
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
23.1

Advertising on the Telegram channel «Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage»
5.0
3
Psychology & Relationships
Language:
English
480
0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$3.60$3.60local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
🌹HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 7ffaa
⏩ GAD OF DEEBISUU (part 2)
🔵 Musee fi Sifooraa
⁃ Haati manaa Musee nama Israa'el ta'uu baattullee maatii gaarii keessaa baate. Abbaan ishee Yetroo luba Miidiyaan, nama ogummaadhaan biyya gaggeessudha (Bau. 18:13-23 ilaali). Obboleessi ishee Hobaab jedhama, inni immoo ija Israa'el ta'ee iddoo isaan buufachuu qaban argisiisaa ture dha (Lak. 10:29 ilaali).
⁃ Sifooraan gad of deebifti waan ta'eef utuu Israa'el keessaa hin dhalatin ijoollee ishee dhagna qabde dhiigaan aarii Waaqayyo qabbaneessite. Mana ishee mana haadha hiyyeessaa ta'uu oolchite (Bau. 4:24-26). Gad of deebisuun kun Musee biras jira. Inni nama gara laafessa dha. (Lak. 12:3 ilaali). Inni haadha manaan koo karaa irratti jooruu irra jedhe isheef yaade mana warra isheetti deebise. Abbiyyuun isaa immoo Mucaa isaa caalatti Abbaa manaaf yaadee gara isaatti ishee deebise. Maatii Yetroos ta'ee kan Musee gidduu gad of deebisuutu ture.
⁃ Yeroo gad of deebisnu, sodaachisuun Waaqayyoo nu dura adeema. Musee fuula isaa ilaaluu dadhaban; warri Yesuusin qabuu dhufan gaaf inni "Yesus ana" jedhuun in kukkufan. Namni dhugaatti gad of deebise Waaqayyoof jiraatu in sodaachisa. Gad of deebisuun dhugaa wajjin adeema. Of-tulummaan sobaa wajjin adeema.
🔵 Yesus fi Seexana
✦ Yesus (Filp. 2:3-8)
» Mallattoo gad of deebisuuti.
» Qixxee Abbaati.
» Garbichadha.
» Hamma du'aatti abboomamaa ta'e.
✦ Seexanni: Yoh. 8:44, Isa. 14:12, His. 28:17
» Aangoo/taayitaa jaallata.
» Gad of deebisuu jibba.
» Abbaa fincilaati.
» Abbaa sobaati.
🙏 Waaqayyo gad of deebisuudhaan, inni/isheen anarra caala/caalti jechuudhaanis nu haa eebbisu. Of tuulummaa nu gidduudhaa haa ifatu. Waaqayyo isa ayyaana isaa nuuf baay'isee karaa hundumaan nu gargaaraa jiruuf galanni baraan hin darbine haa ta'uuf. Ameen 🙏
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
826
08:05
29.07.2025
imageImage preview is unavailable
🧠 Yeroo baay'ee durboonni dhoksaadhaan dhiira jaalatan kallattii kamiin miidhamoo ta'u jettanii yaaddu?... .👉 As tuquun Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
701
23:25
29.07.2025
🌹HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 8ffaa
⏩ GAD OF DEEBISUU (part 3)
🔵 Waaqa Naamusaa fi Nagaa (God of Order)
"Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaa ti malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti" 1Qor. 14:33
✦ Waaqayyo Waaqa tooraa, Waaqa tartiibaa dha. Waaqayyo waan hojjetu hundumaa karoora barabaraadhaan itti yaade hojjeta malee, akka namaa ammuma waan itti dhufe kan hojjetu miti.
⁃ Waaqayyo Waaqa Sabrii (Kabajaa) Ta’uun isaa akkamittin beekama?
1) Eenyumma Waaqummaa isaa keessan:
Eenyummaa sadan tokkummaa Waaqayyoo yoo ilaalleef, Waaqayyo Abbaa, Waaqayyo Ilmaa fi Waaqayyo Hafuura Qulqulluu qaamaan adda adda yoo tahe iyyuu, hojiin isaanii marabbaadhaan (harmony) guutuu dha (Mat. 28:19, Yoh. 14:26;15:26 ilaali).
Sadan tokkummaa Waaqayyoo gidduutti gargar bahiinsi, lolli, wal-dorgommii fi jijjiramuun tokko illee hin jiru (Milk. 3:6, 23:19). Wal-diduunis ta'ee wal quuqun gidduu isaani hin jiru. Eenyummaa Waaqayyoo irraa naamusatu baratama.
2) Uumama isaa keessan:
Hawaa (universe) Waaqayyo uume toora qaba. Waaqayyo lafa kana yeroo uume waan hundumaa tartiibaan, duraa duuba isaa eegee guyyaa ja’a keessatti hojjete. Guyyaa torbaffaatti immoo in boqote.
“Ani Waaqayyo guyyaa ja’a keessatti bantii waaqaa fi lafaa, galaana, wanta isaan keessa jiru hundumaas uumee, guyyaa torboffaatti nan boqodhe; …” Bau. 20:11
▣ Inni Aduu, ji’aa fi urjii akka yeroo fi waqtii ittiin beekamuuf uume. (Uma. 1:14-18, Far. 104:19). Galgallis ta’ee ganamnis ta’ee inni jedhu jijjirama baraa fi mootumma wajjin kan hin geddaramne, qajeelfama dhaabbata ta’ee kan itti fufu dha (Uma 1:31).
✦ Naamusni yookiin adabbiin mallattoo jaalalaati! Waaqayyo nu jaallachun isaa kan inni itti mul'atu adabuudhaani. Adabamaa hin jirru yoo tahe ilmummaa keenya irratti gaaffii kaasa.
“...Ilma ko! Gooftichi si barsiisuudhaaf yommuu si adabu, salphaatti hin ilaalin; adabee yommuu si qajeelchus garaa hin kutatin! Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba, nama akka ilmaatti fudhatus in reeba” in jedha.” Ibr. 12:5-6
✦ Adabbiin adeemsa itti Waaqayyo bifa ilma Waaqayyoo, Kristoos nu irratti bocuuf yookiin yaada garaa Kristosin akka qabaannuuf kutaa naamusaa gallu dha. Adabamaa jirra jechuun hojjetamaa, tottolfamaa, miidhagfamaa jirra jechuu dha. Kutaa naamusaa kana yookiin mana miidhaginaa keessatti ulaagaan miidhaginaa ilaalamu Yesus Kristos dha. Waaqayyo nama tokko irra dhimma yoo godhatu ni adaba. Utuu nuuf galee naamusni ni jaallatama malee hin sodaatamu.
⁃ Fakkeenya abboomamuu fi tole jechuu
Hariiroo waliin wajjin qabnu keessatti yaadni garaa keenyaa kan Kristos waliin tokko ta’uu qaba. Bifni Yesus Kristos bifa abboomamuu fi bifa gad of deebisuuti. Wanti Yesus godhe sadarkaa abboomamu isa dhumaati.
"Inni bifa Waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina Waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame. Inni gad of deebisee, hamma du'aatti, hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e." Filp. 2:6-8 🙏
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
825
07:05
30.07.2025
🌹 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 9ffaa
⏩GAD OF DEEBISUU (part 4)
🔵 Waaqa Naamusaa fi Nagaa (God of Order) --- kan itti fufee jiru ---
Musee Kutaa Naamusa Waaqayyoo Keessatti:
⁃ Museen sanyii Leewwii keessaa kan argame bara mootiin Gibxii ijoollee dhiiraa akka du’aniif labsetti kan dhalate dha. Maatii isaan ji’a sadiif mana keessa dhokfamus isa booda garuu kana gochuun waan hin danda’amneef laga Abayyaa biratti gatamee ture. Haa ta’u malee Waaqayyo haala dinqiitiin intala mooticha wajjin walitti fidee, haadhi Musee akka kaffalamaafi guddistuuf haala mijeesse (Bau. 2:1-3)
✦ Erga Waaqayyo Naatan raajicha ergee qalbii jijjiirratee booda:
⁃ Mucaan Baatsheebaa inni jalqabaa ni du’e.
⁃ Amnoon kajeellaa foonii Taamaarin qabamee obboleettii isaa duukaa ciise. Kunis Amnoon akka obboleessa isaa Abishaalomin ajjeefamu godhe.
⁃ Abishaalom saajjatoota Daawit waliin ciise. Yeroodhaaf aangoon mootummaa irraa fuudhame.
▣ Daawit mana barumsaa Waaqayyoo keessatti miidhagfameetu ba’e. Adabbii Waaqayyo irraa erga fudhatee booda yaada Waaqayyoo guyyoota isaa tokko tokkoon akka qabuuf hubate. (Far. 139:16).
Kanaafuu, yaada Waaqayyo guyyaa keenya irratti qabu hubannee, ittiin gaggeefamuuf yoo murteesine naamusa irratti xiyyeefachuutu nu irra jira.
🙏 Yaa Waaqayyo utuu gaa’elaan nu hin eebbisin dura naamusaan nu eebbisi! Waaqayyo gooftaan isin haa eebbisu! 🙌
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
648
07:06
31.07.2025
imageImage preview is unavailable
Divorce isn’t such a tragedy. A tragedy’s staying in an unhappy marriage, teaching your children the wrong things about love. Nobody ever died of divorce
553
23:32
31.07.2025
imageImage preview is unavailable
Qabxiin Qormaata Xumura Barnoota Sad.1ffaa kutaa 6ffaa bara 2017 ifoome. 👉 As tuquun ilaallachuu dandeessu!
👇👇👇
🫱✨ See result✨
🫱 ✨See result✨
👆👆👆
568
11:42
01.08.2025
🌹 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 10ffaa
⏩ Kakuu / Waadaa (Part - 1)
❏ Kakuu kakachuun gocha hawaasa keessatti beekamaa ta’ee fi yeroo addaa addaa gaggeefamuu dha. Namni ogummaa fayyaa baratee yeroo eebbifamu saba isaa tajaajiluuf kakuu seena. Kana qofa miti, namoota qaroomina irraa fagoo jiru jedhaman biras shaakalli kakuu jira. Kakuun aadaa fi amantii kam keessa iyyuu jira.
Addumaan immoo kakuun sirna gaa’elaa keessa ni jira. Kakuun gaa’elaa guduunfaa yookiin chaappaa jaalala mirkaneessutti fakkeefamuu ni danda'a. Kakuun dubbii gati jabeessa waan ta'eef kabajuun, of eeggachuufin, utuu hin ariifatin kakachuun ba’eessa. Sababni isaas kakuun yoo eegame eebba qaba. Yoo cabe, abaarsa fida waan taheef dha.
✦ Kakuu Eenyutu Jalqabe?
✦ Eessatti Jalqabame?
⁃ Kakuu waaqayyootu jalqabe. Kakuun jalqabaas Nohii fi sanyii dhala namaa hunda wajjin dhaabe. Kakuun isaas bishaan badiisaatiin ilmaan namootaa akka hin balleessine dha. Kakuu isaafis akka mallattootti sabbata waaqaa duumeessa keessa kaa'udhaan jabeessee, ittiin of-yaadachiise. (Uma. 9: 10-17 ilaali)
Kakuu haaraa keessatti immoo Waaqayyo abbaan kakuu dhiigaa ilma isaa Yesus Kristosin nuuf seene. Maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu! Kakuu moofaa keessatti dhiiga xobbaallaa hoolaa michichila manaa irratti dibamuun ergamaan du’aa akka bira darbu waadaa galee ture. (Ba'u. 12:21-27 ilaali).
Kakuun haaraa dhiiga Yesus irratti kan hundaa’e dha. (Ibroota. 9:11-15 ilaali). Dhiigni kun seexanaaf doorsisa dha. Nuuf immoo eegumsa dha. Namoota baay’eetu hojii kanatti baaca ta’a. Kun garuu gatii kan nama baasisu dha. Dhiigni Yesus dhiiga gidiraa keessa coccobe, miixuu keessaa kan lola’e dha. Itti hin qoosamu. Gama biraatiin Yesus kan dhufe kakuu Waaqayyo Abrahaam wajjin gale raawwachuufi dha.
“Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu" jedhe. (Uma. 12:3)
🔵 Maaliif Waaqayyo Kakuutti Iddoo Guddaa Laata?
▣ Kakachuun Amala Waaqayyoo dha.
“Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume…” Uma. 5:1
Kakuu cabsuun Sagalee Waaqayyoo cabsuu dha.
“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture…” Yohaanis. 1:1
Akka Yoh. 1:1 tti Sagalichi Waaqayyoo dha. Sagalee Waaqayyo cabsuun immoo Waaqayyo waliin walitti nu buusa. Fakkeenyaf har’a kakuun gaa’elaa sirna do’ii waldaa keessatti gaggeefamu godhamee in ilaalama. Waaqayyo wal hiikuu nan ciigga’a. (Miilkiyaas. 2:16) erga jedhee abboommiin isaa kabajamuu qaba.
“Garuu seerichi kan ittiin caafame keessaa gar tokkoon fidalaa illee hir'achuu irra, waaqnii fi lafti ija duraa baduutu salphata.” Luqaas. 16:17
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
566
17:44
01.08.2025
imageImage preview is unavailable
💥 Ergaalee jaalalaa walitti fufaa argachuuf,...👉 As tuquun Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
499
07:35
02.08.2025
🌹 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
🗓 #Kutaa 11ffaa
⏩ Kakuu / Waadaa (Part - 2)
🔵 Kakuu Cabsuun Maal Fida?
⁃ Kadhannaan keenya Waaqayyo bira akka hin geenye godha:
“…Wanti lammaffaan isin gootan immoo, isa isin imimmaaniin iddoo aarsaa Waaqayyoo dhiqxanii dha; sababii Waaqayyo gara aara aarsaa keessanii ilaaluu didee, gammachuudhaan isin harkaa fudhachuu dhiiseef isin in iyyitu, in wawwaattus. Isin, "Kun maaliif ta'e?" jettanii in gaafattu; Waaqayyo isiniif haadha manaa isin qeerrummaadhaan fuutan gidduutti dhuga-baatuu dha; isheen hidhata keessan, haadha manaa kakuu keessanii taatee utuma jirtuu, isin isheedhaaf amanamuu dhiiftanii ishee in gowwoomsitan. Waaqayyo foonitti, lubbuuttis tokko isaan hin goonee ree? Maaliifis tokko isaan godhe? Sanyii ofii isaatiif kaafachuudhaaf kana godhe; kanaafis jireenya keessan eeggadhaa! Haadha manaa qeerrummaa keessan irraas amanamummaa hin dhabinaa!” Milkiyaas. 2:13-14
⁃ Hojii Harka Namaa Balleessa:
“Isa wareegdu raawwachuu dhiisuu irra, wareeguu dhiisuu siif wayya; Waaqayyoof wareega yommuu wareegdu dafii raawwadhu! Inni warra gowwootatti hin gammadu waan ta'eef, ati immoo akka warra gowwootaa utuu hin ta'in wanta wareegde raawwadhu! Arrabni kee wanta cubbuutti si geessu akka hin dubbanneef of eeggadhu! Ergamaa durattis, "Wanta kana utuun hin beekinan godhe" hin jedhin! Maaliif dubbii keetiin Waaqayyoon dheekkamsiiftee hojii harka keetii akka inni balleessu goota? Abjuu baay'ee fi dubbii baay'ee keessa wanta waa'ee hin baafne baay'eetu jira, ati garuu Waaqayyoon sodaadhu!” Lallaba. 5:5-7
⁃ Abaarsa fida:
Sabni Israa’el kakuu diige waan waaqayyolii tolfamoo duukaa bu’eef wal waraansa hamaatu dhufe hamma gosni Beeniyaamin muraasutti ga’e. (Abboota Firdii 19, 20, 21), Saa’ol sababii kakuu abboota isaa kan Iyaasun saba Giibe’on akka hin balleessineef waadaa gale cabsee isaan fiixeef waggaa sadiif beela jabaatu dhufe. (2Saamu’el. 21, Iyaasuu. 9).
⁃ Kana malees, hubannaa malee kakachuu irraa kan ka'e rakkoon gurguddaa dhufeera. Fakkeenyaf Mat. 14:6-12 yoo ilaalle, Herodis waan mucaan isaa sirbitee isa gammachiisteef miiraan waadaa guddaa seenefii utuu hin jaallatin mormi Yohaannis cuuphaa akka kuchisiifamu ta’e. Kan biraa immoo Abo. 11:30-40 yeroo dubbifannu Yiiftaan waraana dura koo jiru yoon mo’adheef waan jalqaba anatti bahu aarsaan godha jedhee hubannaa malee kakateef mucaa isaa aarsaa dhiyeessuf dirqamuusaa ilaalla. Kanaaf waan ati dubbattu futtaasaa sitti ta’ee kiyyootti akka si hin galchineef of eeggadhu! (Fak. 6:2-4).
"Yoo wareeguu dhabaatte garuu cubbuu sitti hin ta'u. Wanta jaalala keetiin Waaqayyo gooftaa keetiif kennuudhaaf afaan keetiin wareegde, jaalala keetiin waan ta'eef, isa afaan keetiin wareegde kana eegii of irraa baasi!” Keessa deebii 23:22-23
🔵 Xumura
Kakuun dhuunfaattis, nama tokko yookiin gartuu wajjin raawwatamuu mala. Yommuu raawwatamu yeroo kakuun galamu, ragaaleen foonii jiraachuus dhiisuus danda’u, garuu ragaleen hafuuraa yeroo hunda ni argamu. Kakuu kana Waaqayyos, seexannis ni arga. Gareen seexanaa kakuu diiguu irratti hojjeta. Gareen Waaqayyoo immoo kakuu ijaaruu irratti hojjeta. Egaa, ati garee eenyuu taphatta? Waaqayyoo ogummaa nuuf haa laatu.
#Note: Kutaan itti aanu hatattamaan akka isiniif dhiyaatu akkuma dubbiftanii xumurtaniin #share taasisuu hin dagatinaa! 1K+ view yommuu ta'etti Kutaan itti aanu isiniif dhiyaata.
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
495
17:52
02.08.2025
🌷 HARIIROO GAA'ELA KEESSAA
🗓 #Kutaa 12ffaa
🔵 WANTOOTA GAA'ELA AJJEESAN (Killers of Marriage)
1. Dadhabbiin gaa'ela ajjeesa.
2. Shakkiin gaa'ela ajjeesa.
3. Wal amantaa dhabuun gaa’ela ajjeesa.
4. Wal kabajuu dhabuun gaa’ela ajjeesa.
5. Dhiifama gochuu dhabuun, walhadheessuun, jibbi, hammeenyi fi aariin gaa'ela ajjeesa.
6. Falmiin hin barbaachifne gaa’ela ajjeesa.
7. Hiriyaa gaaʼelaa kee jalaa iccitii dhoksuun gaaʼela ajjeesa.
8. Amanamummaa dhabuun bifa kamiinuu gaa’ela (maallaqa, miira, xiinsammuu, meeshaa fi kan kana fakkaatan) ajjeesa.
9. Walhubannaa dhabuun, dandeettiin waliin dubbii gadi aanaan (poor communication) gaaʼela ajjeesa.
10. Sobni salphaatti gaa'ela ajjeesa, gama hundaan hiriyaa gaa'elaa keetiif garaa qulqulluu ta'i!
11. Hiriyaa gaa’elaa kee caalaa warra kee/miseensota maatii kee wajjin walitti dhufeenya qabaachuun gaa’ela ajjeesa.
12. Walqunnamtii saalaa ga’aa dhabuun yookiin gammachiisaa hin taane gaa’ela ajjeesa.
13. Nageenya dhabuun gaaʼela ajjeesa.
14. Garmalee haasaʼuu fi of eeggannoo malee dubbachuun gaaʼela ajjeesa.
15. Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin yeroo xinnoo yookiin daqiiqaa muraasa dabarsuun gaaʼela ni ajjeesa.
16. Garmalee yaada ofiitiin murteessuun gaaʼela ni ajjeesa.
17. JAALALA dhabuun, maallaqa, baasiin hin barbaachifne, naamusa maallaqaa dhabuun gaa’ela ajjeesa.
18. Hiriyaan gaaʼelaa kee gaʼumsa dhabuu isaa warra keetiif yookiin obboloota keetiif saaxiluun gaaʼela ajjeesa.
19. Hafuuratti jabaachuu/cimaa ta’uu dhiisuun, waliin kadhachuu dhiisuun, gaa’ela qofa osoo hin taane jireenya kee ajjeesa.
20. Sirreeffamaa fi gorsa tuffachuun gaa’ela ajjeesa.
21. Yeroo hunda fuula gaddaa mul'isuu fi miira hin taane qabaachuun gaa'ela ajjeesa.
22. Miirri to'annaa malee yookiin ho'aan, aariin gaa'ela ajjeesa.
23. Gahee fi ejjennoo kee hubachuu dhabuun, gaa’ela keessatti akka Waaqayyo hundeessetti itti gaafatamummaa fudhachuu dhiisuun gaa’ela ajjeesa.
24. Fedhii hafuuraa, miira, maallaqaa fi qaama hiriyaa gaa’elaa keessaniif miiraan ilaaluu dhiisuun gaa’ela ajjeesa.
25. Wanti kamiyyuu ejjennoo/nageenya haadha manaa balaadhaaf kan saaxilu yoo ta’e, deebiin isheen kennitu gaa’ela ishee irratti miidhaa ni geessisa.
26. Beekumsa dhabuu & Dubbii Waaqayyoof abboomamuu dhiisuun gaa'ela ajjeesa.
@Marriage_Counseling ☑
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖
📱 Nuuf barreessaa
✍️ @Gaaelabot
385
17:53
03.08.2025
close
Specials
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeenold@******.io
On the service since June 2022
17.02.202523:23
5
Everything is fine. Thank you!
Show more
Channel statistics
Rating
23.1
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
5
Subscribers:
12.5K
APV
lock_outline
ER
3.6%
Posts per day:
1.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий