
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
17.6

Advertising on the Telegram channel «Dambalii_Jaalalaa❤️»
5.0
Recreation & Entertainment
Language:
English
243
1
Share
Add to favorite
Channel temporarily not accepting requests
Choose another channel from recommendations or get a tailored list within your budget using AI
AI Channel Picker
Recent Channel Posts
𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐨𝐧𝐧𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐪𝐮
Gurbaan tokko jaalallee saa baayyee jaallatu takka waliin wal arguuf kaaffee tokkotti wal beellaman. Wal arganiis erga xiqqoo taphatanii booda, jaalalleen isii kun isiidhaaf kennaa haguugame jiru tokko kenneef.
Isiinis kennaa san bantee yogguu ilaaltu '𝑨𝒔𝒉𝒂𝒂𝒏𝒈𝒖𝒍𝒍𝒊𝒊𝒕𝒊𝒊𝒅𝒉𝒂. Isheenis baayyee aaruun ashaangulliiticha darbattee gatte. Innis xiqqoo aaruun, garuu suuta jedhee maaliif darbattee gatte ittiin jedheen; isiinis baayyee aartee kennaa ati naaf laatte hin jaallanne jettee arrabsiteen. Yeroo kana gurbaan kun aareeti ashaangulliitii isiin darbattee gatte sana lafaa kaasuun kahee isii dhiisee deeme.
Haala nama gaddisiisuun deemee xiqqoo utuu hin fagaatin battala inni daandii qaxxaamuruuf jedhutti balaa konkolaataan lubbuun isaa dabarte😭. Yeroo awwaalcha isaas intalittiin ashaangulliitii sana qabattee boochi turte. osuma boochuus hiriyaa sii
san qabattee boochi turte. osuma boochuus hiriyaa sii sababa ashaangulliitii sanaaf dhabuu sii yeroo yaadattu ashaangulliiticha walitti qabdee yeroo macalaqsitu ashaangulliitittiin sagalee "Will you marry me" ykn natti heerumuu dandeessaa jedhu dhageessiste.
Intalittiin yeroo sana of to'achuu dadhabdee lafa dhooftee gangalachuun bodaa ashaangulliiticha gaafa darbattu " qubeelaa lamaaf barreefama xiqqoo tokko keessaa bu'ee.
Barreefamichis akkas jedha "Jireenyi waan harka kee keessa jiru erga sii harkaa fudhattee deebitee hawwuun dura, yoomillee taanaan waan of harkaa qabdu jaalladhu” jedha ture.
Ergaa Jaalala keessan kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 fayyadamaa.
@Dambalii_Jaalalaa
2334
08:57
16.06.2025
Gafaa Gafaa natti siqaa
Natti dhiyoo
Akkaa ijaf imimani
Akkaa afanif funyaanii
Naraa siqaa naa baqataa
Gafaa kanii
Gafaa Gafaa ana malee
Gattii dhabaa
Akkaa hadhaf ilmo
Akkaa kirif limo
Gafaa gafaa nara dhessaa
Akkaa harref warabessaa
Har'aa asdii boruu achii
Hin bekamu wa Baki issaa
Natti siqaa naraa hiqaa
Naf hin galee an akkissaa
Bu'aa maleen sif joji'aa
Dhamaa rassee bishan tumuu
Nan walalee dhamatin Koo
Guyyaa dhumuu
Natti siqaa naraa hiqaa
Qalbii tiyyaa kichuu hamte
Hardhaa kotuu hin jirane
Malif borii kiyyaa samte
Demuu ketif abdi kutee
Akkaa cufee ta'uu karraa
Yokkan senii yokan benuu
Hiqii naraa
By mashilu
....... F dhaf
Ergaa Jaalala keessan kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 fayyadamaa.
@Dambalii_Jaalalaa
2176
23:32
18.06.2025
Xalayaan Jaalalaa
Nagaya giifti Koo akkam fayyaa keeti ani nagaya jechuuf hedduu na dhiba
Maaliif yoo jette ergan si arge booda haalli jiruu Koo Adda natti ta'eera.
Giftii Koo keessi Koo osoo si sodaatuuf qanfadhu dabarsee mama biroof si kennuuf deema.
akkan si jaalladhu sirritti beekta garuu maaliif qormaata jireenya natti taata
Kana caala maal eegda kana booda eddoon ani siif qabu yoo jiraate jibbama qofaa dhaa
Kana caala obsuun dandeenye jaalle Koo hawwiin ani siif qabuu cobe cobee dhumaara na jaallatta yoo ta'e hatattamaan jaalala keenya haa hoo'ifnuu garuu na jibbita yoo ta'e Anis si dhiiseera
Carraa garii siif hawwa anaafis guyyaa tokko akka oonneen Koo jalala dhugaan suphamu abdii qaba anaafis guuyyaan tokko jira
Kan qocaaf kaaye hilleentiin hin fudhattu jedhamaamii ree
Koo Yoon taane kan kee siif haa kennu
BY BY
Ergaa Jaalala keessan kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 fayyadamaa.
@Dambalii_Jaalalaa
2164
09:38
17.06.2025
play_circleVideo preview is unavailable
Seekondii 20 booda nii haqama 👀
Nama dursee join godhe 30'f badhaasi kaardii moobaayila qophaheera 👊
Dafaa nama 20 qofa boooooooom 🫵
2082
21:41
17.06.2025
Gargar ba’uun barbaada!
.
Deebinemmoo…!
.
Jaalalli sitti cimee beekaa?...jechuunkoo jaalalli hanga guddinasaa ol, hanga humna qabuu ol, hanga akka bishaan dhagaa sochoosuu danda’uutti sitti dhaga’aamee beekaa?....Anaan akkas natti ta’e.
.
Kan wal barre Mooraa mana amantaa ortoodooksii 5K jiru keessattidha. Ani peenxeedha silaa na beekta. ‘Achii maal hojjetta?....’ jechuus dandeessa. Eeyyee isaaf deebii nan qaba.
Turi garuu isa dura…ati yeroo ofiikeetiif yeroo kennuu barbaaddu eessa deemta?...eessatti yerookee dabarsita?...an bakkeewwan heedduun deemu qaba. Isaan keessaa tokko ‘bataskaana’.
Yeroo sana yunvarsitii Finfinneettin baradha. Doormiin an jiraadhu mana baruumsaa Muuziqaa Yaared ture. Galgala galgala karaadhuma akka har’aallee hin fokkisne kanarran walk godha.
Yeroon tasgabbii fi callisa barbaadu…yeroon, yeroo ofiif kennuu barbaadu mooraa bataskaana maaramii kan 5kiiloo jiru keessan seenee taa’a. yeroo baay’ee galgala galgala yeroo hundaa jechuuniyyuu ni danda’aama….sagantaan waaqeffannaa hin dhibu. An akkuman mooraa keessa seeneen..kara harka mirgaarra teessumoota mukarraa hojjetamanii, irra isaaniittimmoo gaaddisa gaarii qaban jalan ta’a. Hordoftoonni amantichaas baay’een bakkuma an taa’u kana filatu.
Ni kadhatama….ni faarfatama…..ni lallabama…lallabni akka xumurameenin ba’an ture. Yeroo kadhatamu isaan fakkaadheen wanta isaan jedhan gochuuf yaala. Yeroosaan gadi jedhan gadi jedhee…yeroosaan oljedhan oljedhee…yeroosaan ‘Ammaattaban’…’Ammaattabee…. Hanga naa danda’ametti keerogiraafii shaakala amantaa kanaa raawwadheedhuman ta’a.
.
Garuu si hin hin sobu…nagaa naa kenna ture. Yoodhuma sagantaan hin jiru ta’ellee..calliseedhuma mooraa sana keessa taa’een nageenyi natti dhaga’aama ture. Gara amantiitti hin fudhatin. An dhimma sanarra hin jiru….
.
Egaa…
.
Gaaffii ati…’Maal gochii achi deemta?’ jettee na gaafatteef haga tokko siif deebiseera jedheen yaada.
.
JALQABA MIIDHAGINAA fi JAALALA SHURRUBBAA
.
Sa’aatii 12 keessa natti fakkaata. Sirriitti yaadachuudhaa baadhus. Har’a mooraa kana keessa xiqqoo taa’een dhimma na sardu tokkon qabaayyuu deebi’ee ba’e. Anumaa balbalatti gadi ba’u galagaltee utuu waa ilaaltuu natti rukutamte. Anis hin agarren ture. Kophee ‘slipperii’ isheen uffattee jirtu jalaa buqqa’e. Gadi jedhee qabeen…..qeensadhee arge.
Qeensa miillashee… Maal qeensi miidhagaan akkasii?... akkamittiin qeensi akkas bareeduu danda’a?...jedheen…asitti waan lama yaade. Qeensa akkas miidhagu argee….yoon fuulashee argee..natti fokkiste…nan aara. Yaada rifuu liphiiti. Qeensaa fi miilla akkas miidhagu argee…fuulashee arguu dhiisuusimmoo akkamittan danda’a?... sababnisaa.. isheen ablleessitus..’Dhiifama’ ittiin jechuun qaba.
.
Nan murteesse….ergan isa argeen ishee arge.
.
Yeroo baay’een isinitti hima mitii?...intalli shurrubbaa dha’attu..akka miirakoo na boojitu?...eeyyee isinitti himeen beeka. Nan arge. Naxalaa uffattee jirti. Isa caalaa garuu shurrubbaa dha’attee jirti. Guyyaan jalqabaa shurrubbaan na bite…onneekoo na keessaa fudhate guyyaa kanadha.
.
Ihiii…shurrubbaanis akkas bareedamoo?...jedheen ofumakoo gaafadhe. ‘Eeyyee shurrubbaanis bar madaallii miidhaginaatiim’ naan jedhe sagaleen an qaqqabachuu hin dandeenye tokko.
.
Ana: ohh dhiifama! (haasaan keenya hunduu afaan amaariffaatiin ture)
Ishee: Aay..aay…rakkoo hin qabu. (kopheeshee isa jalaa buqqa’e olfuutee itti deebisuuf yaalaa….
Sagalee baay’een jaalladha. Shamarreen tokko miidhagduudha jedhamuuf inni jalqabaa sagaleen ishee bareeduu qaba. Nama coruu qaba. Miirota namaa booji’uu qaba. Dhiifama wantan gaafadheef yoon deeme rakkoo hin qabu jedhee yaadeen...sagaleensheemmoo deemuu na dhorke. Yaadakootiin ishee biraa deemus..miillikoo achuma jira.
Utumasheen akka diduu taatuu kophee buqqa’e sana harkaa fuudhaa….‘Fidi animmoo nan yaalaa’..n jedheen. Didaadhuma natti hiixatte. Harkaa fuudheen yaale.
Miilla tokkoon lafa duwwaarra ejjettee jirti. Miilla miidhagu sana hatee hatee gadi ilaalaa..kophee buqqa’e deebisuuf yaalus na dide. Akka carraa ‘leestiroon’ naannoo sana yoo jiraatte jedheen…of duuba galagalee ilaale.
1789
22:06
21.06.2025
‘Bataskaana’ gararraadhaan daandii gara bakka ’70 dereja’ jedhamutti geessurra ijoolleen leestiroo hojjetan toora galanii jiru. Anoo dhugaayyuu hin seene…
Ana: ‘Kottu kottu as leestiroo kanatti sirressisnaa”
Ishee: “Ohh..animmoo hin agarren ture..tole”…naan jettee..harkashee bitaan natti hiixatee akka na qabachuu taate.
Bakka leestiroo gadi teesse. Animmoo bakki waan hin jirreef nan dhaabadhe. Leestiroon kophee buqqa’e deebisuutti ka’e.
Dur yeroo ijoollummaa keessanii ‘Jimmaa Jimmiitee beektuu?’…incase yoo hin taphanne ta’e… kun akaakuu afoolaa keessaa tokkodha. Ijoolleetu waliin taphata. nama lamaafi isaa ol gidduutti kan taphatamudha. Tapha kana keessatti kan jimmifatu, jimmaa jimmiitee jedhee taphicha eegala. Warri biroon immoo jim jedhaniiti jalaa qabu. Darbee darbeemmoo…’jijim’ warri jedhanii jalaa qaban ni jiraatu. Ijoolllummaadhumatti isin deebisuu barbaadeeni malee… kana isinitti himaa hin jiru.
Jimmaa Jimmiitee?...Jijim x2
Kan saree nyaattu…jijim….
Kan adurree nyaattu…Jijim..
Kan hantuuta nyaattu….jijim…
.
.
Hanga indaaqqoonkoo iyyitutti sagalee tokko hin dhageessisinaa..namni sana dura iyye….Saree..adurree…hantuutafaa nyaata jechuudha
.
…..jedheetu inni jimmifate warra kaan cal jechisiisa. Isa booda hanga inni deebi’ee ‘Akkukkuluu’ jedhutti namni ‘xis ximbaa’ jedhu hin jiraatu.
Ani har’a jimmaa jimmiitee hin taphanne..garuu lamaan keenyayyuu callisaan turre. Dhoksee..dhokseen ilala…keessakootti miidhaginasheen dinqisiifadha. Qeensa miillaa..miidhagina fuulaa..shurrubbaashee…naxalaashee…sagaleeshee…
Isheenis gidduu gidduutti na ilaalti…alii alii ijikeenya walirra bu’a…alii aliimmoo….
.
Leestiroon sirreessee.’kunoo xumureera’ jedhee itti hiixate.
Ana: Sint new?
Isa: asira amist birr..naan jedhe….
Ishee… boorsaa baay’ee xiqqoo tokko banaa..’anatu kaffala..rakkoo hin qabu’
Ana: Lakki…anatu kute..anatu adabama.
.
Birria 15 kaffaluuf wal qabne….hhhh…..anumatu kaffale.
Tarkaanfii lama tarkaanfannee…
‘Garam deemta ati?
.
‘Manattin galaa jira’..naan jette
.
‘Eessa mannikeessan?..jechuunkoo safarrikee?
Ishee: Naannoo mana Baruumsaa manan.
.
“Okay…so xiqqoon si geggeessaka”..jedhee ka’een akkan dhimma guddaa qabu bare. Silas isaafan ba’e mitiiree?...
“rakkoo hin qabulleetii..tole’..jettee irraan olee sana deemsa akka jalqabuu taate.
Sin geggeessa ittiin jedhee ka’ee dhimman qaba ittiin jechuu hin danda’u…gidduu gidduutti haasa’aa..gidduu gidduuttimmoo…callisaa… safara ishee geenye.
Guyyaan nuti wal barre guyyaa sana ture. Deddeebinee wal arguutti kaane…church kankoos..kanshees wajjin deemuutti kaane… baruumsa baradhee akkan ba’en garasheettin fiiga…..
Jaalalli na qabe. Jaallli guddaan an sila isiniin jedhe sun yeroo sana na jalqabe.
Humnisaa dabalaa….dabalaaaaaa…..dabalaaaaaaaadhuma dhufee amma humankoon ol ta’e. humna jaalalaa an baachuu danda’uun ol. Kanaafuu….gargar ba’uun barbaada!...
Isheerraa qofa utuu hin taane Jaalalumarraa!..sababnisaa… jaalalli isheen ala dhufu jibba akka fidee dhufu waanan beekuuf.
.
Maaliif natti cime?...yeroo biraa itti deebina.
Lataadha.
Ergaa Jaalala keessan kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 fayyadamaa.
@Dambalii_Jaalalaa
2252
22:06
21.06.2025
imageImage preview is unavailable
Erga ati deemtee….
Raatuu beektaa? Raatuu taane
Bakka ciisuu kan hin kaane
Kan duuti dhaqnarra hin yaane…
Irmii beektaa? Irmii cubbuu
Warra nyaatu gatii lubbuu
Kufaa jirmaa - hin dhaabannee
Gumaa ilmaa - hin gaafannee!
Erga ati deemtee…
Dagaleen keenya uratee
Sagaleen keenya cufate…
Yaa Haacee koo!
Hin qajeelle - homtuu hin tolle
Yaranneerra - namummaa wajjin wal lolle!
1978
10:58
25.06.2025
imageImage preview is unavailable
✅Guyyaa har'a foddaan jijjiirraa taphattootaa hundii ifatti banameera!
✅Garee degartuu tuquun Odeeffannoo jijjirraa garee keeti hordofi👇👇👇👇
HERE WE GO ____ Gaazexeessaa amanamaa Fabrizio Romaano irraa.......
289
15:03
25.06.2025
play_circleVideo preview is unavailable
👏👏👏👏👏Nama dursee join godhe 20'f badhaasi kaardi Mobayila Abba 100 qophaheera Dafa amuma join godha👊
Dafaa nama 20 qofa Dafi Atis🫵🫵🫵
1762
19:44
25.06.2025
"Shamarran dhiirota dudubbatan jaalatu" jedhan. Anuu mucaa akkanumaan afaaniin wacaa deemu tokko jaaladheen ture. Sanuu jaalala hangafaati.
Sirbi Haacaaluu reefu gadi dhiifame bara sana. Suuqiirra, mana Mobile irra mana cidhaarra,mana shaametaa irraa bakka hundaa sirbichumatu banama.
"Jaalalli jaamaadha" jedhan. Anayyuu na jaamseetu amantii na gachisiiseetu sirba Hacaaluu mucaan jaaladheef na sirbisiise.
Bakkan itti sirbittii dhaga'ee amma 'Track' sun dhumtutti osoon deemuu baadhee natti tola. Osoo 'Track 'n jaaladhu sana irra deddeebi'anii bananiis nan fedha.
Sirbicha keessatti, of-tuulummaa isaa, of-jaja isaa,miidhaga isaa, jaalala, ijoollummaa, isaa hundan argadha.
Sirbicha keessatti, miirakoo, raafamuu onneekoo, manaa baduu qalbiikoo, imimmaana'uu ijakoo, osoon hin beekin yaadaan baduukoon arga.
Namni narratti beekee laata? Orma miti innuu narratti hin beekne.
"Ijjikoo diddee suma na ilaalti,
bar suma na ilaalti.
Koottu wal fudhannee badna, Shawaatti"
Inni nan dhaga'u, yaadumakoo keessattin sirbaaf! Warri nan dhaga'u, dhaanamuutu jira. Golatti dhoowwamuutu jira. Yoon golatti dhoowwame ammasuu ijaan isa hin argu.
'Barbaree'dhaan ulamuutu jira. Qunxuuxamuutu jira. Sanuma caala jechoota sana boodaa sodaa onnee ukkaamsinee jaalala onneerratti urursina.
"...yookaan si jaalle jedhi,
yookaan si jibbe jedhi.
Garaa na kuti."
Osoo hin himatin ilaalcha ijaatiin jaalala himachuuf yaaliin godhu hin milkoofne. Akka waan inni beekuun sirbittii onneekoo dhiikkifachiisaa sirba. Qe'eerraa fagaadheeni. Qoraan guuruu bosona deemeeni.
Gaafas harmeen na dhageesse.
Galagala Irbaata booda..."Giiftii? Intalli abbaa Ebeluu boroodhaan, dallaarraan baatee badde, atimmoo balbalumaan bahuufii? Guddattee? " Gadi qabdee na cagadde!
Akkanumatti osoon Mucaa afaan qacceetiif sirbuun, gaafan tasa qaamaan argemmoo
"...maarree akkan si jaallu silaa beektaa,
maarree osuma beektuu maalif boonta?"n qalbii keessaa na qillisuu jalqaba. Sagaleen koo hin dhaga'amu. Mataankoo ol hin jedhu. Ijjikoo isan ilaalu. Keessikoo sirbaa, geeraraa, dheekkamaa, urgufamaa oola gaafas!
Akkanumatti, of tuulummaan isaas danatee, gowwummaan isaas naaf galte. Akkanumattin sirbaan isa jaalachuu irraa gara sirbaan isa jibbuutti darbe. "Sin barbaadu" jedheen! 🚶♀️
929
21:34
28.06.2025
close
New items
Selected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий