
Monetize Telegram Mini App with Telega.io
Connect your app, set CPM, and watch your revenue grow!
Start monetizing
17.6

Advertising on the Telegram channel «Songs Official»
5.0
Share
Add to favorite
Buy advertising in this channel
Placement Format:
keyboard_arrow_down
- 1/24
- 2/48
- 3/72
- Native
- 7 days
- Forwards
1 hour in the top / 24 hours in the feed
Quantity
%keyboard_arrow_down
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 8
- 10
- 15
Advertising publication cost
local_activity
$2.40$2.40local_mall
0.0%
Remaining at this price:0
Recent Channel Posts
Fil 2:11 Arrabni hundinuus,ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta'e beeksisuuf jiru.
💪💪💪💪💪💪💪
@Singer_Megertu_Official
724
12:06
30.07.2025
📖BAKKALCHA BARII PROMOTION ✅
➥Chanaliif Groupii hafuuraa barbaachisoo ta'an qabannee dhufneerra itti ida'amaa
📌Barnoota hafuura ✍
📌Qo'annaa macaafa qulqulluu
📌Faaru haaraa akkuma ba'een 🆕
📌Faaru durii irranfatame🆒
📌Walaloo hafuuraa🕊
📌Worship (waaqeffanna)🎤
📌Faaru bifa walalootiin📃
📌Seeenawwaan nama barsiisan⚜
👇Dabalataan👇
📌Kitaabota hafuuraa PDF tiin
📌Luqisii macafaa bifa suuraatiin📖
📌Sagalee guyya guyyaa📣
📌Sagalee torbanii✨
Hunda qabannee dhufneerra JOIN godhadha
Beeksisaaf @Bakkalcha_barii_promotion_bot
👇👇👇👇
251
13:59
30.07.2025
KITAABAA BIFA PDF ITTIN NI ARGATU
━━━━━•═•═•━━━━━
📚 Afaan Oromoo PDF
📚 English PDF
📚 አማርኛ PDF
━━━━━•═•═•━━━━━
📖Kitaabota hafuura✅
📜 Odeeffannoo garaagaraa
📜 Karaalee Milkaa'inaa
📜 Beekumsa walii galaa kan of keessatti qabate kitaaba bifa PDF tiin ni dhiheessina.
Barruu Adda addaa dubbisuu Aadaa haa godhannu!
👉 Hiriyyoota keessaniif share gochuun nu waliin tajaajilaa!
273
13:59
30.07.2025
🤝 WELCOME KUN BAKKALCHA BARII PROMOTION 🔱 HUBADHU 🔱
👇Utuu nuti jirruu
🤔 Farfaanna haaraa eessan argadha?
🤔 Barsisa haaraa essan argadha?
🤔Woship haaraa essan argadha?
🤔 Akkamittan bufachu danda'a?
👇 Maaloo Yoo qabaattemo naf dabarsi ? #JECHUN
#Walumaa_galatti nama kadhachun hafeera!!
#Dursa filannoo keessan nu godhadha👇👇👇
🔱❤️🔱❤️ JOIN ❤️🔱❤️🔱 gochun
keessa seenaa, sana booda buufachu qofadha!
Beeksisaaf @Bakkalcha_barii_promotion_bot nu qunama
👇FILANNOON KEESSAN MAALI👇
118
20:38
31.07.2025
GAAFFILEE MACAAFA QULQULLUU ARGACHUU NI BARBADU DEEBII KEE EYYEEN YOO TA'EE 👇👇👇👇
146
20:38
31.07.2025
*➪Waamicha Waaqayyoon biraa dhufee maaliin beeknaa?* ➱ Geggeessaan tokko waamicha Waaqayyo isa waamuuf qophii guddaa gochuutu isa irraa eegama. ➱Waaqayyoon geggeessaa ta’uuf waamamuun waan salphaa miti. ➱Yeroo Waaqayyoo geggeessaa tokko waamu yeroodhaaf mormuun yookiin fudhachuu dhiisuun ni mul’ata. ➱Garuu akka Waaqayyo isaan waame immoo ni beeka. Geggeessitoonni Waaqayyoo baay’ee waamicha isaaniif ta’e si’uma tokkoon hin fudhanne. Yeroodhaaf mormii godhaniiru. ➪Garuu dhuma irratti Waaqayyoon biraa ta’uu isaa waan beekaniif fudhataniiru.
*“Wangeela lallabuu kootiin of jajuu hin danda’u; kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo*! *Fedha kootiin utuun kana godhee gatii nan argadhan ture; fedha koo malee erga ta’ee garuu, hojiin kun Waaqayyo biraa hadaraa anatti kennamuu isaa ti*”. *1Qor:9:16-17*
*“Yeroo dheeraa erga irratti duddubatanii booddee, Phexros isaanitti dubbachuudhaaf ka’ee, “Obboloota ko, Waaqayyo warri saba isaa hin ta’in dubbii wangeelaa afaan koo irraa dhaga’anii haa amananiif, kanaan dura isin keessaa akka na fo’e, ba’eessa gootanii in beektu*” *(HoE 15:7).*
➪Waluma galatti waa’ee waamicha gabaabsee yeroon kaa’u, Waamicha jechuun wanta ta’e galmaan ykn bakka tokkoo fuudhee bakka biraan akka ga’uuf kan namaaf godhamudha. Namni yoo ofiin of waamee yaaduma ofii yaadee galmaan ga’a malee kan Waaqayyoo galmaan hin ga’u; sababni isaas *➾Geggeessaa kiristaanaa tokko kan adda godhu Waaqayyoon waamamuu isaati*. *➯Museen garbichi Waaqayyoo akkamittiin waamamee/ eenyutu waamees?*
*“Yommus Waaqayyo, "Gad qabamuu Saba koo warra Gibxi jiranii argeera; isa isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa ba'uudhaaf iyyatanis dhaga'eera; dhiphina isaaniis ani beeka; ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad bu'eera; biyya sana keessaa gara biyya gaariitti, biyya bal'aatti, biyya aannanii fi damma baasutti, lafa Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis ol isaan nan baasa. Amma kunoo, iyyanni Israa'elootaa na bira ga'eera; akka warri Gibxii itti isaan cunqursanis argeera. Ani mootii Gibxiitti sin erga, dhaqi, saba koo Israa'elin biyya Gibxiitii baasi!" jedhe. (Ba’u 3:7-10)*
➯Geggeessaan tokko baruma Waaqayyo isa kaasee keessa ka’uun wanta Waaqayyo itti kenne galmaan ga’ee boqota. ➯Fakkeenyaaf, Daawit baraa fi saba Waaqayyo isaatti kenne geggeessuun garaa Waaqayyoo ciibsee boqotee nama darbee dha.
*➯Garaa garummaan waamicha Saa’olii fi Daawit maaliidha?* ➯Namaan barbaadamanii muudamuu fi Waaqaan barbaadamanii muudamuun baay’ee adda.
*“Itti fufees, "Ilmaan kee isaanuma kana duwwaa dhaa?" jedhee Iseyin gaafate. Innis deebiseefii, "Inni quxisuun hafeera; inni immoo hoolota tiksa"jedhe; Saamu'el immoo, "Hamma inni dhufutti nuyi homaa gochuu waan hin dandeenyeef, nama itti ergiitii nuuf fichisiisi!" jedhe. Kanaaf inni nama itti ergee] isa in fichisiise; inni diimaa nama iji isaa miidhagu, nama dhaabbii tolus ture. 1Sam16:11-12*
*“Waaqayyo yommus Saamu'eliin, "Inni kunoo, isa kanaatii ka'ii, isa dibi!" jedhe. Kana irratti Saamu'el qodaa gaanfaa dhadhaa ejersaa qabu sana fuudhee, Daawitin obboloota isaa gidduutti in dibe; gaafasii jalqabee hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe; Saamu’el immoo Raamaatti in deebi'e.”*
➯Geggeessaan Kiristaanaa tokko; Kaayyoo fi waamicha ifaa tokko malee wanta galmaan ga’u hin qabu.
*C. Dandeettii (competence)*
➪Dandeettii fi beekumsan guddachuu kan qabu kan ittin duuka buutota irratti dhiibbaa gaarii uumaniidha
*“…………Harka-tolinaanis isaan in geggeesse”. M. Faar 78:72*
*➱Geggeessaa tokkoof ga’umsi akkuma waamichaa fi amala gaarii baay’ee barbaachisa.* ➱Phaawulos Timootewosiin namoota dandeetti barbaachisoo qaban fili jedheen *1Xim:3:2.*
*➾Namni ga’umsa ykn dandeettii geggeessummaa qabu nama akkamiitii?* *➪Ga’umsa* ➯Geggeessummaa namni qabu tokko namootni geggeessummaa isaa fedhiidhaan fudhatanii isa duukaa kan bu’aniidha. ➱Ga’umsi Geggeessummaan kristaanaa dandeetti/ga’umsa/ geggeessummaa uumama kan caaluudha.
500
03:07
01.08.2025
➾Geggeessaan kristaanaa tokko hafuura qulqulluun guutamuun jireenyi hafuuraa isa keessa darbuun warra kaan kan qaqqabudha. ➾Ga’umsi geggeessaa kiristaanaa tokko kan mataa isaa irratti hunda’e utuu hin taanee; guutummaa guutuutti ga’umsa Waaqayyoo bira dhufutti kan amanuu danda’u ta’uu qaba.
*➪ Namni beekaman A.W.Toozeer geggeessummaa kristaanaa akkas jechuudhaan ibsa kenne.*
➾“Geggeessaan kristaanaa dhugaa ta’e tokko, geggeessaa ta’uuf fedhii mataa ofii isaa kan hin qabne, garuu dhiibbaa hafuuraa qulqulluun itti gaafatamummaa kan fuudhudha. ➾Ergamaa Phaawulos irraa eegalee hanga bara keenyaatti utuu Hafuurri Qulqulluun isaan hin fo’annee ta’ee,Waaqayyo Gooftaan utuu itti gaafatamummaa itti hin kennine ta’ee fedhii namummaa keessa isaanii jirun geggeessaa beekamoo kan ta’an hin jiran. ➾Geggeessaa ta’uuf fedhii mataa isaatii kan qabu yookiin geggeessaa ta’uuf kan dursa ofiif kennu geggeessummaaf yoom iyyuu hin ta’u. ➾Geggeessaan kristaanaa dhugaa ta’e tokko garraammii, gaarii, ofii isaa kan wareegu, gara Hafuurri qulqulluun isa geggeesse irra kan adeemuudha malee saba Waaqayyoo irratti dura taa’aa ta’uuf fedhii kan qabu miti” jedhe.
➪Waldaa Kristaanaa jijjiiruuf jalqaba irratti geggeessitoonni jijjiiramuu qabu. ➯Waldaan kan isheen guddaachuu dandeessu yoo geggeessaan Waaqayyoon beekutti guddate qofaadha. ➪Ga’umsi geggeessaa tokko ga’umsa saba isaatiin madaalamuu qaba. ➾ Cimina barsiisaa tokkoo madaaluuf, ga’umsa barattoota inni barsiisaa jiru ilaaluun dirqaama.
➾Kakuu Moofaa keessatti kufaatii ga’umsa geggeessaa irraa kan ka’e sabni Waaqayyoo yeroo dheeraaf Waaqayyo irraa goranii akka turan Macaafni qulqulluun ni dubbata.
*➪Kanaafuu,:-* ➪Geggeessummaan maqaa utuu hin taanee; dhiibbaa dhiibbaatti geggeessanii agarsiisuudha. ➪Ga’umsi Geggeesummaa kun immoo dandeettii dubbii sagalee Waaqayyoo hubatanii ittin tajaajilanis of keessatti ni qabata
*➪Mootiin Gibxii yommus Yoseefii, "Abbaan kee fi obboloonni kee siif dhufaniiru! Biyyi Gibxii kunoo si dura jira, abbaa kee fi obboloota kee biyyicha keessaa iddoo caalu qubsiisi! Biyya Gooshen haa jiraatan! Isaan keessaa namoota danda'an yoo beekte immoo eegduu warra horii koo tiksanii godhi!" jedhe. (Uma 47: 5-6)*
*“Yonaataan wasiilli Daawit mootichaa, gorsaa dha, hubataa dha, Nama beekaa dhas ture” (1sen 27: 32).* *➫Ga’umsa kanas geggeessaa sanaaf kan kennu Waaqayyoo dhuma. ➾Akka nama Toom Meeriin jedhamu jedhetti immoo ciminni /dandeettiin/ geggeessaa sirrii tokko qabaachuu qabu *“seven Cs”* ykn ➾dandeettiiwwaan geggeessaan tokko qabaachuu qabu torban kan hundi isaanii iyyuu afaan Ingiliffaan qubee “C” dhaan ka’an nuuf ibsa. Isaanis:-
*➾A. Yaad-rimee (concept) –* Yaada ifaa fi mul’ata ifaa geggeessaan tokko galma barbaachisu bira ga’uuf qabaachuu qabu
*➯B. Ofitti amanamummaa (confidence)–* Galma barbaachisu bira ga’uuf ofitti amanamummaan hojjachuu
*➾C. Xiyyeeffannoo (concentration) –* waan galma ga’uu barbaade tokkoof xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjachuu
*➫D. Amanamummaa (consistency) –* mul’ata isatti kennamee fi waan itti waamame hundumaa galmaan ga’uuf kan amanamu.
*➯E. Cimina (commitment) –* ➾kaka’umsa hojii hojjechuuf taasifamuu fi namootaa wajjin hojjetun kakasuuf cimina isa barbaachisuudha.
*➾F. Amala (character)* – amala gaarii kan inni ittiin namoota wajjin hojjetu fi kallattii sirrii iarra isa hoofu qabaachuu kan qabuudha.
*➫G. Dandeettii (capacity) –* Dandeettii waan barbaachisu ittiin ilaalee madaalu fi hojii yeroo isaaf kenname keessatti ittiin xumuruudha. ➪Akkasumas immoo adeemsa hojii karaa sirrii irra bu’etti gammaduudha.
➪Dandeettiiwwan armaan olii 7’n kun Baa’ee barbaachisoo yoo ta’an iyyuu geggeessummaa hafuuraa keessatti garuu kophaa isaaniitti quubsaa miti; Sababni isaa geggeessaan hafuuraa waamicha waaqayyoo wajjiin waan wal qabatuufiidha. ➯Waamicha qabaachuun baayyee muryeessaa dha.
@Singer_Megertu_Official
543
03:07
01.08.2025
*👉📚 Kiristoos Yesuus*
➥Wangeela Yohannis 17:6-26 irratti geggeessummaa Gooftaa keenya Yasuus kiristos irratti hundaa’uun tuqaalee 20’n akka armaan gadiitti ibsuun ni danda’a.
➥ Geggeessan tokko duuka buutonni isaa Waaqayyoon biraa akka kennamaniif sirriitti beekuu qaba (Yoh: 17:6). Gooftaan duuka buutota isaa kudha laman qofaa isaa hin filanne. Kadhata halkan guutuu abbaa isaa wajjin godheen isaan fo’achuu danda’e. Geggeessan kamillee kadhannaadhaan duuka buutota isaa fo’achuu qaba.
➥ Geggeessan tokko duuka buutota isaa biratti akka nama amantii ta’ee beekamuu qaba (Yoh: 17:7). Barattootni Gooftaa akka Gooftaan guutummaa guutuutti abbaa isaa irratti raawwatee of gatee jiraachaa ture sirriitti ni beekuu turan.
➥ Geggeessan tokko wanta dubbatu hundumaa amanamaa ta’uu qaba (Yoh:17:8)
➥ Geggeessan tokko utuu adda hin kutin saba geggeessuuf kadhachuu qaba (Yoh: 17:9)
➥ Geggeessan tokko kan kabajamu ija duuka buutota isaa irraa argamuuni (Yoh:17:10)
➥ Geggeessan tokko gara shaakala waaqayyummaa Waaqayyoo beekuutti guddachuu qaba (Yoh:17:11)
➥ Geggeessan tokko duuka buutota isaa karaa hundumaa eeguu qaba(Yoh:17:12)
➥ Geggeessan tokko barumsa duuka buutota isaa jajjabeessuu kennuu qaba(Yoh:17:13)
➥ Geggeessan tokko duuka buutota isaa ciminaan karaa hundumaa isaan guddisuu qaba (Yoh: 17:14)
➥ Geggeessan tokko duuka buutota isaa hundumaa ija tokkoon ni jajjabeessuu qaba (Yoh: 17:15)
➥ Geggeessan tokko waa’ee amalaa fi ilaalcha duuka buutota isaatii sirriitti beekuu qaba (Yoh: 17:16)
➥ Geggeessan tokko duuka buutota isaa qulqullummaa fi dhugaatti isaan ni guddisa (Yoh: 17:17)
➥ Geggeessan tokko duuka buutota isaa hojii wangeelaaf qopheessuun isaan hiriirsuu qaba (Yoh:17:18)
➥ Geggeessan tokko ofii isaa qulqullummaan ni eeguu qaba (Yoh:17:19)
➥ Geggeessan tokkummaa duuka buutota isaaf ni dhama’uu qaba (Yoh:17:20)
➥ Geggeessan tokko kennaa Gooftaa biraa fudhate duuka buutota isaaf ni qooduu qaba (Yoh:17:22)
➥ Geggeessan tokko duuka buutota isaa hanga dhumatti ofitti isaan qabachuu qabaata (Yoh: 17:24)
➥ Geggeessan tokko eenyummaa fi ergama isaa yaada ifaa ta’e qabaachuu qabaata (Yoh: 17:25)
➥ Geggeessan tokko duuka buutota isaa Waaqayyoon akka beekanis utuu addaan hin kutin isaan ni geggeessuu qaba (Yoh: 17:26)
➥ Geggeessan tokko cimina duuka buutota isaa kan ittiin madaaluu jaalalani ta’uu qaba.
*👉📚Walumagalatti tajaajila geggeessummaa Gooftaa Yesuus Kiristoos irraa kan nuti hunannu:-*
1. Bartoota isaa guddisuu (mat. 4:19)
2. Galmi isaa bartoonni isaa irra caalaa akka godhanii gochuu (Yoh. 14: 12)
3. Dhimmi Yesuus inni guddaan geggeessitootaadha t’uu isaa (Mat. 9:36-38)
4. Geggessi Yesuus garaa tajaajilaan yoo ta’e illee; tajaajila hunduma garuu akka hin tajaajille (hin raawwanne warra kaan akka tajaajilan godhe), (Mar. 14:12-13, Mar. 15:41).
👉Kana olitti waraabbiiwwaan barreeffaman keessatti gooftaan Yesuus garaa tajaajilaa kan qabu akka ture gad hiiqes, miila bartoota isaa akka dhiqe ni ilaalla. Yeroo baay’ees warri kaan akka isa tajaajilan carraa isaaniif ni laata ture. Kana jechuun wanta namoonni gochuu danda’an isaanumaan abbooma ture.
5. Yesuus yeroo baay’ee kan dabarsaa ture miseensota garee geggeessa laatan waliinidha, (Mat. 11:1)
7. Qabiinsa Amantootootaa fi Herregaa
*👉📚7.1. Qabiinsa Amantootaa*
➥Waldaan kiristaanaa waan hunda caalaa lubbuu namootaaf iddoo jalqabaa kennuutu irraa eegama. Kana gochuuf immoo mul’ata qabaachuun barbaachisaadha (Fakk.29:18). Kaayyoon qabiinsa amantootaa namni hunduu gooftaa Yesuusitti dhugaadhaan amanuudhaan jiraanya nagaa qabu akka jiraataniifiidha (Isa. 26:3, Iyob. 22:21, Isa. 9:6, 1Sen. 5:20, Isa. 12:2).
➥Harra Boqonnaa karaa gooftaa Yesuus argamu kana akka ta’utti hubachuu fi hubachiisuu dadhabuu keenyan amantoonni rakkina garaa garaa keessatti argamu. Waldaan isheen bara jalqabaa namoota gara boqonnaa gooftaa biraa argamu kanatti fiduuf tartiibaan kan isaan gochaa turan kan armaan gadiiti. isaanis:-
435
11:13
02.08.2025
- Kutannoo cimaan hojjatu (great commitment)
- Ergaa guddaa iddooo jalqabaa kennu (great commandment and commission)
- Waldaa Guddaa ijaaru (will grow a great Church)
Waldaan Kiristaanaa waldaa cimaa ijaaruuf wantoota sadi (3) gurguddaa raawwachuu qabdi:-
1. namoota fiduu – miseensa taasisuu
2. Namoota ijaaruu – guddisuu
3. Namoota Leenjisuu – tajaajilaaf qopheessuu
4. Namoota Erguu – abboommii waaqayyoo raawwachuu
*👉Galmi waldaa inni dhumaa jireenya hafuura waaqayyoon geeddaramee amala gooftaa yesuus qabu argamsiisuudha.*
👉 Kanas fiixan baasuf waldaan kaayyoo ishee gurguddaa sadaniif xiyyeeffannoo taasisuu qabdi.
*👉📚Kaayyoo waldaa Kiristaanaa gurguddaa sadan (Mat.22:37, Yoh. 13:34):-*
1. waaqayyoon jaalachuu
2. waldaa jaalachuu
3. Obboloota biyya lafaa keessa jiran jaalachuu – wangeela dhugaa ba’huufii
*👉📚Waldaa kiristaanaa keessatti tajaajila hafuuraa bu’uura ta’an arfan:-*
1. Waaqeffannaa – lubbuu namaa gammachiisa. amantoonni iddoo waaqeffannaan dhugaa jirutti aara galfii lubbuu isaanii argatu
2. Garee xixinnaa ijaaruu (small group) – jajjabeessuu /equipping/ fi hariiroo amantoota waliin waliin isaanii gidduutti cimsuuf gargaara
3. Tajaajila – tajaajila hunda dhaqqabu kennuu danda’uu
4. Dhugaa ba’isa – ormootatti wangeela lallabuu /himuu/
*Itti fufa...*
@Singer_Megertu_Official
531
11:13
02.08.2025
Qol 3:Yaada Garaa Ofii Wanta Waaqa Irra Jirutti Hidhachuu
1 Egaa Kristosii wajjin du'aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessaa, iddoo Kristos gara mirga Waaqayyoo taa'ee jirutti barbaadaa! 2 Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!
3 Isin duutaniittu; jireenyi keessan Kristosii wajjin Waaqayyo keessa dhokateera. 4 Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf jirtu.
@Singer_Megertu_Official
390
13:59
03.08.2025
close
Reviews channel
keyboard_arrow_down
- Added: Newest first
- Added: Oldest first
- Rating: High to low
- Rating: Low to high
5.0
1 reviews over 6 months
Excellent (100%) In the last 6 months
c
**ffeenold@******.io
On the service since June 2022
18.07.202508:53
5
Everything is fine. Thank you!
Show more
Channel statistics
Rating
17.6
Rating reviews
5.0
Сhannel Rating
2
Subscribers:
11.9K
APV
lock_outline
ER
3.2%
Posts per day:
3.0
CPM
lock_outlineSelected
0
channels for:$0.00
Subscribers:
0
Views:
lock_outline
Add to CartBuy for:$0.00
Комментарий