
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
17.6

Advertising on the Telegram channel «Songs Official»
5.0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$2.40$2.40local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
“Akka warra gaddaniitti in ilaalamna, garuu nuyi yeroo hundumaa in gammanna; akka warra deeganiitti in lakkaa'amna, garuu namoota baay'ee in sooromsina; akka warra homaa hin qabneetti in ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna.”
— 2Qor. 6:10
@Singer_Megertu_Official
914
07:36
06.08.2025
╭═══▪▪▪▪═══╮
✅ Faarfannaa 46:1 ✅
╰═══▪▪▪▪═══╯
💐 Iddoo Baqannaa Keenya, Humna Keenya, Gargaaraa Keenya.
(መጠጊያችን፣ ኃይላችን፣ ረዳታችን)
📖 “አምላካችን መጠጊያችንና ኃይላችን፥ ባገኘን በታላቅ መከራም ረዳታችን ነው።”
መዝሙር 46፥1
📖 “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera.” (Far. 46:1)
Kutaa faarfannaa kana keessatti ijoolleen Qoraah waa’ee michummaa Waaqayyoo haala ajaa’ibsiisaa ta’een yeroo dubbatan argina. "Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera." (Far. 46:1) Hiika Afaan Amaariffaa irraa dabalatee Mee yaadota sadan kutaa faarfannaa kana irraa haa ilaallu.
Tokkoffaa, inni Iddoo Baqannaa dha (እርሱ መጠጊያ ነው)
Waaqayyo Waaqa amanamaa yeroo rakkinaa sitti dhihaatudha. Yooseef yeroo mootii ta'uudhaaf yaadetti garba ta'uuf itti murtaa'ee obboloota isaatiin gurgurame. Biyya baqate keessattillee sobaan himatamee Zabxiyaatti darbatame. Yoseef obboloota isaa warra dhihoo ta’aniin kan ganame ta’us, achiis oduu sobaatiin biyya ormaa keessatti hidhamee osoo jiruu illee Waaqayyo isa wajjin ture. Gaafa obboleessa isaaf dubbatu tokkollee dhabe Waaqayyo iddoo kooluu isaaf ta'e. Murtiin sun kan jal'ate fi Yosef nama dagatame fakkaatus, Waaqayyo inni abbaa murtii qajeelaa ta’e, yeroo hamaa ta'e sana hundumaa dabarsee gara iddoo ol’aanaatti isa geesse. Waaqayyo iddoo baqannaa amanamaa ta'eefii, mul'ata isaa fiixaan baaseef.
Lammaffaa, Humna Guddaa qaba
(እርሱ ኃያል ነው)
Israa’eloonni oduu warra Filisxeemotaa dhaga’anii garaan isaanii baay’ee raafame. Garaan isaanii sodaadhaan yommuu guutu, Daawit inni dadhabaan kaʼee Waaqayyo isa jabaa sanatti amane. Daawit wanta itti amanamu waan beekuuf garaa isaa guutudhaan Waaqa isaa amanate. Ija Filisxeemotaa duratti kan tuffatame fakkaatullee Daawit Filisxeemicha Goliyaad dhagaadhaan rukute. Daawit tikseen, Goliyaad loltuu injifate. Waaqayyo inni jabaan Daawit isa dadhabaa taʼeef INJIFANNOO kenne.
Sadaffaa, Gargaaraa dha
(እርሱ ረዳት ነው)
Iyoob inni fakkeenya warra qulqullootaa taʼe, rakkina hedduu keessa darbuun dirqama itti ta'e. Waan qabu hundumaa dhabe. Ijoollee isaa, qabeenya isaa, fayyaa isaa dhabe. Jireenyi Iyoob hamma bakka rakkinni itti walitti qabamu fakkaatutti qorameera. Waaqayyo garuu gidiraa isaa argee bira hin dabarre. Dhufee gargaaraa isaa ta'e. Jajjabeessaa isaa ta'e. Dhuma irratti gidiraa isaa irraanfachiisee ulfina guddaa isaaf kenne. "Waaqayyo bara jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaatti in eebbise..." (Iyoob. 42:12)
Seenaaleen kun waanuma fedhe keessa yoo jiraanne Waaqayyo gonkumaa akka nu hin dhiifne nuuf mirkaneessu. Inni yeroo kophummaatti baqannaa keenya, yeroo dadhabbii keenyaatti humna keenya, yeroo dhiphina guddaa keessa jirruttis immoo gargaaraa keenyadha.
🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyo ati iddoo baqannaa koo, humna koo fi gargaaraa koo waan taateef sin galateeffadha. Gaarummaa siin natti mul'ate kana akkan gatii hin dhabsiifne ayyaana keetiin na gargaari. Ameen. 🙏
Buddeena jireenyaa ~ MQ
👇💐👇💐👇💐👇💐
@Singer_Megertu_Official
854
11:05
07.08.2025
Nagaan waaqayyoo hunduma keessaniif haa baay'atu
635
23:40
07.08.2025
#karaama diinni badiisaaf qopheessuun waaqayyoo boqonnaa haaraa si eegalchiisa.
#Hamaan Mordokaayi haa fannifamuuf fannoo qopheessa, waaqayyo dubbii gara galchee muudama haaraaf qopheesse. Aster6:1-7:1-
#Naabuqadinaatsor misaaq, Saadiraaqiif Abdineegoo ibidda dachaa torbaa qopheessee carraa dhumaa kenneef, waaqayyo bishaaniin utuu hin tahin ibiddichumaan gubdoota gubee, ulfina isaanii dachaadhaan dabale. R.Daan.3:1- haga dhumaa
#inaaftotni Daani'eliin kiyyoo isa xumuraa inni ittiin nyaatamu kiyyeessu leenca nyaachisuuf, waaqayyo garuu #nyaachistoota #nyaataa #nyaachisee guddina Daani'eel dachaa sadiin bara moototaa sadii dabaleef. Daan.6:1-28
#Obbolootni (fake people) yosefiin gurgurree biyyaa baasnee abjuu isaa karaatti hambisna jedhan, waaqayyo garuu gurgurtoota amaamota ykn waardiyyaa durgoo malee isaaf godhee abjuusaa dhugoomse. Umam39-42:1- #badiisaaf qormaata diinotakeen qophaa'uun kaayyoon waaqayyo sirratti qabu ibidda, himata sobaa, qilleensa, bubbee fi kiyyoo isaan badiisaa fi salphinakeef qopheessaniin galma ulfinaa ga'a. Ameen haalleluyaa jira yesuus. Akka eenyuun gate sigata waaqayyo hin shakkamu.
#ጠላቶች ለጥፋት በሚያዘጋጁት ወጥመድ እግዚአብሔር ለአድስ ነገር ያዘጋጃል።
#ሐማ ሞርዶካይን ለስቅላት መስቀል ያዘጋጃል ጌታ ግን ነገሩን ገልብጦ ለአድስ ሹመት ያዘጋጃል። አስቴር 6:1- #ናቡከደነፆር 3ን ልጆች በእሳት ተቃጥሎ እንዲሞቱ ይሰራል ጌታ ግን በእሳቱ አቃጣይዎችን አቃጥሎ በክብር ለክብር አደረገላቸው። ዳን:3:1- ሐሜተኞች ዳንኤልን ለአንበሳ መብል ልያረጉት ወጥመድ ያዘጋጃሉ ጌታ ግን ነገሩን ገልብጦ ገዳይዎች ተበልቶ ዳንኤልን ለሚበልጥ ክብር አደረገው ። ዳን:6:1-
#የዮሴፍ ወንድሞች እልሙ እንድትጠፋ ጉድጓድ ዉስጥ ጥሎ ሸጡትን ነገርግን ጌታ አበል የማይከፈልላቸዉ አጃቢዎች አድርጎለት እልሙን አሳካለት። ለጥፋት የሚዘጋልንን ወጥመድ; ማይበል; እሳትና ክፋትን ጌታ የስኬታችን ድልድይ ያደርግልናል። አሜን; እግዚአብሔር አይጠረጠርም ታማኝ ነው ። jira Yesus
798
23:55
07.08.2025
GONFOOWWAN GURGUDDAA MACAAFA QULQULLUU 5'N:
👉Macaafa Qulqulluu keessatti gosootni gonfoo Shantu(5'tu) caqafamee Jira;akka armaan gadiittti caqasa kitaaba qulqulluu waliin haa qo'annu👇
✓1"ffaa:_Gonfoo gammachuu” /Oolmaa tajaajilaa:_Fil 4:1, 1Tas 2:19.
✓2"ffaa:_ Gonfoo qajeelummaa” /Oolmaa dhuga-bahumsa wangeelaaf amanamuu :_2Xim 4:8
✓3"ffaa:_Gonfoo jireenyaa_:Oolmaa qorumsa keessatti amanamaa ta‟uu :'Yaq 1:12, Mul 2:10.
✓4"ffaa:_Gonfoo ulfinaa” /Oolmaa rakkina
keessatti amanamaa ta‟uu (1Phex 5:4, Ibr 2:9.
✓5"ffaa:_Gonfoo mo'ichaa(dorgomee hafuuraa sirriitti ba'uudhaan kan argamu):_Filp 3:4,2 xim 2:5,,mul' 3:11
✍️Badhaasni Gara Fuula Duraatti kan Argamu dha /Rewards Bestowed in the Future/
✓Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira;yommus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii (badhaasa) isaa in kennaaf (Mat 16:27).
✓Ayyaana in argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban; Waaqayyo garuu warra du’an keessaa ka’uu warra qajeelotaatti siif in deebisa jedhe (Luq 14:14).
✓Inni dhufu sun, “Kunoo, ani dafee nan dhufa, gatii (badhaasa) isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa” (Mul 22:12).
✓Gaafa angafni tiksootaa sun mul’atutti, isin immoo gonfoo ulfinaa isa gad deebi‟aa hin adeemne in argattu (1Phex 5:4).
#Kanaa achis gonfoon (Badhaasni) qajeelummaa anaaf kaa‟amee jira;
Gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna; ana duwwaaf utuu hin ta‟iin, warra deebi‟ee mul‟inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna (2Xim 4:8).
👉“Gooftaan hojjetoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebi‟ee dhufee, horii isaa isaan irraa lakkaa‟ate” (Mat 25:19).
#NB:_Kaayyoon Waaqayyo waan waaqa irraa /heavenly/ fi ulfinoota bara baraan jiraataniin /eternal honors/ tajaajila qulqullootaa isa amanamaa badhaasuuf kakuu gale, isaan badhaadhummaa fi gammachuu lafa irraa ta‟e duukaa fiiguu irraa akka deebi‟an, ibidda rakkinaa keessattis akka jabaatan, akkasumas amala gaarii Kiristiyaanummaa ta‟an agarsiisuudhaaf akka jajjabaatan gochuudhaaf dha
✓Ibr 11:8-10,24-27, 12:2-3,
✓Luq 14:12-14,
✓Mat 10:41-42, Ibr 6:10, Qol 3:22-24,
✓Mat 5:11-12, Yoh 4:35-36, Dan 12:3, Luq 12:35-37, 2Xim 4:8.
#NB;_Dhuma irrattis, akeekkachiisa “Ani dafee nan dhufa; namni tokko illee gonfoo mo‟ichaa isa kan keetii si duraa akka hin fudhannetti, isa qabdu jabeessii eeggadhu!” (Mul 3:11) jedhu haa qalbifannu!.
#Galatooma
@Singer_Megertu_Official
754
13:38
09.08.2025
Eebbifami
743
15:28
09.08.2025
#Ciree xiqqoo garuummoo miyooftu.
Wangeelli nama geddera.
#gedderamsa bu'uuraa, keessaaf ala namaa, yaadaaf ilaalcha namaa geddera.
#kanaafuu, kiristaanummaan #gedderamuudha malee haalaan #gegedderamuu miti. Ho.Erg.9:1-9 seenaa Paawuloos dubbisaa. Kan gedderametu nama geddera. Bara kana utu ofii hin jijjiiramin hedduutu lallabdoota jijjiiramaa tahe. Paawuloos maal isaatu gedderame? ..........
1. Amalasaaa, ...@@........
2. Eenyummaasaa ....... 3.ilaalchasaaa, qolli ija isaarra ture soomaaf sagada guyyaa sadii booda irraa kufe. Nurraas haa kufu malee. Namni akkuma waamameen guyyaa 3f halkan 3 soome paawulos qofa.
oolmaa gammachuu qabaadhaa.
#ጥሩ ቁርስ ጎራ በሉት
ወንጌል ይለውጣል።
#ስርነቀልና ሁለንተናዊ ለውጥ ያመጣል። ስለዚህ ዉስጥና ዉጭም ይለውጣል። ሐሳብና አስተሳሰብን: አመለካከትንም ይለውጣል።
ክርስትና መለወጥ እንጂ በሁኔታ መለዋወጥ ማለት አይደለም። እየተለወጥን ወይስ የሚንለዋወጥ ነን? #ሐዋርያት ስራ 9:1-9, የጳውሎስ ታሪክ ....
መልካም ዉሎ ይሁንልን።
643
08:07
10.08.2025
play_circleVideo preview is unavailable
DAWIT GIRMA
Beeka Garaankoo...
New Gospel song
@singer_Megertu_Official
426
21:15
11.08.2025
JIREENYA BARABARAA
“Abdiin inni nu abdachiise isa kana; innis jireenya bara baraa ti.”
— 1Yoh. 2:25
➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️✝️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️
Dubbistee hiriyoota keef akka #share gootu shakkii sirraa hin qabu.
Abdiin kiritaanotaa inni jalqabaa fi inni dhumaa,qabeenya qaalii argachuu fi biyya irraa gara biyya biraatti labuu otoo hin taane #jireenya_barbaraa_qabaachuu dha.
Hubadhaa:
Jireenyi barabaraa pheenxee(protestant) ta'u dhaan argamaa lakki,ortoodoksii ta'uudhaan argamaa lakki,Musiliima ta'uu dhaan argamaa lakki,waaqeffataa ta'uu argama lakki mana amantaa kam hordofuun jireenya barabaraa namaaf hin laatamu.
Akkamitti jireenya barabaraa qabaaturee?
Kunoo dubbisii...
👉👇
“Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.”
— 1Yoh. 5:12
“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.”
— Yoh. 3:36
“Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana;# jireenyi_bara_baraa kunis #ilma_isaa_keessatti_argama.”
— 1Yoh. 5:11
Obboloota mana amantaa keessa deddeebi'un jireenya barabaraa namaaf hin laatu;jirreenyi bara baraa waan pheenxee ykn kiristaanaa taateef siif kenama miti kiristoositti amanun itti yoo jiraatte qofa dha.
Of gowwomsuun hin ta'u,dhalootni kun dhaga'uu duwwaan of gowwomsuu qabdan caqasa wangeelaa baay'ee sammuu keessaa waan qabduuf akkasumas,macaafa qulqulluu dubbisuu waan dandeessuuf jireenyi barabaraa argama miti,jireenyi barabaraa kiristoositti amanuu fi itti jiraachu keessan argama.
Dhaga'uu duwwaan,lallabuu,barsiisuu,deddeebi'u duwwaa,faarfachuu duwwaan,dhuga bahuu duwwaan of hin gowwomsiinaa.
“Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of gowwoomsan bin ta'inaa!”
— Yaq. 1:22
“Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha.”
— Yaq. 2:17
@Singer_Megertu_Official
235
14:17
12.08.2025
imageImage preview is unavailable
Guddaadha garmalee
Utuu atin jirree...
Jireenya koo keessa
Akkamiinan darbee
Dhufa an kaleessa
Isa anaan caalee
Guddumaa keen caaltee
Na keessa jiraatta
Bara kan koo dhaaltee
Jechuma hin qabu
Na hanqataaf malee
Ati hin ibsamtu
Guddaadha garmalee
𝐘esuuskoo!
#Qaroo_Waamaraa
╔════════════╗
➡️Qaroo_Waamaraa💌
╚════════════╝
♻️Join & 🔗SHARE
👇👇👇👇👇👇👇
#Qaroo_Waamaraa
103
18:58
12.08.2025
close
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeenold@******.io
On the service since June 2022
18.07.202508:53
5
Everything is fine. Thank you!
Show more
Channel statistics
Rating
17.6
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
2
Subscribers:
11.9K
APV
lock_outline
ER
4.1%
Posts per day:
3.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий