
Get clients in any niche!
Delegate the launch of advertising to us — for free
Learn more
17.5

Advertising on the Telegram channel «Guca Aartii»
5.0
2
Movie
Language:
English
470
1
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$18.00$18.00local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻 It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches. ⚡️ Place your ad here in three simple steps: 1 Sign up 2 Top up the balance in a convenient way 3 Create your advertising post If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it. Start your promotion journey now!
36
21:03
23.04.2025
imageImage preview is unavailable
Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻
It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.
⚡️ Place your ad here in three simple steps:
1 Sign up
2 Top up the balance in a convenient way
3 Create your advertising post
If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.
Start your promotion journey now!
36
21:03
23.04.2025
imageImage preview is unavailable
Barreessaa ta'uu ni barbaadduu? Ammuma barreessuu eegalaa. Ogeessa Fiilmii ta'uu ni barbaadduu? Ammuma bilbila keessan baasatii waan ta'e waraabuu eegalaa.
Maatiw Maconaguney
424
15:52
15.04.2025
imageImage preview is unavailable
Cr7 hojii isaa tapha kubbaa erga dhaabee booda gara industirii Fiilmii seenuu akka danda’u kana dura eeruu kennee ture. Sunis gara dhugoomutti waan deemaa jiru fakkaata. Taphataa urjiin addunyaa kanaa fi injifataan Baalaandoorii yeroo shanii Kiristiyaanoo Roonaaldoon Qajeelchaa beekamaa Lammii Ingiliiz kan ta’e Maatiwuu Vaagen waliin ta’uun studio Fiilmii UR-Marv jedhu hundeessuu isaanitu himama.
Maatiwu kana dura Fiilmota beekamoo kanneen akka cake layer, kick ass fi X-Men first class qajeelchuun nama beekamtii guddaa qabudha. Egaa Studio Fiilmii CR7 waliin banan kanaanis gara hojiitti kan galan yemmuu ta’u, Fiilmotni lama kan isaan produce godhan yeroo dhiyootti daawwattootaaf akka ga’utu himame.
Fiilmii gochaa (action) Kutaa sadi qabu kan CR7 fi taatoowwan bebbeekamoon Hollywood irratti hirmaatan dhiyootti akka lakkifamu himameera.
Maddi:- The Star
@Fiilmiin
542
19:24
11.04.2025
Namoota Editing fi Cinematography barachuu barbaaddaniif Chaanaala bareedaa kana subscribe gochuun irraa fayyadamaa!
https://youtu.be/HPhJjHyMLF4?si=PaNxwugXtq1Ra-gr
7107
13:30
11.04.2025
USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.
Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu
Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna.
422
07:07
28.03.2025
Ogeeyyiin dhimma kanarratti hojjettan itti yaadaa🙏
Har'a luugama hiikkadheera. Waan xiqqoo irraa jechuuf malee hojiin isaanii galaana. Daakamee hin cehamu, waraabamee hin dhumu. Hanga hubannuun ol gadi fagoodha. Kana yaaduman barreesse malee qaaccessa miti.
Na oofkalchaa🥰🙏
Galataa Tsaggaatin
@Fiilmiin
1091
09:54
23.03.2025
"Nuti akka kaanii ; Waaqa hin liqeeffanne...."Dr. Zalaalam
Hojii aartii dinqisiifachuurraa gara hubachuutti gaafan of ceesisu, hojiiwwan Dr. Zalaalamtu na raaja. Walaloowwan, Abbaa Caalii, obbo Abbaa Xadaa, Akkamitti Caalii?, Waa'ee Piromeetewus, Du'a Gurraacha, waa'ee Diggaa Saaqoo, Fuggisoofi kanneen biroo hubachuuf yaalii godhaan ture. Waa'ee hojiiwwan nama guddaa kanaa barreessuuf garuu onnee argadhee hin beeku😌🥰
Gaafan 'Abbaa Caalii' dhaggeeffadhu, gama tokkoo fagootti qaroomina Kuush keessatti waa'ee 'Horus fi Set' yaadeen, as deebi'ee bakka uummanni jiru hubachuuf daa'ima. Abbaan Caalii buleessa qalbiin gabbatedha. Dur dur...heera yayyabatee, seera lallabatee, waaqaafi lafa walsimsiisee jiraataa ture. Waaqa qaba. Qe'eefi sirna, araddaafi surraa qaba. "Bifa Waaqaa gurraachicha"jedhaanillee❤✌️
Garuummoo har'a bakka kaleessaa hin jiru. Har'a isaa qofa odoo hin taane, egereen isaas yaaddessaadha. Iddoo inni rafutti egereen isa liqimsuuf hamuummata. Sodaa sanaaf, "Ilma qabdaa Hallaallicha?" jedhaani. Ilma akka abbaa, kan qaamaa odoon taane, kan qalbii qabdaa jedhee gaafata.
Yoo sanas dhabde, "Malatteettaa waammoo mala?" jedhee gaafata.
Gama biraatiin, Ijoolleen buleessa kanaa yakkistuudha. Yookaan waliif galtee hin mari'attu, yookin mari'attee waliin galtu. Kana ilaaltee maaliif hin abaartuu? jedheet, akka inni abaaruu kakaasa.
"Maaliif jettee hin sookkaatuu?
Mataa keetiin galagalii
Qaama fayyaa sobii okkolii
Qaranbulleedhaan daldalii
Waraabessaan waliigalii
Gale jedhan atu dhaqii
Dhaqe jedhan ati galii..." jedheet,
"Seexana haadhoo harma hodhi
Qomashee’rraa ol soqolii..." jedha ni abaara. Garuummoo eebbisuudha. Qaroomuu, tooftaa baruu, falachuufi addunyaa ammaatti madaquu gorsa. Yoo bara keessatti of hin ijaarre, egeree Abbaa Caaliis, Caaliis inuma liqimsa. Baduu qaccee oolchuuf abaara👋😌
~~~~~~~🥰
Dr. Zalaalam, Kan biraa keessatti Caalii gaafata. Akkamitti Caalii akkamitti gurbaa? ....jedheet waayeffata. Gama tokkoon ilma, ni mararfata. Gama biraatiin ilmi sun akka ilmaa hin taaneefi.
Abbaan Caalii, Caaliin akka inni barate, afaan qaalluu warra Awurooppaa akka beeku, walaabuu(universe) mara akka qorate, yoo haasa'u akka isaan garaa gahuufi afaan qabatanii dinqisiifatan tarreessa. Irratti of gatu, "Sito qaalluu ammaati" jedhuuni.
Rakkoo isaanii mara akka furuuf barsiisani. Ba'aa nurraa fuudha jedhaniitu abdatu. Caaliin garuu akka yaadan hin taaneef, akka gaafa isaan bira jiruus ta'uu dide. Waldhabdeen abbaafi ilmaa kun, ta'ii biyyoota Afrikaa hunda keessatti koloniin booda ta'e fakkaata. Elite fi hawwaasa gidduu qaawwaa uumame akeeka.
Elite hedduun waan gaafa duraa jedhanitti argamuu diduun faallaa ta'ani. Dhaadannoo, fooggaluufi xirqansuun gaafa duraa, gaafa bakka jedhan gahan foolii bishaanii ta'e. Inumaayyuu faallaa🥺
Sanaaf uummanni,
"....Akka korma saree
Atuu seera tumtee
Atumtuu arraabdee." jedhe, Caalii komate.
Gama biraatiin, "Caaliin maalta'eetu akkas ta'ee? Rakkoo...quufa...wallaalummaa, moo akka baraa...luugama addunyaatu gara ofiitti fudhatee?" jedhee uummanis hin gaafanne. Ni komate malee😌
Abbaan Caalii, Caaliif aariis, mararfannaas ni qaba. Akka yaade hin taaneef ni abaara. Akka hin banneef immoo, deebi'een sossoba. Cabseet dhidhiiba. Dhiigseetu yaala,
"...Waanan kana jedheef
Caaliikoo kormakoo
Caalii morma lawwee
An jibbakeef miti
Bulchaa alagaarra
Bittaa lammiin hawwe..."jedhaani.
Caaliin abbaa Caaliif orma miti, ilmas miti.
Muddamni abbaa Caalii, sa'a ibidda dhaleen wal fakkaata. Biyya keenya keessatti lameenuu waliin waggootaaf deemu. Walirraas hin galani. Waliinis hin galani.
Dr. Zalaalam, ogummichaatti yaada uummataa, haala addunyaa har'aa, waan kaleessafi boruu qirqaabee oofa. Ammoo ogummicharratti marraagoma. Irratti of waaqomsa. Akka fedhetti meelcheet, gara barbaadetti dhikkifachiisa.
Hojii isaanii irratti qorannoo hedduun dalagamuu qaba. Walaloon tokkichi waan hedduu qaba. Seenaa, sirna, falaasama, rakkoo, abdii, fala, fi haala addunyaa qaba. Ammoo walaloo afaan Oromoo keessatti bifiyyeen walaloo isaanii sirriitti qoratamee dhalootaaf dhiyaachuu qaba.
881
09:54
23.03.2025
USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.
Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu
Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna
Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa. Garee Teelegiraamii bara 2022 dura banamanis ni bitna
1050
07:00
14.03.2025
imageImage preview is unavailable
Siif Mala
Kutaa 5ffaa
Sirba Haacaaluu Hundeessaa “Maalan Jiraa” n jedhuun tokko jedhe ogummaa qajeelchummatti kan seene namni kun, Sirbi kun ga’umsa ogummaasaatti abdii akka qabaannnu qofa otuu hin taane kan seenaa viidiyoo Muuziqaa Oromoo jijjiiru ta’eetu as ba’e. Fiilmiiwwan dokumenterii hedduufi diraamawwan TV kannen akka DHEEBUU editarummaan ykn gulaaluudhaan hirmaateera.
Dhaabbata Miidiyaa gara garaa keessatti gita hojii gara garaan kan hojjatee fi hojjataa jiru yemmuu ta’u, Suuraan Mata duree Siqqee Ulee koo jedhun dadhaasa idil addunyaa argateera. Suuraaleen inni sagantaalee gara garaa irratti kaasu sammuu namoota hedduu keessa jiru.
Hojiiwwan isaa keessaa sirboota
Haacaaluu Hundeesaaa “Maalan Jiraa?”
Zarihun Wadaajoo “Hin Oolu”
Kamaal Ibraahim fi Shukurii Jamaal “Dubbii Lafaa…”
Andualem Gosaa “Darbee Laallaa”
Galaanaa Gaaromsaa “Wal agarraa”
Guutuu Abarraa “Anatu”
Alii Birraa “Awaash” dabalatee hojiiwwan qajeelchuu dinqisiisoo nuuf gumaacheera.
Kana malees dookumantarii gababaa waa’ee Irreechaa irratti xiyyeefate ‘Irreechaa: Color & Treasure of Oromo’ jedhuun tokkummaa uummata Oromoo fi miidhagina Oromoo agarsiisuu danda’eera.
Namni kun
Amansiisaa Ifaa dha. Hojiiwwan isaatiin yeroo hedduu sagntaalee gara garaa irratti kaadhimamaa ta’uun cinatti badhaasota hedduus fudhateera.
Egeree dhaloota keenyaaf saba keenyaaf umurii isaa kanatti waan hedduu hojjateera. Jiraatti wal jajjabeessufi wal galateeffachuun aadaa keenya yaa ta’u. Amansiisaa Ifaa Galatoomi. 🙏
Suuraa Amansiisaa Ifaa dorgommii ittiin moohate. Haawwan Jilaa, Dubaroota Booranaa faayaa,saqaa-siiqqee fi uffaata aadaa isaanitiin bareedanii Jila Baallii bara 2017irratti hirmaatan keessaati👇
YW Kaachuu ‘n qophaa’e 🙏
@Fiilmiin
1279
17:40
08.03.2025
close
Specials
Kaachuu Promotion

Channels
5
69.7K
lock_outline
CPM
lock_outline$$ 97.91
$$ 58.74
-40%
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeenold@******.io
On the service since June 2022
12.12.202401:11
5
Everything is fine. Thank you!
Show more
New items
Channel statistics
Rating
17.5
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
6
Subscribers:
5.3K
APV
lock_outline
ER
7.1%
Posts per day:
0.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий