
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
22.8

Advertising on the Telegram channel «Dhimma Fayyaa»
5.0
2
Health & Medicine
Language:
English
202
1
Everyone Deserve good Health. Medical should be free For all. This channel is created for wellness and awareness about Health issues.
Share
Add to favorite
Channel temporarily not accepting requests
Choose another channel from recommendations or get a tailored list within your budget using AI
AI Channel Picker
Recent Channel Posts
imageImage preview is unavailable
Dhiirotaaf: Fayyaa qaama saalaa keessaniif jabina isaaf
🌱 Bishaan sirriitti dhugaa!
🌱 Nyaata madaalamaa nyaadhaa!
🌱 Sochii qaamaa godhaa!
🌱 Ulfaatina qaamaa garmalee hir'isaa!
🌱 Hirriiba gahaa rafaa!
🌱 Tamboo aarsuu dhiisaa!
🌱 Dhiphina yookiin stress hir'isaa!
🌱 Alkoolii hir'isuu!
Hub: qaamni saalaa dhiiraa guyyaa guyyaan ka'uun jabeenya isaaf akkasumas guddina isaa bakkatti eeguuf gaariidha!
Fayyaa hin dhabinaa!!
@Dhimma_Fayyaa 🩺
285
11:42
01.08.2025
imageImage preview is unavailable
💥 Ergaalee jaalalaa walitti fufaa argachuuf,...👉 As tuquun Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
265
07:35
02.08.2025
297
11:47
02.08.2025
imageImage preview is unavailable
Bu'aa Baalli Baarzaafi Qabu
Baarzaafiin yokan Baargamoon Muka Mana Qofaan Ijaaramu Miti Inni Fayyaa Ni ijaara
Namni Sihiriin yokan Falfalli Tolchi itti godhame fi Jinniin Qaama isaa Keessa jirtu Daakuu Baala Baarzaafi irraa Qoppaa'e Zayitii Zayituunaa fi Zayitii Shazaaba Wajjin walitti Makee Halkan Hirriba Dura Qaama Guututti Dibata Ganama Bishaan Cereddaama Of Keessaa Qabuun Qaama isaa Dhiqita Guyyaa 7 Haala Kanaan Yoo itti Fayyadame Fedha Rabbiitiin Guutummaan Guutuutti Fayya
Namni Miilli isaa yeroo kophee Godhatu Dafquu fi Ajaa'u Daakuu Baala Baarzaafi Bishaan Wajjin walitti Makee Halkan Hirriiba Dura Luka isaa Dhiqitee Guyyaa 3 itti Fayyadame Bu'aa Ajaa'iba Argitaa
Mataa Bowwuu fi Utaalloo Qufaa Yaaluuf Daakuu Baala Baarzaafi Bishaan Wajjin Danfisii Aara yookiin Hurkaa Bishaan isaa keessaa Ba'u Uladhu yokaa2n Akka inni Fuunyankee keessa Sirriitti Seenu Godhi Daqiiqaa 5 Gidduutti Mataa Bowwuu Sababa Qorraaatiin Dhufu Sirraa Dhaaba Utaalloo fi Asmiin Si Ukkaamse ....
@Dhimma_Fayyaa 🩺
242
11:47
02.08.2025
imageImage preview is unavailable
Diifafa / Utaalloo
Diifafni Infeekshiinii vaayirasiin dhufu yoo ta'u ujummoolee sirna hargansuu gara olii jiran keessumattuu funyaan kan hubuudha. Qoonqoo fi saayinasii illee hubuu ni danda'a. Dhibeen kun erga vaayirasii sanaaf saaxilamnee booda guyyaa lama keessatti kan nu qabuu danda'uudha.
Mallattoolee akka
* qufaa,
* dhukkubbii qaamaa/maashaa
*laagaa madeessuu,
* haxxishoo/haxxifannaa
* dhangala'aa funyaaniin yaasuu ,
* leeydaa ykn gubaa qaamaa fi dhukkubbii mataa fa'a namatti fida.
Diifafarraa namoonni baayyeen guyyaa 7 hanga 10 tti irraa fayyu. Namoota tokko tokko kan hanga torbaan 3 itti turuus ni jira. Gariis qilleensa/michii sombaa (pneumonia) itti tahuus ni jira.
Diifafni namoota dhibee kana qabaniin walitti dhihaachuu fi dhangala'aa qaama isaanii irraa bahuun fkn furri wal tuttuquun daddarba.
Diifafa yookiin utaalloo akkamitti manatti of wal'aanna?
1. Qullubbii adii: Qullubbiin amala farra jarmoota dhukkuba fidanii waan qabduuf diifafa nurra qolachuurratti gahee olaanaa qabdi. Kana malees dhukkubbichaa qabamnee akka hin dhukkubsanne godhuuf qooda ni qabaatti
2. Deeyma/ Damma: deeymi amala farra baakteeriyaa fi jaarmoota garagaraa qaba. Deeyma shaayii fi loomii wajjin dhuguun dhukkubbii qoonqoo hirrisuuf illee ni gargaara
Garuu daa'imman waggaa tokkoo gadiitiif hin gorfamu
3. Zanjabiila:- diifafa nurraa wayyeessuu fi dhukkubbii qoonqoo nutti fooyyeessa
4. Shorbaa foon lukkuu:- foon lukkuu kuduraa wajjin walitti godhanii nyaachuun diifafa nutti ni fooyyessa
5. Viitaamina C:- loomii ,burtukaana, kuduraa fi fuduraa adda addaa nyaachuun viitaamina C irraa arkachuif nu fayyada
Dabalataan Boqonnaa gahaa fudhachuu ,bishaan sirritti dhuguu, bishaan soogiddaan xiqo hoo'ifnee afaaniin lulluuqqachuu fi yoo dhukkubbii fi keeydaan nutti dhagahamte qoricha dhukkubbii kan paarastaamool itti fudhachuun of wallaanuun ni danda'ama.
@Dhimma_Fayyaa 🩺
241
20:19
03.08.2025
imageImage preview is unavailable
Infeekshinii Kalee Fi Afuuffee Fincaanii
Infeekshiniin kalee fi afuuffee fincaanii kan namatti dhufu baakteeriyaa yookiin vaayirasiin karaa dhiigaas ta’e naannoo gogaa keenyaarraan yookiin naannoo sagaraa (buubbuu) irraa ka’uun gara kuustuu fincaaniif kalee keenyatti ol seenuu irraan kan ka’e kan dhufudha.
Wantoota infeekshinii kalee fi kuustuu fincaanii/afuuffee fincaaniif nu saaxilan:
1. Fincaan yeroo dheeraaf utuu hin fincaaniin qabatanii turuu. Namoonni baay’een sababa garaagaraa irraan kan ka’e fincaan yommuu isaan muddu ykn qabu dafanii hin fincaa’an. Fincaanni kalee keenyaan gara alaatti dhabamsiifamu kun xuraa’aa waan taheef qaama keenya keesa turuu hin qabu. Fincaanni xuraa’aa waan ta’eef baay’inaan yommuu afuuffee fincaanii keessa turu, baakteriyaan akka keessatti wal horan gochuun infeekshiniif nu saaxila.
2. Cirracha kalee. Kunis cirrachi kun ujummoo fincaanii cufuun fincaanni akka gara alaatti hin baane gochuun fincaanni kuufamuun baakteriiyaan akka keessatti wal horee infeekshiniif nu saaxilu godha
3. Erga sagaraa bobbaatanii booda yeroo haxaawwattan yookiin qulqulleeffattan dug-duubaa gara fuulduraatti haxaawachuun baakteeriyaan sagaraa yookiin udaan keesa jiru salphaadhumatti akka gara ujummoo fincaanii seenan godha. Gochi akkasii kun baay’inaan warra shammarraniifi daa’immanii huba.
4. Ijoollee dhiiraaf dhaqna qabachuu dhabuun carraa infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu daraan dabala. Gogaa fiixee qaama saalaa jala baakteriyaan waan baay’inaan jiraataniif, dhiironni dhaqna hin qabanne carraan infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu isaanii dacha 8’n dabala.
5. Yeroo ulfaas carraan infeekshinii kalee fi afuuffee fincaaniif qabamuu olaanaadha.
6. Dhibee sukkaaraa
7. Uffata jalaa yookiin paantii baay’ee nama qabu ykn baay’ee thight ta’e uffachuu
8. Qulqullina naannoo buubbuu fi qaama saalaa eeggachuu dhabuu, keessattuu warra shammarraniif.
Mallattoon isaa maali?
-Dhukkubbii kalee keenyaa (mudhii keenya gara walakkaa) yookiin dhukkubbii handhuura keenyaan gadii (suprapubic pain)
-Gubuu qaama saalaa yeroo fincaan fincaa’an
-Fincaan dafee dafee nama jarjarsuu
-Ho’inni qaamaa dabaluu
-Nama hoqqisiisuu yookiin ol nama xuquu
-Fincaan isin fincooftan diimachuu yookiin foolii kennuu
-Hammi fincaanii hir’achuu fa’a
Kanaaf, mallattoowwan akkasii yoo ofirratti argitan mana yaalaa deemtanii qoratamuun qoricha isaa fudhadhaa. Sababni isaas, infeekshiniin kalee ykn afuuffee fincaanii yoo namarra ture dadhabbii kaleef nu saaxiluu danda’a.
@Dhimma_Fayyaa 🩺
205
20:25
04.08.2025
imageImage preview is unavailable
⭐️ Yeroo tokko tokko nama sekondii tokkoof illee waa'ee keenya hin yaadne guyyaa guutuu yaadaa Oola😒... See More
Miirri jaalalaa jaalalleewwani kan Wal gitu ta'uudhaaf ulaagaalee 8 guutuu qaba,....👉 As tuquun Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
163
08:33
05.08.2025
imageImage preview is unavailable
Dhangala'aa Qaama Saalaa Dubartootaa
Dhangala'aa qaama saala dubartootaa keessaa bahuun wal qabatee gaaffileen ka'an baay'eedha. Sana keessaa muraasni:
1. Dhangala'aan qaama saalaa dubartootaa keessaa bahuun dhukkubadhaa?
2. Halluun sirriin dhangala'aa kanaa maal ta'uu qaba?
3. Faayidaan isaa maali?
4. Yoo maal ta'e yaala fayyaa barbaada?
• Dhangalaan qaama saalaa dubartootaa keessaa bahu, dhangala'aa xannachaa qaama saalaa dubartootaafi fiixee gadameessaa irraa maddu ta'ee faayidaalee akka: qaama saalaa qulqulleessuu, jiidha qaama saalaa eeguufi dhukkuba ittisuu kan qabudha. Halluudhaan adii yookaan qulqulluu, kan foolii hin qabne yookaan gidduu galeessa kan ta'eefi dhukkubbii faana kan wal hin qabannedha. Yoo akkana ta'e sirrii yookaan fayyaalessa jechuu dandeenya.
Faallaa kanaa, halluun kelloo yookaan magarsiisa yoo ta'e, akkanuma foolii badaa kan qabu, qaama saalaa hooqsisuu faana kan wal qabatu, guba keessa qaama saalaafi dhukkubbii kan qabu yoo ta'e sirrii kan hin taane yookaan fayyaalessa mitii jechuudha.
• Sababoonni sirrii ta'uu dhiisuu dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa maali?
1. Infeekshinoota garagaraa (Bacterial vaginosis, yeast infection, and STIs)
2. Jijjiirama hormoonotaa
3. Hir'ina qulqullinaafi eeggannaa qaama saalaa
4. Wal quunnamtii saalaa eeggannaan alaa
5. Dhukkuboota biraa kanneen akka dhiita qaama saalaa keessaa, kanseriifi kulkula qaama wal hormaataa (PID)
Kanaaf, qaama saalaa dubartootaa keessaa dhangalaa'aan bahuun sirriis ta'e sirrii ta'uu dhiisuu mala. Sirrii yoo ta'e, rakkoo tokko waan hin qabneef yaadda'uu hin barbaachisu. Sirrii yoo hin taane garuu, hatattamaan gara yaala fayyaa deemuun barbaachisaadha.
• Yoo maal ta'e gara yaala fayyaa deemuun barbaachisa?
1. Yoo jijjiirama halluu, fooliifi qabiyyee qabaate
2. Yoo guba keessoo qaama saalaa, dhukkubbiifi hooqxoo waliin wal qabate
3. Yoo dhukkubbii garaa gara gadiifi marsaa laguu jidduun dhiiga karaa qaama wal hormaataa arguun jiraate
4. Yoo dhangala'aa kanaan wal qabatee yaaddoofi miirri fayyaa dhabuu namatti dhagahama ta'e
Kanaaf, dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa keessaa bahuun wal qabatee mallattoolee argaan olii kana yoo of irratti argitan, gara mana yaalaa deemuu qabdu. Yeroodhaan qoratamuufi yaalamuun dhibee hamaa itti aanurraa nama oolcha.
@Dhimma_Fayyaa 🩺
104
20:22
05.08.2025
imageImage preview is unavailable
♻️ Jaalallee isaatiif Waan barbaachisu hundumaa godheefii akkas jedheen,... 👉 As tuquun Itti fufii dubbisi!
👇👇👇
🫱✨ See More✨
🫱 ✨See More ✨
👆👆👆
1
08:42
06.08.2025
close
Selected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий