabuu»
5.0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$36.00$36.00local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
154
13:39
01.06.2025
imageImage preview is unavailable
“Namni qalamaa kan og-barruudhaaf uumame dubbisuu barbaada malee maallaqaaf hin hojjetu. Ta’uyyuu kitaaba barreesse maxxansiisee harka isaan qaqqabachuu garuu akka ilmoo dhalchanii dhungachuutti lakkaa’a.” jedha Tasfaayee Gabra’aab!
Maarree!...
Kitaaba Asoosamaa AKKA MALAA jettu kana waggoota shanii oliif gaggaragalchaan ture. Guyyaa har’aa garuu mana maxxansaatii bahee harkakoo gale. Nama waggoota hedduu wareegee ilma argate caalan gammade. Dhugumas immoo ilmoo qalamaa kiyya jahaffaadha. Ilmoon leexummaadhaan argadhe! Kana dura kitaabilee afur maxxansee dubbisaaf dhiyeesseen ture. Guyyaan mana maxxansaatii baasee galu, gammaduyyu akka har’aatti gammadee hin beeku. Fuuldurattillee gammachuu akka har’aa kana waanan gammadu hin se’u. Waa maraafuu ilmikoo kunis kaampii kiyyatti dabalamee jira.
Dhiheenyattimmoo haala gaariidhaan argamtanii eebbisuudhaan mana keessanitti fudhattanii galtu. Ittiin nu haa gahu!
🙏🏻😍
@Bilisummaa Shibbiruu
500
16:41
27.05.2025
imageImage preview is unavailable
"Kaartaan addunyaa tokko ta'uu qaba. Paaspoortii, viizaa, gaaffiilee daangessitoonni 'Eessaa baate, garam deemta?' Jedhaman jiraachuu hin qaban. Bakkaa bakkatti socho'uun mirga dhalachuu keenyaan argamedha. Kutaan addunyaa guutummaan kan keenyadha."
#Osho
https://www.facebook.com/100012203236364/posts/pfbid021UeVNGwQ3tQQyCWQ3e2Df5SqLihPxTnU47qR7ukpLd5sxfYEDPWyXXg528q97GwFl/?app=fbl
483
14:12
17.05.2025
Keessummoonni sun ni aaran. “Waan akkamiiti kuni? Godoo kana keessatti dararamuu manna, osoo bosona keessatti bokkaan nu reebee wayya.” Jechuun dubbatan. Homaa gochuu waan hin dandeenyeef balbala sana yeroo banan harreen bokkaan reebame ol seene. Abbaan manaa sunis harricha gidduu galchee eerga dhaabeen booda, keessummoonni sun lamaaniifi haati warraansaa itti naanna’anii akka dhaabbatan eerga taasiseen booda akkana jedheen. “Ilaalaa! Waanti isiniif hin galle tokko jira. Harreen kiyya akka Falaasaa wayiiti. Waanta barbaaddan ittiin jedhaa! Homaa isatti hin fakkaatu. Callisaan gadi fageessee yaadee yeroo xummuree waanta hundumaa tuffatee dhiisa. Harree salphaa hin se’iinaa; waanta barbaaddan ittiin jedhaa! Qeeqaa; itti qoosaa! Homaa isatti hin fakkaatu.” Jedhee deebiseef.
Maarree Oshon durdurii kanaan duuka buutota isaa barsiisa. Waanta dhaamuu yaade isatu beeka.
Isinoo maal irraa barattan?
https://www.facebook.com/100012203236364/posts/pfbid02WMvkynjaCZny64YpFczG1aJkcssnqWsUcBxXse9T8Aqh9mFpuUzaQkbTLFnrdqLJl/?app=fbl
759
15:38
13.05.2025
#Godoo_HiyyeessaafiMasaraa_Moototaa
Oshon durdurii warra suufii tokko akka yaadatu dubbata. Durduriin sunis kan armaan gadii kanadha.
Bara tokko haadha warraafi abbaan warraa harka qalleeyyii mana akkaan jigduufi dhiphoo taate keessa jiraatu ture. Abbaan warraa mana sanaa muka falaxee gurguruudhaan itti jiraatu ture. Manni jarreen kanaa daran dhiphachuurraan kan ka’e isaafi haadha warraasaa irraan kan hafe nama biraa hin dabalatu ture. Haaluma kanaan osoo jiranii guyyaa tokko galgala bokkaa hammaataan roobaa ture. Haati warraafi abbaan warraa sunis osoo taa’aa jiranii balballi rukutame. Yericha haati warraan gara balbalaatti siqxee ciiftee jirti ture.
Abbaan warraan sunis immoo “Balbala kana bani! Bokkaansaa akkaan hammaataadha. Dukkannisaas hamaadha. Bosona keessa bineensonni hamoon jiru. Dafii bani balbala kana!” jedhe. Haati warraanis deebistee, “Bakki hin jiru bar!” jetteen. Abbaan warraa sun itti fufuudhaan kokkolfaa akkas jedhe. “Haadha warraa kiyya! Kuni bar masaraa moototaa mitiim. Kan yeroo hundumaa hanqina bakkaa qabu. Kuni godoo hiyyeessaati. Kan daangaa bakkaas hin qabne. Lama ta’anii kan keessa ciisan, sadi ta’anii kan keessa taa’an. Bakki hin dhibu. Bakka ni uumna. ‘Dafii bani!’ siin jechaan jira; namicha bokkaan reebaa jira bar!” jedheen.
Haati warraan sun balbala yeroo bantu namichi tokko ol seene. Baay’ee isaan galateeffatee eerga xummureen booda sadan isaaniiyyuu mana dhiphoo sana keessa taa’anii haasa’uu eegalan. Sadi ta’anii rafuudhaaf haalli mana sanaa waan hin mijanneef taa’anii haasa’uu itti fufan. Osuma isaan haala kanaan taa’anii haasa’aa jiranii, ammas irra deebiidhaan balballi rurrukutame. Kara balbalaatti aanee kan taa’ee jirummoo keessummaa isaan bira dhufe sana ture.
Abbaan manaa sunis immoo, “Haadholee balbalicha bani! Keessummaa karaan harkaa bade kan biraan rurrukutaa jira.” Jedhe keessummaa sanaan. Keessummaan sunis immoo mataasaa raasaa “Ati nama ajaa’ibda. Bakki hin jiru bar!” jedhe. Abbaan warraan sunis immoo deebisee, “Haati warraan kiyyas kanuma naan jechaa turte. Yeroo ati balbala rurrukutte ishiinis ‘Bakki hin jiru’ jette. Waanta ishiin jette osoon dhagaheera ta’ee yoona kana ati bineensota bosonaatiin nyaatamtee ture. Immoo ciisuu dhiisnee kan teenye sababa keetiin akka ta’e hin hubanne natti fakkaata. Guyyaa guutuu dadhabaa oolla. Ani daldalaa qoraaniiti. Muka falaxaa oolee gabaa geessee gurguree guyyaatti yeroo tokkollee yoo nyaanne gahaadha. Isa dhiisiitii balbala sana bani. Godoon kun kankee seetee? Namoonni sadi itti mijatee eerga taa’anii nama afuritti immoo yoo nuuf mijachuu baatellee walitti sissiqnee taa’uu hin dadhabnu. Walitti dhiyaannee waan teenyuuf afuurri keenya nutti hoo’a. Qorra waanti jedhamu nu hin argatu. Banin siin jedhe bar!”
Keessummaan sunis filannoo homaa waan hin qabneef osuma mormuu balbala sana bane. Namni tokko ol seenuudhaan baay’isee isaan galateeffatee taa’e. Bakki hafe homtuu hin jiru. Osuma isaan walitti siqanii taa’uudhaan haasa’aa jiranii, ammas balballi bifa adda ta’een rurrukutame. Haati warraaniifi keessummoonni lamaan callisanii taa’an. “Ammas balbala banaa jedha!” jechuun sodaatanii, callisanii osoo taa’aa jiranii, kan isaan sodaatan hin oollee abbaan manaa sunis “Balbalicha banaa. Eenyu akka rurrukutaa jiru bareera. Harree kiyyadha. Addunyaa bal’aa kana irratti hiriyaankoo tokkichi harree tiyyadha. Qoraankoo naaf baatee gabaadhaan kan naaf gahu abbaan oolmaa kiyyaa ala taa’ee, akkam bokkaadhaan reebama? Isa dhiisaatii isiniyyuu galtanii jirtu. Balbalicha banaa!” jedhee dubbate.
“Keessummaan sadaffaan galuufidha jechuudhaa? Alana keessa baate. Harreen sun eessa dhaabata?” jechuun keessummoonni lamaaniyyuu ni morman. Abbaan warraan sunis itti fufuudhaan, “Siniif hin galle jechuudha. Kun godoo hiyyeessaati. Yoomiyyuu taanaan bakki hin dhibu. Amma teenyee jirra; Harrichi yeroo dhufummoo hundi keenya ni dhaabanna. Inumaayyuu dhaabannee isa simanna. Sana booda Harreen kiyya nu gidduu dhaabata; nutimmoo itti naannofnee dhaabanna. Bifa kanan isattis ni hoo’a. Hagam akka isa jaalannes isaaf gala.” jedhe.
583
15:38
13.05.2025
imageImage preview is unavailable
“Sammuu yaada guddaa qabu caala isa duwwaatu ulfaata. Namni eerga du’ee booda ulfaata. Kanattuu reenfi nama afuriin baatama. Waanti hin fayyadne ba’aadha.”
Kitaabicha keessaa fudhatame.
937
15:28
02.05.2025
Siyaasni afriikaaf hin galu. Afriikaanis siyaasa hin bartu. Mootonni afriikaa hedduun uummata cunqursuufi olaantummaa ibsachuudhaan beekamu. Namoota siyaasaa afriikaas waayee aangoo malee, waayeen uummataafi dhimmi jaalala biyyaa isaan hin dhiphisu. Warri Awurooppaa garraamii fakkaataniitu, gowwummaa namoota afriikaatti dhimma bahu.
Dhumarratti…
Gaariin bakka jiru jira. Garuummoo lafa gaarii nuuf baattu dhabne. Keenyatti fayyadamuu wallaalleetu, jabaan keenya hedduun orma tajaajila. Keessumattuu uummanni afriikaa martiyyuu, nama jabaa isaanii kununfachuufi tikfachuu irratti dadhaboodha. Gaafa darbe garuu gaabbiin quba alanfachuun akka shubbisa aadaa amala nuuf ta’e. Bifa kanaan immoo biyyi Afriikaa godoo rakkinaa jalaa waan baatu hin fakkaattu.
Afriikaan siyaasa bartii laata?
Afriikaaf ni darbaa laata?
Ani nama siyaasaa miti. Garuummoo waa na dhibdeetti.
@Bilisummaa_Shibbiruu ✍🏻
1205
18:42
22.04.2025
Dimshaashumatti…
Addunyaa kana irratti namni gaariin lama hin bulu. Yookaan dabdootaan ajjeefama. Yookaan sodaa “Na caala ta’innaa?” jedhuun ajjeefama. Kanaaf namni gaariin hagas mara toora siyaasaafi hooggansaatti hin argamu. Kana malees immoo namoonni gaariin eerga dhabamanii booda nama gaabbisiisu malee, yeroo lubbuun jiran hagas mara qaalii ta’uun isaanii namaaf hin galu.
Uummanni Liibiyaa erga Gaadaafiin du’een booda gaabbe.
Uummanni Burkinaa Faasoo erga Saankaaraan ajjeefamee booda gaabbe.
Uummanni Itoophiyaa Injinar Qixaw Ijjiguu qabachuu wallaallaan Ameerikaan barootaaf dhimma itti baate. Sanuummoo qorannaa hawaa irratti akka Ameerikaan milkooftuuf Injinar Qixaaw gahee olaanaa bahate. Biyyi keenyammoo gama qorannaa saatalaayitiin afaan qabattee teessoo dhumaarra teessee, warra milkaa’e ajaa’ibsiifachaa jirti. Har’a jiraachuuf du’uunsaa hin beekamu.
Egaa…biyyoota Afriikaa keessatti mootii gaariin wareeganiyyuu hin argamu. Kan argames lama hin bulu. Akkuma beekamummoo mootii gaariin biyyaaf yaadu Afriikaa keessaa gaafa ka’u, biyyattiin gammachuun seeqxi. Afriikaadhaa afaan kaawwatanii, awurooppaatti alanfachuu warri amaleeffatan awurooppaanonni immoo mataa dhukkubbiin qabamu. Kunoo… Yeroo dhihoon asitti biyyi Burkinaa Faasoo du’aatii Saankaaraan booda, reefuu bulchaa gaarii waan argatte fakkaatti. Kaappiteen Ibrahim Traoren akkuma Toomaas Saankaaraa gochoota jaalala biyyaa ibsan hedduu raawwachuutti jira.
Konkolaataa qaalii bitachuu dhiisee, konkolaataa qonnaa bite.
Suufii uffatee pirootokooliisaaf dhiphachuu dhiisee, yeroo mara wayyaa waraanaa uffata.
Albuudonni Burkinaa Faasoo keessaa bahan hedduun gara biyyoota awurooppaatti akka hin geeffamne godhe.
Qonnaan bultoota jajjabeessuudhaan, omishni akka dabaluuf sanyii filatamaafi tajaajiloota biroo qonnaan bultootaaf dhiyeesse.
Warshaalee garaagaraa biyyasaa keessatti hundeesse.
Walumaa galatti biyyi Burkinaa Faasoo akka guddattuuf tattaaffii guddaa taasisaa jira.
Maarree…Saamicha Burkinaa Faasoo irratti gaggeessituun omisha garaa garaa kan dhabde Faransaay ijaan argaa nama kanaa jibbite. Aariidhaan waxalamte. Yaaliin ajjeechaa marsaa hedduuf irratti yaalame. Qabeenya biyyattii seeraan qabee biyyattiif oolchuu waan yaadeef qofa, biyyoonni Awurooppaa hedduun irratti guunguman. Eegdotasaaf maallaqa kanfalanii isa ajjeesisuu yaalanis hin milkoofne.
Kunoo si’anammoo lammiilee Burkinaa Faasoo kanneen Faransaay jiraataniif maallaqa kennuudhaan, hiriira mormii Ibrahim Traore irratti akka gaggeessan taasisan. Maarree gowwaan sireerraa bu’a malee hin dammaquutii, lammiileen Afriikaa tokko tokko nama ta’uun isaanii akka nama shakkisiisu godhu. Kana malees immoo biyyoonni afriikaa tokko tokko kanneen awurooppaanota harka arraabuu baranis Ibrahim Traore irratti komii dhiyeessaa jiru. Silaa kana gochuu hin qaban ture. Biyyi Afriikaa nameenya dhabdeetu rakkatte malee, qabeenya hin dhabne.
Warra awurooppaatti qamadii gurgurree makoronii isaan kadhachuufi isaanirraa bituun amala biyyoota afriikaa ta’e. Afriikaanonni, amantii warri adii as ergan qabatanii hojii hiiku. Awurooppaanonnimmoo hojii isaaniitti fufanii jiru. Irra hedduun gargaarsa warra awurooppaa karaa mana amantii dhufa. Namoonni siyaasaa Afriikaa irra hedduun isaanii awurooppaa keessa taa’aniitu akkaataa ittii mootonni afriikaa aangoorra kaafaman dubbatu malee, afriikaa keessa taa’anii, akkaataa ittiin afriikaan warra Awurooppaatiin qixxaattu yaada hin kaasan. Lammiileen Burkinaa Faasoo Faransaay jiraatan kunneen, akka Ibrahim Traoren aangoorraa fonqolchamuuf mormii dhageessisuu dhiisanii, akka Faransaay dhimma Burkinaa Faasoo keessaa baatuuf osoo sagalee kennanii maaltu isaanitti hir’ata? Osoo gara biyya isaaniitti galanii hoogganaa kana waliin hojjetanii, maallaqa kanfalameefii mormii dhageessisuuf bahan kana caalu hin hojjetanii?
879
18:42
22.04.2025
“Maseenni dhaluu diddu, fincaa’uu hin diddu” akka jedhamu sana yeroon booda mootonni gaggaariin Afriikaa keessaa bahuu eegalan. Biyyoonni afriikaa mootota gaggaarii argachuuf carrooman “Uffee” jedhanii afuursuu eegalan. Mootonni gaggaariin wareega hedduu booda argaman kunneenis biyya isaaniif waan gaarii hojjechuu eegalan. Ta’us garuummoo umuriin bulchitoota warra gaggaarii dhundhuma guutuu dide.
Mohaammad Gaadaafiin amala of jajaafi of tuttuuluu qabaatuyyuu, liibiyaanota bira darbee afriikaa kabachiiseera. Keessuma warra adiitti sirrii isaanii himuudhaan, akka isaan afriikaatti abshaalomuu dhiisan dhiibbaa taasisaa ture. Lammiileen biyyattii osoo hojii hin hojjenne, baatii baatiidhaan kanfaltii argachaa turan. Garuummoo nagaan buluu Afriikaa kan hin barbaanne warri Awurooppaa shira xaxanii Gaadaafiitti duulan. Lammiileen liibiyaa kanneen sireerraa ka’anis dammaquu dadhaban awurooppaanota gargaaranii Gaadaafiitti duulan. Nama gaarii kana NTOn xiyyaaraan reebdee ajjeeste.
Sana booda uummanni liibiyaa hongee nageenyaan dhagame. Liibiyaa keessatti garboomsanii wal gurguruutu eegalame. Nagaan biyyattii ni goolame. Awurooppaanonni gaafas finciltoota liibiyaa gargaaranii Gaadaafii ajjeesan har’a uummata sanarraa saammachuu malee bu’aa hin buufne.
Toomaas Saankaaraan yeroo Burkinaa Faasoo bulchuu eegalu, wantoonni hedduun jijjiiramuufi kanneen nama ajaa’ibsiisan ta’uu danda’anii ture. Toomaas Saankaaraan of tuulummaafi abbaa irruummaa kan hin qabne ta’uudhaan alatti nama biyya isaatiif quuqamu ture. Bara hooggansa isaa keessa namni tokko yakka hojjetee yoo argame, adabbii jalqabaa miidiyaatti bahee uummata dhiifama gaafata. Sana yoo didemmoo baadiyyaa deemee hojii qonnaa hojjeta. Kanarraan kan hafe reebuu, fannisuufi biyyaa baasuun hin turre. Inumaayyuummoo ilaalcha “Waraana jechuun waardiyyaa biyya isaati. Akkasumas immoo kan haqaaf hin dhaabanne yoo ta’e, ajjeesaa yakkamaa ta’uurra hin darbu.” Jedhu qaba.
Maarree awurooppaanonni kallattii maraan nama gaarii kanatti duuluu hin dhiisne. Yaaliin ajjeechaa yeroo hedduu irratti taasifame. Kanneen ajjeechaa isaaf tattaafan keessaa jaala qabsoo isaa kan ta’e, Beeliyes Kompawureedhaan ajjeefame. Warri shira xaxee Toomaas Saankaaraa ajjeesise Awurooppaanonni sana booda waanta Saankaaraan biyyasaattitti hanqise waan guutan homaa hin qaban ture.
Paatiriis Lumumbaan biyya Koongoo bittaa warra Beeljiyeem jalaa baasuuf qabsoo jabaa taasisaa ture. Amma hidhatee loluutti qabsaa’uudhaan biyyasaa bilisa baase. Eerga biyyisaa bittaa warra Beeljiyeem jalaa baateen booda, pireezdaantii biyyattii ta’ee hojii eegale. Haa ta’ullee malee Beeljiyeemonni lammiileedhuma Koongoo warreen Paatiriik Lumumbaa waliin qabsaa’aa turan keessaa kanneen Lumumbaatti dhiyaatan faayidaan bitanii, Lumumbaa ajjeesisan. Paatiriik Lumumbaan biyyasaa bilisa baasuun pireezdaantii biyyattii ta’ee hojii eegalee, baatii lama caala osoo hin turiin ajjeefame.
Yeroo Lij Iyyaasuun mootii ta’ee ture, waanti wal qixxummaa fakkaatu akka mul’achuu ta’ee ture. Garuummoo shira Hayile Sillaaseefi namoonni biroon taasisaniin Iyyaasuun aangoorraa kaafame. Hayile Sillaaseen yeroo aangoo qabatu saboota irratti cunqursaa gaggeessuu eegale. Keessumattuu uummata Oromoo daran miidhe. Kan gaarummaa yaadu fonqolchamee, kan akka waaqaa sagadamuuf gara aangootti dhufuun saba darare.
Turee bulee innis aangoorraa kaafame. Yeroo inni aangoorraa kaafamu, Jeneraal Amaan Amdoom akka bulchaa ta’u dudubbatamuu eegale. Ilaalchi nama kanaas gaarii kan fakkaatu ture. Ta’us kaabinoota dargii waliin walii galtee dhabe. Battala waraana erganii mana jireenyaa isaatti ajjeesisan. Mangistuu H/Maaraam aangoo qabatee, biyyattii mana ‘Game’ qawwee fakkeesse. Kaabinoonni isa gargaaranii Jeneraal Amaan ajjeesan hedduunis boodarra ni ajjeefaman. Biyyis jeequmsaan guutamte.
652
18:42
22.04.2025
Afriikaadhaaf ni darbaa?
Akkam jirtu? Ani nama siyaasaa akkan hin taane nan beeka. Garuummoo kitaabilee siyaasaa dubbisuurraa of hin qusadhu. Ammuman dubbiseef amman hubadherraa yaada garaagaraa walitti coree, kitaaba siyaasa ilaallattu tokko qopheessuu kanan eegale waggaa tokko darbee jira. Xummura itti godhee maxxansuudhaaf garuu waggaa tokkoo ol kitaabilee garaagaraa dubbisuufi wantoota garaagaraa qorachuun qaba. Garuummoo guyyaa tokko kitaabichi dubbifamuuf ni carrooma.
Kitaaba Devid Lamb (The Africans) jedhu kan Nabiyu Iyasu ‘Ye Afrika Ambagenen mariwoch’ jedhee afaan amaariffaatti hiike, kitaaba bara mootummaa dargii akka biyya keenya hin seenne dhorkamaa ture, osoon dubbisuun jecha “Biyya namoonni kuma dhibbootaan lakkaa’aman sababa sanyummaa isaaniif qofa ajjeefaman kanaan maal jenna?” jedhun arge. Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Juuliyees Nereereenis “Akka ofiin of bulchinu carraasaa osoo nuuf kennanii jaannata lafarraa akka uumnu fakkeessinee dubbanne. Faallaa kanaatiin kan hundeeffame garuu haqummaan hir’achuufi anatu siif beekaadha.” Jedhee ture. Dhuguma dubbate!
Biyyoonni afriikaa hedduun bara hedduuf bittaa warra adii jala turan. Ummanni afriikaas bara hedduuf nama isaatiin buluu dharra’aa ture. Guyyaan gahee gaafa gurraachi mootummaa gurraachaa ta’u garuu dubbiin faallaa ta’e. Akka Weellisaan Afriikaa tokko “Waraabessa adiin deemnaan, waraabessi gurraachi dhufe.” Jedhe sanaa ta’ee argame. Mootonni Afriikaa hedduun gaafa aangoo qabatan uummata isaaniitti garaa jabaachuun dararaa hamaa irraan gahan.
Fakkeenyaaf:-
Idi Amiin Daadaan yeroo aangoo qabatee ture, uummata Yugandaa irratti gocha gara jabumaa isa daangaa darbaa raawwate. Amma jiraattonni kaan hirriba dhabanitti, amma naannoon jeeqamutti namoota isa morman bifa ciiggaasisaadhaan reebe. Namoota danuu mana hidhaatti guuree manni hidhaa guute. Bakka itti nama biroo hidhan dhabnaan manneen hidhaa hundaaf burruusni bitamee gale. Hidhamaa hundaaf burraasa qoodan. Sana booda “Wal reebaatii, kan lubbuun hafe bilisa baha.” Jedhaman. Hidhamtoonnis walitti dacha’anii burruusaan reebanii wal ajjeesuun hangi xiqqoon hafe. Kan hafan garuu waadaa galameef hin arganne. Loltoonni Idi Amiin Daadaa rasaasaan fixan.
Muusaa Daadis Kaamaaraan Yeroo Giinii bulchaa ture, lammiilee biyyattii hedduu hacuuce. Uummata istaadiyeemii guutuu fixe. Dubartoonni hedduun guyyaa saafaa loltoota isaatiin gudeedaman. Dhiigni lammiileeshii akka lolaatti akka lola’u taasise.
Bedel Bookaasaan Afriikaa Giddu galeessaa bulchaa yeroo ture, hacuuccaa inni taasisuufi gara jabinnisaa daangaa darbuu irraan kan ka’e, hanga foon namaa nyaatee, eegdota isaas nyaachisutti gahe. Miidiyaaleen idil addunyaa hedduun “Afriikaa keessatti namni nama nyaate.” Jedhanii wal harkaa fuudhuun gabaasan.
Firansiskoo Masiyas yeroo Ikuwator Giinii bulchaa ture, akka waan waaqa irraa ergameetti of lakkaa’ee, dubbachaa ture. Jaalala aangoo waan qabuuf ministeerota isaa hedduu istaadiyeemiitti waamee, uummata biyyattii danuu fuulduratti jumlaan fixe. Namoota isa morman gara jabina guddaan guutameetu fixa. Kanneen barumsaafi beekumsaan isa caalaniifi namoota ilaalcha gaarii qabanis akka isa hin caalleef jumlaadhaan fixaa ture.
Gara biyya keenyaatti yoo dhufne bara Teewdiroos, Yohaannis, Minilik, H/Sillaasee, Mangistuufi Mallas fa’aan biyya bulchaa turan lammiilee hedduun jumlaan dhumaa turan. Isaan kana akka fakkeenyaatti kaasnuyyuu, kanneen biroos gocha abbaa irrummaa dalagaa akka turan seenaan ni ibsa.
Walumaa galatti mootonni Afriikaa hedduun isaanii uummata isaanii dararuu, ajjeesuu, biyyaa aryachuu, cunqursuuf mirga namoomaa dhiibuun beekamu. Kanneen armaan olii maleeyyuu danuu kaasuu dandeenya. Ammi mootonni afriikaa lammiilee isaanii cunqursan kan warri adiin yeroo koloneeffanitti cunqursan dacha caala.
Duubahoo?...
696
18:42
22.04.2025
close
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
0 reviews over 6 months
c
**ffeennew@******.io
On the service since June 2022
30.10.202412:55
5
Everything is fine. Thank you!
Channel statistics
Rating
8.6
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
3
Subscribers:
4.2K
APV
lock_outline
ER
5.8%
Posts per day:
0.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий