
Get clients in any niche!
Delegate the launch of advertising to us — for free
Learn more
12.5

Advertising on the Telegram channel «Oshoo»
5.0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$3.60$3.60local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
Kanaan Maal Jettu😳
Sooreessa addunyaa kanaa kan ta'e Elon Musk, jaalalleen isaa duraanii Amber Heard kan jedhamtu jaalallee haaraa Twitter irratti erga argatteen booda Twitter irratti isa block gootee kunis akka addaan ba'an isaan taasisee. Wanti kunis Elon Musk baayyee aarse.
Kanaaf irra deebi'ee wanta kana itti yaaduudhaan, Elon Mask Twitter guutumaan guututti bitee, jaalallee isaa duraanii fuulbarruu ykn Twitter irraa block godhee maqaa isaa "X" jedhee itti moggaasee, dhiibbaa isaa hubattee akka yeroo hunda isheen kana yaadaa jiraattu godhe.😁
Maqaan X jedhu kunis dhimmuma kanaan kan wal qabatu natti fakkaata. X si godheera jechuudhaaf🤣
Qarshiin jiraannaan......
Join: https://t.me/Dinqisiisooadunyaa
1434
12:43
02.05.2025
GAAFFII:Akka Oromootti waayee dhaloota kanaa kitaaban osoo barreessitanii mata duree maal jettu?
Ani:”DHALOOTA QISAASA’E ykn CARRAAQAA CARRAA DHABE”n jedha.
Mee isinis dhugumaan miira keessa keessan jiru, waldhaansoo onnee fi sammuu, lola foonii fi lubbuutirraas haa ta’u galaana yaadaa fi yaaddoo daakaa jirtan irraa akka nama bara kana muudateetti mata duree kitaaba barichaa ibsa jettan barreessaa?
2111
11:02
01.05.2025
imageImage preview is unavailable
Ilaalcha falaasama ooshoo lakkaa'aamee hin dhumne lakkoofnee as geenye
Filoosooferiin hindii oshoon akka jedhetti gammachuu,gaddaa fi sochii kee keessatti amanamaa taanaan,namoota halkanii fi guyyaa si gargaaranii fi daandii kee irra deeman argatta.Yeroon daandii jalqabu kophaa koon ture.Harra garuu namoonni daandii koo hordofan baayyeedha.Ergasii imalli koo addunyaa ta'eera jedha.
Dhuguma ani nama tokkoyyuu daandii qophummaa koo irratti hin geeffanne.Garuu,waan onneen koo naaf heyyame gochuu irraa duubatti hin jedhu.Dirqamni koo ajaja nama addunyaa irraa jiraatu kamuu eeguu osoo hin taane onnee kooti.
Dhugumatti wanti ani isinitti himu yoo jiraate of hin morminaa.Of mormuun of ajjeesuudha.Gaafa ati of kabajjee of fudhattu,namnis jaalalaan si simata.Dirqamni kee of dhaggeeffachuu fi ofitti amanuu ta'uu qaba.Gaafa kana addunyaan harka siif rukuttee si simatti.
#Ooshoo
1864
07:33
30.04.2025
Waggoota kumaatama hedduu dura waayee dhalachuu isaa karaa Raajii beekamaa Nostera Damus kan dubbatame oshoon, akkuma garaa haadha isaa keessaa baheen wantoota nama ajaa’ibsiisan hedduu agarsiisuu eegale. Innis gaafa dhalate guyyoota sadiif aannan hodhuu dhiise; kanarraa ka’anii maatiin isaa hedduu dhiphatani.
Keessumattuu ogeessonni fayyaa “mucaan kun erga harma hodhuu dhiisee akkamiin lubbuudhaan tura?” jechuudhaan fala hedduu dhahuu eegalani. Taatee kana oshoon yeroo duuka buutota isaa barsiisaa ture, akkas jechuudhaan kaasee dubbataa ture “haadha kiyya wanta ta’e tokko gaafachuu dandeessu; sababnisaa isheen achi turte; ergan dhaladhee booda, guyyoota sadiif aannan homaayyuu hin dhugne. Hundumtuu dhiphatee bitaa itti gale.
Ogeessonni fayyaa mucaan kun aannan erga dhuguu didee akkamiin lubbuudhaan tura? Jedhanii dhiphatani.Haa ta’u iyyuu malee rakkoo kiyya hin beekan ture. Rakkoo akkamii akka natti uumaa jiran wanta beekan hin qaban ture. Karaa isaaniif danda’ameen na dirqisiisuuf yaalu. Animmoo kana karaan ittiin ibsuufii danda’u yookaan immoo rakkina koo ofuma isaanii karaan bira gahan hin jiru” jechuudhaan taatee sana bifa ogeessota fayyaa sana qeequun dubbata!
Oshoon akkuma dhalateen daa’imummaa isaatti akka warra akkoof akaakayyuu isaa biratti guddatuuf gara isaanii geeffame; akkuma achi gaheen isaan biratti guddina eegale.Akaakayyuun isaaf akkoon isaa hacuuccaa tokko malee waan guddisaniif, mana barumsaa illee akka deemuuf hedduu isa dirqisiisuu irraa of qusatu ture.Akaakayyuun oshoo nama tapha chiizii taphachuu jaallatu yemmuu ta’u ooshoon akaakayyuu isaa kanaaf wantoota hedduu kaasee qeeqaa ture.
Innis akaakayyuu isaa kanaan “maaliif tapha kana yeroo hundaa taphattaa?” jedhee yemmuu gaafatu akaakayyuun isaas “yeroo ittiin ajjeesuudhaafi” jedhee deebisaafii ture. Kana booda oshoonis deebisee, “Hamma umuriin kee deemaa jira; ati garuu yerookee ajjeesta akka yeroo ajjeesaa jirtu hin yaadduu? Waan hin hubanneef ati akka yeroo ajjeesaa jirtu dubbatta. Yeroo maal akka ta’e illee hin beektu. Eessa akka jirus hin beektu.Mee yeroo qabiitii natti agarsiisi” jedhee itti falmaa ture.
Osuma haala kanaan jiranii oshoon yeroo waggaa torba ga’u akaakayyuun isaa du’aan addunyaa kana irra boqotani.Du’aan boqochuun akaakayyuu isaa jireenya oshoo kan jijjiireefi hedduu kan isa gaddisiise ture. Kanas deddeebiidhaan innumti mataan isaa dubbataa ture. kitaaboleen waa'ee isaa kaasan illee ni addeessu!
Sana booda akka madaatti osoo kan isa dhukkubse erga akaakayyuun isaa du'ee booda gara maatii isaatti deebi’uu ture. Sababni isaa immoo oshoon abbaa isaa biratti deebi’uun jireenya isaaf abbaa isaa gidduutti wal dhabdeef falmii jajjabduu uumaa akka ture irra deddeebiidhaan dubbata.
Akkuma maatii isaa biratti deebi’een gara mana barumsaa amantaa deemuu eegale. Akkuma mana barnootaa sana deemuu eegaleen dhiibbaa garaa garaa geessisuu fi hooggantoota amantaa sanaaf gaaffii isaan deebisuu hin dandeenyeef yaada isaan hubachuu hin dandeenye kan isaan akka fanjii sodaatan itti kaasuun isaa namoota hedduutti gaaffii uumuudhaan, daa’imummaa isatti ajaa’ibsiifannaa jabaa akka argatu isa taasisee jira. Kanuma irraa maqaa dabalataa “Raajineesh‟ jedhamu baheef. Innis maqaa haaraa jabinaaf bilchina umurii kanatti inni mul’ise irraa ka’uun namoonni baasaniif kana jaallatee fudhate.Namoonnis yeroo hedduu ittiin waamuu eegalan innis maqaa sanaan waamamuu isaatti gammade. …….
Kutaa 3ffaan itti fufa..
@Ooshoo_Officiall
1543
06:28
30.04.2025
imageImage preview is unavailable
WOW 😧
Suurawwan Kun akkamiin haala Kanaan edit ta'an?
Icciitii isaa baruuf 👇👇👇👇👇
👉👉 @PhotoEditing_pro 👈👈
@photoEditing_pro
👆👆👆👆👆👆👆👆👆
Step isaa hunda waliin
254
19:43
29.04.2025
Seenaa jireenyaa Oshoo kutaa 2ffaa
Bara 1503 biyya Faransaay Roomee walakkaatti namni jabaan tokko dhalatee ture. Maqaan isaa “Miishaldi Nostera Damus‟ jedhama. Namni kun ogeessa fayyaa beekamaa yoo ta’uyyuu, addunyaa kana irratti kan inni ittiin beekamu raajii isa kan gara fuulduraatti ta’uuf jiraniinidha.
Wantoota inni dubbachaa ture akkuma ergamoonni yesuus Kiristoosii fi raajonnii bara kakuu moofaa kanneen akka Daani’eel, Isaayyaas, Eermiyaas, Hisqeel, Haagee, Milkiyaas, Mikiyaas, fi kanneen biroo innis wantoota garaa garaa raajaa ture. Addumatti wantoota inni raaju waan fuulduraatti ta’u irratti xiyyeeffata. Raajii isaa kanaanis fudhatama guddaa argatee jira; namootaaf beektota addunyaa biratti maqaa dabalataa “Nama boruu” jedhu horachuu danda’ee jira.
Noostera Daamus
Noostera daamus kan inni raajaa ture keessaa, kanneen bahan “kitaaba miliyeena” jedhamuu danda’anii jiru. Wantoota inni raajaa ture irratti hundaa’uudhaan kitaabileen baay’inaan miliyoona tokko ta’an barra’aanii jiru. Kitaaba kana keessatti kanneen ka'an keessaa hedduun isaanii waa'ee Oshoo irratti kan hunda’aaniidha.
Kitaabilee kana keessatti kan inni dubbate waa'ee tuffii amantaa haaraa ni eerama. Amantaan haaraan kun immoo “ol aantummaa hafuuraa nama dhuunfaa meditation)” kan jedhu yemmuu ta’u, Kanneen keessaa yoo ilaallu “Amantaan haaraan kun addunyaa maraa irratti ni babal’ata; amantaan haaraan sun jireenya bifa haaraan fudhachuu barsiisa.
Addunyaa hundumaa abbaa qabeenyaa sammuu bilisoomee taasisa amantoota, gosaafii amantaa tokko taasisa” kanneen jedhan akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya. Kan biraammoo nostera damus Waayee gochaa Adolf Hitlar lammiilee yihuudii irratti raawwate dursee nama dubbachuu dandae’edha!
Noostera Daamuus waayee amantaa haaraa, waa'ee barnoota isaa fi waayee barsiisaa afuuraa isa haaraa raajii isaa keessatti dubbateera. “wantoota kanneen kan hojjetuuf kan raawwatu akkasumallee kan barsiisu gara Eshiyaa kanaa ni dhufa maqaan isaas urjii faana kan wal qabate ta’a” jechudhaan illee raajee ture.
Hammas itti fufee gaafa raaju “Gurri namoota hedduu haasaa mi’aawaadhaan guutamu; dubbataa guddaaf beekamaa ta’uu isaarraa kan ka’e bartee amantaalee falaasamaan agarsiisuudhaan qabeenya oogummaa dhokataa cinaa amantaalee garaa garaa jiru salphaadhumatti lallaba” jechuudhaan raajiin kun dubbachuu isaa beekamaadha!
Kana malees “namoonni haasaa warqee waa'ee dhugaa dubbatamu dhaggeeffachuudhaaf hedduu hawwu. Fala falmisiisoo ta’an fayyadamuudhaan namoota kakaasa. Kanumaan hir’ina yaadaa kanneen qabanif ragaa dhibbaa dhibbaa dhiyeeffachuuf warra rakkatan amantaalee addunyaa kanaa ni jeeqa sodaallee itti uuma.
Nama tokko tokko bilisa baasee gara jireenyaatti geessa. Dhala namaa rakkina keesssaa baasee gara jireenya bilisaatti baasuudhaaf karaa dheeraa deema” kanneen jedhaman raajii Nostera Damus raaje keessaa ka’uu danda’u! namni kun immoo kan har’a ilaalchi falaasama isaa adduunya kana irratti beekamtii jabaa hore OSHOO yookaan immee Raajinesha nama biyya hindiiti.
Walumaa galatti nostera daamus wantoota inni raaje hedduun kan raawwataman yoo ta’u kan fuulduratti raawwataman illee eeramanii jiru.Waan hundumaaf iyyuu seenaa nama kanaa kan dhalachuu isaa dura akka dhalatu karaa raajii biyya Faransay dubbatame kanaaf seenaa isaa gabaabaa akka armaan gadiitti haa ilaallu.
Oshoon yeroo ijoollummaa isaa Maqaan dhalootaa isaa kan Abbaan isaa baaseef “Chaandiraa Mohaanjee‟ jedhama; hiikaan maqaa kanaa “gooftaa urjii” jechuudha.Jecha gooftaa urjii jedhu kana kan noostera Daamus “maqaan isaa urjii faana wal qabata” jedhee dubbate sana akka mirkaneesse asumaan hubachuu qabna!
Kan inni dhalate akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1931 biyya Hindii keessattiidha. Abbaan oshoo daldaalaa huccuu yemmuu ta’u, ilmi isaanii chaandiraa mohaanjeen ilma kudha tokkoffaa isaaniiti. Seenaan maatii oshoo jireenya isaa keessatti dhiibbaa akka geessisee oshoodhumti mataan isaa lallaba isaa fi kitaabolee seenaa isaa caqasan hedduu keessatti ni eerama.
JOIN:👉@ooshoo_officiall
1551
19:33
29.04.2025
imageImage preview is unavailable
✅ Kana booddee hojiin dhabe jechuun hafeera
📣 Online irra teessee karaa ittiin maallaqa argattu barachuuf ammuma join godhi
🔥 Ammuma Bakka Join jedhu tuquun itti dabalami
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
1318
19:03
29.04.2025
“raajinesh” yookaan kan addunyaan maqaa “oshoo‟ jedhuun beekamuu gabaabinaan keessee jirti dubbisaa!
Addunyaa kana irraa ilaalcha garaa garaatu jira; isaan kanneen keessaa, ilaalcha amantaa, ilaalcha siyaasaa, ilaalcha uumamuu dachee kanaa yookaan aardii kanaaf kanneen biroo hedduu kaasuu dandeenya.Akkuma ilaalchonni garaa garaa addunyaa kanarra jiran namoonni ilaalcha addaa addaallee hedduu isaaniitu dachee kanarra jira. isaan kanneen keessaa addunyaan kan maqaa isaanii adda dureen kaaftu yoo fudhannee kanneen akka sooqiraaxiis, philaaxoos, shiro dinger, oshoo, buudihaa fi kkf kaasuu dandeenya.
Namoota falaasamaan beekaman keessaa kan adda durummaadhaan ka’u yoo kaasnu osho (Raajinesh) nama isa jalqabaati. Akkasumallee kitaabni isaa wantoota hedduun irratti kan haasa’amuufii namoonni amantaa garaa garaa hordofan kan isa balaaleffatan oshoon jechoonniif ilaalchonni isaa hedduu nama raaju.Gara biyya keenyatti yeroo hedduu maqaan oshoo gaafa ka’u namoonni hedduun kitaaba isaa dubbisanii maraachuu, akkasuma illee amantaa isaanii jijjiirrachuufi amantii qabaachuurraa walaba akka ta’an hedduminaan dubbatama.
Qabatamaan illee kan mul’atan ni jiru; Kunimmoo ejjennoo dhabuu nama kitabaa sana dubbisuuti malee, kitaabni tasumaa dhukkubbii sammuu (maraatummaa) gosa kamiifiyyuu waan nama saaxilu miti.
Yeroo tokko tokkoo dhaabbileen amantaa kitaabilee falaasamaa dubbisuu waan sodaataniif, nama kitaaba sana barreesseen “seexana‟ jedhu. Yoo barbaadaniis “hafuura haamaadha inni‟ jedhanii kitaabilee falaasamaa hedduu akka namni hin dubbisneef nama dhorku.Isa kanaaf immoo kitaabileefii namoonni falaasamaa gaafa deebisan “falaasama jechuun garbummaa yaadaaf amantii kan sammuun dhala namaa itti garboome keessaa waanta nama baasuuf tattaafatudha” jedhanii kaa’u.
Walumaa galatti falaasama jechuun abukaatoo yookaan immoo falmaa Sammuu dhala namaati.Jechoonni namoonnii falaasamaa dubbataniif barreessan falmii sammuu dhala namaa ilaalcha amantaalee fi dhaabbilee amantaa nama bituuf tattaafatan jalaa ittiin baasuudhaaf dubbatamanidha malee, gochaa badiif jecha badii nama mancaasan akka hin taane namni kamuu hubachuun barbaachisaadha.
Namoonni amantaa garaa garaa keessatti akka abboota amantaatti of ilaalaan sirumaayyuu “Oshoon hafuuraadha” jedhanii yeroo itti isaan odeeffannoo sobaa daddabarsan argaa fi dhaga’aa oolla.Ta’us garuu yoo seenaa oshoo dubbifne, sobuu namoota kanneenii hubachuu dandeenya. Hagamuu dhaabbileen siyaasaaf amantaa ofii hordofan yoo ilaalcha isaanii kan jaalatan ta’eyyuu, hagas mara soba dhugaa irraa fagoo sobuun mataan isaayyuu isaan tuffachiisa……………..
Kutaa 2ffaan itti fufaa…
@Ooshoo_Officiall
1722
17:46
28.04.2025
Seenaa Jireenyaa Gabaabaa Ooshoo
Kutaa 1ffaa
HUBACHIISA
Jechoonni amantaaf ilaalcha amantaa adduunya kanaa balaaleffatan kanneen as keessatti eeraman kan oshoon dubbateedha. Seenaan as keessatti barra’aan kallattiidhaan kan hiikaman osoo hin taane kitaabilee Oshoo hedduu kan afaan biroon barra’aan keessaa kan walitti coramanii, Afaan oromootti hiikamaniidha!
Dabalataan Immoo kitaabni tokko seenaan isa keessatti eeramee jiru gaafa Afaan biraatiin dhiyaatu “Hiikame” yoo jedhamu, kan kitaaba sana hiikes Barreessaa kitaabichaa osoo hin taane, nama kitaabicha hiikeedha. Kanaaf kitaaba Kana kitaabilee Afaan biroo keessa walitti funaannee gara Afaan keenyaatti waanan hiikeef ani nan hike malee hin barreessine; barreessaa kitaabichaa ta’uudhaaf seenaa sana deemee qorachuuf ofii kiyyaaf lafaa kaasee barreessuutu narraa eegama! Seenaa Afaan biraan barraa‟e afaan biraatti namni hiike barreessaa hin jedhamu!
DHAAMSA
Akkuma beekamu oshoo namni jedhamu lammiin hindii kun amantaa garaa garaafii dhaabbilee siyaasaa kamuu kan qeequuf namoota hayyu duree dhaabbilee amantaa garaa garaa ta’an nabiyyuu mohaammad, iyyesuus kiristoos, budihaa fi kanneen biro nama qeequdha. Kanarraa ka’uudhaan namoonni hedduun akka isa balaaleffatan beekamaadha. Gituma kanaatiin gama biyya keenyaa kana keessaas namoota kitaabilee isaa dubbisaniif hin dubbisne dabalatee hedduun ni balaaleffatu; akkasumallee barjaalee dhaadannoo amantaa “diinaakee akka mataa keetti jaaladhu jedhu baatanii osuma deemanii oshoo balaaleffaachuudhaafi jibbuudhan kan beekan namoonni hedduun suura isaa gaafa argan maqaa hedduu irra kaa’u.
Maqaalee namoonni hedduun oshoo irra ka’an keessaa yoo muraasa ilaalle “inni seexana, inni afuura” kan jedhaniif fi kkf akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya.Haa ta’u gara yaada mataa kiyyaatti gaafan dhufu kitaabni nama oshoo jedhamu kanaa kanaan dura tasumaa afaan oromootti hin hiikamne akkasumas, akka hin hiikamneef namoonni amantaa hedduun suura isaallee ni balaaleffatu; haa ta’u malee garuu namoonni kunniin kitaabilee nama kanaa keessaa kam akka dubbisan yoo gaafataman garuu tokkollee eeruudhaaf dandeetti hin qabani.Kitaaba kana balaaleffachuun waan furmaata hin taaneef dubbisanii yaada yaadaan mo’uu wayya malee, callisanii kitaaba baqachuun wallaalummaadhaaf siidaa dhaabuudha!
Isa kanaaf ani akka dhuunfaa kiyyaatti kitaaba kana kan biraallee hiikeen jira; isaan kun yaadaa isaaf ilaalcha falaasama isaa kanneen ta’an gara fuulduraatti gama kitaaba (hard copy) tiin maxxansuudhaaf haalduree xummureen jira; gaafan kitaaba nama kanaa hiiku garuu yaada isaa dhibbaa dhibbatti kanan deeggaru osoo hin taane, uummanni keenya falaasama addunyaan kun raajeffattu dubbisuu akka qabu waanan barbaaduufiidha.
Kanaaf akkan jibbiinsa amantaa garaa garaa irraa qaburra ka’ee hiiketti hin fudhatiinaa! Akkasumas ani toora namoota ilaalcha oshoo fudhatanii itti jiraatanii akkan hin jirre asumaan isin hubachiisuun fedha. Sababnisaa ani waan na baasuuf na nyaatu aleelladheen beeka! Fuulduratti garuu kitaaba falaasama isaa qabatanii jiran kanneen birootiin walitti deebina; dhaabbileen amantaa kamuu kana na dhorkuudhaaf waan mirga hin qabneef namni tokko dhaabbilee amantaa bakka bu’ee kana na falmuudhaaf yoo dhufe akkan hin simanne asumaanin dhaammadha!
SEENSA:
Addunyaa kana irratti taatee uumamu kamuu namni tokko dubbatee ture. Namni kunis “noostira damus” jedhama haa ta’uutii namni kun ajjeechaa Hitler raawwateef dhufaatii dhukkuboota garaa garaa hundumaa bara kudha shan soddomoota keessa dubbatee ture. Isaan kana keessaa akka fakkeenyaatti kan kaasnu dhukkuba bifa madaatiin namatti bahee uummata hedduu fixe, kan Waloo Beekamaan Oromoo Doktor Zalaalem “du’a gurraacha” jedhee walaleesse akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya.
Akkasumaas namoonni adduunyaa kana irratti dubbatamuuf yaada ajaa’ibaa maddisiisan hedduun akka dhufan illee dubbatee ture.Namoota ajaa’ibaa addunyaa kanaa keessaa kanneen akka vooneej kan kitaaba isaa sarara lama qofti dubbifame, oshoo kan haasaaf barsiifni isaa addunyaa kana raase kaasuu dandeenya.Hundumaaf iyyuu kitaabni kunis seenaa
1878
17:46
28.04.2025
Namoonni seenaa oshoo hin dubbisin jirtan yeroo lammaaffaaf irra deebiin harra galgalaa eegalee kan isin dhaqqabsiisu ta'a.
1894
10:54
28.04.2025
close
Specials
Active Channels

Channels
4
24.4K
lock_outline
CPM
lock_outline$$ 12.60
$$ 11.34
-10%
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeennew@******.io
On the service since June 2022
14.01.202514:38
5
Everything is fine. Thank you!
Channel statistics
Rating
12.5
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
1
Subscribers:
10.7K
APV
lock_outline
ER
8.6%
Posts per day:
1.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий