
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
17.6

Advertising on the Telegram channel «Songs Official»
5.0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$2.40$2.40local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻
It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.
⚡️ Place your ad here in three simple steps:
1 Sign up
2 Top up the balance in a convenient way
3 Create your advertising post
If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.
Start your promotion journey now!
461
05:32
18.07.2025
📖" Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa! "(Efesoon 5: 16)📖
#Yeroo akkamituu nuf kennamee?
✏️Eyye yeroon nuf kennamera! Erga nuf kennameraa ta'ee, yeroon nuf kennamee yeroo isa kam akka ta'ee beekutu nurra jirataa!
✏️Yeroon anafi sif latamee yeroo isaa 'amma' jedhamudha!
✏️Waaqayyo akka itti hojennuf amma nuf lateraa, tarii boddee fi bor itti nuf dabaluu danda'aa ta'a, sbs immoo namni kan inni jiratuu yeroo waaqayyo isaaf kennu keessa dha.
➕➕➖Namni of isaa itti dabaluus ta'ee irraa hir'isuu hin danda'uu.➕➖➖.
📖" Isin keessaa tokko hammam yaadda'u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa kan dabalachuu danda'u jiraa ree? " (Luqaas 12: 25)📖
✏️Kanaaf boddee fi boriin hin bekuu garuu ammi naf latamteetti wan ta'eef amma;
☑️ Nan hojjedha
☑️ Nan baraadha
☑️ Nan kadhadha
. . .
#Amma mal gochaa jirataa ati? ? ?
✏️Hubadhuu waaqayyo yeroo 'amma' jedhamuu nuf lateraa! !
✏️Yoo 'bor' nuf latamee, yeroo ishee 'amma' jedhamtuu kanattia hin hojjenne tanaan 'bor' immoo debiftee nu gafatatti!😴😴😴 #Kanaaf akka wan waggaa kumaa jirannutti amma kanatti hojjechuu ykn fayadamuu qabna.
#Wantaa amma hojjechuu dandesuu boddetti hin beelamin borittis hin dabarsin.
📖'. . .utuu hin dabarsin. . .'📖efeson5:16
✏️yeroon nuf latamee kun ni darbaa.
✏️Guyyaa kalleessa miti silaa iyyu debistee arguu akka hin dandenyee beektaa? ?
#Eegaa yeroo darbuu kanatti mal hojjennu?
✏️Wan Har'aa argachuu, boriif hojjechuu, namaf irraa hafuun nurra ni jirataa. wantaa hin dabarrees hojjechuu qabna.
Wantaa garii dhalotaaf ta'u tokko ka'uutu nurra jiraata.
#Garuu yeroo darbuu kanatti wantaa darbuu qofaaf dhamahuu hin qabnu. #Yeroo_darbuu_kanatti_jireenya_hin_darbineef_dhamahuu_ykn_hojjechuu_qabna.
#Akka oggesotatti jiraachuu qabna!
👨⚕👨💻👨✈️ Oggessonni yeroo akkamii fi essaatti mal akka dubbatanifi hojjeetan beeku!
✏️Wantii nutii har'aa facasnuu akkumaa bor biqiluu,🌱🌱 wantaa dubbannuu fi hojjennu booda bu'aan argamuu ni jiraata!
#Kanaaf 'opportunity'(caarra) arganne hundumaa wantaa garii tahee dubbachuudha fi hojjechuudhan dabarsuutuu nurra jiraata!
👨👩👦👦Baraataan amma utuu dubisuu egaalee bor milka'inni kan isaa dha. 👨🚒👨🍳Hojjetaan amma hojjechuu utuu egalee bor milka'inni kan isaa dha.
#Amma keenya ballesuun nurra hin jiruu
519
05:33
18.07.2025
Haallati keessa jirtu gara waaqayyoo ilaaluuttiii siin hin daangessin.
📖HoE. 14 ⁸ Mandara Lisxiraa keessa namni naafti tokko ture. Namichi kun miilli isaa lawwaasa'aa waan tureef, dhalachuu isaatii jalqabee takkaa hin adeemne. ⁹ Inni achi ciisee waan Phaawulos jedhu dhaggeeffachaa ture; yommus Phaawulos ija isaa keessa ilaalee, fayyifamuudhaaf amantii akka inni qabu arge. ¹⁰ Achumaanis sagalee guddaadhaan, "Ka'ii qajeelii, miilla keetiin dhaabadhu!" jedheen, namichi utaalee ka'ee asii fi achi adeeme. ¹¹ Namoonni baay'atanii achi turan waan Phaawulos hojjete yommuu argan, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaa'oniyaatiin, "Waaqayyoliin namoota fakkaatanii gara keenyatti gad bu'aniiru" jedhanii dubbatan. ¹² Baarnaabaasin "Zeos" jedhan, Phaawulosin immoo kan dubbate isa waan tureef, akka ergamaa waaqayyolii isaaniitti "Hermees" jedhanii moggaasan.
☝Dhukkubni, rakkinniif gidiraan gaafa jireenya namaatti dhufu, xiyyeeffannoo namaa hata/ qabata. Kanaaf namni haalicha keessaa ba'ee waaqayyoon dhaga'uun isatti ulfaata.
☝Namichi kun dhalachuu isaatii eegaleetuma naafa ture. Haa ta'u malee yeroo Phaawuloos wangeela mootummaa waqayyoo lallabu, haala keessa jiru dhiisee sagalee waaqayyoorra yaadasaa kaa'e.
☝Kanarratti Phaawulos ija isaa keessa ilaalee, fayyifamuudhaaf amantii akka inni qabu arge. Achumaanis sagalee guddaadhaan, "Ka'ii qajeelii, miilla keetiin dhaabadhu!" jedheen.
☝Akkuma barsiisaan barataa isaa isa qaxalee akka inni barnoota isaa simataa jiru xiyyeeffannoo isaa irraa baru, akki qophii amantii keessanii akka isin sagalee waaqayyoo simachuudhaaf qabdaniin beekama.
✍️ Dhaga'uuf dhaggeeffachuun garaagarummaa guddaa qaba. Gurri uumamaa kun akkuma uumameef sagalee hunda miireffata. Dhaggeeffachuun garuu, yaada guutuudhaan, ergaa sagalee sanaatti of kennanii dhaggeeffachuudha. ️️
🔊 Waaqayyo gooftaan dhageettii keessan isa keessaa isiniif Haa banu!
🔊 Siinan jedha har'a anis: 'Naafummaan jireenya, Ikoonoomiif fayyaa kee, qajeelee haa dhaabatu; humna dhiiga hoolichaatiin!'
✍️ Har'as waaqayyoon indhaggeeffatta yoo ta'e, inni ergaa siif qaba.
📖 Bau. 15:26 "Sagalee ana Waaqayyo gooftaa kee isa sitti dubbatu dhugumaan yoo dhaggeeffatte, wanta ana duratti qajeelaa ta'e yoo goote, abboommii koo yoo dhageesse, seerrata koo hundumaas yoo eegde, dhukkuba ani warra Gibxiitti fide hundumaa keessaa tokko illee sitti hin fidu; ani Waaqayyo fayyisaa kee ti" jedhe.”
✍️ Burqaan dhukkubaa: cubbuudha, abaarsa. Anaaf isin irraa fannoorratti cinqaarsuu isaatiin iddoodhaa daguugee balleesseera.
📖Qol. 2:14 “Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera.”
🔊 Gatiin kee kaffalameera!
✍️ Dhiphinni kee hamma sagaleen dhufuttidha. Rakkinaaf, gidiraa keetti inni daangaa godhu sagaleen siif dhufeera!
Ameen.
554
08:01
18.07.2025
#ILMI_NAMAA_YOMMUU_DHUFU_AMANTII_LAFA_IRRATTI_ARGATAA_LAATAA?
👉“Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf; haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?" jedhe.”
— Luq. 18:8
#HUB:_Akkuma beekamu,tajaajiltoonni baay'een Waldaa kristaanaa keessatti yeroo lallabanii fi barsiisan "Akka waan kristoos yeroo deebi'ee dhufu "guyyaa dhufa kootti waldaa kristaanaa keessaa nama fayye tokkollee argadhaa laata* jedheetti yeroo barsiisa dogoggoraa fi burjaaja'aa barsiisan argina....#Kunimmoo macaafa qulqulluu irratti Yakka guddaa hojjachuu, wangeela dabsuu fi kristiyaanota burjaajessuu waan ta'eef.....#Tajaajiltoonni kutaa armaan olii akkasitti barsiiftan "Akka burjaaja'insa barsiisaa fi wallaalchisa dubbii dabaarraa of eeggattan kabajaanan Isin gaafadha....#Yoo diddan ammoo firdiisaa isinumatu ofirratti fudhata........#kutaan armaan olii waayee ulfinaan deebi'ee dhufuu yesus Isa jalqabaa keessatti;gaafa Yesus deebi'ee dhufu "Amanaa" tokko argadhaa laata ykn nama fayye tokko argadhaa laataa jechuu isaa utuu hin taane;waayee deebi'ee dhufuu yesus Isa lammaffaa keessatti; Yesus Deebi'ee dhufee waggaa kumaaf lafarratti mo'uu isaan dura;erga Rakkinni waggaa 7 raawwatee booddee ,Taatee hir'ina amantii lafa kanarratti mul'achuuf jedhuu fi waayee Namoonni baay'een kan hin amanneef kan hin amanamne ta'uu isaanii kan ragaa nutti ba'udha.
#HIIKKAA_KUTAA_LUQ:18:8
☝️waayee lakkoofsa 8 hiikuu keenyaan dura;Hiikkaa waliigala kutaa kanaa argachuuf, lakkoofsa 1 _7"tti waliin haa ilaallu.
✅Lakk_1:_“Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime.”
— Luq. 18:1
#HUB:_Lallabni Kun lallaba wangeela mootummaa fi ergaa Israa'eloota qomoo 12"n irratti yesus bifa fakkeenyaan waayee wanta gara fuula duraatti Mana Yaaqoob irratti dhufuuf jedhuu kan dubbatedha malee.....#Waayee waldaa kristaanaa miti.
🤌Erga waldaan kristaanaa isheen dhagna yesus(misirroo yesus) taate gara yesusitti ol butamtee booda, Rakkinni Israa'el guddichi waan jalqabuuf;sabni Israa'el yeroo sanatti jabaatee amantii isaa waaqayyo irra akka kaayyatuu fi akka utuu hin dadhabiin walitti fufinsaan waaqayyoon kadhatuuf "kan kristoos bifa raajiif fakkeenyaan isaanitti dubbatedha malee waayee "waldaa kristaanaa miti ykn waayee lallaba wangeela ayyaanaaf ulfinaa Isa waldaa kristaanaatti lallabamuu miti.
✅Lakk 2:_“"Abbaan firdii Waaqayyoon hin sodaanne, namas hin safeeffanne tokko mandara tokko keessa ture.”
— Luq. 18:2
👉Abbaan firdii waaqayyoon hin sodaannee fi namas hin safeeffanne jechuun biyya lafaa Isa Seexanaan hogganamuu fi Biyya lafaa Isa dachae eebbaa Yerusaalemiin ala ta'e dha........#Seexanni waggaa 7"f aangoo guutuu argatee biyya Israa'el keessa taa'ee karaa Masihii(kristoos) sobaa fi Raajii sobaan biyya Israa'el hacuucuuf(cunqursuuf)yeroo jedhu.
👉Mandara tokko jechuun Yerusaalem jechuudha.
✓kanaafitu;Bulchiinsaa fi gaggeessummaa seexanaa Karaa mootii warra Roomaatiin biyya Israa'el irratti waggaa 7"f gaggeeffamu jechuudha.
✅Lakk 3:_“Mandarichuma sana keessaa immoo haati hiyyeessaa tokko yeroo yerootti deddeebitee, 'Anaa fi isa anatti falmu gidduutti firdii qajeelaa anaaf kenni!' jettee, itti boossi turte.”
— Luq. 18:3
#Rakkina waggaa 7 kana keessatti;Haati iyyeessaa isheen Israa'el jedhamtu (hambaan yihudotaa) mandara Yerusaalem keessa teessee biyya lafaa Isa akka abbaa murtiitti ilaalamutti yeroo baqattu argina..........#hambaan yihudotaa warra mandara Yerusaalem keessatti kristoosiif jedhanii hacuucamanidha.
✓waliin falmiin haadha iyyeessaaf Isa ishee falmu gidduu jiru;ammoo Warra Yihudota hambaa kan kristoosii fi Yihudota warra gubaa bineensichaa fudhatan gidduutti falmii fi ariisaa guddaatu karaa bineensichaa ta'uuf jedha......#yoom, Rakkinni Israa'el guddichi ykn Rakkina waggaa 7 keessatti.
465
09:53
19.07.2025
✅Lakk 4 fi 5:_Luq. 18
⁴ Inni immoo ishee jalaa didee lafa irra duraa harkise; booddee garuu innumtuu, 'Waaqayyoon yoon sodaachuu dhaabaadhe, namas yoon safeeffachuu dhaabaadhe,
⁵ haati hiyyeessaa kun waan na dadhabsiiftuuf firdii kennuufii anaaf wayya, kanaa achi dhuftee ana nuffisiifti' jedhee ofitti dubbate" jedhe.
HIIKKAAN:_lakkoofsa 4"ffaaf 5"ffaan ,waayee ariisaa gurguddaa waggaa 3'f walakkaa Isa dhumaa keessatti Saba Israa'el irra ga'uuf jedhu keessatti;hambaan yihudotaa amanamummaa kristoositti argisiisuuf jedhanii yeroo addunyaa kanarratti baqatanitti,dhuma barichaatti garuu biyyi lafaan Kun ykn ormoonnumti hin amanne warri mat 25:31_40"tti maqaan isaanii dha'ame(waamame) yeroo isaan hambaa yihudotaa warra yesus obboloota koo jedhee isaan waamutti gaarummaa argisiisuu jalqabu jechuudha.....#Walumaagalatti,Kutaan Kun gargaarsaaf Deeggarsa biyyi lafaan hambaa yihudotaa ishee haadha hiyyeessaa jedhamtuuf taasisanii kan dubbatuudha.
✅Lakk 6:_“Gooftaan kana irratti, "Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal'aan kun jedhu!”
— Luq. 18:6
✓kana jechuun; waaqayyo hojii jallinaaf hammina biyya lafaa kanaa dinqifachuu isaa ykn waayee jallina firdii biyya lafaarra jiruu taajjabuu isaa nutti dubbata Kutaan Kun......#Kana jechuun amanamummaa,haqummaa fi murtoon qajeelaa biyya lafaa irraa dhibuu isaa nutti agarsiisa.
✅Lakk 7:_“Waaqayyo immoo warra isaaf fo'amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasufii ree? Yookiis lafa irra duraa harkisaa ree?”
— Luq. 18:7
✅Kunimmoo; Bara Rakkina waggaa 7, gidiraa sabni Israa'el keessa darbu keessatti "Akka waaqayyo isaaniif faraduuf gara waaqayyo Isa hundumaa gararraa jiruutti iyyuu(kadhachuu) hambaa yihudotaa dubbata....
#Dabalataan ammoo; waaqayyo Waayee hambaa yihudotaa warra Rakkina waggaa 7 keessa darbaniif akka furmaata laatu ykn akka dafee dhufee firdii qajeelaa kennuuf dubbata.
✅Lakk 8:_“Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf; haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?" jedhe.”
— Luq. 18:8
🤌Hiikkaa:_kutaan Kun mata duree lallabaaf barsiisa waldaa kristaanaa geeddareefii burjaaja'insa guddaa amantootatti fidedha.
#Garuu,Hiikkaan kutaa kanaa inni sirriin rakkina waggaa 7 booda yeroo yesus deebi'ee dhufutti;hir'inni amantii lafarra jiraachuusaa ykn amantiin Namoota baay'ee hir'uu ta'uu isaa....#akkasumas dacheen Kun namoota hin amanneen ykn amantii hin qabneen guutuushee kan nuuf ibsudha......#Walumaagalatti Ergaan Kun waayee waldaa kristaanaa hin ilaallatu;Ergaan kutaa luq 18:8,guyyaa deebi'ee dhufuu yesus Isa 2"ffaatti waayee hir'ina amantii biyya lafaa kanarra jiruu dubbata;Namoonni dhufaatii Yesusiin eeggattanii fi waaqayyoof amanamanii jiraatan muraasa ta'uu isaanii fi biyyi lafaan namoota hin amanneen guutuu ishee dubbata.....#yeroo Rakkina waggaa 7" Israa'eloota baay'eedhaaf carraan Fayyinaa yoo kennamellee "kan fayyan garuu hambaa yihudotaa " akka ta'e macaafni qulqulluun dhugaa nuuf ba'a.
#kanaafitu;Guyyaa yesus 2"ffaa deebi'ee biyya lafaa kanarra dhufu biyyi lafaa Kun goyyomsaa seexanaan guutuu ishee irraa kan ka'e "amantiin* ykn waaqayyoof amanamuun dhabamuu isaa akkasumas biyyi lafaan Xuraa'ummaa hamaa keessatti kufuushee irraa kan ka'e yesus yeroo deebi'ee dhufu "firdii dachaa yooshaafaax" biyya lafaa kana irratti kennuuf akka jiru dhugaa ba'uu isaa dubbata Kutaan Kun.
✅1Tas. 5
² Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in beektu.
³ Namoonni, "Nagaa dha, gabii dhas" utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru.
⁴ Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra ba'uu hin danda'u.
⁵ Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti.
Galatoomaa
570
09:53
19.07.2025
📖BAKKALCHA BARII PROMOTION ✅
➥Chanaliif Groupii hafuuraa barbaachisoo ta'an qabannee dhufneerra itti ida'amaa
📌Barnoota hafuura ✍
📌Qo'annaa macaafa qulqulluu
📌Faaru haaraa akkuma ba'een 🆕
📌Faaru durii irranfatame🆒
📌Walaloo hafuuraa🕊
📌Worship (waaqeffanna)🎤
📌Faaru bifa walalootiin📃
📌Seeenawwaan nama barsiisan⚜
👇Dabalataan👇
📌Kitaabota hafuuraa PDF tiin
📌Luqisii macafaa bifa suuraatiin📖
📌Sagalee guyya guyyaa📣
📌Sagalee torbanii✨
Hunda qabannee dhufneerra JOIN godhadha
Beeksisaaf @Bakkalcha_barii_promotion_bot
👇👇👇👇
140
16:36
19.07.2025
GAAFFILEE MACAAFA QULQULLUU ARGACHUU NI BARBADU DEEBII KEE EYYEEN YOO TA'EE 👇👇👇👇
141
16:36
19.07.2025
“Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti;
— Filp. 3:20
418
08:51
20.07.2025
270
20:48
20.07.2025
#Biyya lafaa kanarra Amantii 2 qofaatu Jira:
✓1"ffaa:Isa Waaqayyo namaaf kenne(Amantii kristiyaanaa)
✓2"ffaa:Isa seexanni namaaf kenne(kumaatama sana)
106
09:20
21.07.2025
close
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeenold@******.io
On the service since June 2022
18.07.202508:53
5
Everything is fine. Thank you!
Show more
Channel statistics
Rating
17.6
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
2
Subscribers:
12.0K
APV
lock_outline
ER
3.8%
Posts per day:
3.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий