
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
26.2

Advertising on the Telegram channel «Knowledge Sharing»
5.0
6
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$2.40$2.40local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
💡 Amaloota shamarranii keessaa kan baayee dhiirota gammachiisan 5n kana... ➡️ Itti fufii dubbisi
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
33
21:43
13.06.2025
imageImage preview is unavailable
📝 Xiyyeeffannoo Sammuu Guddisuu
Tooftaalee xiyyeeffannoo sammuu guddisuu fi fooyyessuuf gargaaran gurguddoo 10 waliin website keenya seenuun daawwadhaa! 👇👇
➡️ https://gaggeessummaa.com/xiyyeeffannoo-sammuu-guddisuu/
115
19:43
13.06.2025
⏰️ Kaleessa (yesterday)
1. Kaleessi gubateera. Kaleessi hinsirraa’u dubbas hin deebi’u
2. Cimina keenya kan itti guddifachaa deemnu dha
3. Kaleessi boosiftuu dha of-eeggadhu irraa
4. Kaleessi gaabbiidha dafii of-biraa deebisi
5. Kaleessi mana barumsaati irraa baradhu
6. Kaleessi muuxannoo fi cimina ni gabbifatama
⏰️ Har’a (today)
1. Har’i kan warra itti hojjechaa jiraniitti
2. Har’i kan warra dammaqaniiti
3. Har’i qabeenya / sirka jira seeraan gargaarami
📅 Boruu (tomorrow)
1. Kan warra abjuu fi mullata borii qabaniiti
2. Kan warra karoora borii qabaniiti
3. Kan warra ija tulluu duubatti argu qabaniiti
4. Bori immoo abdiidha keenyas ta’uu dhiisuus danda’a
Namoonni hedduun garuu waa’ee kaleessa isaanii, haala rakkisaa kaleessa isaanii ituu ta’anii gaabbanii, har’a ituu hinfayadamin boruufis ituu karoora hinqabaatin har’as borii isaanii dhabanii lafa kana irraa darbu.
Kottaa carraa argannetti haa fayyadamnuu. “Gaabbii fi dheegeen booda dhufti” jedha Oromoon.
Kana qofa miti. Oromoon akkas jedha “humni ganama dhumaa yaadni galagala dhufaa” jedha. Dargaggeessi har’a yeroo humnaa fi dandeetti qabu hinfayyadamne taanaan, gaafa dulluma isaa yaadaatu yaa’ee dhufaaf garuu maal godhu humnii fi dandeettiin isaa dhumee jira.
Kana qofas miti ‘ilmoomaan qotan malee, ilmoomaan horan malee niitii fuudhan maal nyaatu” jedha Oromoon.
Umuriinis carraanis dhaabatee nun eeguu. Itti haa fayyadamnu carraa, humnaa fi beekumsa har’a qabnuun dhaamsa kooti.
Jireenyi immoo carraa qofas miti carraaqqii fi tattaaffii keenya guyyaa guyyaatti malee.
@Barruu_Beektotaa 📔
359
09:46
13.06.2025
imageImage preview is unavailable
Jechoota Hayyootaa
1. Farda lagaan ga’uu ni dandeessa; garuu obaasuu hin dandeeessu Ingilizoota).
2. Saroonni lama; lafee tokko irratti, waliif galanii hinbeekani! (Faraansayota)
3. Kan arrabni yaabee dhalchu, kormi yaabee hin dhalchu! (Oromoota)
4. Miilli sochoonaan afaan agabuu hin bulu! (Afrikaanota)
5. Bareedinni fuudhaa fi heerumaaf wabii hin ta’u! (Ariyaanota)
6. Iddoo yeroo dulloomtu teessu, iddoo yeroo dargaggummaa kee turte agarsiisa! (Gaa’elikaanota)
7.Osuma barnoonni galaana ta’uuyyuu, harroonni garuu daakuu hin danda’an! (Gaa’elikaanota)
8. Eenyummaa akaakayyuu kootii hin beeku; ilm ilmasaa garuu maal ta’uuf akka jiru beekuuf nan dhama’a. (Abraham Linkon)
9.Kan abbaan of hin gargaarre carraan isa hin gargaaru.
10. Kan dhaggeeffatu hubachuuf, jechoota muraasatu isa ga’a (Afrikaa kibbaa)
11. Kan hiriyaa isaarra harka kaa’atee deemu fageenyi karaa itti hin beekamu (Nayijeeriyaanota)
12. Qalqalloon duwwaa jirtu dhaabbachuu hin dandeessu! (Taanzaniyaa)
13. Bareeda kan jennuun bareedinaan osoo hin taane, kan nu gammachiisaniini (Xaaliyaanota)
14. Kan carraa qabu galaanatti osoo darbattanillee qurxummiitu afaanitti qabatee baha! (Araboota)
15. Karaa si baasu osoo hin beekiin, deemsa hin eegalin. (Ingilizoota)
16. Kan fedhu, kan raawwatu nama cimaadha; kan hawwu kan argachuu danda’u immoo, nama abshaala! (Ayerlaandota)
17. Dhugaan lubbuu magarsiti; sobni garuu ni tortorsiti. (Oromoota)
18. Akka ganamaa seetee, galgalas narra ejjadhukaa jette kosorruun (Oromoota)
19. Taa’umsi dhagaa fi jechi haadha ormaa suuta lafee nama lixa! (Oromoota)
20. Yaanni bilchaataan balbala cufamaa ni saaqa! (Africaanota)
@Barruu_Beektotaa 📔
398
03:27
13.06.2025
imageImage preview is unavailable
Xiyyeeffannoo qabaadhaa kaayyoo keessan irratti!
@Barruu_Beektotaa 📔
508
03:44
12.06.2025
imageImage preview is unavailable
✔️ Nama baay'ee jaalattu tokko akkaan gammachiisuu yoo barbaadde,.... ➡️ Itti fufii dubbisi!
👇👇👇👇
👉✨See More✨👈
👉✨See More ✨👈
👆👆👆👆
675
21:21
10.06.2025
imageImage preview is unavailable
Halagaatti Hin Himatiin!
Yaa nama koo!!
Lukkuu fi gugeetu waliin mana gala ture. Lamaan isaanii iyyuu mana yookaan qooxii irra jiraatan qabu ture. Guyyaa tokko ganama gugeen midhaan barbaaddachuuf fagoo deemtee yeroo deebitu, lukkuun mana gugee keessa taa'ee eege. Isa booda waa'ee mana isaanii irratti walitti bu'an. Lola isaanii kana mari'atanii furuu irra wal hadheessuu fi wal hammeessuu isaanii caalchisanii itti fufan.
Isa booda beeyiladootaa fi bineensota jaarsummaa isaaniif taa'an barbaachaa manaa bahan. Osuma barbaadanii adala adurreetti dhufan. Adalli adurree, halagaan fira fakkaatu kunis eessa dhaqaa akka jiran afaan laaffifatee isaan gaafate. Isaanis "Nuyi mana irratti wal lollee kan nu araarsu dhabneeti jaarsa barbaadaa jirra, mee atiyyuu yoo siif danda'ame jaarsa ta'ii nu araarsi" jedhan.
Isa booda innis deebisee "Maal rakkoo qabaree? Ani nan isin araarsa malee, mee gaaddisa teenyee rakkoo keessan natti himattu" jedhee qajeelan. Isa booda akkuma gaaddisa jala ga'aniin "Mee as natti siiqaatii sirriitti rakkinaa fi walitti bu'iinsa keessan natti himaa" jedhe. Yeroo isaan isatti siqanii itti himachuuf ka'anitti lamaan isaanii morma qabee ajjees**dhaan nyaatee biraa deeme. Bu'aan obboloota wal hammeessanii kanaadha. Dhumni tokkummaa dhabuu fi wal dhaggeeffachuu dhabuu harka diinaatti nyaatamuu ta'a.
Yaa obbolaa koo, yaa fira koo yoo wal hammeessitan akka wal hin fixnetti, akka halagaa harkatti hin kufnettis eeggadhaa! Obboloonni wal dhabuu malu, haa tahuu malee, ammamuu wal dhabanis halagaa isa isaaniif hin naane jaarsa godhachuu hin qabani! Warri osoo siniif hin galiin akka waan siniif galeetti nama hammeessitanis siniif wayyoo!
@Barruu_Beektotaa 📔
675
21:21
10.06.2025
imageImage preview is unavailable
🖥 Namni ati baay'ee jaalattu, hariiroo cimaa fi turtii yeroo dheeraa waliin qabdu kan inni fedhu,...➡️ Itti fufii dubbisi!
👇👇👇👇
👉✨See More✨👈
👉✨See More ✨👈
👆👆👆👆
770
19:59
09.06.2025
imageImage preview is unavailable
🖥 MEE CALLISI!
Callisuun miira bilchina gadi fagooti.
✔️ Dudubbachuun barbaachisaa ta’us beekumsa hin ibsu. bakka hundatti waa'ee waan hundumaa haasa'uu fi waan naannoo kee, hawaasa kee fi maatii kee keessatti ta'u hundaaf deebii hin kennin. Yeroon itti haasofnuu fi yeroon guutummaatti callisnu jira.
✍️ Miira callisaa yeroo guddifattu qalbii namootaa keessatti dallaa tasgabbii dhabuu ijaarta. Dhimmi tokko tokko ammuma haasa’ame salphata. Namni dudubbatu ammuma dubbate barama. Namni miira callisuu guddifate akka tulluuti; Ni sodaatama. Tilmaamamuu waan hin dandeenyeef ni kabajama, ni sodaatama ni jaallatamas.
✍️Yeroo akka salphaatti yaada maddisiistuu fi baay'ee dubbattu salphaatti tilmaamamuu dandeessa. Yeroo hunda waan barbaachisu irraa hir’isii dubbadhu. Yokaan baay'ina yaada kee jecha gabaabaan ibsii bira darbi. Yoo dubbatte;waan hunda qola baastee hin dubbatiini. Geggeessummaarra yoo jiraatte si gargaara. Aangoo fi iccitii eeguuf xiqqoo dubbadhu.
Miira callisuu yeroo guddifattu, namoonni waan keessa kee jiru beekuuf hawwu. Jechi callisuu booda dubbatamu hundi gonkumaa akka waan salphaatti hin ilaalamu. Yeros jechoonni hundi kan hiika qabaniif ulfaatoo ta’u. Callisuun gaariidha, yoo dubbatte dhimma si ilaallatu dubbadhu, waan qulqulleeffatte dubbadhu. Xiqqeessiitee dubbachuu baradhu. Warra miira callisuu hin gabbifatiiniif dursa kenni. Jechoota hiika qaban itti fufii dubbadhu. Callisuun bilchina gadi fagoo ibsa malee wallaalummaa hin ibsu.
@Barruu_Beektotaa 📔
770
19:59
09.06.2025
🗣️
Walk Away for Your Well-Being
• Walk away from people who put you down.
• Walk away from fights that will never be resolved.
• Walk away from trying to please those who will never recognize your worth.
The more you distance yourself from things that poison your soul, the healthier and happier you will become.
Barruu Beektotaa ™✈️
715
16:41
09.06.2025
close
Specials
Active Channels

Channels
4
26.2K
lock_outline
CPM
lock_outline$$ 12.60
$$ 11.34
-10%
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
3 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
f
**biubiu@*****.com
On the service since January 2025
28.02.202518:42
5
Precise task compliance
Show more
Channel statistics
Rating
26.2
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
14
Subscribers:
8.7K
APV
lock_outline
ER
4.2%
Posts per day:
1.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий