
Get clients in any niche!
Delegate the launch of advertising to us — for free
Learn more
12.4

Advertising on the Telegram channel «MOO'AMEE HINGALU»
5.0
Psychology & Relationships
Language:
English
112
0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$3.60$3.60local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
GONKUMAA ABDII HIN KUTIN!!!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ "Rakkattee osoo hin milkaa'in haftee yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture."
■ Dubbiin kun dhugaa dha.
• Maalifan milkaa'uu dhabee?
• Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?
• Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irratti fi Waaqa irratti hin kaasin!
• Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a.
Fakkeenya tokkon siif fudhadha.
■ Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer waan beektu natti fakkaata. Inni bara isaa waggaa 38 jiraate keessatti mirga walqixxummaa gurraachotaaf falmu hoogganaa ture. Sababa kanaaf yeroo baay'ee mana hidhaatti darbatamaa akka ture rakkinni gurguddaan isa irra gahaa akka ture beekamaa dha. Haa ta'u malee mirgi gurraachotaa kabajamee, warri adii fi gurraachonni mirga walqixaa qabaatanii akka jiraatan osoo hin argin lubbuun isaa addunyaa kana irraa namoota badiin dabarte. Garuu inni ofii isaa rakkachaa turee milkaa'ina rakkoo isaa osoo hin argin du'u iyyuu, har'a ilmaan isaa bu'aa rakkina isaatii dhamdhamaa jiru.
■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!
Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.
Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.
■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!
■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.
■ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee, karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.
■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e, jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.
■ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha.
■ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa, waan darbe irraa barachaa, karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa, karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.
■ Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa'inaa ti.
• Jireenya kee jijjiruuf sammuu jijjiiramaan har'a jijjiirama eegali!
66
04:22
02.05.2025
MAALIF DHALATTEE??
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
★ Dhalli namaa kan gara biyya lafaa kana dhufeef rakkoo furuu fi addunyaa kana babbareechee tottolchuu fi qajeelchufidha. Addunyaan har'a akka kanatti bareeddee arginu kun ilmaan namaatiin tottoltee keessa jiraataa jirra.
Abbootiin amantaas dhalli namaa gara biyya lafaa kanatti kan dhufeef Waaqayyo isa waan mara uumee, namas uumeef galata dhiheessuu fi tajaajiluufi jedhu.
✪ Maarree atis kan as jirtuuf kaayyoo uumamteef beektee, fiixaan baasuu fi rakkoo namoota rakkisaa jiraniif furmaata taatee jiraachuuf! itti gaafatamummaa kee bahuufidha.
✪ Ati biyya lafaa kana irra hamma jiraattutti mataa kee qofaaf hin yaadda'in! Of qofaaf hin jiraatin! Namoota hundaaf gaarii yaadi!
✪ Namoota dadhaboo naannoo kee jiraataniif wantoota isaan dadhabaniif dadhabbii baasi!
✪ Wanta qabduun namoota harka qal’eeyyii ta'an bira dhaabadhuu gargaari!
✪ Gaafa ati gaarii namaaf yaadde Waaqnis gaarii siif yaada!
✪ Gaafa ati jireenya namoota rakkataniif yaaddu Waaqni jireenya keetiif siif yaada.
✪ Gabaabumatti ati gara bal'eessa ta'i! +ve mind qabaadhu! Iccitiin milkaa’inaa as keessa jira. Galatoomaa!
48
04:10
02.05.2025
OF TA'UUN MAALI?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✧ Of ta'uun barbaadanii of argachuudha. Yeroo baay'ee rakkoon nama taanee namaan tuffatamuu keenyaa inni guddaan of barbaaduu dhabuu keenya. Of barbaaduun eenyummaa ofii qorachuuf, dandeettii ofii sakkata'uuf, hubannoo fi ogummaa qaban adda baafachuuf tattaaffii godhamuudha. Barbaadanii bakka jiran of arguun immoo kabajamuu, milkaa'uu, ofirra darbanii dhalootaaf ta'uu fida.
✧ Addunyaa kana irraa balleessaan nama namaan tuffatamee tuffii keessatti hafee inni guddaan, barbaadee of argachuu dhabuudha.
✧ Namni of argate, barcuma abbaan arge lafa fedhiisaa
kaa'eef irra taa'a osoo hin taane, bakka taa'uu qabuu fi teessuma irra taa'uu qabu adda baafatee beeka.
✧ Nama of argate jechuun, nama nama biraa ta'uu yaalu osoo hin taane nama ofta'edha. Akkas jechuun of hin taanu taanaan nama hin taanu, nama hin taanu taanaan, namaafis hin taanu. Ofiif taanee dhala namaaf ta'uuf OF TA'AA NAMAA haa taanu!
52
02:42
02.05.2025
Wanti Ati Injifachuu hin Dandeenya Maalidha?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
DEEBII: Yaada ati Rakkoo ilaalchisee qabduudha.
➛ Rakkoon rakkoo ta'ee kan hafu gaafa ati akka rakkootti ilaalte qofadha.
➛ Rakkoon siif carraa itti qaramtee baatu ta'uu qaba.
Carraa ati itti mul'ata kee dhugoomsitu ta'uu qaba.
➛ Jireenya kee keessaa wanti baay'ee cimaan, wanta ati akka cimaatti ilaalte qofaadha.
➛ Wanti baay'ee cimaan si mataa kee malee rakkoo si qunname miti. Anatu rakkoo CAALAA cimaa dha jedhi of amansiisi!
➛ Ati rakkinaaf hiika addaa kennuu qabda.
Toomaas Edisoon, "Si'a baay'ee kufuun koo anaaf karaa fiixaan ba'iinsaa naaf ta'e" jedhee dubbata.
➛ Si'a baay'ee kufuun isaa nama guddaa ta'uutti isa fide.
➛ Maalif rakkinni na qunnama jechuun maaliifan NAMA ta'aa jechuudha.
➛ NAMA ta'uuf rakkina keessa darbuun dubbii dhumaati.
83
06:44
01.05.2025
◈ Ka'uumsa kee jijjiiruu dhiisuu dandeessa. Jireenya FUULDURA kee jiru garuu jijjiiruu ni dandeessa!...✍️
◈ Moo'ataa ta'uun carraa harka kee jiruudha! Kanaaf jabaadhu milkeessaan waaqaa...✍️
64
06:37
01.05.2025
➨ Hiyyummaa jibbi! Baqadhu!
➨ Milkaa'ina jaaladhu!
▬▬▬▬▬▬▬▬
Saffisni fiigicha namaa yeroo baay'ee dheebuu waan bira ga'uu barbaaduu yookiin immoo jibba/sodaa waan jalaa bahuu barbaadu irratti qabuun murteeffama.
➲ Namni yeroo waan tokko jalaa baqatu humnaa fi dandeettii qabu maratti fayyadamee fiiga!
➲ Akkasumas immoo namni yeroo dheebuun waan tokkoo isa keessa guutu, akkuma kana #humna hin qusatu!
➊. Hiyyummaa garaa kee guutudhaan yoo jibbite ammuma baqattee keessaa bahuuf humna argattee tarkaanfii eegalta.
➋. Milkaa'ina jaalattuuf dhuguma of qopheessuuf, dheebuun kee, yaadni kee, abjuun keetis yeroo hundumaa galma kee irra haa ta'u!!!
➲ #Naappooliyoon_Hill kitaaba isaa "Think And Grow Rich" jedhu keessatti akkas jechuun kaa'e, "Jalqabni milkaa'ina waan hundumaa dheebuu (fedhiidha). Xumurri milkaa'inaa immoo waa'ee mataa ofii beekuu, waa'ee namoota biroo beekuu, seera uumamaa fi gammachuun maal akka ta'e hubachuudha."
60
06:24
01.05.2025
Gorsa Koo!
Seenaa Nick kana irraa!
Kutaa 3ffaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Mee ati maal hin qabdu? Miila ittiin deemtu moo kophee ittiin deemtu hin qabdu? Harka ittiin hojjatani moo hojii hojjatan hin qabdu? Sammuu ittiin yaadanii? Fayyaa fi nageenya guutuu dhaa kan ati hin qabne? Moo isaan kana hunda osoo qabduu Waaqa komachaa jirtaa? Isaan kana qabda taanaan mee komii Waaqaa dhiisi sirriidhaa. Isaan kana dhabuu keetiinis immoo kan ati ta'uuf dhalattee osoo hin ta'in akka ati hin hafneef immoo kunoo ragaan tokko jira isa irraa baradhu malee gonkumaa abdii hin kutatin!
➲ Jaalalli dhugaa immoo daangaa akka hin qabne jaalala Nick fi haadha manaa isaa 'kanae miyahara'n irraa baradhu! Haallii fi wanti nuti ulaagaadha jennee toora galchinu hundumtuus isaan hin madaalamu. 'Kanae Miyahara' ishee ijji ishee jaalala akka ilaalamuu qabutti ilaalte irraa baradhu! Dhugummaan jaalala dhugaa keessa gammachuu dhugaa fi jireenya milkaa'iinsaan guutetu burqa, isas maatii kana irraa hubadhu!
❏ Waan asirraa hafe isinuu dubbisa irraa ni argattu jedheen yaada, yoo naaf mijate kitaaba inni qopheesse pdf dhaan telegram kanumaa irratti isiniif maxxansa.
❏ Waan dubbistanii share gootaniif galatoomaa!
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
46
06:14
01.05.2025
Seenaa Nick Vujicic
Kutaa 2ffaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Kutaa 1ffaa namoonni hin dubbisin jirtan
join godhaa dubbisaa!
→→→→↓↓↓↓↓
❏ Haasaa Nick waltajjii irratti haasaye irraa.
❏ Akkan irraa baradhe, irraa baratta jedheen amana!
Obsaan dubbisaa!
Nick: "Daa'ima waggaa saddeetii ta'een of ajjeesuun anarra jira jedheen yaade.
Sababni isaas abdii hin qabu ture, kanaaf harka kennuun yaale abdii kutachuu. Yennaa umriin koo kudhan gahu bishaan mana keessa jiruun of ukkaamsee of ajjeesuuf yaalin godhe. Abbaa kootti, "bashannanuu barbaadeenin" jedheen, garuu dhugaan jiru ani jiraachuu hin barbaanne ture. Na gaheera ture. Namoonni waan gadi na qabaniif jireenyi baay'ee natti ulfaate. Ani nama guutuu fi gaha akkan hin taane amanuun eegale. Nama dadhabaa fi kufaa akkan ta'e amanuun eegale. Nama namoonni jaalatan yookiin sifeeffatan tasumaa ta'uu akkan hin dandeenye amanuun eegale. Haalan keessa ture jijjiiruu hin dandeenye, guyyaa tokko ganama ka'ee, "harkaaf lukan barbaada, harkaaf luka naaf kenni!" jechuu hin dandeenye. Gaaffiin qaba, garuu deebii hin qabu ture. Abbaa koof haadha koo "maaliif kun ta'e" jedheen gaafadhe, ogeeyyii fayyaan "maaliif kun ta'e" jedheen gaafadhe. Hin beekani!
➲ Jireenya keessatti wantoonni too'annoo keetiin ala ta'anii ati jijjiiruu hin dandeenye, kan waliin jiraachuuf dirqamtu jiru.
Filannoon qabnu immoo lama; (1) Abdii kutachuu yookiin
(2) Deemsa keenya itti fufuu. Kanaaf yennaa kuftu maal goota? Deebitee kaata mitii, kana namni hundi beeka. Garuu sittan hima yeroon tokko tokko jira kan yeroo kufte deebitee ka'uuf jabina itti dhabdu. Aniin kun akkuma na argitan kana gajjallaa(gadi-jala) kanan jira, lafatti gadi aanee, harkaaf luka hin qabu. deebisee ka'uudhaaf waan hin danda'amne qaba, garuu miti.
❏ 'If I fail I try again, and again, and again. If you fail are you going to try again? The human spirit can handle much worse than we realize. It matters how you are going to finish. Are you going to finish strong?'
➲ Argitee, deebisee ka'uudhaaf si'a dhibba deddeebisee nan yaala, yennaa dhibba yoo naaf milkaa'uu baatee fi naaf hin milkoofne jedheen yoo abdii kute deebisee nan ka'a jettee ni yaaddaa? Lakki, garuu yoo naaf milkaa'uu baate, ammas ammas irra deddeebi'een yoon yaale hamman yaaluu koo itti fufetti yeroo hundaa carraa deebi'ee ka'uu nan qaba. Hamma abdii kuttee harka laattutti kun dhumaa miti, Ammallee carraa qabda. Arrabsamuun, mana caccabaa qabaachuun hammam akka ulfaatu hin beeku, garuu laphee cabe qabaachuun akkam akka ta'e beeka fi kophaa ta'uun maal akka ta'e beeka. Garuu kun dhuma akka hin taane akka beektun barbaada. Haalli ati itti xumurtu murteessaadha. Ciminaan xumurtaa? Yoos cimina itti deebitee kaatu argatta,... Akka ani ka'e kana" jedhee haasaa ajaa'ibsiisaa laphee nama cabsu kana dubbate.
Akkan irraa baradhe, irraa baratta jedheen abdii qaba.
Aniif ati ciminaan xumurraa laata?
➲ waan dubbistaniif galatoomaa! Yoo isinitti tolee jiraate kutaa itti aanu haasaa dinqisiisoo (motivational speach) isaa gaggabaabsee isiniif dhiyeessa!
👀 Stay Tuned!
56
06:10
01.05.2025
NICK VUJICIC
kutaa 1ffaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Nick vujicic jedhama dhalataa Melbourne kan ta'e bara 1982 A.L.A tti dhalate. Wanti adda isa godhu ammoo yommuu dhalatu harkaa fi luka malee dhalate. Garuu wanta ittiin socho'u waan akka lukaa ta'e kan quba lama ofirraa qabdu ni qaba.
❏ ️Nick vujicic namoota bebbeekamoo addunyaan kun dandeettii isaanii ajaa'ibsiifattu muraasa keessa isa tokko.
Dubbii si'eessituu dubbachuudhaan namoota miliyoonan lakkaa'aman gammachiisuun abdii itti horuun beekama.
➲ Qindeessaa olaanaa dhaabbata "Life without limbs" jedhamuuti.
➲ Sagantaalee gurguddoo si'a tokkotti namoonni danuun hordofan kanneen akka "CBC Sunday morning", "life today & orpa's life class" fi kan kana fakkaatan irratti barsiisaa beekamtii fi jaalatamummaa gonfateedha.
➲ Waan nama ajaa'ibu namni kun seenaa dhaloonni kun irraa baratu hedduu hojjachuu irra darbee seenaa jireenya gaa'elaa kan nama raaju qaba.
➲ Haati manaa isaa "miyahara"n nama baay'ee cimtuudha. Innis seenaa jaalala isaa fi jaalatamtuu haadha manaa isaa kitaaba "life without limbs" jedhu dhaloota addunyaaf gumaachee jira.
➲ Jechi Nick waa'ee haadha manaa isaa ilaalchisee jedhe,
"Haati manaa koo nama addaati. Osoo isheen ija keessatti argu qabaachuu baatte taatee, ani silaa nama isheedhaaf abbaa manaa ta'uuf waan ulaagaan na guuchisu tokkollee hin qabu ture. Isheen garuu qaama namummaa koo isa alaan mul'atu, isa akka isheetti tolutti hammatee suuraa kaatu bira darbitee Nick isa dhugaa argatte. Nick isa harkaa fi miila hin qabne osoo hin taane Nick isa waan hundumatti guutuu ta'etuu sammuu fi onnee ishee keessa ture. Jaalalli isheen naaf qabdu daangaa hin qabu..."
Waan baay'ee haasaye irraan gabaabse.
➲ Amma immoo mee waan Haati manaa ('miyahara'n) waa'ee abbaa manaa ishee ilaalchistee dubbatte haa ilaallu
"Nick'n jaalachuuf sababni ani toora galchee isa jaalachuu dhiisuuf warran toora galche irra guddaa caalu. Nick wantoota namni alaan laale hin qabu jedhu muraasa hin qabu, garuu kan namni arguuf rakkatu sana inni ani isa keessatti argee fi Nick qabu lakkaa'uuf yeroon naaf hin gahu, Nick addunyaa kanaaf, dhaloota hundumaaf akka barbaachisu Nick tti amane, dhugaa dubbachuuf namoonni akka isaa kun baay'ee hin jiran.
Kanaaf sanyiin Nick itti fufee jiraachuu qaba kan jedhutu xiiqiin na guute. Sababni ciminaa fi barbaachisummaa Nick tti amaneef jaalachuu koo caalaa kan na dhibu isaan jaalatamuu kooti. Namoonni isheen akkamitti nama akkanaa wajjin gaa'ela dhaabbatte jedhanii na ajaa'ibsiifatanis ilaalchi isaan jaalalaaf qaban waan rakkoo qabuuf qofa.
Jecha kana jechuuf dhiifaman gaafadha garuu namni jaalala ija sirriin ilaalu; humni jaalalaa waan hundumaa irraa adda kan ta'ee fi ala keenyaan wantoota mul'atan qofa wajjin hariiroo akka hin qabne beeka. Warra kana beekaniif ammoo si jaalachuun koo ajaa'ibsiifannaa hin qabu. Ani abbaa manaa qaamni isaa hir'uu wajjin gaa'ela hin dhaabbanne. Ani abbaa manaa addunyaa kanaaf abdii lallabu, isa ilaalchii fi eenyummaan isaa guutuu ta'e wajjin gaa'ela dhaabbadhe..." jette. Hin xumuramne...
➲ Seenaa kana irraa maal hubattan?
➲ Yeroo biraa jechoota dinqisiisoo inni waltajjiilee gara garaa irratti dubbate isiif barreessa yoo kun isinitti tolee jiraate, share godhaa!
HORAA BULAA!!!
Share 👪
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
48
06:10
01.05.2025
imageImage preview is unavailable
Beautiful life, I deserve!
58
06:09
01.05.2025
close
Specials
Educational Channels

Channels
9
73.7K
lock_outline
CPM
lock_outline$$ 28.00
$$ 25.20
-10%
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeenold@******.io
On the service since June 2022
12.02.202512:36
5
Everything is fine. Thank you!
Show more
Channel statistics
Rating
12.4
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
2
Subscribers:
5.3K
APV
lock_outline
ER
0.8%
Posts per day:
6.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий